< Nahimiyaa 12 >
1 Isaan kunneen lubootaa fi Lewwota warra Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeelii fi Iyyaasuu wajjin deebiʼanii dha: Seraayaa, Ermiyaas, Izraa,
These were the priests and Levites who came up with Zerubbabel son of Shealtiel and with Jeshua: Seraiah, Jeremiah, Ezra,
2 Amariyaa, Maluuk, Haxuush,
Amariah, Malluk, Hattush,
3 Shekaaniyaa, Rehuum, Mereemooti,
Shecaniah, Rehum, and Meremoth.
4 Iddoo, Ginetoon, Abiyaa,
There were Iddo, Ginnethon, Abijah,
5 Miyaamiin, Maʼaadiyaa, Bilgaa,
Mijamin, Moadiah, Bilgah,
6 Shemaaʼiyaa, Yooyaariib, Yedaaʼiyaa,
Shemaiah, and Joiarib, Jedaiah,
7 Saʼaaluu, Aamoq, Hilqiyaa fi Yedaaʼiyaa. Warri kun bara Iyyaasuu keessa hooggantoota lubootaatii fi obboloota isaanii turan.
Sallu, Amok, Hilkiah, and Jedaiah. These were the leaders of the priests and their associates in the days of Jeshua.
8 Lewwonni immoo Yeeshuuʼaa, Binuuyii, Qadmiiʼeel, Sheereebiyaa, Yihuudaa akkasumas Mataaniyaa isa obboloota isaa wajjin faarfannaa galataatti itti gaafatamaa ture sana turan.
The Levites were Jeshua, Binnui, Kadmiel, Sherebiah, Judah, and Mattaniah, who was in charge of the thanksgiving songs, along with his associates.
9 Obboleeyyan isaanii Baqbuqiyaa fi Unniin yeroo tajaajilaatti fuullee isaanii dhadhaabachaa turan.
Bakbukiah and Unni, their associates, stood opposite them during the service.
10 Iyyaasuun abbaa Yooyaaqiim; Yooyaaqiim abbaa Eliyaashiib; Eliyaashiib abbaa Yooyaadaa ti;
Jeshua was the father of Joiakim, Joiakim was the father of Eliashib, Eliashib was the father of Joiada,
11 Yooyaadaan abbaa Yoonaataan; Yoonaataan abbaa Yaaduʼaa ti.
Joiada was the father of Jonathan, and Jonathan was the father of Jaddua.
12 Isaan kunneen bara Yooyaaqiim keessa abbootii maatiiwwan lubootaa turan: Maatii Seraayaa keessaa Meraayaa; maatii Ermiyaas keessaa Hanaaniyaa;
In the days of Joiakim these were the priests, the leaders of the families: Meraiah was the leader of Seraiah, Hananiah was the leader of Jeremiah,
13 maatii Izraa keessaa Meshulaam; maatii Amariyaa keessaa Yehohaanaan;
Meshullam was the leader of Ezra, Jehohanan was the leader of Amariah,
14 maatii Maliikii keessaa Yoonaataan; maatii Shebaniyaa keessaa Yoosef;
Jonathan was the leader of Malluk, and Joseph was the leader of Shebaniah.
15 maatii Haariim keessaa Adinaa; maatii Meraayoot keessaa Helqaayi;
Adna was the leader of Harim, Helkai the leader of Meremoth,
16 maatii Iddoo keessaa Zakkaariyaas; maatii Ginetoon keessaa Meshulaam;
Zechariah was the leader of Iddo, Meshullam was the leader of Ginnethon, and
17 maatii Abiyaa keessaa Zikrii; maatii Miniyaamiinii fi kan Moʼaadiyaa keessaa Philxaayi;
Zichri was the leader of Abijah. ... of Miniamin. Piltai was the leader of Moadiah.
18 maatii Bilgaa keessaa Shamuuʼaa; maatii Shemaaʼiyaa keessaa Yoonaataan;
Shammua was the leader of Bilgah, Jehonathan was the leader of Shemaiah,
19 maatii Yooyaariib keessaa Matenaayi; maatii Yedaaʼiyaa keessaa Uzii;
Mattenai was the leader of Joiarib, Uzzi was the leader of Jedaiah,
20 maatii Sheelaay keessaa Qaalaayi; maatii Aamoq keessaa Eeber;
Kallai was the leader of Sallu, Eber was the leader of Amok,
21 maatii Hilqiyaa keessaa Hashabiyaa; maatii Yedaaʼiyaa keessaa Naatnaaʼel.
Hashabiah was the leader of Hilkiah, and Nethanel was the leader of Jedaiah.
22 Abbootiin maatii Lewwotaa bara Eliyaashiib, Yooyaadaa, Yoohaanaanii fi bara Yaaduʼaa keessa akkasumas abbootiin maatii lubootaa bara mootummaa Daariyoos namicha Faares sanaa keessa galmeeffaman.
In the days of Eliashib, the Levites Eliashib, Joiada, Johanan, and Jaddua were recorded as the heads of families, and the priests were recorded during the reign of Darius the Persian.
