< Nahimiyaa 9 >

1 Bultii digdamii afuraffaa jiʼa sanaatti Israaʼeloonni wayyaa gaddaa uffatanii, daaraa mataatti firfirfatanii soomaaf walitti qabaman.
Katika siku ya ishirini na nne ya mwezi ule ule, Waisraeli walikusanyika pamoja, wakifunga na kuvaa nguo za gunia na kujitia mavumbi vichwani mwao.
2 Warri sanyii Israaʼel taʼanis namoota ormaa hunda irraa kophaa of baasan. Isaanis kaʼanii cubbuu ofii isaaniitii fi hammina abbootii isaanii himatan.
Wale wa uzao wa Israeli walijitenga na wageni wote. Wakasimama mahali pao, na kuungama dhambi zao na uovu wa baba zao.
3 Isaanis idduma turan sana dhaabatanii kurmaana guyyaatiif Kitaaba Seera Waaqayyo Waaqa isaanii keessaa dubbifatan; kurmaana biraa immoo cubbuu isaanii himachaa Waaqayyo Waaqa isaanii waaqeffatan.
Wakasimama pale walipokuwa, wakasoma kutoka kwenye kile Kitabu cha Sheria ya Bwana Mungu wao kwa muda wa robo siku, na wakatumia robo nyingine kwa kuungama dhambi na kumwabudu Bwana Mungu wao.
4 Lewwonni jechuunis Yeeshuuʼaan, Baaniin, Qadmiiʼeel, Shebaniyaan, Buniin, Sheereebiyaan, Baanii fi Kenaan waltajjiiwwan irra dhaabatanii sagalee ol fudhatanii Waaqayyo isaanii waammatan.
Walawi wafuatao walikuwa wamesimama kwenye ngazi: Yeshua, Bani, Kadmieli, Shebania, Buni, Sherebia, Bani na Kenani. Hawa walimlilia Bwana Mungu wao kwa sauti kubwa.
5 Lewwonni jechuunis Yeeshuuʼaan, Qadmiiʼeel, Baaniin, Hashabniyaan, Sheereebiyaan, Hoodiyaa, Shebaniyaanii fi Phetaayaadhaan, “Kaʼaatii Waaqayyo Waaqa keessan isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sana galateeffadhaa” jedhan. “Maqaan kee inni ulfina qabeessi haa eebbifamu; eebbaa fi galata hundaa olittis ol ol haa jedhu.
Nao Walawi Yeshua, Kadmieli, Bani, Hashabnea, Sherebia, Hodia, Shebania na Pethahia wakasema: “Simameni mkamsifu Bwana Mungu wenu, yeye ambaye ni Mungu tangu milele hata milele. “Libarikiwe jina lake tukufu, litukuzwe juu ya baraka zote na sifa.
6 Suma qofatu Waaqayyo. Ati samiiwwan, samiiwwan oliitii fi tuuta urjiiwwan isaanii hunda, lafaa fi waan lafa irra jiru hunda, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumte. Ati waan hundaaf lubbuu kennita; raayyaawwan samiis si waaqeffatu.
Wewe peke yako ndiwe Bwana. Uliziumba mbingu, hata mbingu za mbingu na jeshi lote la mbinguni, dunia na vyote vilivyo ndani yake, na pia bahari na vyote vilivyomo ndani yake. Huvipa vitu vyote uhai, nalo jeshi la mbinguni linakuabudu wewe.
7 “Ati Waaqayyo Waaqa Abraamin filattee biyya Kaldootaa Uuri keessa isa baaftee Abrahaam jettee isa moggaaftee dha.
“Wewe ni Bwana Mungu uliyemchagua Abramu na kumtoa kutoka Uru ya Wakaldayo, nawe ukamwita Abrahamu.
8 Ati akka ati yaadni isaa amanamaa siif taʼe argitee biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Yebuusotaatii fi biyya Girgaashotaa sanyiiwwan isaatiif kennuuf kakuu isaaf galte. Ati waan qajeelaa taateef waadaa kee eegdeef.
