< Nahimiyaa 2 >

1 Waggaa digdammaffaa bara Arxeksis Mootichaatti jiʼa Niisaan keessa yeroo daadhiin wayinii isaaf dhiʼeeffametti ani daadhii wayinii sana fuudhee mootichaaf nan kenne. Ani fuula isaa duratti gaddee hin beeku;
And it came about in the month Nisan, in the twentieth year of Artaxerxes the king, when wine was before him, that I took up the wine and gave it to the king. Now I had never before been sad when the king was present.
2 kanaafuu mootichi, “Ati utuu hin dhukkubsatin fuulli kee maaliif waan gadde fakkaata? Kun gadda garaa keessaati malee waan biraa miti” naan jedhe. Anis akka maleen sodaadhe;
And the king said to me, Why is your face sad, seeing that you are not ill? this is nothing but sorrow of heart. Then I was full of fear;
3 mootichaanis, “Yaa mootii bara baraan jiraadhu! Utuu magaalaan abbootiin koo keessatti awwaalaman barbadooftee jirtuu, utuu karrawwan ishees ibiddaan barbadeeffamanii jiranuu fuulli koo maaliif hin gaddu?” nan jedhe.
And said to the king, May the king be living for ever: is it not natural for my face to be sad, when the town, the place where the bodies of my fathers are at rest, has been made waste and its doorways burned with fire?
4 Mootichis, “Akka ani maal siif godhu barbaadda?” naan jedhe. Kanaafuu ani Waaqa samii kadhadheen
Then the king said to me, What is your desire? So I made prayer to the God of heaven.
5 akkana jedhee mootichaaf nan deebise; “Yoo wanni kun mooticha gammachiisee garbichi kee fuula kee duratti surraa argate, akka ani magaalattii deebisee ijaaruuf gara Yihuudaa, gara magaalaa abbootiin koo itti awwaalamanitti na ergi.”
And I said to the king, If it is the king's pleasure, and if your servant has your approval, send me to Judah, to the town where the bodies of my fathers are at rest, so that I may take in hand the building of it.
6 Kana irratti mootichi utuma mootittiin isa bira teessuu, “Karaan kee yeroo hammamii fudhata? Atis yoomi deebita?” jedhee na gaafate. Na erguun fedhii mootichaa taʼe; anis yeroo nan murteeffadhe.
And the king said to me (the queen being seated by his side), How long will your journey take, and when will you come back? So the king was pleased to send me, and I gave him a fixed time.
7 Ammas ani akkanan isaan jedhe; “Yoo wanni kun mooticha gammachiise, akka isaan hamma ani Yihuudaa gaʼutti nagaadhaan na dabarsaniif bulchitoota Laga Efraaxiis Gamaatiif xalayaan anaaf haa kennamu.
Further, I said to the king, If it is the king's pleasure, let letters be given to me for the rulers across the river, so that they may let me go through till I come to Judah;
8 Akkasumas akka inni laaxaa ani ittiin dareeraa karra daʼannoo mana qulqullummaa, dallaa magaalaa sanaa fi kan mana ani itti galuuf jiruu tolfadhu naaf kennuuf Aasaaf eegduu bosona mootichaaf xalayaan naaf haa barreeffamu.” Sababii harki Waaqa koo tolaan sun narra tureef mootichi waan ani kadhadhe naa kenne.
And a letter to Asaph, the keeper of the king's park, so that he may give me wood to make boards for the doors of the tower of the house, and for the wall of the town, and for the house which is to be mine. And the king gave me this, for the hand of my God was on me.
9 Kanaafuu ani gara bulchitoota Gama Laga Efraaxiis dhaqee xalayoota mootichaa isaanitti nan kenne. Mootichi ajajjoota waraanaa fi abbootii fardeenii na wajjin ergee ture.
Then I came to the rulers of the lands across the river and gave them the king's letters. Now the king had sent with me captains of the army and horsemen.
10 Sanbalaax Hooroonichii fi Xoobbiyaan qondaaltichi Amoon sun yeroo waan kana dhagaʼanitti sababii namni Israaʼeliif waan tolaa yaadu tokko dhufeef akka malee ni raafaman.
And Sanballat the Horonite and Tobiah the servant, the Ammonite, hearing of it, were greatly troubled because a man had come to the help of the children of Israel.
