< Miikiyaas 4 >

1 Bara dhumaa keessa tulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; inni gaarran caalaa ol ol jedha; namoonnis itti yaaʼu.
Og det skal ske i de sidste Dage, at HERRENS Huses Bjerg, grundfæstet på Bjergenes Top, skal løfte sig op over Højene. Did skal Folkeslag strømme.
2 Saboonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; “Kottaa gara tulluu Waaqayyoo, gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa. Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf karaa isaa nu barsiisa.” Seerri Xiyoon keessaa, dubbiin Waaqayyoo immoo Yerusaalem keessaa dhufa.
og talrige Folk komme vandrende: "Kom, lad os drage til HERRENs Bjerg, til Jakobs Guds Hus; os skal han lære sine Veje, så vi kan gå på hans Stier; thi fra Zion udgår Åbenbaring, fra Jerusalem HERRENs Ord."
3 Inni namoota hedduu gidduutti murtii kennee saboota jajjaboo gargar fagoo jiranis walitti araarsa. Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa, eeboo isaanii illee haamtuu tolfatu. Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu yookaan waraanaaf jedhanii siʼachi nama hin leenjisan.
Da dømmer han mange Folkeslag imellem, skifter Ret mellem talrige, fjerne Folk; deres Sværd skal de smede til Plovjern, deres Spyd til Vingårdsknive; Folk skal ej løfte Sværd mod Folk, ej øve sig i Våbenfærd mer.
4 Namni hundi muka wayinii isaatii fi muka harbuu isaa jala taaʼa; Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu dubbateeraatii namni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
Da sidder hver under sin Vinstok og sit Figenfræ, og ingen. skræmmer dem, så sandt Hærskarers HERREs Mund har talet.
5 Saboonni hundinuu maqaa waaqota isaaniitiin deddeebiʼu; nu immoo bara baraa hamma bara baraatti maqaa Waaqayyo Waaqa keenyaatiin deddeebina.
Thi alle Folkeslag vandrer hvert i sin Guds Navn, men vi vil vandre i HERREN vor Guds Navn for evigt og altid.
6 Waaqayyo akkana jedha; “Ani bara sana naafa walittin qaba; warra boojiʼamanii fi warra ani gaddisiises walittin qaba.
På hin Dag, lyder det fra HERREN, samler jeg det, der halter, sanker det spredte sammen og det, jeg har hjemsøgt med ondt.
7 Ani warra naafa hambaa, warra ariʼame immoo saba jabaa nan godha. Waaqayyo guyyaa sanaa jalqabee hamma bara baraatti Tulluu Xiyoon irratti bulchaa isaanii taʼa.
Det haltende gør jeg til en Rest, det svage til et kraftigt Folk; og HERREN er Konge over dem på Zions Bjerg fra nu og til evig Tid.
8 Yaa gamoo eegumsa bushaayee, yaa daʼoo Intala Xiyoon, ol aantummaan durii siif ni deebifama; mootummaan Intala Yerusaalem ni dhufa.”
Men du, o Hyrdetårn, Zions Datters Høj, til dig skal det komme, det forrige Herredømme tilfalde dig, Jerusalems Datters Rige.
9 Ati amma maaliif akkana iyyitee boossa? Ati mootii hin qabduu? Wanni ati akka dubartii ciniinsuun qabee miixattuuf gorsaan kee badeetii?
Hvi skriger du dog så højt? Er Kongen ikke i dig? Er da din Rådgiver borte, nu du grebes af Fødselsveer?
10 Yaa Intala Xiyoon, akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti aadi; ati amma bakkee keessa qubachuuf magaalaa keessaa baʼuu qabdaatii. Ati Baabilon dhaqxa; achitti ni baraaramta. Waaqayyo achitti harka diina keetii keessaa si fura.
Vrid dig og vånd dig som i Barnsnød, Zions Datter! Thi nu skal du ud af Byen og bo på Marken, og du skal komme til Babel; der skal du frelses, der vil HERREN genløse dig af dine Fjenders Hånd.
11 Amma garuu saboonni hedduun si marsaniiru. Isaanis, “Isheen haa xurooftu; iji keenya xiyyeeffatee Xiyoonin haa ilaalu!” jedhu.
Nu er de samlet imod dig, de mange Folk, som siger: "Vanæres skal det; vort Øje skal se med Skadefryd på Zion."
12 Isaan garuu yaada Waaqayyoo hin beekan; isaan karoora isaa kan inni akkuma bissii oobdiitti walitti qabe sana hin hubatan.
Men de, de kender ikke det mindste til HERRENs Tanker, de fatter ikke hans Råd, at han samled dem som Neg på Lo.
13 “Yaa Intala Xiyoon kaʼiitii midhaan dhaʼi; ani gaanfa sibiilaa siif nan kennaatii; ani kottee naasii siif nan kenna; atis saboota baayʼee caccabsita.” Ati horii isaan karaa hamaadhaan argatan Waaqayyoof kennita; qabeenya isaaniis Gooftaa lafa hundaatiif kennita.
Op og tærsk, du Zions Datter! Thi jeg giver dig Horn af Jern, jeg giver dig Klove af Kobber. Du skal knuse de mange Folk, lægge Band på Byttet for HERREN, på Godset for al Jordens Herre.

< Miikiyaas 4 >