< Miikiyaas 4 >

1 Bara dhumaa keessa tulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; inni gaarran caalaa ol ol jedha; namoonnis itti yaaʼu.
A kwanakin ƙarshe za a kafa dutsen haikalin Ubangiji yă zama babba a cikin duwatsu. Za a ɗaga shi sama da tuddai, mutane kuma za su riƙa ɗunguma zuwa gare shi.
2 Saboonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; “Kottaa gara tulluu Waaqayyoo, gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa. Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf karaa isaa nu barsiisa.” Seerri Xiyoon keessaa, dubbiin Waaqayyoo immoo Yerusaalem keessaa dhufa.
Al’ummai da yawa za su zo su ce, “Ku zo, bari mu haura zuwa dutsen Ubangiji, zuwa gidan Allah na Yaƙub. Zai koya mana hanyoyinsa, don mu yi tafiya cikin hanyoyinsa.” Doka za tă fita daga Sihiyona, maganar Ubangiji kuma daga Urushalima.
3 Inni namoota hedduu gidduutti murtii kennee saboota jajjaboo gargar fagoo jiranis walitti araarsa. Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa, eeboo isaanii illee haamtuu tolfatu. Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu yookaan waraanaaf jedhanii siʼachi nama hin leenjisan.
Zai shari’anta tsakanin mutane yă kuma sulhunta tsakanin manyan al’ummai nesa da kuma kusa. Har su mai da takubansu su zama garemani, māsunsu kuma su zama wuƙaƙen askin itace. Al’umma ba za tă ɗauki takobi gāba da wata al’umma ba, ko a yi horarwa don yaƙi.
4 Namni hundi muka wayinii isaatii fi muka harbuu isaa jala taaʼa; Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu dubbateeraatii namni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
Kowa zai zauna a tushen kuringar inabinsa da tushen ɓaurensa, kuma ba wanda zai tsoratar da su, gama Ubangiji Maɗaukaki ne ya faɗa.
5 Saboonni hundinuu maqaa waaqota isaaniitiin deddeebiʼu; nu immoo bara baraa hamma bara baraatti maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaatiin deddeebina.
Dukan al’ummai za su iya tafiya a cikin sunan allolinsu; mu dai za mu yi tafiya a cikin sunan Ubangiji Allahnmu har abada abadin.
6 Waaqayyo akkana jedha; “Ani bara sana naafa walittin qaba; warra boojiʼamanii fi warra ani gaddisiises walittin qaba.
“A wannan rana,” in ji Ubangiji, “zan tattara guragu; zan kuma tara masu zaman bauta, da waɗanda na sa suka damu.
7 Ani warra naafa hambaa, warra ariʼame immoo saba jabaa nan godha. Waaqayyo guyyaa sanaa jalqabee hamma bara baraatti Tulluu Xiyoon irratti bulchaa isaanii taʼa.
Zan mai da guragu su zama raguwa, waɗanda aka kora, su zama al’umma mai ƙarfi. Ubangiji zai yi mulkinsu a Dutsen Sihiyona daga wannan rana da kuma har abada.
8 Yaa gamoo eegumsa bushaayee, yaa daʼoo Intala Xiyoon, ol aantummaan durii siif ni deebifama; mootummaan Intala Yerusaalem ni dhufa.”
Game da ke, ya hasumiyar tsaron garke, Ya mafaka Diyar Sihiyona, za a maido miki da mulkinki na dā, sarauta kuma za tă zo wa Diyar Urushalima.”
9 Ati amma maaliif akkana iyyitee boossa? Ati mootii hin qabduu? Wanni ati akka dubartii ciniinsuun qabee miixattuuf gorsaan kee badeetii?
Don me yanzu kike kuka da ƙarfi, ba ki da sarki ne? Masu shawararki sun hallaka ne, da zafi ya cika ki kamar mace mai naƙuda?
10 Yaa Intala Xiyoon, akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti aadi; ati amma bakkee keessa qubachuuf magaalaa keessaa baʼuu qabdaatii. Ati Baabilon dhaqxa; achitti ni baraaramta. Waaqayyo achitti harka diina keetii keessaa si fura.
Ki yi birgima cikin zafin azaba, ya Diyar Sihiyona, kamar macen da take naƙuda, don yanzu dole ki bar birni ki kafa sansani a filin Allah. Za ki tafi Babilon; a can za a kuɓutar da ki. A can ne Ubangiji zai fanshe ki daga hannun maƙiyanki.
11 Amma garuu saboonni hedduun si marsaniiru. Isaanis, “Isheen haa xurooftu; iji keenya xiyyeeffatee Xiyoonin haa ilaalu!” jedhu.
Amma yanzu al’ummai da yawa suna gāba da ke. Suna cewa, “Bari a ƙazantar da ita, bari mu zuba wa Sihiyona ido.”
12 Isaan garuu yaada Waaqayyoo hin beekan; isaan karoora isaa kan inni akkuma bissii oobdiitti walitti qabe sana hin hubatan.
Amma ba su san tunanin Ubangiji ba; ba su fahimci shirinsa ba, shi da ya tattara su kamar dammuna a masussuka.
13 “Yaa Intala Xiyoon kaʼiitii midhaan dhaʼi; ani gaanfa sibiilaa siif nan kennaatii; ani kottee naasii siif nan kenna; atis saboota baayʼee caccabsita.” Ati horii isaan karaa hamaadhaan argatan Waaqayyoof kennita; qabeenya isaaniis Gooftaa lafa hundaatiif kennita.
“Ki tashi ki yi sussuka, ya Diyar Sihiyona, gama zan ba ki ƙahonin ƙarfe; zan ba ki kofatan tagulla domin ki ragargaje al’ummai masu yawa.” Za ki ba Ubangiji dukan dukiyarsu da suka tara ta hanyar zamba, wadatarsu kuma ga Ubangiji dukan duniya.

< Miikiyaas 4 >