< Nahimiyaa 3 >
1 Eliyaashiib lubichi ol aanaanii fi luboonni akka isaa kaʼanii Karra Hoolotaa ijaaran. Isaan karra sana qulqulleessanii cufaawwan isaa iddootti deebisan; dallaa sanas hamma Gamoo Dhibbaa kan isaan qulqulleessan sanaattii fi hamma Gamoo Hanaaniʼeelitti ijaaran.
And Eliashib the high priest rose up with his brethren the priests, and they built the sheep-gate. They hallowed it, and set up its doors; and they hallowed it even to the tower of Meah, to the tower of Hananeel.
2 Namoonni Yerikoo kutaa itti aanu ijaaran; Zakuur ilmi Imrii immoo isaanitti aansee ijaare.
And next to them built the men of Jericho. And next to them built Zaccur the son of Imri.
3 Ilmaan Hasenaaʼaa Karra Qurxummii deebisanii ijaaran. Isaan demdemoo kaaʼanii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan.
And the fish-gate did the sons of Senaah build: they laid its beams, and set up its doors, its locks and its bars.
4 Mereemooti ilmi Uuriyaa, ilmi Haqoosi kutaa itti aanu haaromse. Isatti aanee Meshulaam ilma Berekiyaa ilma Meseezebeelitu haaromse; isaanitti aanee immoo Zaadoq ilma Baʼanaatu haaromse.
And next to them repaired Meremoth the son of Urijah, the son of Koz. And next to them repaired Meshullam the son of Berechiah, the son of Meshezabeel. And next to them repaired Zadok the son of Baana.
5 Kutaa itti aanu namoota Teqooʼaatu haaromse; namoonni isaanii bebeekamoon garuu hojii Gooftaa isaaniitiif boquu gad hin qabanne.
And next to them the Tekoites repaired; but their nobles put not their necks to the work of their Lord.
6 Yooyaadaan ilmi Faasehaatii fi Meshulaam ilmi Besoodeyaa Karra Moofaa haaromsan. Isaanis demdemoo kaaʼanii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan.
And the gate of the old [wall] repaired Jehoiada the son of Paseah, and Meshullam the son of Besodiah; they laid its beams, and set up its doors, and its locks, and its bars.
7 Isaanitti aansee immoo Melaaxiyaan namichi Gibeʼoon, Yaadoon namichi Meeroonot akkasumas namoonni Gibeʼooniitii fi Miisphaa kutaawwan bulchiinsa bulchaa Gama Laga Efraaxiis jala jiran sana haaromsan.
And next to them repaired Melatiah the Gibeonite, and Jadon the Meronothite, the men of Gibeon and of Mizpah, to the seat of the governor on this side the river.
8 Tumtuu warqee keessaa Uziiʼeel ilmi Harhayaa kutaa itti aanu haaromse. Warra Shittoo hojjetan keessaa Hanaaniyaan kutaa kutaa sanatti aanu haaromse. Isaanis hamma Dallaa Balʼaatti Yerusaalemin akka duriitti deebisanii ijaaran.
Next to them repaired Uzziel the son of Harhaiah, of the goldsmiths; and next to him repaired Hananiah of the perfumers, and they left Jerusalem [in its state] as far as the broad wall.
9 Refaayaan ilmi Huuri, bulchaan gartokkee aanaa Yerusaalem kutaa itti aanu haaromse.
And next to them repaired Rephaiah the son of Hur, the ruler of the half part of Jerusalem.
10 Isaanitti aansee Yedaayaa ilmi Haruumaaf kutaa fuullee mana ofii isaa haaromse; Haxuush ilmi Hashabniyaa isatti aansee haaromse.
And next to them repaired Jedaiah the son of Harumaph, even over against his house. And next to him repaired Hattush the son of Hashabniah.
