< Nahimiyaa 10 >

1 Warri chaappaan rukutanis kanneenii dha: Bulchaa biyyaa jechuunis Nahimiyaa ilma Hakaaliyaa. Zedeqiyaa,
Waɗanda suka buga hatimin su ne, Nehemiya ɗan Hakaliya, wanda yake gwamna. Zedekiya
2 Seraayaa, Azaariyaa, Ermiyaas,
da Serahiya, da Azariya, da Irmiya,
3 Phaashihuur, Amariyaa, Malkiyaa,
da Fashhur, da Amariya, da Malkiya,
4 Haxuush, Shebaniyaa, Maluuk,
da Hattush, da Shebaniya, da Malluk,
5 Haariim, Mereemooti, Obaadiyaa,
da Harim, da Meremot, da Obadiya,
6 Daaniʼel, Ginetoon, Baaruk,
da Daniyel, da Ginneton, da Baruk,
7 Meshulaam, Abiyaa, Miyaamiin,
da Meshullam, da Abiya, da Miyamin,
8 Maʼaaziyaa, Bilgaayii fi Shemaaʼiyaa. Warri kunneen luboota turan.
da Ma’aziya, da Bilgai, da kuma Shemahiya. Waɗannan su ne Firistocin.
9 Lewwonni: Yeeshuuʼaa ilma Azaniyaa, ilmaan Heenaadaad keessaa Binuuyii, Qadmiiʼeelii fi
Lawiyawan kuwa su ne, Yeshuwa ɗan Azaniya, da Binnuyi ɗan Henadad, da Kadmiyel,
10 obboloota isaanii: Shebaniyaa, Hoodiyaa, Qeliixaa, Phelaayaa, Haanaan,
’yan’uwansu kuwa su ne, Shebaniya, da Hodiya, da Kelita, da Felahiya, da Hanan,
11 Miikaa, Rehoob, Hashabiyaa,
da Mika, da Rehob, da Hashabiya,
12 Zakuur, Sheereebiyaa, Shebaniyaa,
da Zakkur, da Sherebiya, da Shebaniya,
13 Hoodiyaa, Baanii fi Beniinuu.
da Hodiya, da Bani da kuma Beninu.
14 Bulchitoota sabaa: Phaarosh, Fahat Moʼaab, Eelaam, Zaatuu, Baanii,
Shugabannin mutane su ne, Farosh, da Fahat-Mowab, da Elam, da Zattu, da Bani,
15 Bunii, Azgaad, Beebay,
da Bunni, da Azgad, da Bebai,
16 Adooniyaa, Baguwaay, Aadiin,
da Adoniya, da Bigwai, da Adin,
17 Ateer, Hisqiyaas, Azuri,
da Ater, da Hezekiya, da Azzur,
18 Hoodiyaa, Haashum, Beesaay,
da Hodiya, da Hashum, da Bezai,
19 Haariif, Anaatoot, Nebaayi,
da Harif, da Anatot, da Nebai,
20 Magiphiiʼaash, Meshulaam, Heeziir,
da Magfiyash, da Meshullam, da Hezir,
21 Mesheezabeel, Zaadoq, Yaaduʼaa,
da Meshezabel, da Zadok, da Yadduwa
22 Phelaatiyaa, Haanaan, Anaayaa,
da Felatiya, da Hanan, da Anahiya,
23 Hoosheeʼaa, Hanaaniyaa, Hashuub,
da Hosheya, da Hananiya, da Hasshub,
24 Haloheesh, Philihaa, Soobeq,
da Hallohesh, da Filha, da Shobek,
25 Rehuum, Hashabnaa, Maʼaseyaa,
da Rehum, da Hashabna, da Ma’asehiya
26 Ahiiyaa, Haanaan, Aanaan,
da Ahiya, da Hanan, da Anan,
27 Maluuk, Haariimii fi Baʼanaa.
da Malluk, da Harim da kuma Ba’ana.
