< Maatewos 6 >
1 “Akka isaan isin arganiif jettanii ‘Hojii qajeelummaa’ keessan fuula namootaa duratti akka hin hojjenneef of eeggadhaa. Yoo akkas gootan abbaa keessan kan samii irraa biraa gatii hin qabaattaniitii.
Ta eder i vare at I ikke utøver eders rettferdighet for menneskenes øine, for å sees av dem; ellers har I ingen lønn hos eders Fader i himmelen.
2 “Kanaafuu ati yommuu warra rakkataniif waa kennitutti akka fakkeessitoonni namoota biratti jajamuuf jedhanii manneen sagadaa keessattii fi karaa irratti godhan sana malakataan hin labsatin. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.
Derfor, når du gir almisse, da skal du ikke la blåse i basun for dig, som hyklerne gjør i synagogene og på gatene, for å æres av menneskene; sannelig sier jeg eder: De har allerede fått sin lønn.
3 Yeroo ati rakkattootaaf waa kennitutti garuu waan harki kee mirgaa godhu, harki kee bitaa hin beekin;
Men når du gir almisse, da la ikke din venstre hånd vite hvad din høire gjør,
4 kunis akka kennaan kee dhoksaan taʼuuf. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.
forat din almisse kan være i lønndom, og din Fader, som ser i lønndom, han skal lønne dig i det åpenbare.
5 “Isin yommuu kadhattan akka fakkeessitootaa hin taʼinaa; isaan namatti mulʼachuuf jedhanii manneen sagadaa keessaa fi golee karaa irra dhaabatanii kadhachuu jaallatuutii. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.
Og når I beder, skal I ikke være som hyklerne; for de vil gjerne stå og bede i synagogene og på gatehjørnene, for å vise sig for menneskene; sannelig sier jeg eder: De har allerede fått sin lønn.
6 Ati garuu yeroo kadhattu mana keetti ol gali; balbala cufadhuutii Abbaa kee isa hin mulʼanne sana kadhadhu. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun ifaan ifatti gatii siif kenna.
Men du, når du beder, da gå inn i ditt lønnkammer og lukk din dør og bed til din Fader, som er i lønndom, og din Fader, som ser i lønndom, han skal lønne dig i det åpenbare.
7 Isinis yommuu kadhattan akka ormootaa dubbii faayidaa hin qabne irra hin deddeebiʼinaa; isaan baayʼina dubbii isaaniitiin waan isaaniif dhagaʼamu seʼu.
Og når I beder, skal I ikke ramse op mange ord som hedningene; for de tror at de blir bønnhørt når de bruker mange ord.
8 Isin akka isaanii hin taʼinaa; abbaan keessan utuma isin hin kadhatin iyyuu waan isin barbaachisu ni beekaatii.
Gjør derfor ikke som de! for eders Fader vet hvad I trenger til, før I beder ham.
9 “Egaa akkana jedhaa kadhadhaa: “‘Yaa Abbaa keenya kan samii irra jirtu, maqaan kee haa qulqullaaʼu;
Derfor skal I bede således: Fader vår, du som er i himmelen! Helliget vorde ditt navn;
10 mootummaan kee haa dhufu; fedhiin kee akkuma samii irratti taʼe sana, lafa irrattis haa taʼu.
komme ditt rike; skje din vilje, som i himmelen, så og på jorden;
11 Buddeena keenya kan guyyuma guyyaa harʼa nuu kenni.
gi oss idag vårt daglige brød;
12 Akkuma nu warra yakka nutti hojjetaniif dhiifnu sana, atis yakka keenya nuuf dhiisi.
og forlat oss vår skyld, som vi og forlater våre skyldnere;
13 Isa hamaa jalaa nu baasi malee qoramatti nu hin galchin.’ Mootummaan, humni, ulfinnis bara baraan kan kee ti.
og led oss ikke inn i fristelse; men fri oss fra det onde. For riket er ditt, og makten og æren i evighet. Amen.
14 Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan, Abbaan keessan inni samii irraas akkasuma isiniif dhiisaatii.
For dersom I forlater menneskene deres overtredelser, da skal eders himmelske Fader også forlate eder;
15 Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiisuu baattan garuu, Abbaan keessanis akkasuma cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.
men dersom I ikke forlater menneskene deres overtredelser, da skal heller ikke eders Fader forlate eders overtredelser.
16 “Isin yommuu soomtanitti akka fakkeessitootaa fuula hin dukkaneeffatinaa; isaan akka soomuutti jiran argisiifachuuf jedhanii fuula isaanii hammeessu. Ani dhuguman isinitti hima; isaan gatii isaanii argataniiru.
Når I faster, da skal I ikke gå med mørkt åsyn som hyklerne; for de gjør sitt ansikt ukjennelig, forat menneskene skal se at de faster; sannelig sier jeg eder: De har allerede fått sin lønn.
17 Ati garuu yeroo soomtu mataa kee dibadhu; fuula kees dhiqadhu.
Men du, når du faster, da salv ditt hode og vask ditt ansikt,
18 Kunis akka sooma kee sana abbaa kee isa namatti hin mulʼanne malee namni hin beekneefii dha. Abbaan kee inni waan dhoksaatti hojjetamu argu sun gatii kee ifaan ifatti siif kenna.
forat ikke menneskene skal se at du faster, men din Fader, som er i lønndom; og din Fader, som ser i lønndom, skal lønne dig.
