< Nahimiyaa 8 >

1 Yeroo jiʼi torbaffaan gaʼee Israaʼeloonni magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatanitti, uummanni hundinuu akkuma nama tokkootti oobdii Karra Bishaanii duratti walitti qabame. Isaanis akka inni Kitaaba Seera Musee kan Waaqayyo Israaʼeliif ajaje sana fiduuf Izraa barsiisaa seeraa sanatti himan.
And when the seventh month came, the children of Israel were in their towns. And all the people came together like one man into the wide place in front of the water-doorway; and they made a request to Ezra the scribe that he would put before them the book of the law of Moses which the Lord had given to Israel.
2 Kanaafuu Izraan lubichi guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti fuula waldaa dhiiraa fi dubartii warra waa hubachuu dandaʼan hundaa duratti Seera sana fide.
And Ezra the priest put the law before the meeting of the people, before the men and women and all those who were able to take it in, on the first day of the seventh month.
3 Innis barii ganamaa jalqabee hamma saafaatti gara oobdii Karra Bishaaniin duratti garagalee fuula dhiirotaa, dubartootaa fi namoota waa hubachuu dandaʼan kaanii duratti sagalee isaa ol fudhatee seera sana dubbise. Uummanni hundis kitaaba Seeraa sana qalbeeffatee dhaggeeffate.
He was reading it in the wide place in front of the water-doorway, from early morning till the middle of the day, in the hearing of all those men and women whose minds were able to take it in; and the ears of all the people were open to the book of the law.
4 Izraan barsiisaan seeraa sun waltajjii mukaa kan kaayyoo kanaaf hojjetame irra dhaabate. Isa biras karaa mirga isaa Matiitiyaa, Shemaa, Anaayaa, Uuriyaa, Hilqiyaa fi Maʼaseyaatu dhaabate; karaa bitaa isaa immoo Phedaayaa, Miishaaʼeel, Malkiyaa, Haashum, Hashbadaanaa, Zakkaariyaasii fi Meshulaamitu dhaabatee ture.
And Ezra the scribe took his place on a tower of wood which they had made for the purpose; and by his side were placed Mattithiah and Shema and Anaiah and Uriah and Hilkiah and Maaseiah on the right; and on the left, Pedaiah and Mishael and Malchijah and Hashum and Hashbaddanah, Zechariah and Meshullam.
5 Izraan Kitaabicha bane. Sababii inni isaanii ol dhaabachaa tureef namoonni hundi isa arguu dandaʼan; akkuma inni kitaabicha baneenis sabni hundi kaʼee dhaabate.
And Ezra took the book, opening it before the eyes of all the people (for he was higher than the people); and when it was open, all the people got to their feet:
6 Izraanis Waaqayyo Waaqa guddicha galateeffate; namoonni hundinuus harka ol qabatanii, “Ameen! Ameen!” jedhanii jalaa qaban. Ergasiis gad jedhanii addaan lafatti gombifamanii Waaqayyoof sagadan.
And Ezra gave praise to the Lord, the great God. And all the people in answer said, So be it, so be it; lifting up their hands; and with bent heads they gave worship to the Lord, going down on their faces to the earth.
7 Lewwonni jechuunis Yeeshuuʼaan, Baaniin, Sheereebiyaan, Yaamiin, Aquub, Shaabetaayi, Hoodiyaa, Maʼaseyaan, Qeliixaa, Azaariyaa, Yoozaabaad, Haanaanii fi Phelaayaan utuma waldaan achi dhaabatee jiruu seera sana ibsaniif.
And Jeshua and Bani and Sherebiah and Jamin, Akkub, Shabbethai, Hodiah, Maaseiah, Kelita, Azariah, Jozabad, Hanan, Pelaiah, and the Levites made the law clear to the people: and the people kept in their places.
8 Isaanis akka sabni waan dubbifame sana hubatuuf Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbisanii ibsuudhaan hiikkaa isaa kennaa turan.
And they gave out the words of the book the law of God, clearly, and gave the sense of it, so that their minds were able to take it in.
9 Achii immoo Nahimiyaan bulchaan biyyaa, Izraan lubichi barsiisaan seeraa sunii fi Lewwonni uummataaf ibsa kennaa turan sun hunda isaaniitiin, “Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo Waaqa keessaniif qulqulleeffamee dha. Hin gaddinaa yookaan hin booʼinaa” jedhan. Sabni hundi yeroo dubbii seera sanaa dhagaʼetti booʼaa tureetii.
