< Nahimiyaa 5 >
1 Yeroo kanatti namoonnii fi niitonni isaanii obboloota isaanii Yihuudootatti guddisanii iyyan.
Now there was a great cry of the people, and of their wives against their brethren the Jews.
2 Isaan keessaa namoonni tokko tokko, “Nu, ilmaan keenyaa fi intallan keenya baayʼee hedduu dha; nu akka nyaannee jiraannuuf midhaan argachuu qabna” jechaa turan.
And there were some that said: Our sons and our daughters are very many: Yet us take up corn for the price of them, and let us eat and live.
3 Warri kaan immoo, “Nu yeroo beelaatti midhaan argachuudhaaf jennee lafa qotiisaa keenya, iddoo dhaabaa wayinii keenyaa fi manneen keenya qabsiisaa jirra” jechaa turan.
And there were some that said: Let us mortgage our lands, and our vineyards, and our houses, and let us take corn because of the famine.
4 Ammas namoonni biraa akkana jedhan; “Nu lafa qotiisaa keenyaa fi iddoo dhaabaa wayinii keenyaatiif gibira mootichaa baasuudhaaf maallaqa liqeeffachuu qabna turre.
And others said: Let us borrow money for the king’s tribute, and let us give up our fields and vineyards:
5 Nu namoota biyya keenyaatiin foonii fi dhiiga tokko taanee ilmaan keenyas akkuma ilmaan isaanii gaarii taʼan illee, nu ilmaan keenyaa fi intallan keenya dabarsinee garbummaaf kennineerra. Intallan keenya keessaa tokko tokko amma iyyuu garboomfamanii jiru; garuu lafti qotiisaa keenyaa fi iddoon dhaabaa wayinii keenyaa kan namoota biraa waan taʼaniif nu humna hin qabnu.”
And now our flesh is as the flesh of our brethren: and our children as their children. Behold we bring into bondage our sons and our daughters, and some of our daughters are bondwomen already, neither have we wherewith to redeem them, and our fields and our vineyards other men possess.
6 Anis yommuun iyya isaaniitii fi dubbii kana dhagaʼetti baayʼee nan aare.
And I was exceedingly angry when I heard their cry according to these words.
7 Anis ofiin mariʼadhee namoota bebeekamoo fi qondaaltota sana nan ifadhe; akkanas nan jedheen; “Isin hiiqiidhaan liqeessuudhaan namootuma biyya keessanii saamaa jirtu!” Kanaafuu ani yaaʼii guddaa isaanitti waameen
And my heart thought with myself: and I rebuked the nobles and magistrates, and said to them: Do you every one exact usury of your brethren? And I gathered together a great assembly against them,
8 akkana isaaniin jedhe; “Nu hamma nuu dandaʼametti obboloota keenya Yihuudoota saba ormaatti gurguramanii turan sana deebifnee bitanneerra. Isin amma illee akka isaan deebifamanii nutti gurguramaniif jettanii obboloota keessaan gurguraa jirtu!” Isaan immoo waan jedhan dhabanii calʼisan.
And I said to them: We, as you know, have redeemed according to our ability our brethren the Jews, that were sold to the Gentiles: and will you then sell your brethren, for us to redeem them? And they held their peace, and found not what to answer.
9 Kanaafuu ani ittuma fufeen akkana jedheen; “Wanni isin hojjechuutti jirtan kun sirrii miti. Isin tuffii diinota keenya Namoota Ormaa jalaa baʼuuf, Waaqa keenya sodaachuudhaan jiraachuu hin qabdanii?
And I said to them: The thing you do is not good: why walk you not in the fear of our God, that we be not exposed to the reproaches of the Gentiles our enemies?
10 Ani, obboloota koo fi namoonni koos maallaqaa fi midhaan saba kanaaf liqeessaa jirra. Garuu hiiqiidhaan liqeessuudhaan nama saamuu dhiisaa!
Both I and my brethren, and my servants, have lent money and corn to many: let us all agree not to call for it again; let us forgive the debt that is owing to us.
