< Nahimiyaa 1 >

1 Dubbii Nahimiyaa ilma Hakaaliyaa: Waggaa digdammaffaatti jiʼa Kaaseluu jedhamu keessa utuu ani gamoo Suusaa keessa jiruu,
Awa ndi mawu a Nehemiya mwana wa Hakaliya: Pa mwezi wa Kisilevi, chaka cha makumi awiri, pamene ndinali mu mzinda wa Susa,
2 obboloota koo keessaa Hanaaniin namoota biraa wajjin Yihuudaadhaa dhufe; anis waaʼee hambaa Yihuudoota boojuu jalaa baʼanii fi waaʼee Yerusaalem isaan nan gaafadhe.
Hanani mmodzi mwa abale anga, anabwera ndi anthu ena kuchokera ku Yuda, ndipo ine ndinawafunsa za Ayuda otsala amene sanatengedwe ukapolo, ndiponso za mzinda wa Yerusalemu.
3 Isaanis akkana naan jedhan; “Warri boojuudhaa deebiʼanii kutaa biyyaa kana keessa jiraatan rakkinaa fi salphina guddaa keessa jiru. Dallaan Yerusaalem diigamee karraawwan ishees ibiddaan gubamaniiru.”
Anandiyankha kuti, “Amene sanatengedwe ukapolo aja ali pa mavuto aakulu ndipo ali ndi manyazi. Khoma la Yerusalemu ndilogamukagamuka ndipo zipata zake zinatenthedwa ndi moto.”
4 Anis waan kana dhageenyaan gad taaʼee booʼee guyyoota muraasaaf nan gadde; soomees fuula Waaqa samii durattin kadhadhe.
Nditamva zimenezi, ndinakhala pansi ndi kuyamba kulira. Ndinalira kwa masiku angapo. Ndinkasala zakudya ndi kumapemphera pamaso pa Mulungu Wakumwamba.
5 Akkanas nan jedhe: “Yaa Waaqayyo Waaqa samii, Waaqa guddichaa fi sodaachisaa, kan warra si jaallatanii ajaja kee eeganiif kakuu jaalala keetii eegdu,
Ndinkati: “Inu Yehova, Mulungu wakumwamba, Mulungu wamkulu ndi woopsa. Mumasunga pangano ndi kuonetsa chikondi chosasinthika kwa onse amene amakukondani ndi kumvera malamulo anu.
6 akka kadhannaa ani garbichi kee halkanii fi guyyaa fuula kee duratti waaʼee garboota kee saba Israaʼel kadhadhu dhageessuuf gurri kee haa banamu; iji kees haa ilaalu. Ani cubbuu nu Israaʼeloonni, ani mataan koo fi manni abbaa koo sitti hojjenne nan hima.
Tcherani khutu lanu ndi kutsekula maso anu kuti mumve pemphero la mtumiki wanune limene ndikupemphera usana ndi usiku pamaso panu kupempherera Aisraeli, atumiki anu. Ndikuvomereza machimo a Aisraeli amene tinakuchimwirani. Ndithu, ine ndi banja la makolo anga tinakuchimwirani.
7 Nu akka malee hammina sitti hojjenneerra. Nu ajaja, labsii fi seera ati garbicha kee Museetti kennite sana hin eegne.
Ife tinakuchitirani zoyipa zambiri. Sitinamvere mawu anu, malamulo ndi malangizo anu amene munapereka kwa mtumiki wanu Mose.
8 “Qajeelfama garbicha kee Museetti kennite sana yaadadhu; innis akkana jedha; ‘Yoo isin amanamuu baattan ani saboota keessa isin nan bittinneessa;
“Kumbukirani mawu amene munawuza mtumiki wanu Mose akuti, ‘Ngati mukhala osakhulupirika, ndidzakubalalitsani pakati pa mitundu ina.
9 garuu yoo isin gara kootti deebitanii ajaja koo eegdan, yoo namoonni keessan kanneen boojiʼaman daarii lafaa jiraatan illee ani achii walitti isaanin qabee gara iddoo ani akka Maqaan koo achi jiraatuuf filadhe sanaatti isaan nan fida.’
Koma mukabwerera kwa Ine, mukamvera malamulo anga ndi kuwatsatadi, ndiye kuti ngakhale anthu anu atabalalika kutali chotani, Ine ndidzawasonkhanitsa kuchokera kumeneko ndi kubwera nawo ku malo amene ndinasankha kuti azidzayitanira dzina langa.’
10 “Isaan garboota kee fi saba kee warra ati humna kee guddaa fi harka kee jabaa sanaan furtee dha.
“Iwo ndi atumiki anu ndi anthu anu, amene munawawombola ndi mphamvu yanu yayikulu ndi dzanja lanu lamphamvu.
11 Yaa Gooftaa, gurri kee kadhannaa garbicha kee kanaa fi kadhannaa garboota kee warra maqaa kee sodaachuutti gammadanii sirriitti haa dhagaʼu. Fuula namicha kanaa duratti surraa isaaf kennuudhaan harʼa garbicha kee milkeessi.” Ani nama mootichaaf daadhii buusun ture.
Inu Ambuye tcherani khutu lanu kuti mumve pemphero la mtumiki wanune ndiponso pemphero la atumiki anu amene amakondwera kuchitira ulemu dzina lanu. Lolani kuti mtumiki wanune zinthu zindiyendere bwino lero ndi kuti mfumu indichitire chifundo.” Nthawi imeneyi nʼkuti ndili woperekera zakumwa kwa mfumu.

< Nahimiyaa 1 >