11 Ani ergan Yerusaalem dhaqee bultii sadii achi bubbulee booddee
So I came to Jerusalem and was there three days.
12 halkaniin kaʼee namoota muraasa wajjin nan baʼe. Ani waan Waaqni koo akka ani Yerusaalemiif godhu garaa koo keessa kaaʼe nama tokkotti iyyuu hin himne. Horii tokkicha ani yaabbadhe sana malee horiin tokko illee na bira hin turre.
And in the night I got up, taking with me a small band of men; I said nothing to any man of what God had put into my heart to do for Jerusalem: and I had no beast with me but the one on which I was seated.
13 Ani halkaniin Karra Sululaatiin gad baʼee gara Boolla Bishaan Jawweetii fi gara Karra Dikee dhaqee dallaa Yerusaalem kan diigamee fi karrawwan ishee kanneen ibiddaan barbadeeffaman sana irra naannaʼeen ilaale.
And I went out by night, through the doorway of the valley, and past the dragon's water-spring as far as the place where waste material was put, viewing the walls of Jerusalem which were broken down, and the doorways which had been burned with fire.
14 Ergasiis ani ittuma fufee gara Karra Burqaa fi gara Haroo mootichaa nan dhaqe; garuu karaan horii ani yaabbadhe dabarsu tokko illee hin turre;
Then I went on to the door of the fountain and to the king's pool: but there was no room for my beast to get through.
15 kanaafuu ani halkaniin karaa sululaatiin ol baʼee dallaa sana nan ilaale. Dhuma irrattis dugda duubatti deebiʼee Karra Sululaatiin ol nan seene.
Then in the night, I went up by the stream, viewing the wall; then turning back, I went in by the door in the valley, and so came back.
16 Sababii ani hamma gaafasitti Yihuudootatti yookaan lubootatti yookaan namoota bebeekamootti yookaan qondaaltotatti yookaan namoota hojii sana hojjechuuf jiran biraa kamitti iyyuu homaa hin himiniif qondaaltonni sun gara ani dhaqe yookaan waan ani hojjechaa ture hin beekne.
And the chiefs had no knowledge of where I had been or what I was doing; and I had not then said anything to the Jews or to the priests or the great ones or the chiefs or the rest of those who were doing the work.
17 Anis akkana isaaniin nan jedhe; “Isin rakkoo nu keessa jirru ni argitu; Yerusaalem diigamteerti; karrawwan ishees ibiddaan gubamaniiru. Kottaa nu akka siʼachi nama kolfaa hin taaneef dallaa Yerusaalem deebifnee ni ijaarraa.”
Then I said to them, You see what a bad condition we are in; how Jerusalem is a waste, and its doorways burned with fire: come, let us get to work, building up the wall of Jerusalem, so that we may no longer be put to shame.
18 Ani waaʼee harka Waaqa koo kan narra jiru tolaa sanaa fi waan mootichi naan jedhe illee isaanitti nan hime. Isaanis, “Kottaa kaanee deebisnee haa ijaarru” jedhanii deebisan. Kanaafuu isaan hojii gaarii kana jalqaban.
Then I gave them an account of how the hand of my God was on me, helping me; and of the king's words which he had said to me. And they said, Let us get to work on the building. So they made their hands strong for the good work.
19 Garuu Sanbalaaxi Hooroonichi, Xoobbiyaan qondaaltichi Amoonii fi Gesheem namni Arabaa sun waan kana dhageenyaan nutti qoosanii nutti kolfan. Isaanis, “Wanni isin hojjettan kun maali? Isin mootichatti fincilaa jirtu moo?” jedhanii gaafatan.
But Sanballat the Horonite and Tobiah the servant, the Ammonite, and Geshem the Arabian, hearing of it, made sport of us, laughing at us and saying, What are you doing? will you go against the king?
20 Ani immoo akkana jedheen deebii kenneef; “Waaqni samii fiixaan nuuf baasa. Nu garboonni isaa immoo kaanee ni ijaarra; isin garuu Yerusaalem keessaa qooda yookaan mirga yookaan yaadannoo tokko illee hin qabdan.”
Then answering them I said, The God of heaven, he will be our help; so we his servants will go on with our building: but you have no part or right or any name in Jerusalem.

< Nahimiyaa 2 >