< Naahoom 3 >

1 Magaalattii dhiigaatiif, kan sobaan guutamteef, kan saamichaan guutamteef, kan warri hammina hojjetan keessaa hin dhabamne sanaaf wayyoo!
הוי עיר דמים כלה כחש פרק מלאה--לא ימיש טרף
2 Iyyi qaccee, kakaksuun gommaa, gulufuun fardaa, didichuun gaarii lolaa ni dhagaʼama!
קול שוט וקול רעש אופן וסוס דהר ומרכבה מרקדה
3 Abbaan fardaa ni gulufa; goraadeen ni balaqqisa; eeboon ni calaqqisa! Balaan hedduun nama irra gaʼeera; namni baayʼeen duʼeera; reeffi lakkoobsa hin qabu; namoonnis reeffa isaaniitti gufatu;
פרש מעלה ולהב חרב וברק חנית ורב חלל וכבד פגר ואין קצה לגויה יכשלו (וכשלו) בגויתם
4 kun hundi sababii baayʼina sagaagalummaa sagaagaltuu, giiftii falfaltootaa, kan sagaagaltummaa isheetiin saboota, tolcha isheetiin immoo uummata garboomsite sanaatiin taʼe.
מרב זנוני זונה טובת חן בעלת כשפים המכרת גוים בזנוניה ומשפחות בכשפיה
5 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani sitti kaʼeen jira. Ani uffata kee fuula keetti ol soqola. Ani sabootatti qullaa kee, mootummootatti immoo qaanii kee nan mulʼisa.
הנני אליך נאם יהוה צבאות וגליתי שוליך על פניך והראיתי גוים מערך וממלכות קלונך
6 Ani xuriidhaan sin faala; akka malee sin tuffadha; waan kolfaa illee sin godha.
והשלכתי עליך שקצים ונבלתיך ושמתיך כראי
7 Namni si argu hundi sirraa baqatee, ‘Nanawween baduutti jirti; eenyutu booʼaaf?’ siin jedha. Ani nama si jajjabeessu tokko illee eessaa argadha?”
והיה כל ראיך ידוד ממך ואמר שדדה נינוה מי ינוד לה מאין אבקש מנחמים לך
8 Ati, Nooʼi Amoon biyya laga Abbayyaa irraa kan bishaaniin marfamte sana caaltaa? Lagni daʼoo ishee ti; bishaanis dallaa ishee ti.
התיטבי מנא אמון הישבה ביארים מים סביב לה--אשר חיל ים מים חומתה
9 Itoophiyaa fi Gibxi jabina ishee kan dhuma hin qabnee dha; Fuuxii fi Liibiyaan tumsitoota ishee ti.
כוש עצמה ומצרים ואין קצה פוט ולובים היו בעזרתך
10 Taʼus isheen boojiʼamtee biyya ormaatti geeffamte. Daaʼimman ishee mataa daandii hundaa irratti miciriqfamanii dhuman. Namoota ishee ulfaatootti ixaa buufatanii namoonni ishee gurguddoonni hundinuu foncaadhaan hidhaman.
גם היא לגלה הלכה בשבי--גם עלליה ירטשו בראש כל חוצות ועל נכבדיה ידו גורל וכל גדוליה רתקו בזקים
11 Atis ni machoofta; ni dhokattas; diina jalaa baʼuufis daʼoo barbaaddatta.
גם את תשכרי תהי נעלמה גם את תבקשי מעוז מאויב
12 Daʼoon kee hundi mukkeen harbuu kanneen ija jalqabatti bilchaate qaban fakkaata; yeroo mukkeen sun hurgufamanitti iji isaanii afaan nama waa nyaatuu keessa buʼa.
כל מבצריך--תאנים עם בכורים אם ינועו ונפלו על פי אוכל
13 Mee raayyaawwan kee ilaali; isaan hundinuu dubartoota! Karrawwan biyya keetii diinota keetiif balʼatanii banamanii jiru; ibiddis danqaraa isaanii gubee fixeera.
הנה עמך נשים בקרבך לאיביך פתוח נפתחו שערי ארצך אכלה אש בריחיך
14 Utuu hin marfamin bishaan waraabbadhu; humna hittisaa kee jajjabeeffadhu! Suphee tolfadhu; dhoqqee suphee dhiittadhu; xuubii tolfadhu.
מי מצור שאבי לך חזקי מבצריך באי בטיט ורמסי בחמר החזיקי מלבן
15 Achitti ibiddi si fixa; goraadeenis si cicciree akkuma korophisaas si barbadeessa. Akka korophisaa hori; akkuma hawwaannisaa baayʼadhu.
שם תאכלך אש--תכריתך חרב תאכלך כילק התכבד כילק התכבדי כארבה
16 Ati hamma isaan urjii samii caalaa baayʼatanitti daldaltoota kee baayʼifatteerta; isaan garuu akkuma hawwaannisaa biyyatii qullaa hambisanii ergasii barrisanii deemu.
הרבית רכליך מכוכבי השמים ילק פשט ויעף
17 Eegdonni kee akkuma hawwaannisaa ti; qondaaltonni kees akkuma tuuta hawwaannisaa kan guyyaa qabbanaa dallaa irra qubatuu ti; yeroo aduun baatu garuu barrisanii badu; namni tokko iyyuu gara isaan dhaqan hin beeku.
מנזריך כארבה וטפסריך כגוב גבי החונים בגדרות ביום קרה--שמש זרחה ונודד ולא נודע מקומו אים
18 Yaa mootii Asoor tiksoonni kee ni mugu; namoonni kee ulfaatoon boqochuuf gad ciciisaniiru. Namoonni kee nama walitti isaan qabu dhabanii tulluuwwan irratti bibittinnaaʼaniiru.
נמו רעיך מלך אשור ישכנו אדיריך נפשו עמך על ההרים ואין מקבץ
19 Wanni tokko iyyuu madaa kee fayyisuu hin dandaʼu; miidhamni kees kan duʼaan si gaʼuu dha. Namni oduu waaʼee keetii dhagaʼu hundinuu kufaatii keetti harka walitti rurrukuta; gara jabina kee kan dhuma hin qabne sanaan eenyutu hin miidhamin?
אין כהה לשברך נחלה מכתך כל שמעי שמעך תקעו כף עליך--כי על מי לא עברה רעתך תמיד

< Naahoom 3 >