< Miikiyaas 3 >
1 Ergasii ani akkanan jedhe; “Isin hooggantoonni Yaaqoob, bulchitoonni mana Israaʼel mee dhaggeeffadhaa. Isin murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?
Sa’an nan na ce, “Ku kasa kunne, ku shugabannin Yaƙub, ku masu mulkin gidan Isra’ila. Ya kamata ku san shari’a,
2 Isin warri waan gaarii jibbitanii waan hamaa jaallattan, warri saba koo irraa gogaa, lafee isaanii irraa immoo foon baaftan,
ku da kuke ƙin abu mai kyau kuke ƙaunar mugunta, ku da kuke feɗe mutanena kuke tuge nama daga ƙasusuwansu;
3 warri foon saba koo nyaattan, kanneen gogaa isaanii irraa qunciftanii lafee isaanii caccabsitan, isin warri akka foon eeleetti waadamuutii fi okkoteetti affeelamuu isaan ciccirtan murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?”
ku da kuke cin naman mutanena, ku feɗe fatar jikinsu kuke kakkarya ƙasusuwansu, kuke yayyanka su gunduwa-gunduwa kamar naman da za a toya, kamar naman da za a sa a dafa.”
4 Ergasii isaan Waaqayyotti iyyatu; inni garuu deebii hin kennuuf. Yeroo sanatti inni sababii cubbuu isaan hojjetaniitiif fuula isaa isaan duraa ni dhokfata.
Sa’an nan za su kira ga Ubangiji, amma ba zai amsa musu ba. A wannan lokaci zai ɓoye fuskarsa daga gare su saboda irin muguntar da suka yi.
5 Waaqayyo akkana jedha: “Waaʼee raajota saba koo karaa irraa jalʼisanii, yoo namni tokko nyaata kenneef isaan ‘Nagaa’ labsu; yoo inni akkas gochuu baate immoo lola isatti kaasuuf qophaaʼu.
Ga abin da Ubangiji ya faɗa, “Game da annabawa masu ɓad da mutanena, in wani ya ciyar da su, sai su ce akwai ‘salama’ amma in bai ciyar da su ba, a shirye suke su kai masa hari.
6 Kanaafuu utuu isin mulʼata hin argin halkan, utuu isin hooda hin dubbatin immoo dukkanni isinitti dhufa. Aduun raajotatti dhiiti; guyyaanis isaanitti dukkanaaʼa.
Saboda haka dare yana zuwa a bisanku, ba tare da wahayi ba, kuma duhu, ba tare da duba ba. Rana za tă fāɗi wa annabawa, yini kuma zai zama musu duhu.
7 Ilaaltonni ni qaanaʼu; warri hooda dubbatanis ni salphifamu. Sababii deebiin tokko iyyuu Waaqa biraa hin dhufneef isaan hundi fuula haguuggatu.”
Masu gani za su ji kunya, masu duba kuma za su ji taƙaici. Dukansu za su rufe fuskokinsu gama ba amsa daga Allah.”
8 Ani garuu Yaaqoobitti balleessaa isaa, Israaʼelittis cubbuu isaa himuuf humnaan guutameera; Hafuura Waaqayyootiin murtii qajeelaa fi jabinaan guutameera.
Amma game da ni, ina cike da iko ta wurin Ruhun Ubangiji da kuma adalci da ƙarfi, don a sanar da Yaƙub laifofinsa, ga Isra’ila kuma zunubinsa.
9 Isin hooggantoonni mana Yaaqoob bulchitoonni mana Israaʼel warri murtii qajeelaa tuffattanii waan sirrii taʼe hunda jalʼiftan waan kana dhagaʼaa;
Ku ji wannan, ku shugabannin gidan Yaƙub, ku masu mulkin gidan Isra’ila, ku da kuke ƙyamar gaskiya, kuka karkatar duk abin da yake na gaskiya;
10 warri dhiiga dhangalaasuudhaan Xiyoonin, hamminaan immoo Yerusaalemin ijaartan waan kana dhagaʼaa.
kuka gina Sihiyona ta wurin zub da jini, Urushalima kuma ta wurin mugunta.
11 Hooggantoonni ishee mattaʼaa fudhatanii murtii kennu; luboonni ishee gatiidhaan barsiisu; raajonni ishees maallaqa fudhatanii hooda dubbatu. Taʼus isaan Waaqayyotti irkatanii, “Waaqayyo gidduu keenya jira mitii? Balaan tokko iyyuu nutti hin dhufu” jedhu.
Hukunce-hukuncen shugabannin ƙasar na cin hanci ne, firistocinta kuma suna koyarwa don a biya su, annabawanta kuwa suna yin annabci don neman kuɗi. Duk da haka suna jingina a kan Ubangiji suna cewa, “Ba Ubangiji yana tare da mu ba? Ba bala’in da zai zo mana.”
12 Kanaafuu sababii keessaniif, Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti; Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati; gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa.
Don haka, saboda ku, za a nome Sihiyona kamar gona, Urushalima kuma ta zama tarin juji, tudun haikali kuwa zai zama kurmin ƙayayyuwa.