Uliona kuwa moyo wake ni mwaminifu kwako, nawe ukafanya Agano naye kuwapa wazao wake nchi ya Wakanaani, Wahiti, Waamori, Waperizi, Wayebusi na Wagirgashi. Umetimiza ahadi yako kwa sababu wewe ni mwenye haki.
9 “Ati rakkina abbootiin keenya biyya Gibxi keessatti rakkatan argite; booʼicha isaan Galaana Diimaa biratti booʼan illee ni dhageesse.
“Uliona mateso ya baba zetu huko Misri, ukasikia kilio chao huko Bahari ya Shamu.
10 Ati sababii warri Gibxi of tuulummadhaan hammam akka isaan dhiphisan beekteef Faraʼoonitti, qondaaltota isaa hundattii fi saba biyya isaa hundatti mallattoo fi dinqiiwwan argisiifte. Ati maqaa hamma harʼaatti illee jiru ofii keetiif baafatte.
Ulituma ishara za miujiza na maajabu dhidi ya Farao, dhidi ya maafisa wake wote na watu wote wa nchi yake, kwa kuwa ulifahamu jinsi Wamisri walivyowafanyia ufidhuli. Ukajifanyia jina linalodumu hadi leo.
11 Ati akka isaan lafa gogaa irra darbaniif fuuluma isaanii duratti galaana gargar qoodde; warra isaan ariʼu garuu akkuma dhagaa bishaan guddaatti gad darbatamuu tokkootti tuujubatti gad isaan darbatte.
Ukagawa bahari mbele yao, ili waweze kupita katikati yake penye nchi kavu, lakini uliwatupa Wamisri waliowafuatilia katika vilindi, kama jiwe kwenye maji mengi.
12 Guyyaa guyyaa utubaa duumessaatiin isaan qajeelchite; halkan halkan immoo karaa isaan deeman irratti ifa isaaniif kennuuf jettee utubaa ibiddaatiin isaan qajeelchite.
Mchana uliwaongoza kwa nguzo ya wingu, na usiku kwa nguzo ya moto kuwamulikia njia iliyowapasa kuiendea.
13 “Ati Tulluu Siinaa irratti gad buute; samii irraas isaanitti dubbate. Ajajawwanii fi seerawwan dhugaa fi qajeelaa, labsiiwwanii fi ajajawwan gaariis isaaniif kennite.
“Ulishuka katika Mlima Sinai, ukanena nao kutoka mbinguni. Uliwapa masharti na sheria zile ambazo ni za kweli na haki, pia amri na maagizo mazuri.
14 Sanbata kee qulqulluu sana isaan beeksiftee karaa garbicha kee Museetiin ajajawwan, labsiiwwanii fi seerawwan isaaniif kennite.
Uliwafahamisha Sabato yako takatifu na ukawapa amri, maagizo na sheria kupitia mtumishi wako Mose.
15 Yeroo isaan beelaʼanitti samiidhaa buddeena kenniteefii yeroo isaan dheebotanitti immoo kattaa keessaa bishaan baafteef; akka isaan biyya ati isaaniif kennuuf kakatte sanatti galanii dhaalanis isaanitti himte.
Katika njaa yao uliwapa mkate kutoka mbinguni, na katika kiu yao uliwatolea maji kutoka kwenye mwamba. Uliwaambia waingie na kuimiliki nchi ambayo ulikuwa umeapa kuwapa kwa mkono ulioinuliwa.
16 “Abbootiin keenya garuu of tuulan; mataa jabaataniis ajaja kee eeguu didan.
“Lakini wao, baba zetu, wakawa na kiburi na shingo ngumu, nao hawakutii maagizo yako.
