< Nahimiyaa 8 >
1 Yeroo jiʼi torbaffaan gaʼee Israaʼeloonni magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatanitti, uummanni hundinuu akkuma nama tokkootti oobdii Karra Bishaanii duratti walitti qabame. Isaanis akka inni Kitaaba Seera Musee kan Waaqayyo Israaʼeliif ajaje sana fiduuf Izraa barsiisaa seeraa sanatti himan.
sai dukan mutane suka taru kamar mutum guda a dandali a gaban Ƙofar Ruwa. Suka faɗa wa Ezra malamin Doka yă fitar da Littafin Dokar Musa, wanda Ubangiji ya umarta domin Isra’ila.
2 Kanaafuu Izraan lubichi guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti fuula waldaa dhiiraa fi dubartii warra waa hubachuu dandaʼan hundaa duratti Seera sana fide.
Saboda haka a rana ta farko ga watan bakwai, Ezra firist, ya kawo Doka a gaban taro, wanda ya ƙunshi maza da mata da dukan waɗanda za su iya fahimta.
3 Innis barii ganamaa jalqabee hamma saafaatti gara oobdii Karra Bishaaniin duratti garagalee fuula dhiirotaa, dubartootaa fi namoota waa hubachuu dandaʼan kaanii duratti sagalee isaa ol fudhatee seera sana dubbise. Uummanni hundis kitaaba Seeraa sana qalbeeffatee dhaggeeffate.
Ya karanta Dokar da ƙarfi daga safe har tsakar rana yayinda yake a kan dandali da yake fuskantar dandali a gaban Ƙofar Ruwa, gaban maza, mata da kuma sauran mutanen da za su iya fahimta. Dukan mutane kuwa suka saurara a hankali ga karatun Littafin Dokar.
4 Izraan barsiisaan seeraa sun waltajjii mukaa kan kaayyoo kanaaf hojjetame irra dhaabate. Isa biras karaa mirga isaa Matiitiyaa, Shemaa, Anaayaa, Uuriyaa, Hilqiyaa fi Maʼaseyaatu dhaabate; karaa bitaa isaa immoo Phedaayaa, Miishaaʼeel, Malkiyaa, Haashum, Hashbadaanaa, Zakkaariyaasii fi Meshulaamitu dhaabatee ture.
Ezra malamin Doka ya tsaya a kan dakalin itacen da aka yi saboda wannan hidima. Kusa da shi a damansa, Mattitiya, Shema, Anahiya, Uriya, Hilkiya da Ma’asehiya suka tsaya; a hagunsa kuma Fedahiya, Mishayel, Malkiya, Hashum, Hashbaddana, Zakariya da Meshullam suka tsaya.
5 Izraan Kitaabicha bane. Sababii inni isaanii ol dhaabachaa tureef namoonni hundi isa arguu dandaʼan; akkuma inni kitaabicha baneenis sabni hundi kaʼee dhaabate.
Sai Ezra ya buɗe littafin. Dukan mutane kuwa suka gan shi domin yana tsaye a bisa fiye da inda mutane suke tsaye; yayinda ya buɗe littafin kuwa, dukan mutane suka miƙe tsaye.
6 Izraanis Waaqayyo Waaqa guddicha galateeffate; namoonni hundinuus harka ol qabatanii, “Ameen! Ameen!” jedhanii jalaa qaban. Ergasiis gad jedhanii addaan lafatti gombifamanii Waaqayyoof sagadan.
Ezra ya yabi Ubangiji, Allah mai girma; dukan mutane kuwa suka tā da hannuwansu suka amsa, “Amin! Amin!” Sa’an nan suka sunkuya suka yi wa Ubangiji sujada da fuskokinsu har ƙasa.
7 Lewwonni jechuunis Yeeshuuʼaan, Baaniin, Sheereebiyaan, Yaamiin, Aquub, Shaabetaayi, Hoodiyaa, Maʼaseyaan, Qeliixaa, Azaariyaa, Yoozaabaad, Haanaanii fi Phelaayaan utuma waldaan achi dhaabatee jiruu seera sana ibsaniif.
Lawiyawa, wato, su Yeshuwa, Bani, Sherebiya, Yamin, Akkub, Shabbetai, Hodiya, Ma’asehiya, Kelita, Azariya, Yozabad, Hanan da Felahiya, suka koyar da mutane a cikin Dokar yayinda mutane suke a tsaye a can.
8 Isaanis akka sabni waan dubbifame sana hubatuuf Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbisanii ibsuudhaan hiikkaa isaa kennaa turan.
Suka karanta daga Littafin Dokar Allah, suna sa kowa ya gane, suna kuma ba da fassarar domin mutane su fahimci abin da ake karatu.
9 Achii immoo Nahimiyaan bulchaan biyyaa, Izraan lubichi barsiisaan seeraa sunii fi Lewwonni uummataaf ibsa kennaa turan sun hunda isaaniitiin, “Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo Waaqa keessaniif qulqulleeffamee dha. Hin gaddinaa yookaan hin booʼinaa” jedhan. Sabni hundi yeroo dubbii seera sanaa dhagaʼetti booʼaa tureetii.
