< Miikiyaas 7 >
1 Anaaf wayyoo! Ani akkuma nama yeroo qarmii bonaa funaananitti wayinii walitti qabu tokkoo taʼeera; hurbuun wayinii kan nyaatamu tokko iyyuu hin jiru; iji harbuu jalqabaa kan ani dharraʼu tokko iyyuu hin jiru.
A UWE ia'u! no ka mea, ua like au me ka ohi ai ana o ke kau, E like me na koena huawaina o ka ohi ana: Aohe huhui e ai ai; makemake iho la kuu naau i ka hua fiku mua.
2 Namni gaariin lafa irraa badeera; namni qajeelaan tokko iyyuu hin hafne. Namoonni hundinuu dhiiga dhangalaasuuf riphanii eeggatu; tokkoon tokkoon namaa kiyyoodhaan obboleessa isaa eeggata.
Ua nalo ka mea lokomaikai mai ka aina aku: Aohe mea pono iwaena o na kanaka; Ke hoohalua nei lakou a pau no ke koko: Hoohei iho lakou, o kela mea keia mea i kona hoahanau, i ka upena.
3 Harki lachuu waan hamaa hojjechuu barateera; bulchaan kennaa barbaada; abbaan murtiis mattaʼaa fudhata; namni humna qabu waanuma fedhe dubbata; hundi isaanii walii wajjin malatu.
Hana hewa ikaika hoi lakou me na lima; Noi aku ka luna, a me ka lunakanawai i uku: A o ke kanaka nui, oia ke hoike aku i ka makemake o kona naau; Pela no lakou e huikau ai ia mea.
4 Kan isaan hunda caalaa gaarii taʼe akka sokorruu ti; inni akka malee qajeelaan immoo dallaa qoraattii caala. Guyyaan eegdota keetii, guyyaan itti Waaqni si ilaalu dhufeera. Amma yeroo itti isaan joonjaʼanii dha.
O ka mea maikai o lakou ua like me ka laau ooi; A o ka mea pono, ua oioi ia mamua o ka palaau oioi. O ka la o kou poe kiai, a o kou hoopai ana, e hiki mai no ia; Ano e hiki mai ai ko lakou popilikia.
5 Ollaa hin amanatin; michuus hin abdatin. Ishee hammattee ciiftu biratti iyyuu arraba kee eeggadhu.
Mai hilinai oukou i ka makamaka, Mai paulele i ka hoalauna: E hoopaa i ka puka o kou waha mai ka mea e moe ana ma kou poli.
6 Ilmi abbaa isaa tuffata; intalli haadha isheetti, niitiin ilmaas amaatii isheetti kaati; diinonni namaa miseensotuma mana isaa taʼuutii.
No ka mea, hoowahawaha ke keikikane i kona makuakane, Ku e mai ke kaikamahine i kona makuwahine, O ka hunonawahine i kona makuahunowaiwahine, O na enemi o ke kanaka, o na kanaka no ia o kona hale iho.
7 Ani garuu abdiidhaan Waaqayyoon nan eeggadha; fayyisaa koo Waaqa nan eeggadha; Waaqni koo na dhagaʼa.
A e nana aku au ia Iehova: E kali aku au i ke Akua o kuu ola; E hoolohe mai ko'u Akua ia'u.
8 Yaa diina koo natti hin gammadin! Ani yoon kufe iyyuu nan kaʼa. Ani dukkana keessa taaʼu iyyuu Waaqayyo ifa naaf taʼa.
Mai hauoli oe maluna o'u, e ko'u enemi: No ka mea, a i haule iho au, e ala hou ae no: A i noho au i ka pouli, o Iehova ka malamalama no'u.
9 Ani sababiin cubbuu isatti hojjedheef, hamma inni dubbii koo ilaalee naaf murteessutti dheekkamsa Waaqayyoo nan baadha. Inni ifatti na baasa; anis qajeelummaa isaa nan arga.
E hoomanawanui no au i ka inaina o Iehova, No ka mea, ua hana hewa no au ia ia, A hoapono mai ia i ka'u mea, A e hoopai aku no ia no'u; A lawe mai no ia ia'u iwaho i ka malamalama, A e ike aku au i kona pono.