17 Jarris ajajamuu didan; dinqii ati isaan gidduutti hojjette hin yaadanne. Garbummaa isaaniitti deebiʼuuf jedhaniis mataa jabaatanii fincila isaaniitiin hoogganaa muuddatan. Ati garuu Waaqa namaaf araaramu, arjaa fi gara laafessa, kan dafee hin aarree fi kan jaalalli isaa dhuma hin qabnee dha. Kanaafuu ati isaan hin ganne;
Wakakataa kusikiliza na kushindwa kukumbuka miujiza uliyoifanya miongoni mwao. Wakawa na shingo ngumu, na katika uasi wao wakamchagua kiongozi ili warudi kwenye utumwa wao. Lakini wewe ni Mungu mwenye kusamehe, mwenye neema na mwingi wa huruma, si mwepesi wa hasira, ni mwingi wa upendo. Kwa hiyo hukuwaacha,
18 yeroo isaan ofii isaaniitiif fakkii jabbii tolfatanii, ‘Kun Waaqa keessan kan biyya Gibxii isin baasee dha’ jedhanii Waaqa arrabsanitti illee ati isaan hin ganne.
hata wakati walijitengenezea sanamu ya ndama ya kusubu na kusema, ‘Huyu ni mungu wenu, aliyewapandisha kutoka nchi ya Misri,’ au walipofanya makufuru makubwa.
19 “Sababii gara laafina kee guddaa sanaatiif ati gammoojjii keessatti isaan hin ganne. Utubaan duumessaa guyyaa guyyaa karaa isaanii irratti isaan geggeessuu hin dhiifne; utubaan ibiddaa immoo halkan halkan karaa isaanii irratti isaaniif ibsuu hin dhiifne.
“Kwa sababu ya huruma zako kuu hukuwaacha jangwani. Wakati wa mchana ile nguzo ya wingu haikukoma kuwaongoza katika njia yao, wala nguzo ya moto haikuacha kuwamulikia usiku njia iliyowapasa kuiendea.
20 Isaan barsiisuuf jettee Hafuura kee gaarii sana kennite. Ati mannaa afaan isaaniitii hin dhabamsiifne; dheebuu isaaniitiifis bishaan kenniteef.
Uliwapa Roho wako mwema ili kuwafundisha. Hukuwanyima mana yako vinywani mwao, nawe ukawapa maji kwa ajili ya kiu yao.
21 Waggaa afurtama gammoojjii keessatti isaan soorte; isaan waan tokko illee hin dhabne; wayyaan isaanii hin dhumne; miilli isaaniis hin iitofne.
Kwa miaka arobaini uliwatunza jangwani. Hawakukosa chochote, na nguo zao hazikuchakaa wala miguu yao haikuvimba.
22 “Ati daangaa hunda qooddeefii mootummootaa fi saboota isaaniif kennite. Isaanis akkasiin biyya Sihoon mooticha Heshboonii fi biyya Oogi mooticha Baashaanii fudhatan.
“Uliwapa falme na mataifa, ukiwagawia hata mipaka ya mbali. Wakaimiliki nchi ya Sihoni mfalme wa Heshboni, na nchi ya Ogu mfalme wa Bashani.
23 Ati ilmaan isaanii akkuma urjiiwwan samii baayʼifte; biyya akka isaan seenanii dhaalaniif abbootii isaaniitti himte sanatti isaan galchite.
Uliwafanya wana wao kuwa wengi kama nyota za angani, nawe ukawaleta katika nchi ambayo uliwaambia baba zao kuingia na kuimiliki.
24 Ilmaan isaanii itti galanii biyya sana dhaalan. Atis Kanaʼaanota biyya sana turan isaan jala galchite; akka jarri waanuma fedhan isaan godhaniif Kanaʼaanota mootota isaaniitii fi saba biyya sanaatiin walitti qabdee dabarsitee harka isaaniitti kennite.
Wana wao wakaingia na kuimiliki nchi. Uliwatiisha Wakanaani mbele yao, walioishi katika nchi, ukawatia Wakanaani mikononi mwao, pamoja na wafalme wao na watu wa nchi, wawafanyie kama wapendavyo.