19 “Isin iddoo itti bilii fi daanaʼoon balleessituu fi iddoo itti hattuun cabsitee hattu lafa irratti badhaadhummaa ofii keessaniif hin kuufatinaa.
Samle eder ikke skatter på jorden, hvor møll og rust tærer, og hvor tyver bryter inn og stjeler;
20 Garuu iddoo itti bilii fi daanaʼoon nyaattee hin balleessinee fi iddoo itti hattuun cabsitee hin hanne samii irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa.
men samle eder skatter i himmelen, hvor hverken møll eller rust tærer, og hvor tyver ikke bryter inn og stjeler!
21 Idduma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kees jiraatii.
For hvor din skatt er, der vil også ditt hjerte være.
22 “Iji ibsaa dhagnaa ti. Iji kee fayyaa taanaan, dhagni kee guutuun ifaan guutama.
Øiet er legemets lys; er ditt øie friskt, da blir hele ditt legeme lyst;
23 Yoo iji kee fayyaa hin taʼin garuu, dhagni kee guutuun ni dukkanaaʼa. Erga ifni si keessa jiru sun dukkanaaʼee, dukkanni sun hammam haa jabaatu ree!
men er ditt øie sykt, da blir hele ditt legeme mørkt. Er altså lyset i dig mørke, hvor stort blir da mørket!
24 “Namni gooftota lama tajaajiluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru. Isa tokko jibbitee isa kaan jaallattaatii; yookaan isa tokkoof of kennitee isa kaan immoo tuffatta. Isinis Waaqaa fi Maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.
Ingen kan tjene to herrer; for han vil enten hate den ene og elske den andre, eller holde sig til den ene og forakte den andre; I kan ikke tjene Gud og mammon.
25 “Kanaafuu ani isinittin hima; ‘Maal nyaanna yookaan maal dhugna?’ jettanii waaʼee jireenya keessanii hin yaaddaʼinaa; yookaan ‘maal uffanna?’ jettanii waaʼee dhagna keessanii hin yaaddaʼinaa. Jireenyi nyaata hin caaluu? Dhagnis uffata hin caaluu?
Derfor sier jeg eder: Vær ikke bekymret for eders liv, hvad I skal ete og hvad I skal drikke, eller for eders legeme, hvad I skal klæ eder med! Er ikke livet mere enn maten, og legemet mere enn klærne?
26 Mee simbirroota samii ilaalaa; isaan hin facaafatan yookaan hin haammatan yookaan gombisaatti hin galfatan; taʼus Abbaan keessan inni samii irraa isaan soora. Isin immoo isaan caalaa gatii guddaa qabdu mitii?
Se på himmelens fugler: De sår ikke, de høster ikke, de samler ikke i lader, og eders himmelske Fader før dem allikevel. Er ikke I meget mere enn de?
27 Isin keessaa namni yaaddaʼuudhaan hojjaa isaa irratti dhundhuma tokko dabalachuu dandaʼuu eenyu?
Og hvem av eder kan med all sin bekymring legge en alen til sin livslengde?
28 “Isin maaliif waaʼee uffataa yaaddoftu? Daraaraawwan dirree akkamitti akka guddatan mee ilaalaa. Isaan hin dhamaʼan yookaan hin foʼan.
Og hvorfor er I bekymret for klærne? Akt på liljene på marken, hvorledes de vokser: de arbeider ikke, de spinner ikke;
29 Ani garuu isinittin hima; Solomoon iyyuu ulfina isaa hunda keessatti, akka tokkoo isaaniitti hin uffanne.
men jeg sier eder: Enn ikke Salomo i all sin herlighet var klædd som en av dem.
30 Isin yaa warra amantii xinnoo nana. Waaqni erga marga dirree kan harʼa jiruu fi kan bor immoo ibiddatti naqamutti iyyuu akkasitti uffisee, isinitti immoo guddaa caalchisee hin uffisuu ree?
Men klær Gud således gresset på marken, som står idag og imorgen kastes i ovnen, skal han da ikke meget mere klæ eder, I lite troende?
31 Kanaafuu, ‘Maal nyaanna?’ yookaan ‘Maal dhugna?’ yookaan ‘Maal uffanna?’ jettanii hin yaaddaʼinaa.
Derfor skal I ikke være bekymret og si: Hvad skal vi ete, eller hvad skal vi drikke, eller hvad skal vi klæ oss med?
32 Kana hunda ormoonni iyyuu ni barbaaduutii; Abbaan keessan inni samii irraas akka wanni kun hundinuu isin barbaachisu ni beeka.
For alt slikt søker hedningene efter, og eders himmelske Fader vet at I trenger til alt dette.
33 Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.
Men søk først Guds rike og hans rettferdighet, så skal I få alt dette i tilgift!
34 Kanaafuu waaʼee boriitiif hin yaaddaʼinaa; bor ofii isaatiif ni yaaddaʼaatii. Hamminni guyyaa sanaa mataan isaa guyyicha ni gaʼa.
Vær altså ikke bekymret for den dag imorgen! for den dag imorgen skal bekymre sig for sig selv; hver dag har nok med sin egen plage.