< Nahimiyaa 7 >

1 Erga dallaan sun ijaaramee anis cufaawwan iddootti deebisee booddee karra eegdonni, faarfattoonnii fi Lewwonni ni ramadaman.
Wakati ukuta ulipomalizika na milango nimekwisha kuisimamisha, na walinzi wa malango na waimbaji na Walawi walikuwa wamechaguliwa,
2 Anis Yerusaalem irratti Anaanii obboleessa koo fi Hanaaniyaa ajajaa masaraa mootummaa sana nan muude; Hanaaniyaan kun nama hunda caalaa amanamaa fi kan Waaqa sodaatu tureetii.
nikampa ndugu yangu Hanani kuwa na amri juu ya Yerusalemu, pamoja na Hanania ambaye alikuwa msimamizi wa kijiji, kwa kuwa alikuwa mwaminifu na alimuogopa Mungu zaidi kuliko wengi.
3 Ani akkanan isaaniinan jedhe; “Karrawwan Yerusaalem hamma aduun hoʼitutti banamuu hin qaban. Yeroo karra eegdonni hojii irra jiranittis cufaawwan cufamanii danqaraan keessa haa loofamu. Akkasumas jiraattota Yerusaalem keessaa eegdota tokko tokko iddoo isaaniitti, kaan immoo mana isaanii biratti ramadaa.”
Nami nikawaambia, Msifungue malango ya Yerusalemu mpaka jua litakapokuwa kali. Wakati walinzi wa mlango wanalinda, unaweza kufunga milango na kuikaza. Chagua walinzi kutoka kwa wale wanaoishi Yerusalemu, wengine mahali pa kituo chao cha ulinzi, na wengine mbele ya nyumba zao wenyewe.
4 Magaalattiin guddoo fi balʼoo turte; garuu saba muraasatu ishee keessa jiraata ture. Manneenis amma iyyuu deebifamanii hin ijaaramne.
Sasa jiji lilikuwa pana na kubwa, lakini kulikuwa na watu wachache ndani yake, na hakuna nyumba zilizojengwa tena.
5 Waaqni koos akka isaan maatii maatiidhaan galmeeffamaniif akka ani namoota bebeekamoo, qondaaltotaa fi uummata walitti qabuuf garaa koo keessa kaaʼe. Anis galmee hidda dhalootaa kan warra jalqabatti deebiʼanii nan argadhe. Wanni barreeffamee ani achitti argadhe kanaa dha:
Mungu wangu aliweka moyoni mwangu, kuwakusanya pamoja wakuu, maafisa, na watu kuwaandikisha katika familia zao. Nilipata Kitabu cha kizazi cha wale ambao walirudi kwanza na nikaona kwamba imeandikwa humo.
6 Isaan kunneen namoota kutaa biyya sanaa warra boojuu Nebukadnezar mootichi Baabilon sun boojiʼee isaan geessee ture sanaa deebiʼanii dha; isaanis Yerusaalemii fi Yihuudaatti deebiʼanii tokkoon tokkoon isaanii magaalaa ofii isaaniitti galan;
Hawa ndio watu wa jimbo ambao walikwenda kutoka kwenye uhamisho wa wale waliohamishwa ambao Nebukadreza mfalme wa Babeli aliwachukua mateka. Wakarudi Yerusalemu na Yuda, kila mmoja kwenda kwenye mji wake.
7 isaanis Zarubaabel, Iyyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaa, Raʼaamiyaa, Nahamaan, Mordekaayi, Bilshaan, Misiphereti, Baguwaayi, Nehuumii fi Baʼanaa wajjin dhufan. Maqaa namoota saba Israaʼel taʼanii:
Walikuja na Zerubabeli, Yoshua, Nehemia, Seraya, Reelaya, Nahamani, Mordekai, Bilshani, Mispari, Bigwai, Rehumu na Baana. Idadi ya wana wa Israeli ilikuwa.
8 Sanyiin Phaarosh 2,172
Wana wa Paroshi, 2, 172.
9 sanyiin Shefaaxiyaa 372
Wana wa Shefatia, 372.
10 sanyiin Aaraa 652
Wana wa Ara, 652.
11 sanyiin Fahat Moʼaab warri karaa Yeeshuʼaa fi Yooʼaab dhalatan 2,818
Wana wa Pahath Moabu,
12 sanyiin Eelaam 1,254
kwa wana wa Yeshua na Yoabu, 2, 818.
13 sanyiin Zaatuu 845
Wana wa Elamu, 1, 254.
14 sanyiin Zabaay 760
Wana wa Zatu, 845. Wana wa Zakai, 760.
15 sanyiin Binuuyii 648
Wana wa Binnui, 648.
16 sanyiin Beebay 628
Wana wa Bebai, 628.
17 sanyiin Azgaad 2,322
Wana wa Azgadi, 2, 322.
18 sanyiin Adooniiqaam 667
Wana wa Adonikamu, 667.
19 sanyiin Baguwaay 2,067
Wana wa Bigwai, 2, 067.
