< Miikiyaas 6 >

1 Waan Waaqayyo jedhu dhaggeeffadhaa: “Ol kakkaʼaatii fuula tulluuwwanii duratti dubbii keessan dhiʼeeffadhaa; gaarranis waan isin jettan haa dhagaʼan.
שמעו נא את אשר יהוה אמר קום ריב את ההרים ותשמענה הגבעות קולך׃
2 “Yaa tulluuwwan himata Waaqayyoo dhagaʼaa; hundeewwan lafaa kanneen bara baraa isinis dhaggeeffadhaa. Waaqayyo saba isaa irraa dubbii qabaatii; inni Israaʼel wajjin falmii qaba.
שמעו הרים את ריב יהוה והאתנים מסדי ארץ כי ריב ליהוה עם עמו ועם ישראל יתוכח׃
3 “Yaa saba ko, ani maalan si godhe? Ani maaliinan si dadhabsiise? Mee deebii naaf kenni.
עמי מה עשיתי לך ומה הלאתיך ענה בי׃
4 Ani biyya Gibxii sin baasee biyya garbummaa keessaa sin fure. Ani akka inni si qajeelchuuf Musee, akkasumas Aroonii fi Miiriyaamin siifan erge.
כי העלתיך מארץ מצרים ומבית עבדים פדיתיך ואשלח לפניך את משה אהרן ומרים׃
5 Yaa saba ko, mee gorsa Baalaaq mootiin Moʼaab gaafatee fi deebii Balaʼaam ilmi Beʼoor kenneef yaadadhu. Ati akka hojii qajeelummaa Waaqayyoo beektuuf karaa ati Shixiimii hamma Gilgaalitti deemte sana yaadadhu.”
עמי זכר נא מה יעץ בלק מלך מואב ומה ענה אתו בלעם בן בעור מן השטים עד הגלגל למען דעת צדקות יהוה׃
6 Ani maaliinan fuula Waaqayyoo dura dhufee fuula Waaqa ol gubbaa jiruu duratti sagada? Ani aarsaa gubamuun, jabbii waggaa tokkootiin fuula isaa duratti dhiʼaadhuu?
במה אקדם יהוה אכף לאלהי מרום האקדמנו בעולות בעגלים בני שנה׃
7 Waaqayyo korbeeyyii hoolaa kuma hedduutti, zayitii laga kuma kudhaniitti ni gammadaa? Ani ilma koo hangafa, sababii yakka kootiitiif, sababii cubbuu lubbuu kootiitiifis dhala garaa koo aarsaa dhiʼeessuu?
הירצה יהוה באלפי אילים ברבבות נחלי שמן האתן בכורי פשעי פרי בטני חטאת נפשי׃
8 Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera. Waaqayyo maal sirraa barbaada? Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu, akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?
הגיד לך אדם מה טוב ומה יהוה דורש ממך כי אם עשות משפט ואהבת חסד והצנע לכת עם אלהיך׃
9 Isin dhaggeeffadhaa! Waaqayyo akkana jedhee magaalattii waama: Maqaa kee sodaachuun ogummaa dha; “Ulee fi Isa ulee sana filate qalbeeffadhaa.
קול יהוה לעיר יקרא ותושיה יראה שמך שמעו מטה ומי יעדה׃
10 Yaa mana hamaa, ani qabeenya isin dabaan argattanii fi madaalii sobaa abaaramaa sana irraanfadhaa?
עוד האש בית רשע אצרות רשע ואיפת רזון זעומה׃
11 Ani nama madaallii sobaatiin hojjetuu fi kan madaalii sobaa korojootti baatu akkasumatti dhiisaa?
האזכה במאזני רשע ובכיס אבני מרמה׃
12 Sooreyyiin ishee jalʼoota; uummanni ishee sobdoota; arrabni isaaniis gowwoomsaa dubbata.
אשר עשיריה מלאו חמס וישביה דברו שקר ולשונם רמיה בפיהם׃
13 Kanaafuu ani sababii cubbuu keessaniitiif isin diigee, isin balleessuu jalqabeera.
וגם אני החליתי הכותך השמם על חטאתך׃
14 Ati inuma nyaatta; garuu hin quuftu; garaan kee amma illee duwwaa dha. Ati ni kaaʼatta; garuu homaa siif hin kuufamu; waan ati kuufattu sana ani goraadeetti kennaatii.
אתה תאכל ולא תשבע וישחך בקרבך ותסג ולא תפליט ואשר תפלט לחרב אתן׃
15 Ati ni facaafatta; garuu hin haammattu; ejersa ni cuunfatta; garuu zayitii isaa hin dibattu; ija wayinii ni cuunfatta; garuu daadhii wayinii hin dhugdu.
אתה תזרע ולא תקצור אתה תדרך זית ולא תסוך שמן ותירוש ולא תשתה יין׃
16 Ati sirna Omriitii fi hojii mana Ahaab hunda jabeessiteerta; gorsa isaaniis duukaa buuteerta. Kanaafuu ani si balleessee, uummata kee nan salphisa; isin tuffii sabootaa ni baattu.”
וישתמר חקות עמרי וכל מעשה בית אחאב ותלכו במעצותם למען תתי אתך לשמה וישביה לשרקה וחרפת עמי תשאו׃

< Miikiyaas 6 >