< Maatewos 7 >

1 “Akka isinitti hin muramneef namoota kaanitti hin murinaa.
人を是非すること勿れ、然らば汝等も是非せられじ、
2 Murtiidhuma isin namatti murtaniin isinitti muramaatii; safartuu ittiin safartaniinis isiniif safarama.
其は人を是非したる如くに是非せられ、量りたる量にて亦量らるべければなり。
3 “Ati maaliif jirma ija kee keessa jiru arguu dhiiftee huuba ija obboleessa keetii keessa jiru ilaalta?
汝何ぞ兄弟の目に塵を見て、己が目に梁を見ざるや。
4 Ati utuu jirmi ija kee keessa jiruu akkamitti obboleessa keetiin, ‘Kottu mee ani huuba ija kee keessa jiru siif nan baasa’ jechuu dandeessa?
或は汝の目に梁あるに、何ぞ兄弟に向ひて、我をして汝の目より塵を除かしめよと云ふや。
5 Fakkeessituu nana; duraan dursiitii jirma ija kee keessa jiru baafadhu; ergasiis huuba ija obboleessa keetii keessa jiru baasuudhaaf sirriitti argita.
僞善者よ、先己の目より梁を除け、然らば明に見えて、兄弟の目より塵をも除くべし。
6 “Waan qulqulluu sarootaaf hin kenninaa; lula keessanis booyyee dura hin buusinaa. Yoo kana gootan isaan miilla isaaniitiin dhidhiitu; gara galanis isin cicciru.
聖物を犬に與ふること勿れ、又汝等の眞珠を豚の前に投ぐること勿れ、恐らくは足にて之を踏み、且顧みて汝等を噛まん。
7 “Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa.
願へ、然らば與へられん、探せ、然らば見出さん、叩け、然らば[戸を]開かれん、
8 Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.
其は総て願ふ人は受け、探す人は見出し、叩く人は[戸を]開かるべければなり。
9 “Isin keessaa namni yoo ilmi isaa buddeena isa kadhate, dhagaa kennuuf eenyu?
或は汝等の中、誰か其子麪を乞はんに石を與へんや、
10 Yookaan yoo inni qurxummii isa kadhate, bofa kennuuf eenyu?
或は魚を乞はんに蛇を與へんや。
11 Erga isin warri hamoon iyyuu kennaa gaarii ijoollee keessaniif kennuu beektanii, abbaan keessan inni samii irraa immoo hammam caalchisee warra isa kadhataniif kennaa gaarii haa kennuu ree!
然れば汝等惡き者ながらも、善き賜を其子等に與ふるを知れば、况や天に在す汝等の父は、己に願ふ人々に善き物を賜ふべきをや。
12 Kanaafuu waan akka namoonni isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis akkasuma isaaniif godhaa; Seerris Raajonnis kanumaatii.
然れば総て人に為されんと欲する事を、汝等も人に為せ、蓋律法と預言者とは其なり。
13 “Karra dhiphaadhaan seenaa. Karaan badiisatti geessu balʼaadhaatii; karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin seenanis baayʼee dha.
汝等窄き門より入れ、蓋亡に至る門は濶く、其路も広くして、是より入る人多し。
14 Garuu karri isaa dhiphaa dha; karaan jireenyatti nama geessu qalʼaa dha; warri isa argatanis muraasa.
嗚呼生命に至る門窄く、其路も狭くして、之を見出す人少き哉。
15 “Raajota sobaa warra kalʼee hoolaa uffatanii gara keessan dhufan, kanneen keessi isaanii garuu yeeyyii akka malee beelaʼee waa cicciratu taʼe irraa of eeggadhaa.
汝等僞預言者を警戒せよ、彼等は羊の衣服を着て汝等に至れども、内は暴き狼なり、
16 Isin ija isaaniitiin isaan beektu. Namoonni qoraattii irraa wayinii yookaan sokorruu irraa harbuu ni ciruu?
其結ぶ果によりて彼等を知るべし。豈茨より葡萄を採り、薊より無花果を採る事あらんや。
17 Akkasumas mukni gaariin hundumtuu ija gaarii naqata; mukni gadheen immoo ija gadhee naqata.
斯の如く、総て善き樹は善き果を結び、惡き樹は惡き果を結ぶ、
18 Mukni gaariin ija gadhee naqachuu hin dandaʼu; mukni gadheenis ija gaarii naqachuu hin dandaʼu.
善き樹は惡き果を結ぶ能はず、惡き樹は善き果を結ぶ能はず。
19 Mukni ija gaarii hin naqanne hundi muramee ibiddatti naqama.
総て善き果を結ばざる樹は、伐られて火に投入れらるべし。
20 Kanaaf isin ija isaaniitiin isaan beektu.
故に汝等其結ぶ果によりて彼等を知るべし。
21 “Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu malee namni, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi mootummaa samiitti hin galu.
我に主よ主よと云ふ人皆天國に入るには非ず、天に在す我父の御旨を行ふ人こそ天國に入るべきなれ。
22 Guyyaa sana namoonni hedduun, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, nu maqaa keetiin raajii dubbanneerra mitii? Maqaa keetiin hafuurota hamoo baafneerra mitii? Maqaa keetiin dinqii hedduu hojjenneerra mitii?’ naan jedhu.
彼日には、多くの人我に向ひて、主よ主よ、我等は、御名によりて預言し、且御名によりて惡魔を逐払い、且御名によりて多くの奇蹟を行ひしに非ずや、と云はんとす。
23 Ani immoo, ‘Narraa fagaadhaa! Isin warra hammina hojjettan, ani gonkumaa isin hin beekne’ jedhee ifaan ifatti isaanitti nan hima.
其時我彼等に宣言せん、我曾て汝等を知らず、惡を為す者よ我を去れ、と。
24 “Kanaafuu namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan argisiisu hundi, nama ogeessa mana isaa kattaa irratti ijaarrate fakkaata.
然れば総て我此言を聞き且之を行ふ人は、磐の上に其家を建てたる賢き人に比せられん、
25 Bokkaan roobee, lolaan lolaʼee, bubbeenis bubbisee mana sana dhaʼe; manichi garuu waan kattaa irratti hundeeffameef hin jigne.
雨降り河溢れ風吹きて其家を衝きたれども、倒れざりき、其は磐の上に基したればなり。
26 Namni dubbii koo kana dhagaʼee hojiidhaan hin argisiifne hundi garuu nama gowwaa mana isaa cirracha irratti ijaarrate fakkaata.
又総て我此言を聞きて之を行はざる人は、砂の上に其家を建てたる愚なる人に似ん、
27 Bokkaan roobee, lolaan lolaʼee, bubbeenis bubbisee manicha dhaʼe; manni sunis ni jige; jiguun isaas akka malee hamaa ture.”
雨降り河溢れ風吹きて其家を衝きたれば、倒れて其壊甚しかりき、と[教へ給へり。]
28 Yommuu Yesuus dubbii kana dubbatee raawwatetti namoonni barsiisa isaa ni dinqisiifatan;
イエズス是等の言を宣畢り給ひければ、群衆其教に感嘆し居たり。
29 inni akka barsiistota seeraatti utuu hin taʼin, akka nama taayitaa qabu tokkootti isaan barsiisa tureetii.
其は彼等の律法學士とファリザイ人との如くせずして、権威ある者の如くに教へ給へばなり。

< Maatewos 7 >