< Nahimiyaa 6 >

1 Ani hamma yeroo sanaatti cuftuu balbalaa itti galchuu baadhu illee Sanbalaax, Xoobbiyaan, Gesheem namicha Arabaa sanaa fi diinonni keenya biraan akka ani dallaa sana deebisee ijaaree iddoon hin ijaaramin tokko iyyuu hin hafin dhageenyaan
And it comes to pass, when it has been heard by Sanballat, and Tobiah, and by Geshem the Arabian, and by the rest of our enemies, that I have built the wall, and there has not been left in it a breach (also, until that time I had not set up the doors in the gates),
2 Sanbalaaxii fi Gesheem, “Kottu mee gandoota dirree Oonoo irra jiran keessaa isa tokko keessatti wal arginaa” jedhanii ergaa kana natti ergan. Isaan garuu na miidhuuf malachaa turan;
that Sanballat sends, also Geshem, to me, saying, “Come and we meet together in the villages, in the Valley of Ono”; and they are thinking to do to me evil.
3 kanaafuu ani akkana jedhee ergamoota isaanittin erge; “Ani waan hojii guddaa hojjechaa jiruuf gad buʼuu hin dandaʼu. Yeroo ani hojii dhiisee gara keessanitti gad buʼuutti hojiin maaliif dhaabata?”
And I send to them messengers, saying, “A great work I am doing, and I am not able to come down; why does the work cease when I let it alone, and have come down to you?”
4 Isaan ergaadhuma tokko siʼa afur natti ergan; anis siʼa afranuu deebiidhuma tokkon kenneef.
And they send to me, according to this word, four times, and I return them [word] according to this word.
5 Sanbalaaxis ergaadhuma sana garbicha isaa tokkoon yeroo shanaffaa natti erge; garbichi sunis xalayaa hin cufamin tokko harkaa qaba ture.
And Sanballat sends to me, according to this word, a fifth time, his servant, and an open letter in his hand;
6 Xalayichis akkana jedha: “Akka atii fi Yihuudoonni finciluu barbaaddan uummata keessatti odeeffameera; Gesheemis kanuma mirkaneessa. Wanni isin dallaa ijaartaniifis kanuma; akka oduu kanaatti ati mootii isaanii taʼuu barbaadda;
it is written in it, “Among the nations it has been heard, and Gashmu is saying: You and the Jews are thinking to rebel, therefore you are building the wall, and you have been to them for a king—according to these words!
7 ati akka isaan, ‘Yihuudaa keessa mootii tokkotu jira!’ jedhanii waaʼee kee Yerusaalem keessatti labsaniif raajota muudatteerta. Oduun kun gara mootichaatti ni deebiʼa; kanaafuu kottu wajjin ni mariʼannaa.”
And also, you have appointed prophets to call for you in Jerusalem, saying, A king [is] in Judah, and now it is heard by the king according to these words; and now come, and we take counsel together.”
8 Kana irratti ani, “Wanni akka waan ati dubbattu kanaa tokko illee hin hojjetamne; ati matuma kee keessaa fuutee dubbattaa” jedheen deebiseef.
And I send to him, saying, “It has not been according to these words that you are saying, for from your own heart you are devising them”;
9 Isaan hundi, “Harki jara kanaa hojii hojjechuu ni dadhaba; hojiin kunis hin dhumu” jedhanii yaaduudhaan nu sodaachisuu yaalaa turan. Ani garuu, “Amma harka koo naa jajjabeessi” jedheen Waaqa kadhadhe.
for all of them are making us afraid, saying, “Their hands are too feeble for the work, and it is not done”; and now, strengthen my hands.
10 Anis gaaf tokko mana Shemaaʼiyaa ilma Delaayaa, ilma Maheexabiʼeel kan manuma ofii isaa keessatti itti cufame sanaa nan dhaqe. Innis akkana jedhe; “Sababii namoonni si ajjeesuuf dhufaa jiraniif, sababii isaan si ajjeesuuf halkaniin dhufaa jiraniif kottu mana Waaqaatti, mana qulqullummaa keessatti wal arginee balbalawwan mana qulqullummaa haa cufannu.”
And I have entered the house of Shemaiah son of Delaiah, son of Mehetabeel—and he is restrained—and he says, “Let us meet at the house of God, at the inside of the temple, and we shut the doors of the temple, for they are coming to slay you—indeed, by night they are coming to slay you.”
11 Ani immoo, “Namni akka kootii kun baqachuu qabaa? Yookaan namni na fakkaatu tokko lubbuu ofii isaa oolfachuudhaaf jedhee mana qulqullummaa seenuu qabaa? Ani hin deemu!” jedheen.
And I say, “A man such as I—does he flee? And who as I, that goes into the temple, and lives? I do not go in.”
12 Ani akka Waaqni isa natti hin ergin beekkadheera; inni garuu sababii Xoobbiyaa fi Sanbalaaxi isa bitataniif waaʼee koo waan hamaa raaje.
And I discern, and behold, God has not sent him, for in the prophecy he has spoken to me both Tobiah and Sanballat hired him,
13 Inni na sodaachisee akka ani waan kana hojjechuudhaan cubbuu hojjedhuuf, akka isaanis akkasiin maqaa hamaa naa kennanii maqaa na balleessaniif bitame.
so that he [is] a hired worker, that I may fear and do so, and I had sinned, and it had been to them for an evil name that they may reproach me.
14 Yaa Waaqa ko, sababii waan isaan hojjetan sanaaf jedhiitii Xoobbiyaa fi Sanbalaaxin yaadadhu; raajjuu Nooʼadiyaa jedhamtuu fi raajota na sodaachisuu yaalan kaanis yaadadhu.
Be mindful, O my God, of Tobiah, and of Sanballat, according to these his works, and also, of Noadiah the prophetess, and of the rest of the prophets who have been making me afraid.
15 Akkasiinis dallaan sun bultii shantamii lamatti, jiʼa Eeluuli jedhamu keessa bultii digdamii shanaffaatti ijaaramee dhume.
And the wall is completed in the twenty-fifth of Elul, on the fifty-second day;
16 Yommuu diinonni keenya hundi oduu kana dhagaʼanitti, saboonni naannoo keenyaa hundi sodaatanii abdii kutatan; isaan akka hojiin kun gargaarsa Waaqa keenyaan hojjetame hubataniiruutii.
and it comes to pass, when all our enemies have heard, and all the nations who are all around us see, that they fall greatly in their own eyes, and know that by our God has this work been done.
17 Bara sana keessa namoonni Yihuudaa bebeekamoon xalayoota hedduu gara Xoobbiyaatti ergaa turan; Xoobbiyaanis deebii isaaniif ni erga ture.
Also, in those days the nobles of Judah are multiplying their letters going to Tobiah, and those of Tobiah are coming to them;
18 Sababii inni soddaa Shekaaniyaa ilma Aaraa tureef namoonni Yihuudaa keessa jiraatan hedduun isaaf kakatan; akkasumas ilmi isaa Yehohaanaan intala Meshulaam ilma Berekiyaa fuudhee ture.
for many in Judah are sworn to him, for he [is] son-in-law to Shechaniah son of Arah, and his son Jehohanan has taken the daughter of Meshullam son of Berechiah;
19 Kana malees isaan hojii isaa gaarii natti odeessaa, waan ani jedhe illee isatti himaa turan. Xoobbiyaan immoo na sodaachisuuf jedhee xalayoota natti ergaa ture.
also, they have been speaking of his good deeds before me, and they have been taking my words out to him; Tobiah has sent letters to make me afraid.

< Nahimiyaa 6 >