< Lakkoobsa 1 >

1 Erga sabni Israaʼel biyya Gibxiitii baʼee booddee waggaa lammaffaa keessaa, guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti Waaqayyo dunkaana wal gaʼii keessatti, Gammoojjii Siinaa keessatti Museetti dubbate. Innis akkana jedheen;
Israelten Egypt gamsung ahin dalhah kal u kum khat ahung lhin chun Pathen in Sinai gamthip a houbuh a chun Mose ahoulimpi tan ahi. Hichu alhani channa nikho masapen ni ahin, Pakaiyin hitin asei peh e,
2 “Waldaa saba Israaʼel hunda lakkaaʼaatii balbala balbalaanii fi maatii maatiidhaan maqaa dhiirotaa tokko tokkoon barreessaa.
“Israel namsung pumpi a kon in aphung cheh uva kon a gal hangsanho leh ainsung mihou min jouseu aumden ding in jihlut cheh in. Pasalho jouse chu jihlut soh hel in.
3 Namoota Israaʼel keessaa dhiirota umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hunda atii fi Aroon kutaa kutaa isaaniitiin lakkaaʼaa.
Kum somni apat chunglam gal boltheiho jouse chu Nang le Aaronnin amin u najihlut teitei lhon ding,
4 Tokkoo tokkoo gosaa keessaa namni hangafa maatii ofii isaa taʼe isin gargaaruu qaba.
chuleh hiche phungho jouse lah a kon a chu lamkai khat cheh in nangma nakithopi ding ahi.
5 “Maqaan namoota isin gargaaruu qabanii kanneenii dha: “Gosa Ruubeen keessaa Eliizuur ilma Shedeeʼuur;
“Hiche phungho a kon a Lamkai hohi nakithopi dingho chu ahiuve. Reuben Shedeur chapa Elizur
6 gosa Simiʼoon keessaa Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi;
Simeon Zurishaddai chapa Shelumiel
7 gosa Yihuudaa keessaa Nahishoon ilma Amiinaadaab;
Judah Anminadab chapa Nahshon
8 gosa Yisaakor keessaa Naatnaaʼel ilma Zuuwaar;
Issachar Zuar chapa Nethanael
9 gosa Zebuuloon keessaa Eliiyaab ilma Heeloon;
Zebulun Helon chapa Eliab
10 ilmaan Yoosef keessaa: gosa Efreem keessaa Eliishaamaa ilma Amiihuud; gosa Minaasee keessaa Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur;
Joseph chapa Ephraim Ammihud chapa Elishama Joseph chapa Manasseh Pedahzur chapa Gamaliel
11 gosa Beniyaam keessaa Abiidaan ilma Gaadeyoon,
Benjamin Gideoni chapa Abidan
12 gosa Daan keessaa Ahiiʼezer ilma Amiishadaay;
Dan Ammishaddai chapa Ahiezer
13 gosa Aasheer keessaa Fagiʼeel ilma Okraan;
Asher Ocran chapa Pagiel
14 gosa Gaad keessaa Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel;
Gad Deuel chapa Eliasaph
15 gosa Niftaalem keessaa Ahiiraa ilma Eenaan.”
Naphtali Enan chapa Ahira
16 Namoonni kunneen warra dura buʼoota gosoota abbootii isaanii taʼanii waldaa sana keessaa filatamanii dha. Isaanis hangafoota balbalawwan Israaʼel turan.
Amahohi japilah akon a kilhengdoh lamkai cheh, apu apa phung kailhah a pat lamkaiho chuleh Israelte phung hoa kon a mi upa cheh ahiuve.”
17 Musee fi Aroon namoota maqaan isaanii eerame kanneen fudhatanii,
Hichun lamkai kilhen doh chengse chu Mose le Aaron in akou khom lhonin,
18 guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti waldaa hunda walitti waaman. Namoonni sunis akkuma balbalaa fi maatii isaaniitti hidda dhaloota isaanii himatan; dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame;
hiche nikho ma ma chun Israelte jalhang pumpin jong akhom tup lhonin ahi. Mipiho jouse chu ama ama phung leh insung cheh kailhah a konin amin akijihlut cheh in ahi. Pathen in Mose athupeh bangin, Israel pasal kum somnia pat chunglamse chu khat khatnin akijihlut in ahi.
19 innis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti Gammoojjii Siinaa keessatti saba sana lakkaaʼe.
Hitichun Mose in amaho min jouse Sinai gamthip lai mun a chun anasutup soh keiyin ahi.