25 Isaanis magaalaawwan daʼannoo qabanii fi lafa gabbataa qabatan; manneen miʼa gaggaarii gosa hundaatiin guutaman, boollawwan bishaanii qotaman, iddoo dhaabaa wayinii, lafa qotiisaa mukkeen ejersaatii fi mukkeen ija baasan hedduu dhaalan. Isaan nyaatanii quufanii gabbatan; arjummaa kee guddaa sanaanis ni gammadan.
Wakateka miji yenye ngome na nchi yenye rutuba, wakamiliki nyumba zilizojazwa na vitu vizuri vya kila aina, visima vilivyochimbwa tayari, mashamba ya mizabibu, mashamba ya mizeituni na miti yenye matunda kwa wingi. Wakala, wakashiba nao wakanawiri sana, wakajifurahisha katika wema wako mwingi.
26 “Isaan garuu ajajamuu didanii sitti fincilan; seera kees of duubatti gatan. Raajota kee kanneen gara keetti isaan deebisuuf jedhanii isaan seeran illee ni fixan; Waaqas ni arrabsan.
“Lakini hawakukutii nao wakaasi dhidi yako, wakatupa sheria zako nyuma yao. Wakawaua manabii wako, waliowaonya ili wakurudie, na wakafanya makufuru makubwa.
27 Kanaafuu ati diinota isaanii warra isaan cunqursanitti dabarsitee isaan kennite. Isaan garuu yeroo cunqurfamanitti sitti iyyatan. Atis samiidhaa isaan dhageessee gara laafina kee guddaa sanaan namoota harka diinota isaanii jalaa isaan baasan kenniteef.
Hivyo ukawatia mikononi mwa adui zao, ambao waliwatesa. Lakini walipoteswa, wakakulilia wewe. Kutoka mbinguni uliwasikia, nawe kwa huruma zako kuu ukawapa waokozi, waliowaokoa kutoka mikononi mwa adui zao.
28 “Isaan garuu akkuma boqonnaa argataniin amma illee fuula kee duratti waan hamaa hojjetan. Kana irratti ati akka warri sun isaan bulchaniif jettee harka diinota isaaniitti dabarsitee isaan kennite. Yommuu isaan amma illee gara keetti ol iyyatanitti ati samii irraa dhageessee gara laafina keetiin yeroo hedduu isaan furte.
“Lakini mara walipokuwa na raha, wakafanya maovu tena machoni pako. Kisha ukawaacha mikononi mwa adui zao, nao wakawatawala. Walipokulilia tena, ukasikia kutoka mbinguni, na kwa huruma zako ukawaokoa kila mara.
29 “Ati akka isaan gara seera keetiitti deebiʼaniif isaan akeekkachiifte; isaan immoo of tuulanii ajaja kee eeguu didan. Ajajawwan kee kanneen ‘namni tokko yoo ajajameef ittiin jireenya argachuu dandaʼutti illee’ cubbuu hojjetan. Finciluudhaan dugda isaanii sitti garagalchan; mataa jabaataniis si dhagaʼu didan.
“Ukawaonya warudi katika sheria yako, lakini wakawa na kiburi na hawakutii amri zako. Wakatenda dhambi dhidi ya maagizo yako ambayo kwayo mtu ataishi kama akiyatii. Kwa ukaidi wakakugeuzia kisogo, wakawa na shingo ngumu na wakakataa kusikiliza.
30 Ati bara hedduu isaaniif obsite. Karaa raajota keetiitiin Hafuura keetiin isaan akeekkachiifte. Taʼus isaan gurra hin kennine; kanaafuu ati dabarsitee saba biyya sanaatti isaan kennite.
Kwa miaka mingi ulikuwa mvumilivu kwao. Kwa njia ya Roho wako ukawaonya kupitia manabii wako. Hata hivyo hawakujali, basi ukawatia mikononi mwa mataifa jirani.
