< Miikiyaas 1 >

1 Bara Yootaam, Aahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihuudaa turan keessa dubbiin Waaqayyoo gara Miikiyaas namicha Mooresheet dhufe; kunis mulʼata inni waaʼee Samaariyaatii fi waaʼee Yerusaalem argee dha.
Maganar Ubangiji ta zo wa Mika mutumin Moreshet a zamanin Yotam, da na Ahaz, da kuma na Hezekiya, sarakunan Yahuda, Mika ya ga wahayi a kan Samariya da kuma a kan Urushalima. Ga abin da ya ce.
2 Yaa namoota, isin hundinuu dhagaʼaa; lafaa fi wantoonni ishee irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa; Waaqayyo Gooftichi, Gooftaan mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessaa dhugaa isinitti baʼa.
Ku ji, ya ku mutane duka, ki saurara, ya ke duniya da dukan mazauna cikinki, bari Ubangiji Mai Iko Duka yă zama shaida a kanku, daga haikalinsa mai tsarki.
3 Kunoo! Waaqayyo iddoo jireenya isaatii dhufaa jira; inni gad dhufee iddoo ol kaʼaa lafaa irra ni ejjeta.
Duba! Ubangiji yana zuwa daga wurin zamansa; zai sauko yă taka maɗaukakan wuraren duniya.
4 Akkuma gagaa fuula ibiddaa dura jiruu, akkuma bishaan tabba irraa gad yaaʼuu tulluuwwan isa jalatti ni baqu; sululawwanis gargar baqaqu.
Duwatsu za su narke a ƙarƙashin ƙafafunsa, kamar kaki a gaban wuta, kwaruruka kuma za su ɓace, kamar ruwan da yake gangarowa daga tsauni.
5 Wanni kun hundi sababii dogoggora Yaaqoobiif, sababii cubbuu mana Israaʼeliif taʼe. Dogoggorri Yaaqoob maali? Samaariyaa mitii? Iddoon sagadaa Yihuudaa maali? Yerusaalem mitii?
Duk wannan zai faru saboda laifin Yaƙub, da kuma zunuban gidan Isra’ila ne. Mene ne laifin Yaƙub? Shin, ba Samariya ba ce? Ina ne maɗaukakan wuraren Yahuda? Shin, ba Urushalima ba ce?
6 “Kanaafuu ani Samaariyaa tuullaa diigamaa, lafa wayinii itti dhaabbatan nan godha. Ani dhagaawwan ishee sululatti naqee, hundee ishee qullaa nan hambisa.
“Saboda haka zan mai da Samariya tarin juji, wurin noman inabi. Zan zubar da duwatsunta a cikin kwari in kuma bar harsashin gininta a bayyane.
7 Waaqonni ishee tolfamoon hundinuu ni hurreeffamu; kennaawwan mana qulqullummaa ishee hundinuu ibiddaan gubamu; ani fakkii ishee hunda nan barbadeessa. Isheen gatii sagaagaltootaa irraa kennaa ishee walitti waan qabatteef, kennaan sun ammas gatii sagaagaltootaa taʼee ni deebiʼa.”
Za a ragargaje dukan allolinta; za a ƙone dukan baye-bayenta na haikali da wuta; zan lalatar da dukan gumakanta. Tun da ta wurin karuwanci ne ta tattara su, ga karuwanci kuma za su koma.”
8 Sababii waan kanaatiif ani booʼee nan wawwaadha; ani miilla duwwaa fi qullaa nan deema. Ani akkuma waangoo iyyee, akkuma urunguu nan aada.
Saboda wannan zan yi baƙin ciki, in yi kuka; zan yi tafiya ba takalmi, zan tuɓe, in kuma yi tafiya tsirara. Zan yi kuka kamar dila, in yi baƙin ciki kamar mujiya.
9 Madaan ishee waan hin fayyineef, Yihuudaattis darbeera. Karra saba koo dura gaʼeera; Yerusaalemittis dhufeera.
Gama raunin Samariya ba mai warkewa ba ne; ya bazu har Yahuda. Ya ma kai bakin ƙofar mutanena, har ma Urushalima da kanta.
10 Isin waan kana Gaati keessatti hin dubbatinaa; gonkumaa hin booʼinaa. Beet Leʼafraatti, awwaara keessa gangaladhaa.
Kada a faɗe shi a Gat; kada ma a yi kuka. A maimako haka, a yi birgima a cikin ƙura a Bet-Leyafra.
11 Isin warri Shaafiir keessa jiraattan, qullaa fi qaaniidhaan darbaa. Warri Zanaan keessa jiraatan, gad hin baʼan. Beet Eezel booʼicha irra jirti; eegumsi ishee isin irraa fuudhameera.
Ku wuce tsirara da kuma kunya, ku mazaunan Shafir. Bet-Ezel tana makoki domin babu wani daga Za’anan da ya fito don yă taimaka.
12 Sababii balaan Waaqayyo biraa dhufee karra Yerusaalem iyyuu gaʼeef, warri Maaroot keessa jiraatan gargaarsa argachuuf wixxirfatu.
Mazaunan Marot sun ƙosa su ga alheri, amma Ubangiji ya sauko da azaba, har zuwa ƙofar Urushalima.
13 Ati Laakkiish keessa kan jiraattu, fardeen gaariitti hidhadhu. Ati Intala Xiyooniif jalqaba cubbuu ti; dogoggorri Israaʼel siʼi keessatti argamaatii.
Ku da kuke zama a Lakish, ku ɗaura wa dawakai kekunan yaƙi. Gama ku kuka fara yin zunubi a Sihiyona, gama an sami laifofin Isra’ila a cikinku.
14 Kanaafuu ati Mooresheet Gaatiif kennaa kennita. Manneen Akziib mootota Israaʼeliif gowwoomsitoota taʼu.
Saboda haka za ku ba da kyautan bankwana ga Moreshet Gat. Garin Akzib zai zama abin yaudara ga sarakunan Isra’ila.
15 Ani warra Maareeshaa keessa jiraattanitti moʼataa tokko nan fida. Inni ulfina Israaʼel taʼe gara Adulaam ni dhufa.
Ku mazaunan Maresha Ubangiji zai kawo wanda zai ci ku da yaƙi. Sarakunan Isra’ila za su gudu zuwa Adullam.
16 Sababii gadda ijoollee itti gammadduutiif jedhii mataa kee haaddadhu; akkuma goggocoroo mataa kee moleeffadhu; isaan boojuudhaan sirraa fudhatamuutii.
Ku aske kanku ƙwal don makoki, ku yi wa kanku ƙwalƙwal kamar ungulu. Gama za a ja’ya’yan da kuke farin ciki a kai su bauta.

< Miikiyaas 1 >