20 sanyiin Aadiin 655
Wana wa Adini, 655.
21 sanyiin Ateer warri karaa Hisqiyaas 98
Wana wa Ateri, wa Hezekia, 98.
22 sanyiin Haashum 328
Wana wa Hashumu, 328.
23 sanyiin Beesaay 324
Wana wa Besai, 324.
24 sanyiin Haariif 112
Wana wa Harifu, 112.
25 sanyiin Gibeʼoon 95
Wana wa Gibeoni, 95.
26 namoonni Beetlihemii fi namoonni Netoofaa 188
Watu kutoka Bethlehemu na Netofa, 188.
27 namoonni Anaatoot 128
Watu wa Anathothi, 128.
28 namoonni Beet Azmaawet 42
Watu wa Beth Azmaweth, 42.
29 namoonni Kiriyaati Yeʼaariim, kan Kefiiraatii fi Biʼeeroot 743
Watu wa Kiriath Yearimu, Kefira, na Beerothi, 743.
30 namoonni Raamaa fi Gebaa 621
Watu wa Rama na Geba, 621.
31 namoonni Mikmaas 122
Watu wa Mikmasi, 122.
32 namoonni Beetʼeelii fi Aayi 123
Watu wa Betheli na Ai, 123.
33 namoonni Neboo kaan 52
Watu wa Nebo, 52.
34 namoonni Eelaam kaan 1,254
Watu wa Elamu wa pili, 1, 254.
35 namoonni Haariim 320
Watu wa Harimu, 320.
36 namoonni Yerikoo 345
Watu wa Yeriko, 345.
37 namoonni Lood, kan Haadiidii fi Oonoom 721
Watu wa Lodi, Hadidi, na Ono, 721.
38 namoonni Senaaʼaa 3,930.
Watu wa Senaa, 3, 930.
39 Luboota: Sanyiin Yedaaʼiyaa warri karaa maatii Yeeshuuʼaa dhufan 973
makuhani Wana wa Yedaya (wa nyumba ya Yeshua), 973.
40 sanyiin Imeer 1,052
Wana wa Imeri, 1, 052.
41 sanyiin Phaashihuur 1,247
Wana wa Pashuri, 1, 247.
42 sanyiin Haariim 1,017.
Wana wa Harimu, 1, 017.
43 Lewwota: Sanyiin Yeeshuuʼaa warri karaa Qadmiiʼeel, karaa Hoodayiwaa dhufan 74.
Walawi, wana wa Yeshua, wa Kadmieli, wa Binui, wa Hodavia, 74.
44 Faarfattoota: Sanyiin Asaaf 148.
Waimbaji wana wa Asafu; 148.
45 Eegdota karra mana qulqullummaa: Sanyiin Shaluum, sanyiin Ateer, sanyiin Talmoon, sanyiin Aquub, sanyiin Haxiixaa fi sanyiin Soobaay 138.
Waliofungua mlango wana wa Shalumu, wana wa Ateri, wana wa Talmoni; wana wa Akubu, wana wa Hatita, wana wa Shobai, 138.
46 Tajaajiltoota mana qulqullummaa: Sanyii Ziihaa, sanyii Hasuufaa, sanyii Xabaaʼoot,
Watumishi wa Hekalu wana wa Siha, wana wa Hasufa, wana wa Tabaothi,
47 sanyii Keeroos, sanyii Siiʼaa, sanyii Faadon,
wana wa Kerosi, wana wa Siaha, wana wa Padoni,
48 sanyii Lebaanaa, sanyii Hagaabaa, sanyii Shalmaayi,
wana wa Lebana, wana wa Hagaba, wana wa Salmai,
49 sanyii Haanaan, sanyii Gideel, sanyii Gahar,
wana wa wa Hanani, wana wa Gideli, wana wa Gahari.
50 sanyii Reʼaayaa, sanyii Reziin, sanyii Neqoodaa,
Wana wa Reaya, wana wa Resini, wana wa Nekoda,
51 sanyii Gazaam, sanyii Uzaa, sanyii Faasehaa,
wana wa Gazamu, wana wa Uza, wana wa Pasea,
52 sanyii Beesaay, sanyii Meʼuuniim, sanyii Nefuushesiim,
wana wa Besai, wana wa Meunimu, wana wa Nefusimu.
53 sanyii Baqbuuq, sanyii Haquufaa, sanyii Harhuur,
Wana wa Bakbuki, wana wa Hakufa, wana wa Harhuri,
54 sanyii Bazliit, sanyii Mihiidaa, sanyii Harshaa,
wana wa Baslith, wana wa Mehida, wana wa Harsha,
55 sanyii Barqoos, sanyii Siisaaraa, sanyii Teemahi,
wana wa Barkosi, wana wa Sisera, wana wa Tema,
56 sanyii Neziiyaa fi sanyii Haxiifaa.
wana wa Nesia, wana wa Hatifa.