10 Ergasii diinni koo isheen, “Waaqayyo Waaqni kee eessa jira?” naan jette sun waan kana argitee qaaniin haguugamti. Iji koo kufaatii ishee ni arga; Isheen amma iyyuu miilla jalatti akkuma dhoqqee daandii irraatti dhidhiitamti.
A e ike kou enemi ia mea, A e uhi mai ka hilahila i ka mea i olelo mai ai ia'u, Auhea o Iehova kou Akua? E ike auanei ko'u mau maka ia ia: Ano e hehiia oia ilalo, e like me ka lepo o na alanui.
11 Guyyaan itti dallaan kee ijaaramu, guyyaan itti daangaan kee balʼifamu tokko ni dhufa.
I ka la e hanaia'i kou mau papohaku, Ia la e lawe loa ia'ku ke kanawai.
12 Gaafas namoonni Asoorii fi magaalaawwan Gibxi, Gibxii hamma Efraaxiisitti iyyuu, galaanaa hamma galaanaatti, tulluudhaa hamma tulluutti jiraatan gara kee ni dhufu.
Ia la e hele mai ia i ou la mai Asuria mai, a i Aigupita, A mai Aigupita a ka muliwai, A mai ke kai a ke kai, A mai ka mauna a ka mauna.
13 Sababii jiraattota isheetii fi sababii waan isaan hojjetaniitiif lafti ni onti.
Aka, e lilo ka aina i neoneo no ka poe e noho ana iloko, A no ka hua o ka lakou mau hana.
14 Uummata kee, bushaayee dhaala keetii kanneen ofumaan bosona keessa, lafa dheedaa gabbataa irra jiraatan ulee keetiin tikfadhu. Isaan akkuma bara duriitti Baashaanii fi Giliʼaad keessa haa bobbaʼan.
E hanai oe i kou poe kanaka me kou kookoo, Ka poe o kou hooilina, ka poe e noho mehameha ana ma ka ululaau, iwaena o Karemela: E ai lakou ma Basana, a ma Gileada, e like me ka manawa kahiko.
15 “Ani akkuma yeroo ati Gibxii baatee dhufte sanaa dinqii koo isaan nan argisiisa.”
E like me na la o kou puka ana, mai ka aina o Aigupita mai, E hoike aku au ia ia i na mea kupanaha.
16 Saboonni arganii ni qaanaʼu; humna ofii hunda iyyuu ni dhabu. Isaan afaan isaanii qabatu; gurri isaaniis ni duuda.
E ike mai na lahuikanaka, a e hilahila no ko lakou ikaika a pau; A e kau lakou i ka lima maluna o ka waha, E kuli hoi ko lakou mau pepeiao.
17 Isaan akkuma bofaa, akkuma uumamawwan lafa irra looʼanii biyyoo arraabu. Isaan hollachaa holqa keessaa baʼanii dhufu; Isaan Waaqayyo Waaqa keenya sodaachuudhaan deebiʼanii fuula kee dura sodaadhaan dhaabatu.
E palu lakou i ka lepo me he nahesa la, E kolo lakou mai ka lakou mau lua mai, e like me na mea kolo o ka honua, E weliweli lakou ia Iehova ko kakou Akua, A e makau lakou nou.
18 Waaqni akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu? Ati araara gochuutti gammadda malee bara baraan hin dheekkamtu.
Owai la ke Akua e like me oe, e kala ana i ka hewa, A e maalo ae ana i ka hala o ke koena o kona hooilina? Aole ia e hoomau loa aku i kona inaina, No ka mea, ke makemake nei no ia i ke aloha.
19 Ati deebitee garaa nuu laafta; cubbuu keenya miilla kee jalatti dhidhiittee balleessaa keenya hundas tuujuba galaanaatti gad darbatta.
E hoi hou mai no ia, a e aloha mai no ia ia kakou; A hehi ilalo no ia i ko kakou mau hewa; A e hoolei aku oe i ko lakou hewa a pau iloko o ka hohonu o ke kai.
20 Ati akkuma bara durii abbootii keenyaaf kakatte sana Yaaqoobiif amanamaa taata; Abrahaamittis jaalala ni argisiifta.
A e haawi mai no oe i ka oiaio ia Iakoba, a me ka lokomaikai ia Aberahama, Ka mea au i hoohiki ai i ko makou mau kupuna mai ka wa kahiko mai.