And Nehemiah, who was the Tirshatha, and Ezra, the priest and scribe, and the Levites who were the teachers of the people, said to all the people, This day is holy to the Lord your God; let there be no sorrow or weeping; for all the people were weeping on hearing the words of the law.
10 Kana irratti Nahimiyaan akkana jedhe; “Dhaqaatii nyaata filatamaa nyaadhaa; dhugaatii miʼaawaas dhugaa; warra waan qophaaʼe tokko illee hin qabneefis waa ergaa. Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaaf qulqulleeffamee dha. Sababii gammachuun Waaqayyoo jabina keessan taʼeef hin gaddinaa.”
Then he said to them, Go away now, and take the fat for your food and the sweet for your drink, and send some to him for whom nothing is made ready: for this day is holy to our Lord: and let there be no grief in your hearts; for the joy of the Lord is your strong place.
11 Lewwonnis, “Calʼisaa; guyyaan kun guyyaa qulqulluudhaatii hin gaddinaa” jedhanii uummata hunda ni tasgabbeessan.
So the Levites made all the people quiet, saying, Be quiet, for the day is holy; and do not give way to grief.
12 Ergasiis sabni hundi sababii dubbii itti himame sana hubateef nyaatee dhuguuf, nyaata isaa irraa qoodee warra kaaniif illee erguu fi gammachuu guddaan ayyaaneffachuudhaaf kaʼee deeme.
And all the people went away to take food and drink, and to send food to others, and to be glad, because the words which were said to them had been made clear.
13 Bultii lammaffaa jiʼa sanaatti abbootiin maatiiwwanii hundinuu dubbii Seera sanaa qalbeeffachuuf lubootaa fi Lewwota wajjin Izraa barsiisaa sana biratti walitti qabaman.
And on the second day the heads of families of all the people and the priests and the Levites came together to Ezra the scribe, to give attention to the words of the law.
14 Isaanis akka ajajni Waaqayyo karaa Museen kenne kan, Israaʼeloonni yeroo ayyaana jiʼa torbaffaatti daasii keessa turuu qabu jedhu sun seera keessatti barreeffamee jiru argatan;
And they saw that it was recorded in the law that the Lord had given orders by Moses, that the children of Israel were to have tents for their living-places in the feast of the seventh month:
15 akkasumas akka isaan akkuma barreeffamee jirutti, “Daasii ijaaruudhaaf biyya gaaraatti ol baʼaatii damee ejersaa fi damee ejersa bosonaa, damee kusaayee, damee meexxii fi damee mukkeen baala qabanii fidaa” jedhanii magaalaawwan isaanii fi Yerusaalem keessatti labsuu qaban ni argatan.
And that they were to give out an order, and make it public in all their towns and in Jerusalem, saying, Go out to the mountain and get olive branches and branches of field olives and of myrtle, and palm branches and branches of thick trees, to make tents, as it says in the book.
16 Kanaafuu uummanni sun gad baʼee dameelee fidee tokkoon tokkoon isaanii bantii mana ofii isaanii irratti, oobdii ofii isaanii irratti, oobdii mana Waaqaa irratti, oobdii Karra Bishaanii fi oobdii Karra Efreem bira jiru irratti daasii ijaarratan.
And the people went out and got them and made themselves tents, every one on the roof of his house, and in the open spaces and in the open squares of the house of God, and in the wide place of the water-doorway, and the wide place of the doorway of Ephraim.
17 Waldaan boojuudhaa deebiʼe hundi daasii ijaarratee keessa jiraate. Bara Iyyaasuu ilma Nuuniitii jalqabee hamma gaafasitti Israaʼeloonni akkasitti hin ayyaaneffanne. Gammachuun isaaniis akka malee guddaa ture.
All the people who had been prisoners and had come back, made tents and were living in them: for from the time of Jeshua, the son of Nun, till that day, the children of Israel had not done so. And there was very great joy.
18 Izraanis guyyaa jalqabaatii hamma guyyaa dhumaatti guyyuma guyyaan Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbise. Isaanis guyyaa torba ayyaana sana ayyaaneffatanii guyyaa saddeettaffaatti immoo akkuma seeraatti yaaʼii guddaa godhatan.
And day by day, from the first day till the last, he was reading from the book of the law of God. And they kept the feast for seven days: and on the eighth day there was a holy meeting, as it is ordered in the law.

< Nahimiyaa 8 >