23 Lewwonni warri abbootii maatii turan hamma bara Yoohaanaan ilma Eliyaashiibitti kitaaba seenaa keessatti galmeeffaman.
The descendants of Levi, their leaders of families were recorded in the book of the annals up to the days of Johanan son of Eliashib.
24 Hangafoonni Lewwotaas Hashabiyaa, Sheereebiyaa, Yeeshuʼaa ilma Qadmiiʼeel akkasumas obboloota isaanii warra akkuma Daawit namni Waaqaa sun ajajetti faarfannaa fi galata dhiʼeessuudhaaf fuullee isaanii dhaabatanii gareen tokko garee kaan jalaa qabu sana turan.
The leaders of the Levites were Hashabiah, Sherebiah, and Jeshua son of Kadmiel, with their associates, who stood opposite them to give praise and to give thanks, responding section by section, in obedience to the command of David, the man of God.
25 Mataaniyaan, Baqbuqiyaan, Obaadiyaan, Meshulaam, Talmoonii fi Aquub mankuusaalee karrawwan bira jiran eegu turan.
Mattaniah, Bakbukiah, Obadiah, Meshullam, Talmon, and Akkub were gatekeepers standing guard at the storerooms by the gates.
26 Isaanis bara Yooyaaqiim ilma Iyyaasuu, ilma Yoozaadaaq keessa, bara Nahimiyaa bulchaa biyyaatii fi bara Izraa lubicha barreessaa sanaa keessa tajaajilaa turan.
They served in the days of Joiakim son of Jeshua son of Jozadak, and in the days of Nehemiah the governor and of Ezra the priest and scribe.
27 Yeroo eebba dallaa Yerusaalemitti Lewwonni akka faarfannaa galataatiin, kililleedhaan, baganaa fi kiraaraan ayyaana eebbaa sana gammachuun ayyaaneffataniif iddoo jiraatan hundaa barbaadamanii gara Yerusaalem fidaman.
At the dedication of the wall of Jerusalem, the people sought out the Levites wherever they lived, to bring them to Jerusalem to celebrate the dedication with joy, with thanksgivings and singing with cymbals, harps, and with lyres.
28 Faarfattoonnis biyya naannoo Yerusaalem jechuunis gandoota Netoofotaatii,
The fellowship of singers gathered together from the district around Jerusalem and from the villages of the Netophathites.
29 Beet Gilgaalii, naannoo Gebaatii fi Azmaawetitti walitti fidaman; faarfattoonni naannoo Yerusaalemitti gandoota ofii isaanii ijaarratanii turaniitii.
They also came from Beth Gilgal and from the fields of Geba and Azmaveth, for the singers had built for themselves villages around Jerusalem.
30 Luboonnii fi Lewwonnis erga akka seeraatti of qulqulleessanii booddee saba, karrawwanii fi dallaa sana qulqulleessan.
The priests and the Levites purified themselves, and then they purified the people, the gates, and the wall.
31 Anis akka hooggantoonni Yihuudaa dallaatti ol baʼan nan godhe. Akkasumas akka isaan galata dhiʼeessaniif tuuta faarfattootaa lama nan ramade. Tuunni tokko karaa mirgaatiin dallaa irraan gara Karra Dikee dhaqe.
Then I had the leaders of Judah go up to the top of the wall, and I appointed two large choirs who gave thanks. One went to the right on the wall toward the Dung Gate.
32 Hooshaʼiyaa fi hooggantoota Yihuudaa keessaa walakkaan,
Hoshaiah and half the leaders of Judah followed them,
33 Azaariyaa, Izraa, Meshulaam,
and after them went Azariah, Ezra, Meshullam,
34 Yihuudaa, Beniyaam, Shemaaʼiyaa fi Ermiyaas wajjin isaan duukaa buʼan;
Judah, Benjamin, Shemaiah, Jeremiah,
35 akkasumas luboonni malakata qabatan tokko tokkoo fi Zakkaariyaas ilmi Yoonaataan, ilmi Shemaaʼiyaa, ilmi Mataaniyaa, Miikaayaa, ilmi Zakuur, ilmi Asaaf isaan duukaa buʼan;
and some of the priests' sons with trumpets, and Zechariah son of Jonathan son of Shemaiah son of Mattaniah son of Micaiah son of Zaccur son of Asaph.
36 amma illee obboloota isaa jechuunis Shemaaʼiyaan, Azariʼeel, Miilaalaayi, Gilaalayi, Maaʼayi, Naatnaaʼel, Yihuudaa fi Hanaaniim akkuma Daawit namni Waaqaa sun ajajetti meeshaa faarfannaa fudhatanii dhaqan. Izraan barreessaan sun immoo isaan hoogganaa ture.
There also were Zechariah's relatives, Shemaiah, Azarel, Milalai, Gilalai, Maai, Nethanel, Judah, Hanani, with the musical instruments of David the man of God. Ezra the scribe was in front of them.