11 Malkiyaan ilmi Haariimiitii fi Hashuub ilmi Fahat Moʼaab kutaa biraatii fi Gamoo Badaa Ibiddaa haaromsan.
Malchijah the son of Harim and Hasshub the son of Pahath-Moab repaired a second piece, and the tower of the furnaces.
12 Shaluum ilmi Haloheesh bulchaan gartokkee aanaa Yerusaalemiitii fi intallan isaa kutaa itti aanu haaromsan.
And next to them repaired Shallum the son of Hallohesh, the ruler of the half part of Jerusalem, he and his daughters.
13 Haanuunii fi jiraattonni Zaanoʼaa Karra Sululaa haaromsan. Isaanis karra sana deebisanii ijaaranii cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebisan. Akkasumas hamma Karra Dikeetti dallaa dhundhuma kuma tokko lafa irra dheeratu haaromsan.
The valley-gate repaired Hanun, and the inhabitants of Zanoah; they built it, and set up its doors, its locks and its bars, and a thousand cubits of the wall as far as the dung-gate.
14 Malkiyaan ilmi Rekaab bulchaan aanaa Beet Hakerem Karra Dikee haaromse. Innis karra sana deebisee ijaaree cufaawwan, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebise.
And the dung-gate repaired Malchijah the son of Rechab, the chief of the district of Beth-haccerem; he built it, and set up its doors, its locks and its bars.
15 Shelaa ilmi Kol-Hoozee bulchaan aanaa Miisphaa sun Karra Burqaa haaromse. Innis karra sana haaromsee gubbaa isaa haguugee cufaawwan isaa, loosaa fi danqaraawwan isaa iddootti deebise. Dallaa Haroo Sheelaanii kan Iddoo Biqiltuu Mootichaa biraa sanas hamma waltajjii Magaalaa Daawit irraa gad buʼuutti haaromse.
And the fountain-gate repaired Shallun the son of Colhozeh, the chief of the district of Mizpah; he built it, and covered it, and set up its doors, its locks and its bars, and the wall of the pool of Shelah by the king's garden, and to the stairs that go down from the city of David.
16 Isa duubaan Nahimiyaan ilmi Azbuuq bulchaan gartokkee aanaa Beet Zuuri sun hamma iddoo fuullee awwaala Daawititti, hamma haroo kuufamee fi hamma Mana Goototaatti haaromse.
After him repaired Nehemiah the son of Azbuk, the chief of the half district of Beth-zur, even over against the sepulchres of David, and to the pool that was made, and to the house of the mighty [men].
17 Isatti aanee Lewwonni Rehuum ilma Baaniitiin qajeelfaman ni haaromsan. Isatti aansee immoo Hashabiyaan bulchaan gartokkee aanaa Qeyiilaa sun aanaa ofii isaatiif haaromse.
After him repaired the Levites, Rehum the son of Bani. Next to him repaired Hashabiah, the chief of the half district of Keilah, for his district.
18 Isatti aansee namoonni biyya isaanii qajeelcha Bawaayi ilma Heenaadaad bulchaa gartokkee aanaa Qeyiilaa jala turan ni haaromsan.
After him repaired their brethren, Bavvai the son of Henadad, the chief of the half district of Keilah.
19 Isatti aansee Eezer ilmi Yeeshuʼaa bulchaan Miisphaa iddoo karaa mankuusa miʼa lolaatti geessu fuul duraa sana hamma roga isaatti kutaa biraa haaromse.
And next to him repaired Ezer the son of Jeshua, the ruler of Mizpah, a second piece over against the going up to the armoury at the angle.
20 Isatti aansees Baaruk ilmi Zabaay roga sanaa jalqabee hamma balbala mana Eliyaashiib lubicha ol aanaatti kutaa biraa hinaaffaadhaan haaromse.
After him Baruch the son of Zabbai earnestly repaired another piece, from the angle to the entry of the house of Eliashib the high priest.
