< Nahimiyaa 9 >

1 Bultii digdamii afuraffaa jiʼa sanaatti Israaʼeloonni wayyaa gaddaa uffatanii, daaraa mataatti firfirfatanii soomaaf walitti qabaman.
On the twenty-fourth day of the same month, the Israelites gathered together, fasting and wearing sackcloth, with dust on their heads.
2 Warri sanyii Israaʼel taʼanis namoota ormaa hunda irraa kophaa of baasan. Isaanis kaʼanii cubbuu ofii isaaniitii fi hammina abbootii isaanii himatan.
Those of Israelite descent separated themselves from all the foreigners, and they stood and confessed their sins and the iniquities of their fathers.
3 Isaanis idduma turan sana dhaabatanii kurmaana guyyaatiif Kitaaba Seera Waaqayyo Waaqa isaanii keessaa dubbifatan; kurmaana biraa immoo cubbuu isaanii himachaa Waaqayyo Waaqa isaanii waaqeffatan.
While they stood in their places, they read from the Book of the Law of the LORD their God for a quarter of the day, and they spent another quarter of the day in confession and worship of the LORD their God.
4 Lewwonni jechuunis Yeeshuuʼaan, Baaniin, Qadmiiʼeel, Shebaniyaan, Buniin, Sheereebiyaan, Baanii fi Kenaan waltajjiiwwan irra dhaabatanii sagalee ol fudhatanii Waaqayyo isaanii waammatan.
And the Levites—Jeshua, Bani, Kadmiel, Shebaniah, Bunni, Sherebiah, Bani, and Chenani—stood on the raised platform and cried out in a loud voice to the LORD their God.
5 Lewwonni jechuunis Yeeshuuʼaan, Qadmiiʼeel, Baaniin, Hashabniyaan, Sheereebiyaan, Hoodiyaa, Shebaniyaanii fi Phetaayaadhaan, “Kaʼaatii Waaqayyo Waaqa keessan isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatu sana galateeffadhaa” jedhan. “Maqaan kee inni ulfina qabeessi haa eebbifamu; eebbaa fi galata hundaa olittis ol ol haa jedhu.
Then the Levites—Jeshua, Kadmiel, Bani, Hashabneiah, Sherebiah, Hodiah, Shebaniah, and Pethahiah—said, “Stand up and bless the LORD your God from everlasting to everlasting: Blessed be Your glorious name, and may it be exalted above all blessing and praise.
6 Suma qofatu Waaqayyo. Ati samiiwwan, samiiwwan oliitii fi tuuta urjiiwwan isaanii hunda, lafaa fi waan lafa irra jiru hunda, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumte. Ati waan hundaaf lubbuu kennita; raayyaawwan samiis si waaqeffatu.
You alone are the LORD. You created the heavens, the highest heavens with all their host, the earth and all that is on it, the seas and all that is in them. You give life to all things, and the host of heaven worships You.
7 “Ati Waaqayyo Waaqa Abraamin filattee biyya Kaldootaa Uuri keessa isa baaftee Abrahaam jettee isa moggaaftee dha.
You are the LORD, the God who chose Abram, who brought him out of Ur of the Chaldeans and gave him the name Abraham.
8 Ati akka ati yaadni isaa amanamaa siif taʼe argitee biyya Kanaʼaanotaa, Heetotaa, Amoorotaa, Feerzotaa, Yebuusotaatii fi biyya Girgaashotaa sanyiiwwan isaatiif kennuuf kakuu isaaf galte. Ati waan qajeelaa taateef waadaa kee eegdeef.
You found his heart faithful before You, and made a covenant with him to give the land of the Canaanites and Hittites, of the Amorites and Perizzites, of the Jebusites and Girgashites— to give it to his descendants. You have kept Your promise, because You are righteous.
9 “Ati rakkina abbootiin keenya biyya Gibxi keessatti rakkatan argite; booʼicha isaan Galaana Diimaa biratti booʼan illee ni dhageesse.
You saw the affliction of our fathers in Egypt; You heard their cry at the Red Sea.
