< Miikiyaas 6 >
1 Waan Waaqayyo jedhu dhaggeeffadhaa: “Ol kakkaʼaatii fuula tulluuwwanii duratti dubbii keessan dhiʼeeffadhaa; gaarranis waan isin jettan haa dhagaʼan.
Ku saurari abin da Ubangiji ya ce, “Tashi ku gabatar da ƙararku a gaban duwatsu; bari tuddai su ji abin da kuke so ku faɗa.
2 “Yaa tulluuwwan himata Waaqayyoo dhagaʼaa; hundeewwan lafaa kanneen bara baraa isinis dhaggeeffadhaa. Waaqayyo saba isaa irraa dubbii qabaatii; inni Israaʼel wajjin falmii qaba.
“Ku saurara, ya ku duwatsu game da tuhumar da Ubangiji yake muku, ku ji, ku daɗaɗɗun tushin duniya. Gama Ubangiji yana da ƙara a kan mutanensa; yana tuhumar Isra’ila.
3 “Yaa saba ko, ani maalan si godhe? Ani maaliinan si dadhabsiise? Mee deebii naaf kenni.
“Ya ku mutanena, me na yi muku? Ta yaya na nawaita muku? Ku amsa mini.
4 Ani biyya Gibxii sin baasee biyya garbummaa keessaa sin fure. Ani akka inni si qajeelchuuf Musee, akkasumas Aroonii fi Miiriyaamin siifan erge.
Na fito da ku daga ƙasar Masar na kuma’yantar da ku daga ƙasar bauta. Na aika da Musa yă jagorance ku, haka ma Haruna da Miriyam.
5 Yaa saba ko, mee gorsa Baalaaq mootiin Moʼaab gaafatee fi deebii Balaʼaam ilmi Beʼoor kenneef yaadadhu. Ati akka hojii qajeelummaa Waaqayyoo beektuuf karaa ati Shixiimii hamma Gilgaalitti deemte sana yaadadhu.”
Ya ku mutanena, ku tuna abin da Balak sarkin Mowab ya ƙulla da kuma amsar da Bala’am ɗan Beyor ya bayar. Ku tuna da tafiyarku daga Shittim zuwa Gilgal, don ku san ayyukan adalcin Ubangiji.”
6 Ani maaliinan fuula Waaqayyoo dura dhufee fuula Waaqa ol gubbaa jiruu duratti sagada? Ani aarsaa gubamuun, jabbii waggaa tokkootiin fuula isaa duratti dhiʼaadhuu?
Da me zan zo a gaban Ubangiji in rusuna a gaban Maɗaukaki Allah? Shin, zan zo ne a gabansa da hadaya ta ƙonawa, da ɗan maraƙi bana ɗaya?
7 Waaqayyo korbeeyyii hoolaa kuma hedduutti, zayitii laga kuma kudhaniitti ni gammadaa? Ani ilma koo hangafa, sababii yakka kootiitiif, sababii cubbuu lubbuu kootiitiifis dhala garaa koo aarsaa dhiʼeessuu?
Ubangiji zai ji daɗin hadayar raguna dubbai da kuma rafuffukan mai dubbai goma? Zan ba da ɗan farina ne don laifina, ko’ya’yan jikina domin zunubin raina?
8 Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera. Waaqayyo maal sirraa barbaada? Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu, akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?
Ya nuna maka, ya mutum, abin da yake mai kyau. Me Ubangiji yake bukata daga gare ka kuwa shi ne ka yi gaskiya ka so aikata jinƙai ka kuma yi tafiya da tawali’u a gaban Allah.
9 Isin dhaggeeffadhaa! Waaqayyo akkana jedhee magaalattii waama: Maqaa kee sodaachuun ogummaa dha; “Ulee fi Isa ulee sana filate qalbeeffadhaa.
Ku saurara! Ubangiji yana kira ga birni, a ji tsoron sunana kuwa hikima ce, “Ku kasa kunne ga sandan nan da kuma wannan wanda ya naɗa.
10 Yaa mana hamaa, ani qabeenya isin dabaan argattanii fi madaalii sobaa abaaramaa sana irraanfadhaa?
Har yanzu zan manta, ya muguwar gida da dukiyarki da kika samu a muguwar hanya zan kuma manta da bugaggen mudun awo wanda ake zargi?
11 Ani nama madaallii sobaatiin hojjetuu fi kan madaalii sobaa korojootti baatu akkasumatti dhiisaa?
Zan kuɓutar da mutumin da yake da ma’auni na rashin gaskiya, da kuma buhun ma’aunan ƙarya?
12 Sooreyyiin ishee jalʼoota; uummanni ishee sobdoota; arrabni isaaniis gowwoomsaa dubbata.
Attajiranta masu fitina ne; mutanenta kuma maƙaryata ne harsunansu kuwa suna yaudara.
13 Kanaafuu ani sababii cubbuu keessaniitiif isin diigee, isin balleessuu jalqabeera.
Saboda haka, zan hallaka ku in lalace ku saboda zunubanku.
14 Ati inuma nyaatta; garuu hin quuftu; garaan kee amma illee duwwaa dha. Ati ni kaaʼatta; garuu homaa siif hin kuufamu; waan ati kuufattu sana ani goraadeetti kennaatii.
Za ku ci amma ba za ku ƙoshi ba, cikinku zai zama babu kome Za ku tattara amma ba za ku yi ajiyar kome ba, gama abin da kuka yi ajiya zan ba wa takobi.
15 Ati ni facaafatta; garuu hin haammattu; ejersa ni cuunfatta; garuu zayitii isaa hin dibattu; ija wayinii ni cuunfatta; garuu daadhii wayinii hin dhugdu.
Za ku yi shuki amma ba za ku girba ba; za ku matse zaitun amma ba za ku yi amfani da mai wa kanku ba, za ku tattaka’ya’yan inabi amma ba za ku sha ruwan inabin ba.
16 Ati sirna Omriitii fi hojii mana Ahaab hunda jabeessiteerta; gorsa isaaniis duukaa buuteerta. Kanaafuu ani si balleessee, uummata kee nan salphisa; isin tuffii sabootaa ni baattu.”
Kuna kiyaye ƙa’idodin Omri da dukan ayyukan gidan Ahab kun kuma bi al’adunsu. Saboda haka, zan maishe ku kufai in mai da ku abin dariya a cikin mutane, za ku sha reni a wurin al’ummai.”