< Miikiyaas 2 >

1 Warra daba karoorfatan kanneen siree isaanii irra ciisanii hammina yaadaniif wayyoo! Sababii waan kana hojjechuun humna isaanii jala jiruuf isaan ifa bariitiin kaʼanii waan sana hojjetu.
Woe to them that devise iniquity, And contrive evil upon their beds; When the morning is light, they practise it, Because it is in the power of their hand.
2 Isaan lafa qotiisaa kajeelanii qabatu; manneenis akkasuma kajeelanii fudhatu. Isaan gowwoomsaadhaan mana namaa, dhaala isaas ni fudhatu.
They covet fields, and take them by violence; Houses, and take them from their owners. They defraud a man of his house; Yea, a man of his inheritance.
3 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha; “Kunoo ani balaa isin jalaa baʼuu hin dandeenye tokko saba kanatti fiduuf karoorfadheen jira. Isin siʼachi of tuulummaadhaan jiraachuu hin dandeessan; yeroon kun yeroo rakkinaa taʼaatii.
Therefore, thus saith Jehovah: Behold, against this race do I meditate evil. From which ye shall not remove your necks, nor lift up your heads; For it shall be a time of evil.
4 Bara sana keessa namoonni isinitti gaʼisu; akkana jedhaniis faaruu booʼichaa kanaan isinitti qoosu; ‘Nu guutumaan guutuutti barbadoofneerra; qabeenyi saba kootiis gargar qooddatameera. Inni narraa fudhata! Lafa qotiisaa keenya warra nu moʼataniif kenna.’”
In that day shall this song be uttered concerning thee. And this sad lamentation be made: “We are utterly laid waste; He hath changed the portion of my people; How hath he torn it from me! He hath taken away and distributed our fields.”
5 Kanaafuu ati nama ixaadhaan lafa qoodu tokko illee waldaa Waaqayyoo keessaa hin qabaattu.
Behold, thou shalt have no one henceforth Who shall draw out a line for a portion, In the congregation of Jehovah.
6 Raajonni isaanii, “Isin raajii hin dubbatinaa; waaʼee waan kanaa raajii hin dubbatinaa; salphinni nutti hin dhufu” jedhu.
“Prophesy not,” [[say they, ]] “O ye that prophesy!” If they prophesy not concerning these things, The shame will not depart.
7 Yaa mana Yaaqoob, “Wanni kun akkana jedhamuu qabaa? Hafuurri Waaqayyoo obsa hin qabuu? Inni waan akkasii ni hojjetaa?” “Nama karaan isaa qajeelaa taʼeef dubbiin koo waan gaarii hin hojjetuu?
O ye that are called the house of Jacob, Is the spirit of Jehovah impatient? Are these his doings? Are not my words kind to him that walketh uprightly?
8 Sabni koo akka diinaatti kaʼeera. Isin namoota yaaddoo malee achiin darban kanneen duulaa galaa jiran irraa uffata baafattu.
But long since hath my people risen against me, as an enemy; Ye strip the mantle from the garment of those that pass by securely, as men returning from war.
9 Isin dubartoota saba kootii manneen isaanii babbareedoo keessaa ariitu. Eebba koos bara baraan ijoollee isaanii irraa fudhattu.
The women of my people ye cast out from their pleasant abodes; Ye deprive their children forever of the glory which I gave them.
10 Kaʼaatii asii deemaa! Iddoon kun lafa boqonnaa keessanii miti; isheen xurooftee diigamtee baddeerti.
Arise and depart; This land is not your rest! On account of its pollution shall it be wasted, And given to utter destruction.
11 Namni sobaa fi gowwoomsaan tokko yoo dhufee, ‘Ani waaʼee daadhii wayiniitii fi dhugaatii cimaa raajii siif nan dubbadha’ jedhe; inni raajii saba kanaa taʼa!
If a man follow wind, and invent falsehood, and say, “I will prophesy to thee of wine and strong drink!” He will be the prophet for this people.
12 “Yaa Yaaqoob, ani dhugumaan isin hunda walitti nan qaba; ani hambaa Israaʼel walitti nan fida. Ani akkuma hoolota gola keessaatti, akkuma bushaayee lafa dheedaa jiraniitti walitti isaan nan fida; lafti sunis tuuta namaatiin guutamti.
Yet will I fully gather thee, O Jacob, I will surely assemble the residue of Israel! I will put them together like sheep in a fold; Like a flock in their fold shall they be in a tumult on account of the multitude of men.
13 Inni cabsee karaa baasu fuula isaanii dura deema; isaan cabsanii karraan baʼu. Mootiin isaanii isaan dura baʼa; Waaqayyo fuula isaanii dura deema.”
He that forceth a way goeth before them; They force their way, and pass through the gate, And go forth by it; And their king goeth before them, Even Jehovah at the head of them.

< Miikiyaas 2 >