57 Sanyii Tajaajiltoota Solomoon: Sanyii Soxaayi, sanyii Sofereeti, sanyii Feriidaa,
Wana wa Sulemani, wana wa Sotai, wana wa Sofeereth, wana wa Peruda,
58 sanyii Yaʼilaa, sanyii Darqoon, sanyii Gideel,
wana wa Yaala, wana wa Darkoni, wana wa Gideli,
59 sanyii Shefaaxiyaa, sanyii Haxiil, sanyii Fookeret-Hazbaayimii fi sanyii Aamoon.
wana wa Shefatia, wana wa Hatili, wana wa Pokerethi Sebaimu, wana wa Amoni.
60 Tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoon 392.
Watumishi wote wa hekalu, na wana wa watumishi wa Sulemani, walikuwa 392.
61 Warri armaan gadiis magaalaawwan Teel Melaa, Teel Hareshaa, Kiruub, Adoonii fi Imeeriitii dhufan; isaan garuu akka maatiin isaanii sanyii Israaʼel taʼan mirkaneessuu hin dandeenye; isaanis:
Hawa ndio watu waliokwenda kutoka Tel Mela, Tel harsha, Kerub, Addon, na Imeri. Lakini hawakuweza kuthibitisha kwamba wao au jamaa za baba zao walikuwa wana wa Israeli,
62 Sanyiin Delaayaa, sanyiin Xoobbiyaa fi sanyiin Neqoodaa 642.
wana wa Delaya, wana wa Tobia, na wana wa Nekoda, 642.
63 Luboota keessaa immoo: Sanyii Habayaa, sanyii Haqoosii fi kan Barzilaay; Barzilaayiin kun sababii intala Barzilaay namicha Giliʼaad sanaa fuudheef maqaa kanaan waamame.
Na kutoka kwa makuhani Wana wa Habaya, Hakosi, na Barzilai ( akamchukua mkewe kutoka kwa binti za Barzilai wa Gileadi na akaitwa kwa jina lao).
64 Isaan kunneen sababii galmee hidda dhalootaa keessaa maqaa maatii isaanii barbaadanii dhabaniif akka xuraaʼotaatti ilaalamanii tajaajila lubummaa dhowwaman.
Hawa walitafuta rekodi zao kati ya waliojiunga na kizazi chao, lakini hawakuweza kupatikana, kwa hivyo waliondolewa katika ukuhani kama walio najisi.
65 Bulchaan biyyattiis hamma lubni Uriimii fi Tumiimiidhaan tajaajilu tokko kaʼutti akka isaan nyaata nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼe kam iyyuu hin nyaanneef isaan ajaje.
Naye mkuu wa gavana akawaambia wasiruhusiwe kula chakula cha makuhani kutoka kwenye dhabihu mpaka atakapoinuka kuhani mwenye Urimu na Thumimu.
66 Warri boojuudhaa deebiʼan walumaa galatti namoota 42,360 turan;
Kusanyiko lote lilikuwa 42, 360,
67 kana malees tajaajiltoonni isaanii dhiiraa fi dubartiin 7,337 turan; akkasumas isaan faarfattoota dhiiraa fi dubartii 245 qabu ture.
isipokuwa watumishi wao wa kiume na watumishi wao wa kike, ambao walikuwa 7, 337. Walikuwa na wanaume na wanawake wa kuimba 245.
68 Isaan farda 736, gaangolii 245,
Farasi zao zilikuwa 736 kwa idadi, nyumbu zao, 245,
69 gaala 435 fi harree 6,720 qaban ture.
ngamia zao, 435, na punda zao, 6, 720.
70 Hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko hojii sanaaf buusii buusan. Bulchaan biyyaa immoo warqee daariikii 1,000, waciitii 50 fi uffata lubootaa 530 mankuusaatti galii godhe.
Baadhi ya wakuu wa familia za baba zao walitoa zawadi kwa ajili ya kazi. Gavana alitoa sadaka ya darkoni elfu ya dhahabu, mabakuli 50, na mavazi 530 ya makuhani.
71 Abbootiin maatiiwwanii tokko tokko immoo hojii sanaaf warqee daariikii 20,000 fi meetii minnaanii 2,200 mankuusatti galii godhan.
Baadhi ya wakuu wa familia za baba zao waliwapa katika hazina kwa kazi darkroni elfu ishirini za dhahabu na mane 2, 200 za fedha.
72 Uummanni kaan immoo walumaa galatti warqee daariikii 20,000, meetii minnaanii 2,000 fi uffata lubootaa 67 kennan.
Watu wengine waliwapa darkoni za dhahabu ishirini elfu, na dhahabu elfu mbili za fedha, na mavazi sitini na saba kwa makuhani.
73 Luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonnii fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa namoota tokko tokkoo fi Israaʼeloota kaan wajjin magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan.
Basi makuhani, Walawi, walinzi wa malango, waimbaji, watu wengine, watumishi wa hekalu, na Israeli wote waliishi katika miji yao. Hata mwezi wa saba watu wa Israeli walikuwa wakiishi katika miji yao.”

< Nahimiyaa 7 >