< Nahimiyaa 11 >
1 Yeroo sanatti hooggantoonni sabaa Yerusaalem keessa qubatan; warri kaan immoo akka inni Yerusaalem magaalaa qulqulluu sana keessa jiraatuuf nama kudhan keessaa tokko fidachuuf ixaa buufatan; warri hafan sagallan immoo magaalaadhuma ofii isaanii keessatti hafan.
To, fa, shugabannin mutane suka zauna a Urushalima, sauran mutanen kuma suka jefa ƙuri’a don su kawo mutum ɗaya daga kowane mutum goma don su zauna a Urushalima, birni mai tsarki, yayinda sauran tara suka zauna a garuruwansu.
2 Sabnis namoota Yerusaalem keessa jiraachuuf fedhiin of kennan hunda eebbise.
Sai mutane suka yaba wa dukan mutanen da suka ba da kansu da yardar rai su zauna a Urushalima.
3 Warri kunneen hooggantoota kutaa biyyaa kanneen Yerusaalem keessa qubatanii dha; magaalaawwan Yihuudaa keessa garuu tokkoon tokkoon isaanii qabeenya ofii isaaniitiin magaalaawwan ofii isaanii keessa jiraatan; isaanis: Israaʼeloota, luboota, Lewwota, tajaajiltoota mana qulqullummaa fi sanyiiwwan tajaajiltoota Solomoon;
Waɗannan su ne shugabannin yankuna waɗanda suka zauna a Urushalima (ko da yake waɗansu Isra’ilawa, da firistoci, da Lawiyawa, da ma’aikatan haikali, da zuriyar bayin Solomon, suka yi zama a cikin garuruwan Yahuda, kowanne a mallakarsa cikin garuruwa dabam-dabam,
4 ilmaan Yihuudaa fi ilmaan Beniyaam tokko tokko immoo Yerusaalem keessa jiraatan. Sanyii Yihuudaa Keessaa: Ataayaa ilma Uziyaa, ilma Zakkaariyaas, ilma Amariyaa, ilma Shefaaxiyaa, ilma Mahalaleel, sanyii Faares; akkasumas
yayinda sauran mutane daga Yahuda da Benyamin suka zauna a Urushalima). Daga zuriyar Yahuda akwai, Atahiya ɗan Uzziya, ɗan Zakariya, ɗan Amariya, ɗan Shefatiya, ɗan Mahalalel, wani zuriyar Ferez;
5 Maʼaseyaa ilma Baaruk, ilma Kol-Hoozee, ilma Hazaayaa, ilma Adaayaa, ilma Yooyaariib, ilma Zakkaariyaas, sanyii Shelaa.
da Ma’asehiya ɗan Baruk, ɗan Kol-Hoze, ɗan Hazahiya, ɗan Adahiya, ɗan Yohiyarib, ɗan Zakariya, zuriyar Shela.
6 Sanyiin Faares warri Yerusaalem keessa jiraatan walumaa galatti namoota jajjaboo 468 turan.
Zuriyar Ferez waɗanda suka zauna a Urushalima sun kai ɗari huɗu da sittin da takwas, dukansu kuwa muhimman mutane ne.
7 Sanyii Beniyaam keessaa: Saʼaaluu ilma Meshulaam, ilma Yooʼeed, ilma Phedaayaa, ilma Qolaayaa, ilma Maʼaseyaa, ilma Iitiiʼeel, ilma Yeshaayaa,
Daga zuriyar Benyamin akwai, Sallu ɗan Meshullam, ɗan Yowed, ɗan Fedahiya, ɗan Kolahiya, ɗan Ma’asehiya, ɗan Itiyel, ɗan Yeshahiya,
8 duukaa buutota isaa Gabayii fi Salaayi; isaan walumatti nama 928 turan.
da mabiyansa, Gabbai da Sallai, mutum 928.
9 Yooʼeel ilmi Zikrii toʼataa isaanii ture; Yihuudaan ilmi Hasenuuʼaa bulchaa itti aanaa ture.
Yowel ɗan Zikri ne babban shugabansu, Yahuda kuma ɗan Hassenuwa, ya shugabanci Yanki na Biyu na birni.