28 “Namoonni hafan kaan jechuunis luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonni, tajaajiltoonni mana qulqullummaatii fi warri Seera Waaqaatiif jedhanii saboota ollaa irraa kophaa of baasan hundinuu niitota isaanii, ilmaanii fi intallan isaanii kanneen waa hubachuu dandaʼan hunda wajjin
“Sauran mutane, wato, firistoci, Lawiyawa, matsaran ƙofofi, mawaƙa, ma’aikatan haikali da dukan waɗanda suka ware kansu daga maƙwabta saboda Dokar Allah, tare da matansu da dukan’ya’yansu maza da mata waɗanda za su iya fahimta,
29 obboloota isaanii bebeekamootti dabalamanii akka Seera Waaqaa kan karaa Musee garbicha Waaqaa sanaatiin kenname sana eeganiif ajaja, seeraa fi labsii Waaqayyo Gooftaa keenyaa hundaaf ajajamaniif abaarsaa fi kakuudhaan waadaa galan.
dukan waɗannan yanzu suka sadu da manyan gari’yan’uwansu, suka rantse, cewa la’ana ta same su idan ba su kiyaye Dokar Allah da aka bayar ta wurin Musa bawan Allah su kuma mai da hankali ga yin biyayya da dukan umarnai, ƙa’idodi da farillan Ubangiji shugabanmu ba.
30 “Nu akka warra naannoo keenya jiraatanitti intallan keenya hin heerumsiifne yookaan akka ilmaan keenya illee intallan isaanii hin fuusifne waadaa galla.
“Mun yi alkawari ba za mu ba da’ya’yanmu mata aure ga mutanen da suke kewaye da mu ba, ba kuwa za mu auri’ya’yansu mata wa’ya’yanmu maza ba.
31 “Yoo saboonni ollaa keenya jiraatan miʼa daldalaa yookaan midhaan gurguraa guyyaa Sanbataatiin fidan nu guyyaa Sanbataatiin yookaan guyyaa qulqulluu kamiin iyyuu isaan irraa hin bitannu. Waggaa torbaffaa kam iyyuu lafa qotiisaa boqochiifnee idaa hunda namaaf ni dhiifna.
“Sa’ad da maƙwabta suka kawo kayayyaki ko hatsi don su sayar a ranar Asabbaci, ba za mu saya daga gare su a ranar Asabbaci ko a rana mai tsarki ba. Kowace shekarar Asabbaci ba za mu nome ƙasa ba kuma za mu yafe kowane irin bashi.
32 “Akka waggaa hunda tajaajila mana Waaqa keenyaatiif jennee saqilii argannu harka sadii keessaa harka tokko kenninu itti gaafatamummaa ni fudhanna;
“Mun ɗauka hakkin bin umarnai na ba da kashi ɗaya bisa uku na shekel kowace shekara don hidimar gidan Allahnmu.
33 kunis buddeena minjaala irratti dhiʼeeffamuuf, kennaa midhaaniitii fi aarsaa gubamu kan yeroo yerootti dhiʼeeffamuuf, aarsaa guyyaa Sanbataatiif, kan ayyaana Baatii Haaraatii fi kan ayyaanota bebeekamoo, aarsaawwan qulqullaaʼoodhaaf, aarsaawwan cubbuu kanneen Israaʼeliif araara buusuuf dhiʼeeffamaniif, akkasumas hojiiwwan mana Waaqa keenyaa keessaa hundaafii dha.
Za mu tanada burodin da ake ajiye a kan tebur; za mu ba da hadayun hatsi da hadayun ƙonawa na kullum; za mu ba da hadayun Asabbatai, da na bukukkuwan Sabon Wata da na bukukkuwan da aka ƙayyade; za mu ba da hadayu masu tsarki; za mu ba da hadayun zunubi don a yi kafara domin Isra’ila; mu kuma ba da abubuwan da ake bukata dukan domin ayyukan gidan Allahnmu.
34 “Nu, luboonni, Lewwonnii fi sabni yeroo itti tokkoon tokkoon maatiiwwan keenyaa akkuma Seera keessatti barreeffametti waggaa hunda keessaa yeroo murteeffametti iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keenyaa irratti bobeessuuf kennaa qoraanii gara mana Waaqa keenyaa fiduu qabnu beekuuf ixaa buufanneerra.