10 Ati sababii warri Gibxi of tuulummadhaan hammam akka isaan dhiphisan beekteef Faraʼoonitti, qondaaltota isaa hundattii fi saba biyya isaa hundatti mallattoo fi dinqiiwwan argisiifte. Ati maqaa hamma harʼaatti illee jiru ofii keetiif baafatte.
You performed signs and wonders against Pharaoh, all his officials, and all the people of his land, for You knew they had acted with arrogance against our fathers. You made a name for Yourself that endures to this day.
11 Ati akka isaan lafa gogaa irra darbaniif fuuluma isaanii duratti galaana gargar qoodde; warra isaan ariʼu garuu akkuma dhagaa bishaan guddaatti gad darbatamuu tokkootti tuujubatti gad isaan darbatte.
You divided the sea before them, and they crossed through it on dry ground. You hurled their pursuers into the depths like a stone into raging waters.
12 Guyyaa guyyaa utubaa duumessaatiin isaan qajeelchite; halkan halkan immoo karaa isaan deeman irratti ifa isaaniif kennuuf jettee utubaa ibiddaatiin isaan qajeelchite.
You led them with a pillar of cloud by day and a pillar of fire by night, to light for them the way in which they should travel.
13 “Ati Tulluu Siinaa irratti gad buute; samii irraas isaanitti dubbate. Ajajawwanii fi seerawwan dhugaa fi qajeelaa, labsiiwwanii fi ajajawwan gaariis isaaniif kennite.
You came down on Mount Sinai and spoke with them from heaven. You gave them just ordinances, true laws, and good statutes and commandments.
14 Sanbata kee qulqulluu sana isaan beeksiftee karaa garbicha kee Museetiin ajajawwan, labsiiwwanii fi seerawwan isaaniif kennite.
You revealed to them Your holy Sabbath and gave them commandments and statutes and laws through Your servant Moses.
15 Yeroo isaan beelaʼanitti samiidhaa buddeena kenniteefii yeroo isaan dheebotanitti immoo kattaa keessaa bishaan baafteef; akka isaan biyya ati isaaniif kennuuf kakatte sanatti galanii dhaalanis isaanitti himte.
In their hunger You gave them bread from heaven; in their thirst You brought them water from the rock. You told them to go in and possess the land which You had sworn to give them.
16 “Abbootiin keenya garuu of tuulan; mataa jabaataniis ajaja kee eeguu didan.
But they and our fathers became arrogant and stiff-necked and did not obey Your commandments.
17 Jarris ajajamuu didan; dinqii ati isaan gidduutti hojjette hin yaadanne. Garbummaa isaaniitti deebiʼuuf jedhaniis mataa jabaatanii fincila isaaniitiin hoogganaa muuddatan. Ati garuu Waaqa namaaf araaramu, arjaa fi gara laafessa, kan dafee hin aarree fi kan jaalalli isaa dhuma hin qabnee dha. Kanaafuu ati isaan hin ganne;
They refused to listen and failed to remember the wonders You performed among them. They stiffened their necks and appointed a leader to return them to their bondage in Egypt. But You are a forgiving God, gracious and compassionate, slow to anger and rich in loving devotion, and You did not forsake them.
18 yeroo isaan ofii isaaniitiif fakkii jabbii tolfatanii, ‘Kun Waaqa keessan kan biyya Gibxii isin baasee dha’ jedhanii Waaqa arrabsanitti illee ati isaan hin ganne.
Even when they cast for themselves an image of a calf and said, ‘This is your God who brought you up out of Egypt,’ and when they committed terrible blasphemies,
19 “Sababii gara laafina kee guddaa sanaatiif ati gammoojjii keessatti isaan hin ganne. Utubaan duumessaa guyyaa guyyaa karaa isaanii irratti isaan geggeessuu hin dhiifne; utubaan ibiddaa immoo halkan halkan karaa isaanii irratti isaaniif ibsuu hin dhiifne.
You in Your great compassion did not forsake them in the wilderness. By day the pillar of cloud never turned away from guiding them on their path; and by the night the pillar of fire illuminated the way they should go.
