< Miikiyaas 7 >

1 Anaaf wayyoo! Ani akkuma nama yeroo qarmii bonaa funaananitti wayinii walitti qabu tokkoo taʼeera; hurbuun wayinii kan nyaatamu tokko iyyuu hin jiru; iji harbuu jalqabaa kan ani dharraʼu tokko iyyuu hin jiru.
vae mihi quia factus sum sicut qui colligit in autumno racemos vindemiae non est botrus ad comedendum praecoquas ficus desideravit anima mea
2 Namni gaariin lafa irraa badeera; namni qajeelaan tokko iyyuu hin hafne. Namoonni hundinuu dhiiga dhangalaasuuf riphanii eeggatu; tokkoon tokkoon namaa kiyyoodhaan obboleessa isaa eeggata.
periit sanctus de terra et rectus in hominibus non est omnes in sanguine insidiantur vir fratrem suum venatur ad mortem
3 Harki lachuu waan hamaa hojjechuu barateera; bulchaan kennaa barbaada; abbaan murtiis mattaʼaa fudhata; namni humna qabu waanuma fedhe dubbata; hundi isaanii walii wajjin malatu.
malum manuum suarum dicunt bonum princeps postulat et iudex in reddendo est et magnus locutus est desiderium animae suae et conturbaverunt eam
4 Kan isaan hunda caalaa gaarii taʼe akka sokorruu ti; inni akka malee qajeelaan immoo dallaa qoraattii caala. Guyyaan eegdota keetii, guyyaan itti Waaqni si ilaalu dhufeera. Amma yeroo itti isaan joonjaʼanii dha.
qui optimus in eis est quasi paliurus et qui rectus quasi spina de sepe dies speculationis tuae visitatio tua venit nunc erit vastitas eorum
5 Ollaa hin amanatin; michuus hin abdatin. Ishee hammattee ciiftu biratti iyyuu arraba kee eeggadhu.
nolite credere amico et nolite confidere in duce ab ea quae dormit in sinu tuo custodi claustra oris tui
6 Ilmi abbaa isaa tuffata; intalli haadha isheetti, niitiin ilmaas amaatii isheetti kaati; diinonni namaa miseensotuma mana isaa taʼuutii.
quia filius contumeliam facit patri filia consurgit adversus matrem suam nurus contra socrum suam inimici hominis domestici eius
7 Ani garuu abdiidhaan Waaqayyoon nan eeggadha; fayyisaa koo Waaqa nan eeggadha; Waaqni koo na dhagaʼa.
ego autem ad Dominum aspiciam expectabo Deum salvatorem meum audiet me Deus meus
8 Yaa diina koo natti hin gammadin! Ani yoon kufe iyyuu nan kaʼa. Ani dukkana keessa taaʼu iyyuu Waaqayyo ifa naaf taʼa.
ne laeteris inimica mea super me quia cecidi consurgam cum sedero in tenebris Dominus lux mea est
9 Ani sababiin cubbuu isatti hojjedheef, hamma inni dubbii koo ilaalee naaf murteessutti dheekkamsa Waaqayyoo nan baadha. Inni ifatti na baasa; anis qajeelummaa isaa nan arga.
iram Domini portabo quoniam peccavi ei donec iudicet causam meam et faciat iudicium meum educet me in lucem videbo in iustitiam eius
10 Ergasii diinni koo isheen, “Waaqayyo Waaqni kee eessa jira?” naan jette sun waan kana argitee qaaniin haguugamti. Iji koo kufaatii ishee ni arga; Isheen amma iyyuu miilla jalatti akkuma dhoqqee daandii irraatti dhidhiitamti.
et aspiciet inimica mea et operietur confusione quae dicit ad me ubi est Dominus Deus tuus oculi mei videbunt in eam nunc erit in conculcationem ut lutum platearum
11 Guyyaan itti dallaan kee ijaaramu, guyyaan itti daangaan kee balʼifamu tokko ni dhufa.
dies ut aedificentur maceriae tuae in die illa longe fiet lex
12 Gaafas namoonni Asoorii fi magaalaawwan Gibxi, Gibxii hamma Efraaxiisitti iyyuu, galaanaa hamma galaanaatti, tulluudhaa hamma tulluutti jiraatan gara kee ni dhufu.
in die illa et usque ad te veniet Assur et usque ad civitates munitas et a civitatibus munitis usque ad flumen et ad mare de mari et ad montem de monte
13 Sababii jiraattota isheetii fi sababii waan isaan hojjetaniitiif lafti ni onti.
et erit terra in desolationem propter habitatores suos et propter fructum cogitationum eorum
14 Uummata kee, bushaayee dhaala keetii kanneen ofumaan bosona keessa, lafa dheedaa gabbataa irra jiraatan ulee keetiin tikfadhu. Isaan akkuma bara duriitti Baashaanii fi Giliʼaad keessa haa bobbaʼan.
pasce populum tuum in virga tua gregem hereditatis tuae habitantes solos in saltu in medio Carmeli pascentur Basan et Galaad iuxta dies antiquos
15 “Ani akkuma yeroo ati Gibxii baatee dhufte sanaa dinqii koo isaan nan argisiisa.”
secundum dies egressionis tuae de terra Aegypti ostendam ei mirabilia
16 Saboonni arganii ni qaanaʼu; humna ofii hunda iyyuu ni dhabu. Isaan afaan isaanii qabatu; gurri isaaniis ni duuda.
videbunt gentes et confundentur super omni fortitudine sua ponent manus super os aures eorum surdae erunt
17 Isaan akkuma bofaa, akkuma uumamawwan lafa irra looʼanii biyyoo arraabu. Isaan hollachaa holqa keessaa baʼanii dhufu; Isaan Waaqayyo Waaqa keenya sodaachuudhaan deebiʼanii fuula kee dura sodaadhaan dhaabatu.
lingent pulverem sicut serpens velut reptilia terrae proturbabuntur de aedibus suis Dominum Deum nostrum desiderabunt et timebunt te
18 Waaqni akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu? Ati araara gochuutti gammadda malee bara baraan hin dheekkamtu.
quis Deus similis tui qui aufers iniquitatem et transis peccatum reliquiarum hereditatis tuae non inmittet ultra furorem suum quoniam volens misericordiam est
19 Ati deebitee garaa nuu laafta; cubbuu keenya miilla kee jalatti dhidhiittee balleessaa keenya hundas tuujuba galaanaatti gad darbatta.
revertetur et miserebitur nostri deponet iniquitates nostras et proiciet in profundum maris omnia peccata nostra
20 Ati akkuma bara durii abbootii keenyaaf kakatte sana Yaaqoobiif amanamaa taata; Abrahaamittis jaalala ni argisiifta.
dabis veritatem Iacob misericordiam Abraham quae iurasti patribus nostris a diebus antiquis

< Miikiyaas 7 >