< Lakkoobsa 10 >
1 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe:
上主訓示梅瑟說:「
2 “Meetii tumame irraa malakata lama tolfadhuutii hawaasa walitti waamuu fi akka qubanni kaʼee deemu gochuuf itti fayyadami.
你要製造兩個喇叭,用銀打成,用為召集會眾,為遷疑營幕。
3 Yeroo malakanni lamaan afuufamanitti hawaasni hundi balbala dunkaana wal gaʼiitti fuula kee duratti walitti haa qabamu.
幾時吹兩個喇叭,全會眾都應集合在會幕門口,來到你跟前。
4 Yoo malakanni tokko qofti afuufame garuu hooggantoonni jechuunis abbootiin gosoota Israaʼel fuula kee duratti walitti haa qabaman.
若只吹一個喇叭,以色列的千夫長,作首領的應集合到你跟前。
5 Yeroo malakanni afuufamutti gosoonni gama baʼa biiftuutiin qubatan kaʼanii haa deeman.
若吹緊急號,紮在東方的營就起程;
6 Yeroo malakanni siʼa lammaffaa afuufamutti immoo gosoonni gama kibbaatiin qubatan kaʼanii haa deeman. Malakanni afuufamu sun mallattoo isaan ittiin qubata keessaa baʼanii dha.
第二次吹緊急號時,紮在南方的營就起程:吹緊急號是為叫他們起程;
7 Hawaasa walitti qabuudhaaf malakata afuufi; garuu mallattoo wal fakkaatuun hin afuufin.
但為召集會眾,只吹號,不應緊急吹。
8 “Ilmaan Aroon luboonni malakatawwan sana haa afuufan. Kunis isinii fi dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
亞郎的子孫作司祭的應吹號:這為你們世世代代是條永久的規定。
9 Isin yommuu biyya keessan keessatti diina isin cunqursu tokkotti duuluuf baatanitti malakatawwan sana afuufaa. Yoos Waaqayyo Waaqni keessan isin yaadatee diina keessan jalaa isin baasa.
幾時你們在本國要出去作戰,攻打來侵的仇敵,應吹緊急號,使上主你們的天主,記得你們,救你們脫離仇敵。
10 Akkasumas guyyaa gammachuu keessanii jechuunis gaafa ayyaana beekamaa fi Ayyaana Baatii Haaraatti aarsaa keessan kan gubamuu fi aarsaa keessan kan nagaa irratti malakatawwan afuufaa; wanni kunis fuula Waaqa keessanii duratti yaadannoo isiniif taʼa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.”
此外,在你們的慶日、節日、月朔之日,獻全燔祭及和平祭時,還應吹號,使你們的天主記得你們:我是上主,你們的天主。」
11 Jiʼa lammaffaa waggaa lammaffaa keessa guyyaa digdammaffaatti duumessi sun dunkaana dhuga Baʼumsaa irraa kaʼe.
第二年二月二十日,雲彩由會幕升起,
12 Israaʼeloonnis Gammoojjii Siinaatii kaʼanii hamma duumessi sun Gammoojjii Phaaraanii keessa qubatutti iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti deeman.
以色列子民就從西乃曠野循序起程出發。以後雲採在帕蘭曠野停住了。
13 Isaan yeroo jalqabaa kanatti ajaja Waaqayyo karaa Museetiin kenneen kaʼanii deeman.
他們初次依照上主藉梅瑟所出的命令起程。
14 Kutaan qubata ijoollee Yihuudaa faajjii isaanii jalaan jalqabatti deeman. Nahishoon ilmi Amiinaadaab ajajaa isaanii ture.
首先依隊起程的,是猶大子孫的營旗,率領軍隊的,是阿米納達布的兒子納赫雄;
15 Naatnaaʼel ilmi Zuuwaar ajajaa kutaa gosa Yisaakor ture;
率領依撒加爾子孫支派軍隊的,是族阿爾的兒子乃塔乃耳;
16 Eliiyaab ilmi Heeloon ajajaa kutaa gosa Zebuuloon ture.
率領則步隆子孫支派軍隊的,是厄隆的兒子厄里雅布。
17 Dunkaanni qulqulluun sunis achii buqqifame; akkasiin Geershoononnii fi Meraaronni warri dunkaana baatan kaʼanii deeman.
拆下帳幕後,革爾雄的子孫和默辣黎的子孫,就抬著帳幕起程出發。
18 Kutaan qubata Ruubeenis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliizuur ilmi Shedeeʼuur ajajaa isaanii ture.