11 Amma dafaatii lafa qotiisaa isaanii, iddoo dhaabaa wayinii isaanii, mukkeen ejersaatii fi manneen isaanii akkasumas waan hiiqiidhaan liqeessitanii dhibbantaan saamtan kanneen akka maallaqaa, midhaanii, daadhii wayinii haaraatii fi zayitii sana deebisaafii.”
Restore ye to them this day their fields, and their vineyards, and their oliveyards, and their houses: and the hundredth part of the money, and of the corn, the wine, and the oil, which you mere wont to exact of them, give it rather for them.
12 Isaanis, “Nu waan sana deebifnee ni kennina; deebinee waan tokko illee isaan irraa hin barbaannu. Akkuma ati jette goona” jedhan. Kana irratti ani luboota ofitti waamee akka namoonni bebeekamoonii fi qondaaltonni waan waadaa galan sana raawwatan nan kakachiise.
And they said: We will restore, and we will require nothing of them: and we will do as thou sayest. And I called the priests and took an oath of them, to do according to what I had said.
13 Ammas ani dachaa uffata koo hurgufeen akkana jedhe; “Waaqayyo nama waadaa kana hin eegne kamiin iyyuu mana isaatii fi qabeenya isaa irraa akkana haa hurgufu. Namni akkanaa kun akkasuma hurgufamee harka duwwaa haa hafu!” Kana irratti waldaan hundi, “Ameen” jedhee Waaqayyoon galateeffate. Uummannis akkuma waadaa gale sana godhe.
Moreover I shook my lap, and said: So may God shake every man that shall not accomplish this word, out of his house, and out of his labours, thus may he be shaken out, and become empty. And all the multitude said: Amen. And they praised God. And the people did according to what was said.
14 Kana caalaas yeroo ani bara Arxeksis mootichaa keessa waggaa digdammaffaatti bulchaa biyya Yihuudaa taʼee muudamee jalqabee hamma waggaa soddomii lammaffaa mootummaa isaatti jechuunis waggaa kudha lamaaf, anis obboloonni koos nyaata bulchaaf ramadame hin nyaanne.
And from the day, in which the king commanded me to be governor in the land of Juda, from the twentieth year even to the two and thirtieth year of Artaxerxes the king, for twelve years, I and my brethren did not eat the yearly allowance that was due to the governors.
15 Garuu bulchitoonni durii kanneen anaan dura turan baʼaa guddaa saba baachisanii nyaataa fi daadhii wayinii malee iyyuu meetii saqilii afurtama isaan irraa fudhachaa turan. Gargaartonni isaaniis akkasuma saba cunqursan. Ani garuu waanan Waaqa sodaadhuuf akkas hin goone.
But the former governors that had been before me, were chargeable to the people, and took of them in bread, and wine, and in money every day forty sides: and their officers also oppressed the people. But I did not so for the fear of God.
16 Qooda kanaa ani hojii dallaa ijaaruu kanaaf of nan kenne. Namoonni koo hundinuu achitti hojiidhaaf walitti qabaman; nu lafa tokko illee hin arganne.
Moreover I built in the work of the wall, and I bought no land, and all my servants were gathered together to the work.
17 Amma illee namoota saba naannoo keenya jiraatan keessaa dhufan malee Yihuudoonni dhibba tokkoo shantamnii fi qondaaltonni maaddii koo irraa nyaachaa turan.
The Jews also and the magistrates to the number of one hundred and fifty men, were at my table, besides them that came to us from among the nations that were round about us.
18 Guyyaa guyyaadhaan sangaan tokko, hoolonni gagabbatoon jaʼaa fi indaanqoowwan muraasni, guyyaa kudhan kudhaniin immoo daadhiin wayinii kan gosa hundaa baayʼinaan naa qopheeffama ture. Kana hunda malees ani takkumaa nyaata bulchaaf ramadamuu qabu hin gaafanne; gaaffiin kun saboota kanneenitti baʼaa guddaa tureetii.
And there was prepared for me day by day one ox, and six choice rams, besides fowls, and once in ten days I gave store of divers wines, and many other things: yet I did not require my yearly allowance as governor: for the people were very much impoverished.
19 Yaa Waaqa koo waan ani saba kanaaf godhe hunda tolaatti naa lakkaaʼi.
Remember me, O my God, for good according to all that I have done for this people.