“Mu, firistoci, da Lawiyawa da kuma mutane, mun jefa ƙuri’a don a san lokacin da kowane iyalinmu zai kawo sadakar itace don ƙonewa a gidan Allahnmu a ƙayyadaddun lokuta a bagaden Ubangiji Allahnmu, kamar yadda yake a rubuce a cikin Doka.
35 “Akkasumas nu mataa midhaan keenyaatii fi mataa muka ija kennuu hunda waggaa waggaadhaan gara mana Waaqayyoo fiduuf itti gaafatama fudhanneerra.
“Mun kuma ɗauka hakkin kawo nunan fari na hatsinmu da kuma na kowane itace mai ba da’ya’ya a gidan Ubangiji kowace shekara.
36 “Akkuma Seera keessatti barreeffametti hangafa ilmaan keenyaatii fi hangafa loon keenyaa, hangafa horii keenyaatii fi hangafa bushaayee keenyaa gara mana Waaqa keenyaa, luboota achi keessa tajaajilanitti ni geessina.
“Kamar yadda yake a rubuce a cikin Doka, za mu kawo ɗan fari na’ya’yanmu maza da na garken shanunmu, da na tumakinmu, da kuma na awakinmu a gidan Allahnmu, don firistocin da suke aikin a can.
37 “Kana malees nu daakuu keenya kan bukeeffame irraa, kennaawwan midhaan keenyaa irraa, ija mukkeen keenyaa hunda irraa, daadhii wayinii keenyaa haaraa fi zayitii irraa mataa fuunee gara mankuusaalee mana Waaqa keenyaa lubootatti geessina. Amma illee sababii warri harka kudhan keessaa harka tokko walitti qaban Lewwota taʼaniif magaalaawwan keessa hojjennu hunda keessaa oomisha midhaan keenyaa harka kudhan keessaa harka tokko Lewwotatti geessina.
“Ban da haka ma, za mu kawo wa ɗakunan ajiyar gidan Allahnmu, abincinmu na farko daga ƙasa, na hadayun hatsinmu, na’ya’yan dukan itatuwanmu da kuma na sabon ruwan inabinmu da mai namu wa firistoci. Za mu kuma kawo zakkar hatsinmu wa Lawiyawa, gama Lawiyawa ne ke karɓan Zakka cikin dukan garuruwan da muke noma.
38 Yeroo Lewwonni kennaa harka kudhan keessaa tokko walitti qabanitti lubni sanyii Aroon keessaa dhalate tokko isaan wajjin jiraachuu qaba; ergasii Lewwonni kennaa walitti qaban sana keessaa harka kudhan keessaa tokko gara mana Waaqa keenyaa, gara mankuusaa qabeenyaatti fiduu qabu.
Firist wanda yake daga zuriyar Haruna zai raka Lawiyawa sa’ad da suke karɓan zakka, Lawiyawan kuma za su kawo kashi ɗaya bisa goma na zakka zuwa gidan Allahnmu, su kawo a ɗakunan ajiya na baitulmali.
39 Sabni Israaʼelii fi ilmaan Lewwii kennaa midhaanii, kan daadhii wayinii haaraa fi kan zayitii gara mankuusaalee miʼi mana qulqullummaa kaaʼamu, iddoo luboonni tajaajilan, eegdonni karraa fi faarfattoonni taaʼanitti fiduu qabu. “Nus mana Waaqa keenyaa hin dagannu.”
Mutanen Isra’ila haɗe da Lawiyawa, za su kawo sadakokinsu na hatsi, sabon ruwan inabi da mai a ɗakunan ajiya inda ake ajiyar kayayyakin wuri mai tsarki da kuma inda firistoci, matsaran ƙofofi da kuma mawaƙa suke zama. “Ba za mu ƙyale gidan Allahnmu ba.”

< Nahimiyaa 10 >