Sa’an nan Nehemiya gwamna, Ezra firist da kuma wanda yake malamin Doka, da Lawiyawa waɗanda suke koyar da mutane, suka ce musu duka, “Wannan rana mai tsarki ce ga Ubangiji Allahnku. Kada ku yi makoki ko kuka.” Gama dukan mutane suna ta kuka yayinda suke sauraran kalmomin Dokar.
10 Kana irratti Nahimiyaan akkana jedhe; “Dhaqaatii nyaata filatamaa nyaadhaa; dhugaatii miʼaawaas dhugaa; warra waan qophaaʼe tokko illee hin qabneefis waa ergaa. Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaaf qulqulleeffamee dha. Sababii gammachuun Waaqayyoo jabina keessan taʼeef hin gaddinaa.”
Nehemiya ya ce, “Ku koma gidajenku ku ci abinci mai kyau, ku sha abin sha mai zaƙi, ku kuma aika wa wanda ba shi da shi. Wannan rana mai tsarki ce ga Ubangijinmu. Kada ku yi baƙin ciki, gama farin cikin Ubangiji shi ne ƙarfinku.”
11 Lewwonnis, “Calʼisaa; guyyaan kun guyyaa qulqulluudhaatii hin gaddinaa” jedhanii uummata hunda ni tasgabbeessan.
Lawiyawa suka rarrashi mutane duka suna cewa, “Ku natsu, gama wannan rana ce mai tsarki. Kada ku yi baƙin ciki.”
12 Ergasiis sabni hundi sababii dubbii itti himame sana hubateef nyaatee dhuguuf, nyaata isaa irraa qoodee warra kaaniif illee erguu fi gammachuu guddaan ayyaaneffachuudhaaf kaʼee deeme.
Sa’an nan dukan mutane suka koma gidajensu suka ci, suka sha, suka aika wa wanda ba shi da abinci, gama yanzu sun fahimci kalmomin da aka karanta musu.
13 Bultii lammaffaa jiʼa sanaatti abbootiin maatiiwwanii hundinuu dubbii Seera sanaa qalbeeffachuuf lubootaa fi Lewwota wajjin Izraa barsiisaa sana biratti walitti qabaman.
A rana ta biyu ga wata, shugabannin iyalai, tare da firistoci da Lawiyawa, suka taru kewaye da Ezra malamin Doka don su mai da hankali ga kalmomin Dokar.
14 Isaanis akka ajajni Waaqayyo karaa Museen kenne kan, Israaʼeloonni yeroo ayyaana jiʼa torbaffaatti daasii keessa turuu qabu jedhu sun seera keessatti barreeffamee jiru argatan;
Suka tarar a rubuce a cikin Doka wadda Ubangiji ya umarta ta wurin Musa, cewa Isra’ilawa su zauna a bukkoki a lokaci bikin watan bakwai
15 akkasumas akka isaan akkuma barreeffamee jirutti, “Daasii ijaaruudhaaf biyya gaaraatti ol baʼaatii damee ejersaa fi damee ejersa bosonaa, damee kusaayee, damee meexxii fi damee mukkeen baala qabanii fidaa” jedhanii magaalaawwan isaanii fi Yerusaalem keessatti labsuu qaban ni argatan.
kuma cewa ya kamata su yi shelar wannan magana, su kuma yaɗa ta a duk garuruwansu da kuma cikin Urushalima cewa, “Ku fita zuwa cikin ƙasar tudu ku kawo rassa daga itatuwan zaitun da na zaitun jeji, da kuma daga dargaza, da dabino da itatuwa masu ganye, don yin bukkoki”, kamar yadda yake a rubuce.
16 Kanaafuu uummanni sun gad baʼee dameelee fidee tokkoon tokkoon isaanii bantii mana ofii isaanii irratti, oobdii ofii isaanii irratti, oobdii mana Waaqaa irratti, oobdii Karra Bishaanii fi oobdii Karra Efreem bira jiru irratti daasii ijaarratan.
Sai mutanen suka fita suka dawo da rassa suka kuma yi wa kansu bukkoki a bisa rufin ɗakunansu, a cikin filaye, a shirayin gidan Allah, da ciki dandalin da yake kusa da Ƙofar Ruwa, da kuma a dandalin da yake a Ƙofar Efraim.
17 Waldaan boojuudhaa deebiʼe hundi daasii ijaarratee keessa jiraate. Bara Iyyaasuu ilma Nuuniitii jalqabee hamma gaafasitti Israaʼeloonni akkasitti hin ayyaaneffanne. Gammachuun isaaniis akka malee guddaa ture.
Dukan jama’ar da suka komo daga zaman bauta suka yi bukkoki suka kuma zauna a cikinsu. Daga kwanakin Yoshuwa ɗan Nun har yă zuwa yau, Isra’ilawa ba su taɓa yin bikinsa haka ba. Mutane suka cika da farin ciki sosai.
18 Izraanis guyyaa jalqabaatii hamma guyyaa dhumaatti guyyuma guyyaan Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbise. Isaanis guyyaa torba ayyaana sana ayyaaneffatanii guyyaa saddeettaffaatti immoo akkuma seeraatti yaaʼii guddaa godhatan.
Kowace rana, daga rana farko zuwa ƙarshe, Ezra ya karanta daga Littafin Dokar Allah. Suka yi bikin kwana bakwai, a rana ta takwas kuma suka yi muhimmin taro bisa ga ƙa’ida.