< Miikiyaas 1 >

1 Bara Yootaam, Aahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihuudaa turan keessa dubbiin Waaqayyoo gara Miikiyaas namicha Mooresheet dhufe; kunis mulʼata inni waaʼee Samaariyaatii fi waaʼee Yerusaalem argee dha.
Here is the message that the Lord gave to Micah of Moresheth at the time when Jotham, Ahaz, and Hezekiah were kings of Judah. This is what he saw concerning Samaria and Jerusalem.
2 Yaa namoota, isin hundinuu dhagaʼaa; lafaa fi wantoonni ishee irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa; Waaqayyo Gooftichi, Gooftaan mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessaa dhugaa isinitti baʼa.
Listen, all the nations! Pay attention, everyone on earth! The Lord God testifies against you from the Lord's holy Temple.
3 Kunoo! Waaqayyo iddoo jireenya isaatii dhufaa jira; inni gad dhufee iddoo ol kaʼaa lafaa irra ni ejjeta.
Look! The Lord is coming, leaving his place and coming down, and is walking on the high places of the earth.
4 Akkuma gagaa fuula ibiddaa dura jiruu, akkuma bishaan tabba irraa gad yaaʼuu tulluuwwan isa jalatti ni baqu; sululawwanis gargar baqaqu.
The mountains melt beneath him, the valleys burst apart, like wax in front of a fire, like water rushing down a slope. All this is happening because of the rebellion of the descendants of Jacob, the sins of the people of Israel.
5 Wanni kun hundi sababii dogoggora Yaaqoobiif, sababii cubbuu mana Israaʼeliif taʼe. Dogoggorri Yaaqoob maali? Samaariyaa mitii? Iddoon sagadaa Yihuudaa maali? Yerusaalem mitii?
What is the rebellion of the descendants of Jacob? Isn't it what is happening in Samaria? Where are the idolatrous high places of Judah? Aren't they right in Jerusalem?
6 “Kanaafuu ani Samaariyaa tuullaa diigamaa, lafa wayinii itti dhaabbatan nan godha. Ani dhagaawwan ishee sululatti naqee, hundee ishee qullaa nan hambisa.
Therefore I will make Samaria a pile of rubble in a field, a place for planting vineyards. I will roll its stones down into the valley; I will lay bare its foundations.
7 Waaqonni ishee tolfamoon hundinuu ni hurreeffamu; kennaawwan mana qulqullummaa ishee hundinuu ibiddaan gubamu; ani fakkii ishee hunda nan barbadeessa. Isheen gatii sagaagaltootaa irraa kennaa ishee walitti waan qabatteef, kennaan sun ammas gatii sagaagaltootaa taʼee ni deebiʼa.”
All their carved idols will be smashed to pieces. All that was earned by their temple prostitutes will be burned. All of their idols will be destroyed, for what she collected through the earnings of temple prostitutes will be taken away and used to pay other temple prostitutes.
8 Sababii waan kanaatiif ani booʼee nan wawwaadha; ani miilla duwwaa fi qullaa nan deema. Ani akkuma waangoo iyyee, akkuma urunguu nan aada.
Because of this I will weep and wail, I will walk barefoot and naked, and will howl like jackals and mourn like owls.
9 Madaan ishee waan hin fayyineef, Yihuudaattis darbeera. Karra saba koo dura gaʼeera; Yerusaalemittis dhufeera.
Their wound cannot be healed, it has extended to Judah, and reached right to the gates of Jerusalem.
10 Isin waan kana Gaati keessatti hin dubbatinaa; gonkumaa hin booʼinaa. Beet Leʼafraatti, awwaara keessa gangaladhaa.
Don't mention it in Gath; don't weep at all. People of Beth-le-aphrah, roll in the dust.
11 Isin warri Shaafiir keessa jiraattan, qullaa fi qaaniidhaan darbaa. Warri Zanaan keessa jiraatan, gad hin baʼan. Beet Eezel booʼicha irra jirti; eegumsi ishee isin irraa fuudhameera.
Leave, people of Shaphir, naked and ashamed. People of Zanaan don't come out. People of Beth Ezel mourn, for you have lost your support.
12 Sababii balaan Waaqayyo biraa dhufee karra Yerusaalem iyyuu gaʼeef, warri Maaroot keessa jiraatan gargaarsa argachuuf wixxirfatu.
The people of Maroth wait anxiously for relief, but disaster has come down from the Lord on the gate of Jerusalem.
13 Ati Laakkiish keessa kan jiraattu, fardeen gaariitti hidhadhu. Ati Intala Xiyooniif jalqaba cubbuu ti; dogoggorri Israaʼel siʼi keessatti argamaatii.
Harness the team of horses to the chariot, you people of Lachish, because the sins of the people of Jerusalem began with you, for the sins of Israel were first found in you.
14 Kanaafuu ati Mooresheet Gaatiif kennaa kennita. Manneen Akziib mootota Israaʼeliif gowwoomsitoota taʼu.
Send your goodbye gifts to Moresheth. The town of Achzib is a deception to the kings of Israel.
15 Ani warra Maareeshaa keessa jiraattanitti moʼataa tokko nan fida. Inni ulfina Israaʼel taʼe gara Adulaam ni dhufa.
I will bring a conqueror to attack you, people of Moresheth. The leaders of Israel will go to Adullam.
16 Sababii gadda ijoollee itti gammadduutiif jedhii mataa kee haaddadhu; akkuma goggocoroo mataa kee moleeffadhu; isaan boojuudhaan sirraa fudhatamuutii.
Shave your heads, for the children you love will be taken away; make yourselves as bald as a vulture, for they will be exiled far away from you.

< Miikiyaas 1 >