< Miikiyaas 3 >

1 Ergasii ani akkanan jedhe; “Isin hooggantoonni Yaaqoob, bulchitoonni mana Israaʼel mee dhaggeeffadhaa. Isin murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?
And I said, Hear, I pray you, ye heads of Jacob, and princes of the house of Israel: Is it not for you to know judgment?
2 Isin warri waan gaarii jibbitanii waan hamaa jaallattan, warri saba koo irraa gogaa, lafee isaanii irraa immoo foon baaftan,
Ye who hate the good, and love evil; who pluck off their skin from them, and their flesh from off their bones;
3 warri foon saba koo nyaattan, kanneen gogaa isaanii irraa qunciftanii lafee isaanii caccabsitan, isin warri akka foon eeleetti waadamuutii fi okkoteetti affeelamuu isaan ciccirtan murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?”
and who eat the flesh of my people, and flay their skin from off them, and break their bones, and chop them in pieces as for the pot, and as flesh within the cauldron.
4 Ergasii isaan Waaqayyotti iyyatu; inni garuu deebii hin kennuuf. Yeroo sanatti inni sababii cubbuu isaan hojjetaniitiif fuula isaa isaan duraa ni dhokfata.
Then shall they cry unto Jehovah, but he will not answer them; and he will hide his face from them at that time, according as they have wrought evil in their doings.
5 Waaqayyo akkana jedha: “Waaʼee raajota saba koo karaa irraa jalʼisanii, yoo namni tokko nyaata kenneef isaan ‘Nagaa’ labsu; yoo inni akkas gochuu baate immoo lola isatti kaasuuf qophaaʼu.
Thus saith Jehovah concerning the prophets that cause my people to err, that bite with their teeth, and cry, Peace! but whoso putteth not into their mouths they prepare war against him:
6 Kanaafuu utuu isin mulʼata hin argin halkan, utuu isin hooda hin dubbatin immoo dukkanni isinitti dhufa. Aduun raajotatti dhiiti; guyyaanis isaanitti dukkanaaʼa.
therefore ye shall have night without a vision; and it shall be dark unto you, without divination; and the sun shall go down upon the prophets, and the day shall be black over them.
7 Ilaaltonni ni qaanaʼu; warri hooda dubbatanis ni salphifamu. Sababii deebiin tokko iyyuu Waaqa biraa hin dhufneef isaan hundi fuula haguuggatu.”
And the seers shall be ashamed, and the diviners confounded; and they shall all cover their lips, for there will be no answer of God.
8 Ani garuu Yaaqoobitti balleessaa isaa, Israaʼelittis cubbuu isaa himuuf humnaan guutameera; Hafuura Waaqayyootiin murtii qajeelaa fi jabinaan guutameera.
But truly I am filled with power by the Spirit of Jehovah, and with judgment and with might, to declare unto Jacob his transgression, and to Israel his sin.
9 Isin hooggantoonni mana Yaaqoob bulchitoonni mana Israaʼel warri murtii qajeelaa tuffattanii waan sirrii taʼe hunda jalʼiftan waan kana dhagaʼaa;
Hear this, I pray you, ye heads of the house of Jacob, and princes of the house of Israel, that abhor judgment, and pervert all equity,
10 warri dhiiga dhangalaasuudhaan Xiyoonin, hamminaan immoo Yerusaalemin ijaartan waan kana dhagaʼaa.
that build up Zion with blood, and Jerusalem with unrighteousness.
11 Hooggantoonni ishee mattaʼaa fudhatanii murtii kennu; luboonni ishee gatiidhaan barsiisu; raajonni ishees maallaqa fudhatanii hooda dubbatu. Taʼus isaan Waaqayyotti irkatanii, “Waaqayyo gidduu keenya jira mitii? Balaan tokko iyyuu nutti hin dhufu” jedhu.
The heads thereof judge for reward, and the priests thereof teach for hire, and the prophets thereof divine for money; yet do they lean upon Jehovah, and say, Is not Jehovah in the midst of us? no evil shall come upon us.
12 Kanaafuu sababii keessaniif, Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti; Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati; gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa.
Therefore shall Zion for your sake be ploughed [as] a field, and Jerusalem shall become heaps, and the mountain of the house as the high places of a forest.

< Miikiyaas 3 >