20 Isaan barsiisuuf jettee Hafuura kee gaarii sana kennite. Ati mannaa afaan isaaniitii hin dhabamsiifne; dheebuu isaaniitiifis bishaan kenniteef.
You gave Your good Spirit to instruct them. You did not withhold Your manna from their mouths, and You gave them water for their thirst.
21 Waggaa afurtama gammoojjii keessatti isaan soorte; isaan waan tokko illee hin dhabne; wayyaan isaanii hin dhumne; miilli isaaniis hin iitofne.
For forty years You sustained them in the wilderness, so that they lacked nothing. Their clothes did not wear out and their feet did not swell.
22 “Ati daangaa hunda qooddeefii mootummootaa fi saboota isaaniif kennite. Isaanis akkasiin biyya Sihoon mooticha Heshboonii fi biyya Oogi mooticha Baashaanii fudhatan.
You gave them kingdoms and peoples and allotted to them every corner of the land. So they took the land of Sihon king of Heshbon and of Og king of Bashan.
23 Ati ilmaan isaanii akkuma urjiiwwan samii baayʼifte; biyya akka isaan seenanii dhaalaniif abbootii isaaniitti himte sanatti isaan galchite.
You multiplied their descendants like the stars of heaven and brought them to the land You had told their fathers to enter and possess.
24 Ilmaan isaanii itti galanii biyya sana dhaalan. Atis Kanaʼaanota biyya sana turan isaan jala galchite; akka jarri waanuma fedhan isaan godhaniif Kanaʼaanota mootota isaaniitii fi saba biyya sanaatiin walitti qabdee dabarsitee harka isaaniitti kennite.
So their descendants went in and possessed the land; You subdued before them the Canaanites dwelling in the land. You delivered into their hands the kings and peoples of the land, to do with them as they wished.
25 Isaanis magaalaawwan daʼannoo qabanii fi lafa gabbataa qabatan; manneen miʼa gaggaarii gosa hundaatiin guutaman, boollawwan bishaanii qotaman, iddoo dhaabaa wayinii, lafa qotiisaa mukkeen ejersaatii fi mukkeen ija baasan hedduu dhaalan. Isaan nyaatanii quufanii gabbatan; arjummaa kee guddaa sanaanis ni gammadan.
They captured fortified cities and fertile land and took houses full of all goods, wells already dug, vineyards, olive groves, and fruit trees in abundance. So they ate and were filled; they grew fat and delighted in Your great goodness.
26 “Isaan garuu ajajamuu didanii sitti fincilan; seera kees of duubatti gatan. Raajota kee kanneen gara keetti isaan deebisuuf jedhanii isaan seeran illee ni fixan; Waaqas ni arrabsan.
But they were disobedient and rebelled against You; they flung Your law behind their backs. They killed Your prophets, who had admonished them to return to You. They committed terrible blasphemies.
27 Kanaafuu ati diinota isaanii warra isaan cunqursanitti dabarsitee isaan kennite. Isaan garuu yeroo cunqurfamanitti sitti iyyatan. Atis samiidhaa isaan dhageessee gara laafina kee guddaa sanaan namoota harka diinota isaanii jalaa isaan baasan kenniteef.
So You delivered them into the hands of enemies who oppressed them, and in their time of distress they cried out to You. From heaven You heard them, and in Your great compassion You gave them deliverers who saved them from the hands of their enemies.
28 “Isaan garuu akkuma boqonnaa argataniin amma illee fuula kee duratti waan hamaa hojjetan. Kana irratti ati akka warri sun isaan bulchaniif jettee harka diinota isaaniitti dabarsitee isaan kennite. Yommuu isaan amma illee gara keetti ol iyyatanitti ati samii irraa dhageessee gara laafina keetiin yeroo hedduu isaan furte.
But as soon as they had rest, they again did evil in Your sight. So You abandoned them to the hands of their enemies, who had dominion over them. When they cried out to You again, You heard from heaven, and You delivered them many times in Your compassion.