10 Luboota keessaa: Yedaaʼiyaa, ilma Yooyaariib, Yaakiin;
Daga firistoci akwai, Yedahiya ɗan Yohiyarib, da Yakin,
11 Seraayaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Zaadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahiixuub, bulchaa mana Waaqaa,
da Serahiya ɗan Hilkiya, ɗan Meshullam, ɗan Zadok, ɗan Merahiyot, ɗan Ahitub, mai lura da abubuwa a cikin gidan Allah,
12 obboloota isaanii kanneen mana qulqullummaa keessa hojjetan; walumatti dhiira 822 turan. Adaayaa ilma Yerooham, ilma Phelaaliyaa, ilma Amzii, ilma Zakkaariyaas, ilma Phaashihuur, ilma Malkiyaatii fi
tare da’yan’uwansu waɗanda suke aiki domin haikali, su 822 ne. Akwai kuma Adahiya ɗan Yeroham, ɗan Felaliya, ɗan Amzi, ɗan Zakariya, ɗan Fashhur, ɗan Malkiya,
13 obboloota isaa warra abbootii maatii turan; walumatti dhiira 242 turan. Amashisaay ilma Azariʼeel, ilma Ahazaayi, ilma Mashileemoot, ilma Imeeriitii fi
da’yan’uwansa waɗanda suke shugabannin iyalai, su 242. Sai kuma Amashsai ɗan Azarel, ɗan Ahzai, ɗan Meshillemot, ɗan Immer,
14 obboloota isaa namoota jajjaboo; walumatti dhiira 128 turan. Toʼataan isaanii Zabdiiʼel ilma Hagdoolim ture.
da’yan’uwansa, su 128 ne muhimman mutane. Babban shugabansu shi ne Zabdiyel ɗan Haggedolim.
15 Lewwota Keessaa: Shemaaʼiyaa ilma Hashuub, ilma Azriiqaam, ilma Hashabiyaa, ilma Buunii;
Daga Lawiyawa kuwa akwai, Shemahiya ɗan Hasshub, ɗan Azrikam, ɗan Hashabiya, ɗan Bunni,
16 hangafoota Lewwotaa keessaa Shaabetaayii fi Yoozaabaad warra hojii mana Waaqaatiin alaatti itti gaafatamoo turan.
da Shabbetai, da kuma Yozabad, biyu cikin shugabanni Lawiyawa waɗanda suke da nawayar aiki waje da gidan Allah.
17 Mataaniyaa ilma Miikaa, ilma Zabdii, ilma Asaaf, namicha yeroo galataatii fi kadhannaatti sagantaa qajeelchu sana; Baqbuqiyaa isa obboloota ofii isaa keessaa lammaffaa ture sana; Abdaa ilma Shamuuʼaa, ilma Gaalaal, ilma Yeduutuun.
Sai kuma Mattaniya ɗan Mika, ɗan Zabdi, ɗan Asaf, shugaban da yake bi da hidimar godiya da kuma addu’a. Sai Bakbukiya, na biyu a cikin’yan’uwansa; da Abda ɗan Shammuwa, ɗan Galal, ɗan Yedutun.
18 Lewwonni magaalaa qulqullittii walumatti 284 turan.
Lawiyawan da suke cikin birni mai tsarki sun kai 284.
19 Eegdota karraa: Aquub, Talmoonii fi obboloota isaanii kanneen karra eegan; isaanis walumatti dhiira 172 turan.
Matsaran ƙofofi kuwa su ne, Akkub, da Talmon, da’yan’uwansu waɗanda suke tsaron ƙofofi, su 172 ne.
20 Israaʼeloonni kaan immoo lubootaa fi Lewwota wajjin magaalaawwan Yihuudaa keessa tokkoon tokkoon isaanii dhaala ofii isaaniitiin jiraatan.
Sauran Isra’ilawa tare da firistoci, da Lawiyawa sun kasance a dukan garuruwan Yahuda, kowanne a mallakar kakansa.
21 Tajaajiltoonni mana qulqullummaa garuu tulluu Oofeel irra jiraatan; Ziihaa fi Gishiphaan immoo ajajjoota isaanii turan.
Ma’aikatan haikali sun zauna a kan tudun Ofel. Ziha, da Gishfa ne suke lura da su.
