< Naahoom 1 >

1 Raajii waaʼee Nanawwee dubbatame. Kitaaba mulʼata Naahoom Elqooshicha.
關於尼尼微的神諭,厄耳科士人納鴻的神視錄:
2 Waaqayyo Waaqa hinaafuu fi Waaqa haaloo baʼuu dha; Waaqayyo haaloo ni baʼa; dheekkamsaanis guutameera. Waaqayyo diinota isaa haaloo ni baʼa; dheekkamsa isaas amajaajota isaatiif ni kuusa.
上主是嫉惡和復仇的天主;上主要復仇,且憤恕填胸;上主汐必對敵人復仉,必向仇人洩怒。
3 Waaqayyo dheekkamuuf hin jarjaru; humni isaa immoo guddaa dha; Waaqayyo nama balleessaa qabu utuu hin adabin hin dhiisu. Bubbee hamaa fi dhaʼaa galaanaa keessaas karaa qaba; duumessi immoo awwaara miilla isaa ti.
上主雖緩於發怒,但能力偉大,衪決不全然免罰;衪的行為是在狂風暴雨中,雲彩是衪腳下的塵埃。
4 Inni galaanatti dheekkamee gogsa; akka lagni hundinuu gogu godha. Baashaanii fi Qarmeloos ni coollagu; daraaraa Libaanoonis ni harcaʼa.
衪一呵叱海洋,海洋即枯竭,眾河流也為之乾涸,巴商與加爾默耳於是枯槁,黎巴嫩的花卉也隨之凋謝。
5 Fuula isaa duratti tulluuwwan ni kirkiru; gaarranis baqanii badu. Iddoo inni jirutti lafti ni hollatti; addunyaa fi wanni addunyaa irra jiraatu hundi ni hollatu.
山岳在衪面前震盪,丘陵動搖;大地寰宇及其中所有的居民,在衪面前莫不戰慄。
6 Eenyutu dheekkamsa isaa dura dhaabachuu dandaʼa? Eenyutu dheekkamsa isaa sodaachisaa sana obsuu dandaʼa? Dheekkamsi isaa akkuma ibiddaa dhangalaʼa; fuula isaa duratti kattaawwan ni burkutaaʼu.
誰能抵得住衪的怒氣﹖誰能忍受得住衪的烈怒﹖衪的憤怒如火冒出,連磐石也要在衪面前破碎。
7 Waaqayyo gaarii dha; yeroo rakkinaattis daʼoo dha. Inni warra isa amanatan ni beeka;
上主原是良善的,是患難之日的避難所,衪必照顧依賴衪的人;
8 Garuu inni lolaa jabaadhaan Nanawwee ni balleessa; amajaajota isaas ariʼee dukkanatti galcha.
在洪流氾濫時,衪必拯救他們;但對衪的敵人,衪必予以毀滅,將衪的仇人驅入黑暗。
9 Wanni isin Waaqayyootti yaaddan maali? inni guutumaan guutuutti ni balleessa; rakkoonis lammata hin dhufu.
尼尼微,你們對上主有什麼圖謀﹖衪必完全予以毀滅,不必二次降災。
10 Isaan qoraattii keessatti xaxamanii daadhii wayinii isaaniitiin machaaʼu; akkuma cidii gogeetti gubatanii dhumu.
他們像纏結的荊棘[又像大醉的豪飲者,]必如乾楷全被燒盡。
11 Yaa Nanawwee, namni Waaqayyotti hammina malatee waan hamaa karoorfatu si keessaa argameera.
是由你們中間出現了那妄想反抗上主,圖謀惡計的人。
12 Waaqayyo akkana jedha: “Isaan jabinaa fi baayʼina yoo qabaatan iyyuu isaan ni barbadeeffamu; ni badus. Yaa Yihuudaa, ani yoon duraan si miidhee jiraadhe iyyuu, siʼachi si hin miidhu.
上主這樣說:「雖然他們裝備齊全而且眾多,但仍要被剷除,歸於烏有。雖然磨難了你,我必不再磨難你。
13 Ani amma waanjoo isaanii gurmuu keessan irraa nan cabsa; hudhaa kees sirraa nan kuta.”
現在我必由你身上打斷他的軛,打碎你的鎖鏈。
14 Yaa Nanawwee, Waaqayyo akkana jedhee waaʼee kee ajaja kennee jira: “Ati sanyii maqaan kee ittiin waamamu hin qabaattu. Ani fakkiiwwan soofamanii fi waaqota tolfamoo baqfamanii tolfaman kanneen galmawwan waaqota keetii keessa jiran nan barbadeessa. Waan ati akka malee balfamaa taateef ani awwaala siif nan qopheessa.”
尼尼微,上主已對你下了命令:你的名字不再傳於後世;我要把彫像鑄像由你神廟內除去,並使你的墳墓成為辱罵的對象。」
15 Kunoo, miilli nama oduu gaarii fidu, kan nagaa labsu tokkoo tulluuwwan irra jira! Yaa Yihuudaa, ayyaanota kee ayyaaneffadhu; wareega kees baafadhu. Siʼachi hamaan si hin weeraru; inni guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.
看,那傳報福音,宣侑和平者的腳已站在山上! 猶大,你的慶節,償還你的誓願吧! 因為那惡者不會再由你中間經過,他已全然消滅。

< Naahoom 1 >