< Naahoom 1 >
1 Raajii waaʼee Nanawwee dubbatame. Kitaaba mulʼata Naahoom Elqooshicha.
Uthenga wonena za Ninive. Buku la masomphenya a Nahumu wa ku Elikosi.
2 Waaqayyo Waaqa hinaafuu fi Waaqa haaloo baʼuu dha; Waaqayyo haaloo ni baʼa; dheekkamsaanis guutameera. Waaqayyo diinota isaa haaloo ni baʼa; dheekkamsa isaas amajaajota isaatiif ni kuusa.
Yehova ndi Mulungu wansanje ndiponso wobwezera; Yehova amabwezera ndipo ndi waukali. Yehova amabwezera adani ake ndipo ukali wake umakhala nthawi zonse pa adani akewo.
3 Waaqayyo dheekkamuuf hin jarjaru; humni isaa immoo guddaa dha; Waaqayyo nama balleessaa qabu utuu hin adabin hin dhiisu. Bubbee hamaa fi dhaʼaa galaanaa keessaas karaa qaba; duumessi immoo awwaara miilla isaa ti.
Yehova sakwiya msanga koma ndi wa mphamvu yayikulu; ndipo sadzalola kuti munthu wolakwa asalangidwe. Iye amayenda mʼkamvuluvulu ndi mʼnamondwe, ndipo mitambo ndi fumbi la ku mapazi ake.
4 Inni galaanatti dheekkamee gogsa; akka lagni hundinuu gogu godha. Baashaanii fi Qarmeloos ni coollagu; daraaraa Libaanoonis ni harcaʼa.
Amalamulira nyanja ndipo imawuma; amawumitsa mitsinje yonse. Zomera za ku Basani ndi Karimeli zimawuma ndipo maluwa a ku Lebanoni amafota.
5 Fuula isaa duratti tulluuwwan ni kirkiru; gaarranis baqanii badu. Iddoo inni jirutti lafti ni hollatti; addunyaa fi wanni addunyaa irra jiraatu hundi ni hollatu.
Mapiri amagwedera pamaso pake ndipo zitunda zimasungunuka. Dziko lapansi limanjenjemera pamaso pake, dziko lonse ndi zonse zokhala mʼmenemo.
6 Eenyutu dheekkamsa isaa dura dhaabachuu dandaʼa? Eenyutu dheekkamsa isaa sodaachisaa sana obsuu dandaʼa? Dheekkamsi isaa akkuma ibiddaa dhangalaʼa; fuula isaa duratti kattaawwan ni burkutaaʼu.
Ndani angathe kuyima pamaso pake Iye akalusa? Ndani angapirire mkwiyo wake woopsa? Ukali wake ukuyaka ngati moto; matanthwe akunyeka pamaso pake.
7 Waaqayyo gaarii dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha. Inni warra isa amanatan ni beeka;
Yehova ndi wabwino, ndiye kothawirako nthawi ya masautso. Amasamalira amene amamudalira,
8 Garuu inni lolaa jabaadhaan Nanawwee ni balleessa; amajaajota isaas ariʼee dukkanatti galcha.
koma ndi madzi achigumula choopsa Iye adzawononga adani ake (Ninive); adzapirikitsira adani ake ku malo a mdima.
9 Wanni isin Waaqayyootti yaaddan maali? inni guutumaan guutuutti ni balleessa; rakkoonis lammata hin dhufu.
Chiwembu chilichonse chimene akukonzekera kumuchitira Yehova adzachiwononga kotheratu; msautso sudzabweranso kachiwiri.
10 Isaan qoraattii keessatti xaxamanii daadhii wayinii isaaniitiin machaaʼu; akkuma cidii gogeetti gubatanii dhumu.
Iwo adzakodwa mu ziyangoyango za minga ndipo adzaledzera ndi vinyo wawo; adzatenthedwa ngati ziputu zowuma.
11 Yaa Nanawwee, namni Waaqayyotti hammina malatee waan hamaa karoorfatu si keessaa argameera.
Kwa iwe, Ninive, kunachokera munthu wa cholinga choyipa, wofuna kuchitira Yehova chiwembu, amene amapereka uphungu woyipa.
12 Waaqayyo akkana jedha: “Isaan jabinaa fi baayʼina yoo qabaatan iyyuu isaan ni barbadeeffamu; ni badus. Yaa Yihuudaa, ani yoon duraan si miidhee jiraadhe iyyuu, siʼachi si hin miidhu.
Yehova akuti, “Ngakhale Asiriyawo ali ndi abwenzi, kaya iwowo ndi ambiri, koma adzawonongedwa ndi kutheratu. Ngakhale ndinakuzunza iwe Yuda, sindidzakuzunzanso.
13 Ani amma waanjoo isaanii gurmuu keessan irraa nan cabsa; hudhaa kees sirraa nan kuta.”
Tsopano ndidzathyola goli lake pa khosi lako ndipo ndidzadula maunyolo ako.”
14 Yaa Nanawwee, Waaqayyo akkana jedhee waaʼee kee ajaja kennee jira: “Ati sanyii maqaan kee ittiin waamamu hin qabaattu. Ani fakkiiwwan soofamanii fi waaqota tolfamoo baqfamanii tolfaman kanneen galmawwan waaqota keetii keessa jiran nan barbadeessa. Waan ati akka malee balfamaa taateef ani awwaala siif nan qopheessa.”
Yehova walamulira za iwe, Ninive kuti, “Sudzakhala ndi zidzukulu zimene zidzadziwike ndi dzina lako. Ndidzawononga zifanizo zosema ndi mafano owumba amene ali mʼnyumba ya milungu yako. Ine ndidzakukumbira manda chifukwa ndiwe woyipitsitsa.”
15 Kunoo, miilli nama oduu gaarii fidu, kan nagaa labsu tokkoo tulluuwwan irra jira! Yaa Yihuudaa, ayyaanota kee ayyaaneffadhu; wareega kees baafadhu. Siʼachi hamaan si hin weeraru; inni guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.
Taonani, pa phiripo, mapazi a munthu amene akubweretsa nkhani yabwino, amene akulengeza za mtendere! Inu anthu a ku Yuda, chitani madyerero anu ndipo kwaniritsani malumbiro anu. Anthu oyipa sadzakuthiraninso nkhondo; iwo adzawonongedwa kotheratu.