31 Ati garuu sababii Waaqa arjaa fi araara qabeessa taateef, araara kee guddicha sanaaf jettee isaan hin balleessine yookaan isaan hin ganne.
Lakini kwa rehema zako kuu hukuwakomesha wala kuwaacha, kwa kuwa wewe ni Mungu mwenye neema na rehema.
32 “Kanaafuu amma yaa Waaqa keenya, Waaqa guddicha, jabaa fi sodaachisaa, kan kakuu jaalala keetii eegdu, ati rakkina nutti dhufe kana hunda jechuunis rakkina bara mootota Asoorii jalqabee hamma harʼaatti nutti, mootota keenyaa fi hooggantoota keenyatti, luboota keenyaa fi raajota keenyatti, abbootii keenyaa fi saba kee hundatti dhufe kana akka waan salphaatti hin ilaalin.
“Basi sasa, Ee Mungu wetu, uliye mkuu, mwenye nguvu na Mungu wa kuogofya, mwenye kushika agano lake la upendo, usiache taabu hizi zote zionekane kuwa kitu kidogo mbele za macho yako, taabu hizi zilizotupata, juu ya wafalme wetu na viongozi, juu ya makuhani wetu na manabii, juu ya baba zetu na watu wako wote, tangu siku za wafalme wa Ashuru hadi leo.
33 Waan nurra gaʼe hunda keessatti ati qajeelaa dha; nu yoo hamaa hojjenne iyyuu ati waan qajeelaa hojjette.
Katika hayo yote yaliyotupata, umekuwa mwenye haki, na umetenda kwa uaminifu, wakati sisi tumetenda mabaya.
34 Mootonni keenya, hooggantoonni keenya, luboonni keenyaa fi abbootiin keenya seera kee duukaa hin buune; isaan ajaja keetiif yookaan akeekkachiisa ati isaaniif kenniteef xiyyeeffannoo hin kennine.
Wafalme wetu, viongozi wetu, makuhani wetu na baba zetu hawakufuata sheria yako. Hawakuzingatia amri zako wala maonyo uliyowapa.
35 Isaan yeroo ati biyya balʼaa fi lafa gabbataa keessatti waan gaarii isaaniif kennite sana keessatti gammadaa, mootummaa ofii isaanii keessa turanitti illee si hin tajaajille yookaan karaa isaanii hamaa sana irraa hin deebine.
Hata walipokuwa wangali katika ufalme wao, wakiufurahia wema wako mkuu katika nchi kubwa na yenye rutuba uliyowapa, hawakukutumikia wala kugeuka kutoka njia zao mbaya.
36 “Kunoo nu harʼa garboota; biyyuma ati akka isaan midhaan isheetii fi waan gaggaarii isheen baaftu nyaataniif jettee abbootii keenyaaf kennite keessatti garboomneerra.
“Lakini tazama, sisi ni watumwa leo, watumwa katika nchi uliyowapa baba zetu ili wapate kula matunda yake na vitu vingine vizuri inayozalisha.
37 Sababii cubbuu keenyaatiif midhaan ishee baayʼeen sun gara mootota ati nutti muudde sanaa dhaqa. Isaan nuu fi loon keenya illee akkuma fedhan godhu. Nu rakkina guddaa keessa jirra.
Kwa sababu ya dhambi zetu, mavuno yake mengi huenda kwa wafalme uliowaweka watutawale. Wanatawala juu ya miili yetu na mifugo yetu kama wapendavyo. Tuko katika dhiki kuu.
38 “Sababii waan kana hundaatiif nu walii galtee walitti nu hidhu tokko barreeffamaan qopheessine. Hooggantoonni keenya, Lewwonni keenyaa fi luboonni keenya chaappaawwan isaanii itti rukutan.”
“Kwa sababu ya haya yote, tunajifunga katika mapatano, na kuyaandika, nao viongozi wetu, Walawi wetu na makuhani wetu wanatia mihuri yao.”

< Nahimiyaa 9 >