< Nahimiyaa 4 >

1 Sanbalaaxi akka nu dallaa kana deebifnee ijaaraa jirru dhageenyaan aariin gubatee dheekkame. Innis Yihuudootatti qoosee
But it happened that when Sanballat heard that we were building the wall, he was angry, and took great indignation, and mocked the Jews.
2 fuula obboloota isaa fi fuula loltoota Samaariyaa duratti akkana jedhe; “Yihuudoonni dadhaboonni kunneen maal hojjechaa jiru? Isaan dallaa isaanii deebisanii ijaaruu? Aarsaa illee ni dhiʼeessuu? Guyyaa tokko keessatti ni fixuu? Isaan waan akkas gubamee tuulame keessaa dhagaa fuudhanii akka duriitti deebisuu dandaʼuu?”
And he spoke before his brothers and the army of Samaria, and said, "What are these feeble Jews doing? Will they restore it for themselves? Will they sacrifice? Will they finish in a day? Will they revive the stones out of the heaps of rubbish, which are burned?"
3 Xoobbiyaan namichi Amoon kan isa bira dhaabate sunis, “Waan isaan ijaaraa jiran kana, dallaa isaanii kan dhagaa kana waangoon iyyuu yoo yaabde ni jigsiti!” jedhe.
Now Tobiah the Ammonite was by him, and he said, "What they are building, if a fox climbed up it, he would break down their stone wall."
4 Yaa Waaqa keenya nu dhagaʼi; nu tuffatamneerraatii. Arraba isaan nu arrabsan matuma isaaniitti deebisi. Boojuudhaaf dabarsii biyya ormaatti isaan kenni.
"Hear, our God; for we are despised; and turn back their insults on their own head, give them up for a spoil in a land of captivity;
5 Sababii isaan fuula ijaartotaa duratti dheekkamsaaf si kakaasaniif yakka isaanii hin dhoksiniif yookaan cubbuu isaanii fuula kee duraa hin haqiniif.
do not cover their iniquity, and do not let their sin be blotted out from before you; for they have insulted the builders."
6 Nu akkasiin dallaa sana hamma inni walakkaa dheerina isaa gaʼutti deebifnee ijaarre; namoonni garaa tokkoon hojjechaa turaniitii.
So we built the wall; and all the wall was joined together to half its height: for the people had a mind to work.
7 Garuu Sanbalaaxi, Xoobbiyaan, Araboonni, Amoononnii fi namoonni Ashdood yommuu akka haaromfamuun dallaa Yerusaalem ittuma fufaa jiruu fi akka qaawwi isaa duuchamaa jiru dhagaʼanitti akka malee aaran.
But it happened that when Sanballat, Tobiah, the Arabians, the Ammonites, and the Ashdodites heard that the repairing of the walls of Jerusalem went forward, and that the breaches began to be filled, then they were very angry;
8 Isaan hundinuu dhufanii Yerusaalemin loluu fi rakkina itti fiduudhaaf tokkummaadhaan malatan.
and they conspired all of them together to come and fight against Jerusalem, and to cause confusion in it.
9 Nu garuu Waaqa keenya kadhannee doorsisa kana of irraa ittisuuf jennee waardiyyaa halkanii fi guyyaa eegu tokko kaaʼanne.
But we made our prayer to our God, and set a watch against them day and night, because of them.
10 Sabni Yihuudaas, “Humni hojjettootaa laafeera; sababii diigamni isaa akka malee guddaa taʼeef nu dallaa kana deebifnee ijaaruu hin dandeenyu” jedhe.
Judah said, "The strength of the bearers of burdens is fading, and there is much rubbish; so that we are not able to build the wall."
11 Diinonni keenyas, “Utuu isaan hin beekin yookaan nu hin argin isaan gidduu seennee isaan fixnee hojii sana dhaabbachiifna” jedhan.
Our adversaries said, "They shall not know, neither see, until we come into their midst, and kill them, and cause the work to cease."
12 Yihuudoonni isaanitti dhiʼoo jiraatan dhufanii, “Yoo isin eessa illee dhaqxan isaan inuma nu lolu” jedhanii yeroo kudhan nutti himan.
It happened that when the Jews who lived by them came, they said to us ten times from all places, "Wherever you turn, they will attack us."
