< Maatewos 9 >

1 Yesuus bidiruu yaabbatee galaana ceʼee gara magaalaa isaa dhufe.
I ušavši u lađu, preplovi i dođe u svoj grad.
2 Kunoo, jarri tokko nama dhagni irratti duʼee siree irra ciisu tokko gara isaa fidan. Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti namichaan, “Ilma koo jabaadhu; cubbuun kee siif dhiifameeraatii” jedhe.
Kad gle, doniješe mu uzetoga koji je ležao na nosiljci. Vidjevši njihovu vjeru, reče Isus uzetomu: “Hrabro, sinko, otpuštaju ti se grijesi!”
3 Kana irratti barsiistota seeraa keessaa tokko tokko garaa isaanii keessatti, “Kunoo, namichi kun Waaqa arrabsa!” jedhan.
A gle, neki od pismoznanaca rekoše u sebi: “Ovaj huli!”
4 Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedhe; “Isin maaliif garaa keessan keessatti waan hamaa yaaddu?
Prozrevši njihove misli, Isus reče: “Zašto snujete zlo u srcima?
5 ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii deemi’ jechuutu salphaa dha?
Ta što je lakše reći: 'Otpuštaju ti se grijesi' ili reći: 'Ustani i hodi'?
6 Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.” Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, “Kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali” jedhe.
Ali da znate: vlastan je Sin Čovječji na zemlji otpuštati grijehe!” Tada reče uzetomu: “Ustani, uzmi nosiljku i pođi kući!”
7 Namichis kaʼee mana isaatti gale.
I on usta te ode kući.
8 Namoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqifatan; Waaqa taayitaa akkasii namaaf kenneefis ulfina kennan.
Kad mnoštvo to vidje, zaprepasti se i poda slavu Bogu koji takvu vlast dade ljudima.
9 Yesuus achii kaʼee utuu deemuu namicha Maatewos jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu argee, “Na duukaa buʼi” jedheen. Maatewosis kaʼee isa duukaa buʼe.
Odlazeći odande, ugleda Isus čovjeka zvanog Matej gdje sjedi u carinarnici. I kaže mu: “Pođi za mnom!” On usta i pođe za njim.
10 Yeroo Yesuus mana Maatewositti irbaata nyaachaa turetti, qaraxxoonnii fi cubbamoonni baayʼeen dhufanii isaa fi barattoota isaa wajjin nyaatan.
Dok je Isus bio u kući za stolom, gle, mnogi carinici i grešnici dođoše za stol s njime i njegovim učenicima.
11 Fariisonni yommuu waan kana arganitti, “Barsiisaan keessan maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaata?” jedhanii barattoota isaa gaafatan.
Vidjevši to, farizeji stanu govoriti: “Zašto vaš učitelj jede s carinicima i grešnicima?”
12 Yesuus immoo waan kana dhageenyaan akkana jedhe; “Ogeessi fayyaa warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu.
A on, čuvši to, reče: “Ne treba zdravima liječnika, nego bolesnima.
13 Garuu dhaqaatii dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’jedhu sun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufneetii.”
Hajdete i proučite što znači: Milosrđe mi je milo, a ne žrtva. Ta ne dođoh zvati pravednike, nego grešnike.”
14 Barattoonni Yohannis dhufanii, “Sababiin utuu nuu fi Fariisonni soomnuu, barattoonni kee hin soomneef maali?” jedhanii isa gaafatan.
Tada pristupe k njemu Ivanovi učenici govoreći: “Zašto mi i farizeji postimo, a učenici tvoji ne poste?”
15 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Keessummoonni misirrichaa akkamiin utuu inni isaan wajjin jiruu gadduu dandaʼu? Yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis yeroo sana ni soomu.
Nato im Isus reče: “Mogu li svatovi tugovati dok je s njima zaručnik? Doći će već dani kad će im se ugrabiti zaručnik, i tada će postiti!”
16 “Namni uffata moofaa irratti erbee haaraa erbu tokko illee hin jiru; erbeen sun uffata sana irraa tarsaasaatii; tarsaʼaan sunis isa duraa ni caala.
“A nitko ne stavlja krpe od sirova sukna na staro odijelo, jer zakrpa vuče s odijela pa nastane još veća rupa.”
17 Akkasuma immoo namoonni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqan. Yoo isaan itti naqan qalqallichi ni dhoʼa; daadhiinis ni dhangalaʼa; qalqalloonis horoomaa baʼa. Daadhiin wayinii haaraan garuu yoo qalqalloo haaraatti naqame lachanuu yeroo dheeraa turu.”
“I ne ulijeva se novo vino u stare mješine. Inače se mješine proderu, vino prolije, a mješine propadnu. Nego, novo se vino ulijeva u nove mješine pa se oboje sačuva.”
18 Utuu inni waan kana dubbachaa jiruu, bulchaan mana sagadaa tokko dhufee fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Intalli koo ammuma na duraa duute. Garuu kottuutii harka kee ishee irra kaaʼi; isheenis ni jiraattii” jedheen.
