< Nahimiyaa 13 >

1 Guyyaa sana Kitaabni Musee fuuluma sabaa duratti dubbifame; achi keessattis akka namni Amoon yookaan namni Moʼaab tokko yoom iyyuu waldaa Waaqaatti dabalamuu hin qabne barreeffamee argame;
那日,當著民眾宣讀梅瑟書時,人們聽到書中寫著說:「永遠不准阿孟人和摩阿布人,加入天主的會眾,
2 isaan akka inni saba Israaʼel abaaruuf Balaʼaamin qaxaratan malee midhaanii fi bishaaniin Israaʼeloota hin simanne. Taʼus Waaqni keenya abaarsa sana eebbatti geeddare.
因為他們沒有攜帶飲食歡迎以色列人民,反賄賂巴郎詛咒他們,我們的天主卻將詛咒轉為祝福。
3 Sabnis seera kana dhageenyaan nama sanyii ormaa hunda Israaʼel keessaa kophaatti baase.
民眾一聽了這法律,便將各外族由以色列人中隔絕。
4 Kanaan dura Eliyaashiib lubichi itti gaafatamaa mankuusaalee mana Waaqaa ture. Innis Xoobbiyaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba ture;
這事以前,厄肋雅史布司祭,曾被派管理天主的倉庫,他是托彼雅的親信,
5 innis kutaa manaa balʼaa isaan duraan kennaa midhaanii, ixaana miʼa mana qulqullummaa, akkasumas kennaa midhaanii, kan daadhii wayinii haaraa fi zayitii Lewwotaaf, faarfattootaa fi eegdota karraatiif ajajame harka kudhan keessaa tokkoo fi buusii lubootaaf kennamu itti kuusan tokko Xoobbiyaadhaaf kennee ture.
遂為托彼雅準備了一所大倉房,以前其中是存敦供物、乳香、器具、以及肋未人。歌詠者和守門者按法律所應得的什一之榖、酒和油,並司祭所應得的供物。
6 Ani garuu sababii bara Arxeksis mooticha Baabilon keessa waggaa soddomii lammaffaatti gara mootichaa dhaqee tureef yeroo wanni kun hundi taʼetti Yerusaalem keessa hin turre. Anis yeroo gabaabaa booddee isa irraa eeyyama fudhadhee
發生這一切事時,我不在耶路撒冷,因為在巴比倫王阿塔薛西斯三十二年,我已回到君王那裏;滿了一個時以後,我又求得君王准許,
7 Yerusaalemitti nan deebiʼe. Akka Eliyaashiib oobdii mana Waaqaa keessatti Xoobbiyaadhaaf kutaa tokko kennuun waan hamaa hojjete nan beeke.
回了耶路撒冷;此時我才發覺出,厄雅史布為托彼雅所行的壞事,為他在天主聖殿的庭院中,準備了一所大倉房。
8 Anis akka malee aareen miʼa manaa kan Xoobbiyaa hunda kutaa sana keessaa gad nan dadarbadhe.
我感覺十分難受,立即將托彼雅的一切器物,拋出倉房之外,
9 Ani ergasii akka kutaawwan sun qulqulleeffaman nan ajaje; isaanis ni qulqulleessan; ani immoo miʼa mana Waaqaa, kennaa midhaaniitii fi ixaana wajjin deebisee itti galche.
下命清潔那倉房,將天主聖殿的器具、供物和乳香仍放在裏面。
10 Ani akka qoodni Lewwotaaf ramadame sun isaaniif hin kennaminis nan hubadhe; akkasumas akka Lewwonnii fi faarfattoonni tajaajila sanatti itti gaafatamtoota turan hundi gara lafa qotiisaa ofii isaaniitti deebiʼan nan beeke.
我還發覺肋未人應得之分,人們已不繳納,為此供職的肋未人和歌詠者,各回了本鄉。
11 Kanaafuu ani qondaaltota ifadheen, “Manni Waaqaa maaliif dagatama?” jedheen isaan gaafadhe. Ergasiis ani walitti isaan qabee iddoo isaaniitti isaan nan deebise.
我便責斥首長們說:「為什麼又將肋未人召喚起來,又恢復了他們的職務。
12 Yihuudaan hundi midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii harka kudhan keessaa tokko fidanii mankuusaaleetti galchan.