以後依隊出發的,是勒烏本的營旗,率領軍隊的是,舍德烏爾的兒子厄里族爾;
19 Shilumiiʼeel ilmi Zuriishadaayi ajajaa kutaa gosa Simiʼoon ture;
率領西默盎子孫支派軍隊的,是族黎沙待的兒子舍路米耳;
20 Eliyaasaaf ilmi Deʼuuʼeel ajajaa kutaa gosa Gaad ture.
率領加得子孫支派軍隊的,是勒烏耳的兒子厄里亞撒夫。
21 Ergasii Qohaatonni miʼa qulqulluu baatanii kaʼanii deeman. Dunkaanni qulqulluun sun immoo utuu isaan achi hin gaʼin dhaabamee ture.
此後刻哈特人抬著聖所之物起程;當他們達到時,人應已豎起帳幕。
22 Kutaan qubata Efreemis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliishaamaan ilmi Amiihuud ajajaa isaanii ture.
以後依隊出發的,是厄弗辣因子孫的營旗,率領軍隊的,是阿米胡得的兒子厄里沙瑪;
23 Gamaaliʼeel ilmi Phedaasuur ajajaa kutaa gosa Minaasee ture;
率領默納協子孫支派軍隊的,是培達族爾的兒子加默里耳;
24 Abiidaan ilmi Gaadeyoon ajajaa kutaa gosa Beniyaam ture.
率領本雅明子孫支派軍隊的,是基德敖尼的兒子阿彼丹。
25 Dhuma irratti kutaan qubata Daan eegduu karaa duubaa kan kutaawwan hundaa taʼanii faajjii isaanii jalaan kaʼanii deeman. Ahiiʼezer ilmi Amiishadaay ajajaa isaanii ture.
以後依隊出發的,是作全營後衛的丹子孫的營旗,率領軍隊的,是阿米沙待的兒子阿希厄則爾;
26 Fagiʼeel ilmi Okraan ajajaa kutaa gosa Aasheer ture;
率領阿協爾子孫支派軍隊的,是敖革蘭的兒子帕革厄耳;
27 Ahiiraan ilmi Eenaan ajajaa kutaa gosa Niftaalem ture.
率領納斐塔里子孫支派軍隊的,是厄南的兒子阿希辣。
28 Egaa kutaawwan saba Israaʼel yommuu kaʼanii deemanitti tartiiba kanaan sochoʼan.
這是以色列子民出發時,依隊起程的次序。
29 Ergasii Museen Hoobaab ilma Reʼuuʼeel, namicha Midiyaan abbaa niitii Musee sanaan akkana jedhe; “Nu biyya Waaqayyo, ‘Ani isinii kenna’ nuun jedhe sana dhaquuf deemaa jirra. Nu waan gaarii siif goonaatii kottuu nu wajjin deemi; Waaqayyo waan gaarii Israaʼelootaaf kakateeraatii.”
梅瑟對自己的岳父,米德楊人勒烏耳的兒子曷巴布說:「我們正要起程往上主曾說:「我要給你們的那地方」去;你同我們一起去罷! 我們必要好待你,因為上主對以色列許下了幸福。」
30 Inni immoo, “Lakki ani hin deemuu; ani biyyuma kootti gara saba kootti nan deebiʼa” jedhee deebise.
曷巴布回答他說:「我不去,我要回到故鄉我的老家去。」
31 Museen garuu akkana jedheen; “Maaloo nu dhiistee hin deemin. Ati gammoojjii keessatti iddoo nu qubannu ni beekta; ijas nuu taʼuu dandeessa.
梅瑟說請你不要離開我們! 因為你知道我們在曠野安營的地方,你要給我們當響導。
32 Yoo ati nu wajjin deemte nu waan gaarii Waaqayyo nuu kennu si wajjin qoodanna.”
你若同我們一起去,我們必使你分享上主要賜給我們的幸福。」
33 Isaan tulluu Waaqayyoo irraa kaʼanii guyyaa sadii deeman. Taabonni kakuu Waaqayyoos iddoo isaan boqotan isaaniif barbaaduuf jedhee guyyaa sadanuu isaan dura deeme.
他們就由上主的山起程出發,行了三天的路程;三天的路程中,上主的約櫃走在他們的前面,為他們尋求休息的地方。
34 Duumessi Waaqayyoo sun yeroo isaan qubata keessaa baʼan guyyaa guyyaa isaan irra ture.
白天他們移營前行時,上主的雲彩常在他們頭上。
35 Yeroo taabonni sun kaʼee deemu Museen akkana jedha ture; “Yaa Waaqayyo, kaʼi! Diinonni kee haa bittinneeffaman; warri si jibbanis fuula kee duraa haa baqatan.”
當約櫃起行時,梅瑟就說:「上主,請你起來,使你的仇敵潰散,使懷恨你的由你面前逃走。」
36 Yeroo inni boqochuuf dhufu akkana jedha ture; “Yaa Waaqayyo, gara kumaatama Israaʼel hedduutti deebiʼi.”
在約櫃停留時,他就說:「上主,請歸來,住在以色列千家萬戶中。」