Dok im on to govoraše, gle, pristupi neki glavar, pokloni mu se do zemlje i reče: “Kći mi, evo, umrije, ali dođi, stavi ruku na nju, i oživjet će.”
19 Yesuus kaʼee barattoota isaa wajjin isa duukaa buʼe.
Isus usta te s učenicima pođe za njim.
20 Kunoo, dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokko dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe.
I gle, neka žena koja bolovaše dvanaest godina od krvarenja priđe odostraga i dotaknu se skuta njegove haljine.
21 Isheenis garaa ishee keessatti, “Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya” jettee yaaddee turteetii.
Mislila je: “Dotaknem li se samo njegove haljine, spasit ću se.”
22 Yesuusis garagalee ishee ilaalee, “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseeraatii jabaadhu!” jedheen. Dubartiin sunis yeruma sana fayyite.
A Isus se okrenu i vidjevši je reče: “Hrabro, kćeri, vjera te tvoja spasila.” I žena bi spašena od toga časa.
23 Yesuusis yommuu mana bulchaa mana sagadaa sanaa seenee warra ulullee afuufanii fi uummata wacu argetti,
I uđe Isus u kuću glavarovu. Ugleda svirače i bučno mnoštvo pa
24 “Asii deemaa! Intalattiin rafteerti malee hin duunee” jedhe. Isaan garuu isatti kolfan.
reče: “Odstupite! Djevojka nije umrla, nego spava.” Oni mu se podsmjehivahu.
25 Erga namoonni gad baafamanii booddees inni ol seenee harka intalattii qabe; isheenis kaatee dhaabatte.
A kad je svijet bio izbačen, uđe on, primi djevojku za ruku i ona bi uskrišena.
26 Oduun waaʼee kanaas biyya sana guutuu keessa facaʼe.
I razglasi se to po svem onom kraju.
27 Yesuus utuu achii kaʼee deemaa jiruu, jaamonni lama isa duukaa buʼanii, “Yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhanii iyyan.
Kad je Isus odlazio odande, pođu za njim dva slijepca vičući: “Smiluj nam se, Sine Davidov!”
28 Yommuu inni mana seenettis jaamonni sun gara isaa dhufan; innis, “Akka ani waan kana gochuu dandaʼu ni amantuu ree?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee, yaa Gooftaa!” jedhanii deebisaniif.
A kad uđe u kuću, pristupe mu slijepci. Isus im kaže: “Vjerujete li da mogu to učiniti?” Kažu mu: “Da, Gospodine!”
29 Yesuusis ija isaanii qaqqabee, “Akkuma amantii keessanii isiniif haa taʼu” jedheen.
Tada se dotače njihovih očiju govoreći: “Neka vam bude po vašoj vjeri.”
30 Iji isaaniis ni baname. Yesuusis, “Akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekne of eeggadhaa” jedhee jabeessee isaan akeekkachiise.
I otvoriše im se oči. A Isus im poprijeti: “Pazite da nitko ne dozna!”
31 Jarri garuu achii baʼanii biyya sana hunda keessatti waaʼee isaa odeessan.
Ali oni, izišavši, razniješe glas o njemu po svem onom kraju.
32 Utuu isaan gad baʼuutti jiranuu jarri tokko nama hafuura hamaadhaan qabamee dubbachuu hin dandeenye tokko Yesuusitti fidan.
Tek što oni iziđoše, gle, doniješe mu njemaka opsjednuta.
33 Namichi sunis erga hafuurri hamaan isa keessaa baafamee booddee ni dubbate. Namoonnis, “Wanni akkanaa gonkumaa Israaʼel keessatti hin argamne” jedhanii dinqifatan.
Pošto izagna đavla, progovori njemak. Mnoštvo se čudom čudilo i govorilo: “Nikada se takvo što ne vidje u Izraelu!”
34 Fariisonni garuu, “Inni hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasa” jedhan.
A farizeji govorahu: “Po poglavici đavolskome izgoni đavle.”
35 Yesuus manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa lallabaa, akkasumas dhibee fi dhukkuba hunda irraa namoota fayyisaa magaalaawwanii fi gandoota hunda keessa deeme.
I obilazio je Isus sve gradove i sela učeći po njihovim sinagogama, propovijedajući Evanđelje o Kraljevstvu i liječeći svaku bolest i svaku nemoć.
36 Innis yommuu tuuta namootaa argetti garaa laafeef; isaan akkuma hoolota tiksee hin qabneetti dhiphatanii, gatamaniis turaniitii.
Vidjevši mnoštvo, sažali mu se nad njim jer bijahu izmučeni i ophrvani kao ovce bez pastira.
37 Barattoota isaatiinis akkana jedhe; “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa.
Tada reče svojim učenicima: “Žetve je mnogo, a radnika malo.
38 Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa.”
Molite dakle gospodara žetve da pošalje radnike u žetvu svoju.”

< Maatewos 9 >