20 Sanyii Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Ama ama phung dungjui cheh a amin u kijihlut bang a pasal kum somnia pat achunglam galsat a konthei amijatho chu hicheng hi ahi. Phung Mijat Reuben (Jacob chapa tahpen) 46,500
21 Baayʼinni gosa Ruubeen nama 46,500 ture.
22 Sanyii Simiʼoon keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Simeon 59,300
23 Baayʼinni gosa Simiʼoon nama 59,300 ture.
24 Sanyii Gaad keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Gad 45,650
25 Baayʼinni gosa Gaad nama 45,650 ture.
26 Sanyii Yihuudaa keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Judah 74,600
27 Baayʼinni gosa Yihuudaa nama 74,600 ture.
28 Sanyii Yisaakor keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Issachar 54,400
29 Baayʼinni gosa Yisaakor nama 54,400 ture.
30 Sanyii Zebuuloon keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmeewwan balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Zebulun 57,400
31 Baayʼinni gosa Zebuuloon nama 57,400 ture.
32 Ilmaan Yoosef keessaa: Sanyii Efreem keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Ephraim (Joseph chapa) 40,500
33 Baayʼinni gosa Efreem nama 40,500 ture.
34 Sanyii Minaasee keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Manaseh(Joseph chapa) 32,200
35 Baayʼinni gosa Minaasee nama 32,200 ture.
36 Sanyii Beniyaam keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Benjamin 35,400
37 Baayʼinni gosa Beniyaam nama 35,400 ture.
38 Sanyii Daan keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Dan 62,700
39 Baayʼinni gosa Daan nama 62,700 ture.
40 Sanyii Aasheer keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Asher 41,500
41 Baayʼinni gosa Aasheer nama 41,500 ture.
42 Sanyii Niftaalem keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaanitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
Napthali 53,400
43 Baayʼinni gosa Niftaalem nama 53,400 ture.
44 Dhiironni kunneen warra Musee fi Aroon hangafoota Israaʼel kudha lamaaniin lakkaaʼaman turan; hangafoonni kunneenis tokkoon tokkoon isaanii iddoo buʼoota maatii isaanii turan.
Israel phung somleni lamkaiho toh Mose le Aaron in akhumlut u pasalho cheng hi abonchauva ama ama phung chilhah dungjui cheh a kikhumlut cheh ahi uve.
45 Israaʼeloonni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen Israaʼel keessatti lolaaf baʼuu dandaʼan hundinuu akkuma maatii isaaniitti lakkaaʼaman.
Amaho chu ama ama insung duijui cheh a kikhumlut ahiuve - Israelte pasal kiti pou kum somni apat chunglam gal bolthei jouse hi abonchauva a insung dung jui'a kijihlut cheh ahiuve.
46 Walumaa galatti baayʼinni namaa 603,550 ture.
Amaho chu agomma 603,550 ahiuve.
47 Lewwonni garuu akka gosa abbootii isaaniitti warra kaan wajjin hin lakkaaʼamne.
Ahinlah hiche kisim khomna a hin Levite vang apang pon ahi,
48 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhee ture:
Ajehchu, Pathen in Mose kom hitihin ana seiyin ahi,
49 “Ati gosa Lewwii hin lakkaaʼin yookaan lakkoobsa saba Israaʼeloota kaaniitti hin dabalin.
Min najihlut teng Levite hi najihlut loubeh ding, Israel mite lah a nasim tha loubeh ding ahi.
50 Qooda kanaa akka Lewwonni itti gaafatamtoota dunkaana dhuga baʼumsaa, miʼa isaa hundaa fi waan inni qabu hundaa taʼaniif isaan muudi. Isaanis dunkaana qulqulluu fi miʼa isaa hunda haa baatan; dunkaanicha haa tajaajilan; naannoo isaas haa qubatan.
Kikhop khomna ponbuh le aki mangcha thilho aboncha a Levite mopohna napehding, nachena chan uva Ponbuh le aman chah chengse aboncha amahon apoh uva, akimvella ngahmun semtoh thoa alhacha a pang ding ahiuve.
51 Yeroo dunkaanni qulqulluun deemuu qabutti Lewwonni dunkaana sana haa buqqisan; yeroo dunkaanichi dhaabamus Lewwonni haa dhaaban. Namni dunkaanichatti dhiʼaatu biraa haa ajjeefamu.
Kikhop khomna ngahmun chon phat alhin teng, Levi chapate cheng in aphet lhah diu, hitia chu ngahmun nalhun teng uleh amahon thah sondoh kit diu, ama vang koi hileh phalna beiya kikhop khomna ponbuh ganailut behseh chan chu thiding ahi.
52 Israaʼeloonnis tokkoon tokkoon namaa qubata isaa keessaa fi faajjii isaa jalatti kutaa kutaadhaan dunkaana isaanii haa dhaabbatan.
Phung jousen ama ama insung ponlap cheh utoh ngahmun akisem diu ahi.
53 Taʼus Lewwonni akka dheekkamsi Waaqayyoo waldaa Israaʼelitti gad hin buuneef dunkaanota isaanii naannoo dunkaana dhuga baʼumsaa haa dhadhaabatan. Lewwonni eegumsa dunkaana dhuga baʼumsaatti itti gaafatamtoota taʼuu qabu.”
Israel pumpi chung a Pakai lunghan louna dinga Levi chapaten vang kitepna ponbuh kimvella ngahmun akisem cheh uva avetsui diu ahi. Hitia chu hiche ponbuh ventupna chu Levite mopohna hiding ahi.
54 Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti waan kana hunda hojjetan.
Hitichun Pathen in Mose henga athupeh bangtah chun Israel chaten emajouse aboltauvin ahi.

< Lakkoobsa 1 >