22 Uuziin ilmi Baanii, ilmi Hashabiyaa, ilmi Mataaniyaa, ilmi Miikaa sun Lewwota Yerusaalem keessa jiraatan irratti qondaala hangafa ture. Uuziin kun sanyiiwwan Asaaf warra faarfattoota itti gaafatamtoota hojii mana Waaqaa turan keessaa tokko ture.
Babban shugaban Lawiyawa a Urushalima shi ne Uzzi ɗan Bani, ɗan Hashabiya, ɗan Mattaniya, ɗan Mika. Uzzi yana ɗaya daga zuriyar Asaf, waɗanda suke mawaƙan da suke da nawayar hidima a gidan Allah.
23 Faarfattoonni sun ajaja mootichaa kan guyyaa guyyaan hojii isaanii qajeelchu jala turan.
Mawaƙa sun bi umarnan sarki, a kan abin da za su yi kowace rana.
24 Phetaayaan ilmi Mesheezabeel inni sanyiiwwan Zaaraa ilma Yihuudaa keessaa tokko taʼe sun dhimma saba ilaalu hunda keessatti iddoo buʼaa mootichaa ture.
Fetahahiya ɗan Meshezabel, ɗaya daga zuriyar Zera ɗan Yahuda ne, wakilin sarki cikin dukan al’amuran da suka shafi mutane.
25 Gama gandoota lafa qotiisaa qabaniitiin immoo sabni Yihuudaa tokko tokko Kiriyaati Arbaaqii fi gandoota ishee keessa, Diiboonii fi gandoota ishee keessa, Yeqabziʼeelii fi gandoota ishee keessa,
Game da ƙauyukan da filayensu, waɗansu mutanen Yahuda suka zauna a Kiriyat Arba da ƙauyukanta, da Dibon da ƙauyukanta, da Yekabzeyel da ƙauyukanta.
26 Yeeshuʼaa keessa, Molaadaa keessa, Beet Phelexi keessa,
Akwai su kuma a Yeshuwa, da Molada, da Bet-Felet,
27 Hazar Shuuʼaal keessa, Bersheebaa fi gandoota ishee keessa,
da Hazar Shuwal, da Beyersheba da ƙauyukanta.
28 Siiqlaagi keessa, Mekoonaa fi gandoota ishee keessa,
Akwai su a Ziklag, da Mekona da ƙauyukanta.
29 Een Rimoon keessa, Zoraa keessa, Yarmuut keessa,
Suna nan kuma a En Rimmon, da Zora, da Yarmut,
30 Zaanoʼaa keessa, Adulaamii fi gandoota ishee keessa, Laakkiishii fi lafa qotiisaawwan ishee keessa, Azeeqaa fi gandoota ishee keessa qubatan. Kanaafuu isaan Bersheebaa jalqabanii hamma Sulula Hinoomitti jiraatan.
da Zanowa, da Adullam da ƙauyukansu, da Lakish da gonakinta, da kuma Azeka da ƙauyukanta. Saboda haka sun yi zama tun daga Beyersheba har zuwa Kwarin Hinnom.
31 Sanyiiwwan Beniyaam Gebaadhaa jalqabanii Mikmaas keessa, Ayyaa keessa, Beetʼeelii fi gandoota ishee keessa,
Zuriyar mutanen Benyamin daga Geba sun zauna a Mikmash, da Aiya, da Betel da ƙauyukanta,
32 Anaatoot keessa, Noobii fi Hanaaniyaa keessa,
da Anatot, da Nob, da Ananiya,
33 Haazoor keessa, Raamaa fi Gitayim keessa,
da Hazor, da Rama, da Gittayim,
34 Haadiid keessa, Zebooʼiimii fi Nebalaax keessa,
da Hadid, da Zeboyim, da Neballat,
35 Lood, Oonoo fi Gehaaraashim keessa jiraatan.
da Lod, da Ono, da kuma a Kwarin Masu sana’a.
36 Garee Lewwota Yihuudaa keessaa tokko tokko immoo gosoota Beniyaam gidduu qubatan.
Waɗansu gundumomin Lawiyawan Yahuda sun zauna a Benyamin.