那時,全猶大又將什一之穀、酒和油送入倉房。
13 Anis Shelemiyaa lubicha, Zaadoq barreessichaa fi Lewwicha Phedaayaa jedhamu tokko itti gaafatamtoota mankuusaalee godheen muude; akkasumas sababii isaan amanamoo taʼaniif Haanaan ilma Zakuur, ilma Mataaniyaa sana gargaaraa isaanii nan godhe. Hojiin isaaniis obboloota isaaniitiif nyaata hiruu ture.
我派定了舍肋米雅司祭、匝多克經師和肋未人培達雅,作管理倉房的人;委任瑪塔尼雅的子孫,匝雇爾的兒子哈南,作他們的助手,都是忠實可靠的人;他們的職務是將十一之物,分給他們的兄弟。
14 Yaa Waaqa ko, waan kanaaf jedhii na yaadadhu; hojii gaarii ani mana Waaqa kootii fi tajaajila isaatiif hojjedhes na duraa hin balleessin.
我的天主,這了這事,請記憶我! 不要抹去我對我天主的聖殿,和其中的禮儀所做的一切善事。
15 Ani bara sana Yihuudaa keessatti namoota guyyaa Sanbataatiin iddoo wayiniin itti cuunfamutti wayinii dhidhiitanii midhaan fidanii, daadhii wayinii, ija wayinii, ija harbuutii fi feʼiisa gosa biraa hunda wajjin harrootatti feʼan nan arge. Isaanis waan kana hunda guyyaa Sanbataatiin Yerusaalemitti fidan. Kanaafuu ani akka isaan guyyaa sana nyaata hin gurgurre isaan nan seere.
那時我在猶大,看見有人在安息日踏榨酒池,搬運禾綑,馱在驢上,並把油、葡萄無花果和其他各種重載,安息日運到耶路撒冷;為了他們在此日買賣應用品,我曾警戒了他們。
16 Namoonni Xiiroos warri Yerusaalem keessa jiraatan qurxummii fi miʼa daldalaa kanneen gosa hundaa itti fidanii guyyaa Sanbataatiin Yerusaalem keessatti warra Yihuudaatti gurguraa turan.
有住這裏的提洛人,運來了魚和各種貨物,安息日還在耶路撒冷賣給猶太人,
17 Ani immoo akkana jedheen namoota Yihuudaa bebeekamoo nan ifadhe; “Wanni hamaan isin guyyaa Sanbataa xureessuudhaan hojjettan kun maal?
我遂責斥有權勢的猶太人說:「你們怎麼行這樣的壞事,褻瀆安息日呢,
18 Abbootiin keessan iyyuu waanuma kana hojjetanii akkasiin Waaqni badiisa kana hunda nuttii fi magaalaa kanatti fide mitii? Isin amma kunoo Sanbata xureessuudhaan dheekkamsa hammas iyyuu caalu Israaʼelitti fidaa jirtu.”
你們的祖先不是曾這樣行事,而使我們的天主,加給了我們和這城這一切災禍嗎﹖現今你們褻瀆安息日,還要義怒再多加在以色列人身上嗎﹖
19 Anis yeroo gaaddisni galgalaa Sanbataan dura karrawwan Yerusaalem irra buʼetti akka balbalawwan cufamanii hamma Sanbanni darbutti hin banamne nan ajaje. Akka feʼiisni tokko illee guyyaa Sanbataatiin ol hin galfamneefis namoota koo tokko tokko karrawwan irra nan dhaabe.
所以在安息日前一天,陰影一來到耶路撒冷城門,我就下令關閉城門,不准開門,直到安息日過去;並派我的僕役守門,安息日不准任何重載運進。
20 Daldaltoonnii fi gurgurtoonni miʼoota gosa hundaa yeroo tokko yookaan yeroo lama Yerusaalemiin ala bulaniiru.
有一兩次,販夫和賣各種貨物的商人,在耶路撒冷外過夜;
21 Ani garuu, “Isin maaliif dallaa jala bultu? Yoo isin itti deebitanii akkas gootan ani humnaan isinitti nan dhufa” jedheen isaan nan seere. Gaafasii jalqabanii isaan lammata guyyaa Sanbataatiin hin dhufne.