37 Isaanis Karra Burqaa biraa kaʼanii gulantaawwan Magaalaa Daawit iddoo dallaan ittiin ol kaʼu sanaan mana Daawit irraan qajeelanii gara Karra Bishaanii kan gama baʼa biiftuutti ol baʼan.
By the Fountain Gate they went straight up on the stairs of the city of David, by the stairway to the wall above David's palace, to the Water Gate on the east.
38 Tuunni faarfattootaa lammaffaan immoo gara bitaatti qajeele. Anis gartokkee sabaa wajjin dallaa gubbaadhaan gara Gamoo ol dheeraa Iddoo Ibiddaatii fi Dallaa Balʼaatti isaan duukaa buʼe;
The other choir of those who gave thanks went in the other direction. I followed them on the wall with half the people, above the Tower of Ovens, to the Broad Wall,
39 akkasumas ani Karra Efreem irraan, karaa Karra Moofaa, karaa Karra Qurxummii, karaa Gamoo ol dheeraa Hanaaniʼeelii fi Karaa Gamoo ol dheeraa Dhibbaatiin hamma Karra Hoolotaatti isaan duukaa nan buʼe. Isaanis Karra Eegdotaa bira gaʼanii dhaabatan.
and above the Gate of Ephraim, and by the Old Gate, and by the Fish Gate and the Tower of Hananel and the Tower of the Hundred, to the Sheep Gate, and they stopped at the Gate of the Guard.
40 Tuunni faarfattootaa kan galata dhiʼeesse sun lachuu mana Waaqaa keessatti iddoo isaa qabate; anis qondaaltota gartokko wajjin iddoo nan qabadhe;
So both choirs of those who gave thanks took their place in the house of God, and I also took my place with half of the officials with me.
41 amma illee luboonni jechuunis Eliiyaaqiim, Maʼaseyaan, Miiniyaamiin, Miikaayaan, Eliiyooʼeenayin, Zakkaariyaasii fi Hanaaniyaan malakata isaanii qabatanii
Then the priests took their place: Eliakim, Maaseiah, Miniamin, Micaiah, Elioenai, Zechariah, and Hananiah, with the trumpets,
42 Maʼaseyaan, Shemaaʼiyaan, Eleʼaazaar, Ooziin, Yehohaanaaniin, Malkiyaan, Eelaamii fi Eezer iddoo iddoo isaanii qabatan. Faarfattoonni immoo Yizrahiyaadhaan qajeelfamanii faarfatan.
and also Maaseiah, Shemaiah, Eleazar, Uzzi, Jehohanan, Malchijah, Elam, and Ezer, and the singers made themselves heard and Jezrahiah was their leader.
43 Isaanis sababii Waaqni gammachuu guddaa isaaniif kenneef gaafas gammadaa aarsaa guddaa dhiʼeessan. Dubartoonnii fi ijoolleenis ni gammadan. Sagaleen gammachuu Yerusaalem keessaas fagootti dhagaʼame.
They offered great sacrifices that day, and rejoiced, for God had made them rejoice with great joy. Also the women and the children rejoiced. So the joy of Jerusalem could be heard far away.
44 Yeroo sanatti namoonni mankuusaalee gumaachi, mataan midhaaniitii fi kennaan harka kudhan keessaa tokkoo itti galfamu irratti itti gaafatamtoota taʼanii muudaman. Isaanis lafa qotiisaa naannoo magaalaawwanitti argaman irraa qooda Seerri lubootaa fi Lewwotaaf ajaju sana fidanii mankuusaaleetti galchan; Yihuudaan lubootaa fi Lewwota tajaajilanitti gammadee tureetii.
On that day men were appointed to be in charge of the storerooms for the contributions, the firstfruits, and the tithes, to gather into them the portions required by the law for the priests and for the Levites. Each was assigned to work the fields near the towns. For Judah rejoiced over the priests and the Levites who were standing before them.
45 Isaanis tajaajila Waaqa isaaniitii fi tajaajila sirna qulqullessuu sana akkuma faarfattoonnii fi eegdonni karraa godhan sana akkuma Daawitii fi ilmi isaa Solomoon ajajanitti raawwatan.
They performed the service of their God, and the service of purification, and so did the singers and the gatekeepers, in keeping with the command of David and of Solomon his son.
46 Jabana durii bara Daawitii fi Asaaf keessa qajeelchitoota faarfattootaa, kan faarfannaa Waaqa leellisuutii fi kan Waaqa galateeffachuutu tureetii.
For long ago, in the days of David and Asaph, there were directors of singers, and there were songs of praise and thanksgiving to God.
47 Kanaafuu bara Zarubaabelii fi bara Nahimiyaa keessa Israaʼeloonni hundi qooda guyyuma guyyaadhaan faarfattootaa fi karra eegdotaaf barbaachisu kennan. Akkasumas Lewwota kaaniif qooda isaanii kophaatti baasan; Lewwonnis qooda sanyiiwwan Aroon kophaatti baasan.
In the days of Zerubbabel and in the days of Nehemiah, all Israel gave the daily portions for the singers and the gatekeepers. They set aside the portion that was for the Levites, and the Levites set aside a portion for the descendants of Aaron.