13 Kanaafuu ani namoota sana keessaa tokko tokko dachaa dallaa duubaan jiru keessa, iddoo ol kaʼaa irratti ramadee akka isaan goraadee, eeboo fi iddaa qabatanii dhaabatan nan godhe.
Therefore set I in the lowest parts of the space behind the wall, in the open places, I set the people after their families with their swords, their spears, and their bows.
14 Anis ergan asii fi achi ilaalee booddee ol kaʼee namoota bebeekamoodhaan, qondaaltotaa fi uummata kaaniin akkana nan jedhe; “Isin jara hin sodaatinaa. Gooftaa guddichaa fi sodaachisaa sana yaadadhaatii obboloota keessaniif, ilmaan keessaniif, intallan keessaniif, niitota keessanii fi manneen keessaniif lolaa.”
I looked, and rose up, and said to the nobles, and to the rulers, and to the rest of the people, "Do not be afraid of them. Remember the Lord, who is great and awesome, and fight for your brothers, your sons, and your daughters, your wives, and your houses."
15 Yeroo diinonni keenya akka nu mala isaaniitti dammaqne, akka Waaqnis mala isaanii sana jalaa diige dhagaʼanitti nu hundi gara dallaatti, tokkoon tokkoon keenyas hojii keenyatti deebine.
It happened, when our enemies heard that it was known to us, and God had brought their counsel to nothing, that we returned all of us to the wall, everyone to his work.
16 Gaafasii jalqabee namoota koo keessaa walakkaan isaanii hojii hojjetanii walakkaan kaan immoo eeboo, gaachana, iddaa fi miʼa lolaa hidhatan. Ajajjoonnis saba Yihuudaa hunda duubaan dhaabachaa turan;
It happened from that time forth that half of my servants would do the work and half of them held the spears, and the shields, and the bows, and the body armor; and the rulers stood behind the whole house of Judah
17 warri dallaa ijaaranii fi baʼaa baatanis harka tokkoon ni hojjetu, harka tokkoon immoo miʼa lolaa qabatu turan;
who were building the wall. And those who carried loads held their load with one hand and with the other held a weapon;
18 tokkoon tokkoon ijaartota sanaa goraadee ofii isaanii mudhiitti hidhatanii hojii hojjetan. Namichi malakata afuufu garuu na wajjin ture.
and the builders, everyone wore his sword at his side, and so built. He who sounded the trumpet was by me.
19 Anis namoota bebeekamoodhaan, qondaaltotaa fi uummata kaaniin akkana nan jedhe; “Hojiin kun guddaa fi balʼaa dha; tokkoon tokkoon keenyas gargar fagaannee dallaa irra jirra.
I said to the nobles, and to the rulers and to the rest of the people, "The work is great and large, and we are separated on the wall, one far from another.
20 Iddoo itti sagalee malakataa dhageessan kamitti iyyuu nutti makamaa. Waaqni keenya nuuf lolaa!”
Wherever you hear the sound of the trumpet, rally there to us. Our God will fight for us."
21 Kanaafuu nu barii barraaqaa jalqabnee hamma urjiiwwan baʼanitti akkuma namoota keenya keessaa gariin eeboo qabatanii jiranitti hojii itti fufne.
So we worked in the work: and half of them held the spears from the rising of the morning until the stars appeared.
22 Anis yeroo sanatti namootaan akkanan jedhe; “Akka isaan halkan akka eegdotaatti, guyyaa immoo akka hojjettootaatti nu tajaajiluu dandaʼaniif nama kam iyyuu gargaaraa isaa wajjin halkan Yerusaalem keessa tursaa.”
Likewise at the same time said I to the people, "Let everyone with his servant lodge within Jerusalem, that in the night they may be a guard to us, and may labor in the day."
23 Anis, obboloonni koos, namoonni koos, eegdonni na wajjin turanis uffata keenya hin baafanne; tokkoon tokkoon namaa yeroo bishaan barbaacha deemu illee miʼa isaa kan waraanaa harkatti qabata ture.
So neither I, nor my brothers, nor my servants, nor the men of the guard who followed me, none of us took off our clothes. Everyone took his weapon to the water.

< Nahimiyaa 4 >