21 Isatti aansee Mereemooti ilmi Uuriyaa, ilmi Haqoosi balbala mana Eliyaashiibiitii jalqabee hamma dhuma isaatti kutaa biraa haaromse.
After him repaired Meremoth the son of Urijah, the son of Koz, another piece, from the door of the house of Eliashib as far as the end of the house of Eliashib.
22 Isatti aansee immoo luboota naannoo sana jiranittu haaromse.
And after him repaired the priests, the men of the plain [of Jordan].
23 Isaaniin achittis Beniyaamii fi Hashuubittu fuula mana isaanii dura haaromse; isaanitti aansee immoo Azaariyaa ilma Maʼaseyaa ilma Anaaniyaatu mana isaa bira haaromse.
After them repaired Benjamin and Hasshub over against their house. After them repaired Azariah the son of Maaseiah, the son of Ananiah, by his house.
24 Isatti aansee Binuuyiin ilmi Heenaadaad mana Azaariyaatii jalqabee hamma rogaa fi golee isaatti kutaa biraa haaromse;
After him repaired Binnui the son of Henadad another piece, from the house of Azariah to the angle, as far as the corner.
25 Phaalaal ilmi Uuzaay immoo golee sanaa fi gamoo masaraa mootummaa kan ol aanu gubbaatti ijaarame fuullee oobdii eegdotaa bira haaromse. Isatti aansees Phedaayaan ilmi Phaaroshii fi
Palal the son of Uzai, over against the angle, and the high tower that lies out from the king's house, which was by the court of the prison. After him, Pedaiah the son of Parosh.
26 tajaajiltoonni mana qulqullummaa kanneen tulluu Oofeel irra jiraatan hamma iddoo Karra Bishaanii kan gama baʼaatii fi gamoo ol kaʼaa sana duraatti haaromsan.
(Now the Nethinim dwelt in Ophel, even over against the water-gate toward the east, and the tower which lies out.)
27 Isaanitti aansanii immoo namoonni Teqooʼaa gamoo ol kaʼaa guddichaa jalqabanii hamma dallaa Oofeelitti kutaa biraa haaromsan.
After him the Tekoites repaired a second piece, over against the great tower which lies out, as far as the wall of Ophel.
28 Karra Fardaatiin olitti tokkoon tokkoon lubootaa fuula mana ofii isaanii dura haaromsan.
From above the horse-gate repaired the priests, every one over against his house.
29 Isaanitti aansee Zaadoq ilmi Imeer fuullee mana isaa haaromse. Isatti aansee Shemaaʼiyaan ilmi Shekaaniyaa eegduun Karra gama Baʼaa sun akkasuma ni haaromse.
After them repaired Zadok the son of Immer over against his house. And after him repaired also Shemaiah the son of Shechaniah, the keeper of the east gate.
30 Isatti aansaniis Hanaaniyaan ilmi Shelemiyaatii fi Haanuun ilmi Zaalaaf jaʼaffaan sun kutaa biraa haaromsan. Isaanitti aansee immoo Meshulaam ilmi Berekiyaa fuullee mana ofii isaa keessa jiraatuu haaromse.
After him repaired Hananiah the son of Shelemiah, and Hanun the sixth son of Zalaph, a second piece. After them repaired Meshullam the son of Berechiah over against his chamber.
31 Isatti aansee immoo tumtuu warqee keessaa Malkiyaan hamma mana tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi daldaltootaa kan fuullee Karra Toʼannaatti, hamma kutaa manaa kan golee irraattis haaromse;
After him repaired Malchijah of the goldsmiths to the place of the Nethinim and of the dealers, over against the gate Miphkad, and to the ascent of the corner.
32 tumtuun warqeetii fi daldaltoonni immoo kutaa manaa kan golee irraa sanaa fi Karra Hoolotaa gidduu jiru haaromsan.
And between the ascent of the corner and the sheep-gate repaired the goldsmiths and the dealers.