我警告他們說:「你們為什麼在城垣前過夜﹖若是你們再這樣做,我就要向你們下手,」從此以後,安息日他們不敢再來。
22 Ani akka Lewwonni of qulqulleessanii qulqullummaa guyyaa Sanbataa eeguuf dhaqanii karrawwan eegan nan ajaje. Yaa Waaqa koo waan kanaaf jedhii na yaadadhu; akkuma jaalala kee guddaa sanaattis naa araarami.
我也命令肋未人先聖潔自己,然後去看守城門,為聖化聖日。我的天主,為了這事,也請你記憶我! 照你的大仁慈憐恤我!
23 Kana caalaa iyyuu ani bara sana keessa namoota Yihuudaa kanneen dubartoonni Ashdood, kan Amooniitii fi kan Moʼaab fuudhan nan arge.
那時,我還發見好些猶太人,娶了阿市多得、阿孟和摩阿布人的女子為妻。
24 Ilmaan isaanii keessaa walakkaan afaan Ashdood yookaan afaan saboota biraa dubbatan malee afaan Yihuudaa dubbachuu hin dandeenye.
他們的兒子,有一半只會說阿市多得話,或這些民族的一種語言,而不會講猶太話。
25 Ani isaan ifadheen isaan nan abaare. Ani namoota tokko tokko rukutee rifeensa isaanii irraa nan bubuqqise. Ani akkana jedheen maqaa Waaqaatiin isaan nan kakachiise: “Isin intallan keessan ilmaan isaaniitti heerumsiisuu yookaan intallan isaanii ilmaan keessan fuusisuu yookaan ofii keessaniis fuudhuu hin qabdan.
我遂責斥咒罵這樣的男人,其中一些我還打了他們,扯了他們的頭髮,叫他們指著天主起誓,向他們說:「你們不可再把你們的女兒,嫁給他們的兒子,也不可為你們的兒子並為你們自己,娶他們的女兒。
26 Solomoon mootichi Israaʼel fuudha akkasiitiin cubbuu hojjete mitii? Saboota baayʼee keessa mootiin akka isaa tokko iyyuu hin turre. Waaqni isa jaallatee Israaʼel hunda irratti mootii isa godhe; taʼus dubartoonni ormaa cubbuu isa hojjechiisan.
以色列的君王撒羅滿,豈不是在這事上犯了罪嗎﹖在這樣多民族中,沒有一個相似他的君王,他又是天主所愛的,天主使他成為全以色列的君王,但是外方女子竟引他犯了罪。
27 Nu amma akka isinis dubartoota ormaa fuudhuudhaan waan akka malee hamaa kana hunda hojjettanii Waaqa keenyaaf amanamuu diddan dhagaʼuu qabnaa?”
我們豈能任憑你們行這一切大壞事,娶外方婦女,背棄天主嗎﹖」
28 Ilmaan Yooyaadaa ilma Eliyaashiib lubicha ol aanaa sanaa keessaa tokko dhirsa intala Sanbalaax namicha Hooroon ture. Anis of biraa isa nan ariʼe.
大司祭厄肋雅史布的兒子約雅達,有個兒子是曷龍人桑巴拉特的女婿,我便驅逐他離開我。
29 Yaa Waaqa koo ati isaan yaadadhu; isaan lubummaa, kakuu lubummaatii fi Lewwotaa xureessaniiruutii.
我的天主,請記住他們! 因為他們褻瀆了司祭和肋未的誓約。
30 Kanaafuu ani waan alaa dhufe hunda irraa lubootaa fi Lewwota qulqulleessee akka tokkoon tokkoon namaa hojii ofii isaa hojjetuuf hojiitti isaan nan ramade.
如此我清除了一切異類,整頓了司祭和肋未人職守,規定了各人應盡的職務,
31 Akkasumas kennaa qoraaniitii fi kennaa mataa midhaanii kan yeroo murtaaʼetti dhiʼeeffamuuf haala nan mijeesse. Yaa Waaqa koo ati arjummaadhaan na yaadadhu.
劃定了奉獻木柴和什一之物的時期。我的天主! 求你記憶我,使我蒙福!

< Nahimiyaa 13 >