29 “Ati akka isaan gara seera keetiitti deebiʼaniif isaan akeekkachiifte; isaan immoo of tuulanii ajaja kee eeguu didan. Ajajawwan kee kanneen ‘namni tokko yoo ajajameef ittiin jireenya argachuu dandaʼutti illee’ cubbuu hojjetan. Finciluudhaan dugda isaanii sitti garagalchan; mataa jabaataniis si dhagaʼu didan.
You admonished them to turn back to Your law, but they were arrogant and disobeyed Your commandments. They sinned against Your ordinances, by which a man will live if he practices them. They stubbornly shrugged their shoulders; they stiffened their necks and would not obey.
30 Ati bara hedduu isaaniif obsite. Karaa raajota keetiitiin Hafuura keetiin isaan akeekkachiifte. Taʼus isaan gurra hin kennine; kanaafuu ati dabarsitee saba biyya sanaatti isaan kennite.
You were patient with them for many years, and Your Spirit admonished them through Your prophets. Yet they would not listen, so You gave them into the hands of the neighboring peoples.
31 Ati garuu sababii Waaqa arjaa fi araara qabeessa taateef, araara kee guddicha sanaaf jettee isaan hin balleessine yookaan isaan hin ganne.
But in Your great compassion, You did not put an end to them; nor did You forsake them, for You are a gracious and compassionate God.
32 “Kanaafuu amma yaa Waaqa keenya, Waaqa guddicha, jabaa fi sodaachisaa, kan kakuu jaalala keetii eegdu, ati rakkina nutti dhufe kana hunda jechuunis rakkina bara mootota Asoorii jalqabee hamma harʼaatti nutti, mootota keenyaa fi hooggantoota keenyatti, luboota keenyaa fi raajota keenyatti, abbootii keenyaa fi saba kee hundatti dhufe kana akka waan salphaatti hin ilaalin.
So now, our God, the great and mighty and awesome God who keeps His gracious covenant, do not view lightly all the hardship that has come upon us, and upon our kings and leaders, our priests and prophets, our ancestors and all Your people, from the days of the kings of Assyria until today.
33 Waan nurra gaʼe hunda keessatti ati qajeelaa dha; nu yoo hamaa hojjenne iyyuu ati waan qajeelaa hojjette.
You are just in all that has befallen us, because You have acted faithfully, while we have acted wickedly.
34 Mootonni keenya, hooggantoonni keenya, luboonni keenyaa fi abbootiin keenya seera kee duukaa hin buune; isaan ajaja keetiif yookaan akeekkachiisa ati isaaniif kenniteef xiyyeeffannoo hin kennine.
Our kings and leaders and priests and fathers did not obey Your law or listen to Your commandments and warnings that You gave them.
35 Isaan yeroo ati biyya balʼaa fi lafa gabbataa keessatti waan gaarii isaaniif kennite sana keessatti gammadaa, mootummaa ofii isaanii keessa turanitti illee si hin tajaajille yookaan karaa isaanii hamaa sana irraa hin deebine.
For even while they were in their kingdom, with the abundant goodness that You had given them, and in the spacious and fertile land that You had set before them, they would not serve You or turn from their wicked ways.
36 “Kunoo nu harʼa garboota; biyyuma ati akka isaan midhaan isheetii fi waan gaggaarii isheen baaftu nyaataniif jettee abbootii keenyaaf kennite keessatti garboomneerra.
So here we are today as slaves in the land You gave our fathers to enjoy its fruit and goodness— here we are as slaves!
37 Sababii cubbuu keenyaatiif midhaan ishee baayʼeen sun gara mootota ati nutti muudde sanaa dhaqa. Isaan nuu fi loon keenya illee akkuma fedhan godhu. Nu rakkina guddaa keessa jirra.
Its abundant harvest goes to the kings You have set over us because of our sins. And they rule over our bodies and our livestock as they please. We are in great distress.
38 “Sababii waan kana hundaatiif nu walii galtee walitti nu hidhu tokko barreeffamaan qopheessine. Hooggantoonni keenya, Lewwonni keenyaa fi luboonni keenya chaappaawwan isaanii itti rukutan.”
In view of all this, we make a binding agreement, putting it in writing and sealing it with the names of our leaders, Levites, and priests.”

< Nahimiyaa 9 >