< Maatewos 5 >

1 Yesuus yommuu namoota baayʼee argetti, tulluutti ol baʼee taaʼe. Barattoonni isaas gara isaa dhufan;
When Jesus saw the crowds, He went up on the mountain and sat down. His disciples came to Him,
2 innis isaan barsiisuu jalqabe. Akkanas jedhe:
and He began to teach them, saying:
3 “Warri hafuuraan hiyyeeyyii taʼan eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii.
“Blessed are the poor in spirit, for theirs is the kingdom of heaven.
4 Warri gaddan eebbifamoo dha; jajjabina ni argatuutii.
Blessed are those who mourn, for they will be comforted.
5 Warri garraamiin eebbifamoo dha; lafa ni dhaaluutii.
Blessed are the meek, for they will inherit the earth.
6 Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan eebbifamoo dha; isaan ni quufuutii.
Blessed are those who hunger and thirst for righteousness, for they will be filled.
7 Araara qabeeyyiin eebbifamoo dha; araara ni argatuutii.
Blessed are the merciful, for they will be shown mercy.
8 Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha; Waaqa ni arguutii.
Blessed are the pure in heart, for they will see God.
9 Warri nagaa buusan eebbifamoo dha; ijoollee Waaqaa ni jedhamuutii.
Blessed are the peacemakers, for they will be called sons of God.
10 Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha; mootummaan samii kan isaaniitii.
Blessed are those who are persecuted because of righteousness, for theirs is the kingdom of heaven.
11 “Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha.
Blessed are you when people insult you, persecute you, and falsely say all kinds of evil against you because of Me.
12 Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii.
Rejoice and be glad, because great is your reward in heaven; for in the same way they persecuted the prophets before you.
13 “Isin soogidda lafaa ti. Garuu soogiddi yoo miʼaa isaa dhabe, miʼaan isaa akkamiin deebifamuu dandaʼa? Gad gatamee miillaan dhidhiitama malee siʼachi waan tokko illee hin fayyadu.
You are the salt of the earth. But if the salt loses its savor, how can it be made salty again? It is no longer good for anything, except to be thrown out and trampled by men.
14 “Isin ifa addunyaa ti. Magaalaan gaara gubbaa jiru tokko dhokachuu hin dandaʼu.
You are the light of the world. A city on a hill cannot be hidden.
15 Yookaan namoonni ibsaa qabsiisanii gombisaa jala hin kaaʼan. Qooda kanaa baattuu isaa irra kaaʼu; ibsaan sunis namoota mana keessa jiran hundaaf ifa kenna.
Neither do people light a lamp and put it under a basket. Instead, they set it on a stand, and it gives light to everyone in the house.
16 Akka namoonni hojii keessan isa gaarii arganii abbaa keessan kan samii irraatiif ulfina kennaniif ifni keessanis akkasuma fuula namootaa duratti haa ifu.
In the same way, let your light shine before men, that they may see your good deeds and glorify your Father in heaven.
17 “Isin waan ani Seera yookaan Raajota diiguu dhufe hin seʼinaa; ani isaan raawwachuuf malee diiguuf hin dhufne.
Do not think that I have come to abolish the Law or the Prophets. I have not come to abolish them, but to fulfill them.
18 Ani dhuguman isinitti hima; hamma samii fi lafti darbanitti, Seerri guutummaatti raawwatama malee seericha keessaa qubeen tokko iyyuu, tuqaan xinnoon ishee iyyuu gonkumaa hin baddu.
For I tell you truly, until heaven and earth pass away, not a single jot, not a stroke of a pen, will disappear from the Law until everything is accomplished.
19 Kanaafuu namni ajajawwan kanneen keessaa xinnaa isaa illee diigu, kan akka warri kaanis diiganiif barsiisu kam iyyuu mootummaa samii keessatti xinnaa jedhama; namni ajajawwan kanneen eeguu fi kan warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu mootummaa samii keessatti guddaa jedhama.
So then, whoever breaks one of the least of these commandments and teaches others to do likewise will be called least in the kingdom of heaven; but whoever practices and teaches them will be called great in the kingdom of heaven.
20 Ani isinittin hima; qajeelummaan keessan qajeelummaa Fariisotaatii fi qajeelummaa barsiistota seeraa yoo caaluu baate isin dhugumaan mootummaa samiitti hin galtan.
For I tell you that unless your righteousness exceeds that of the scribes and Pharisees, you will never enter the kingdom of heaven.
21 “Isin akka bara dheeraan dura namootaan, ‘Hin ajjeesin; nama ajjeese kamitti iyyuu ni muramaa’jedhame dhageessaniirtu.
You have heard that it was said to the ancients, ‘Do not murder’ and ‘Anyone who murders will be subject to judgment.’
22 Ani garuu isinittin hima; nama obboleessa isaatti dheekkamu hundumaa murtiitu eeggata. Namni obboleessa isaatiin ‘Raatuu’ jedhu hundis murtii waldaatti dhiʼaata. Nama obboleessa isaatiin ‘Doofaa nana!’ jedhu immoo ibidda gahaannamtu isa eeggata. (Geenna g1067)
But I tell you that anyone who is angry with his brother will be subject to judgment. Again, anyone who says to his brother, ‘Raca,’ will be subject to the Sanhedrin. But anyone who says, ‘You fool!’ will be subject to the fire of hell. (Geenna g1067)
23 “Kanaafuu ati yeroo kennaa kee iddoo aarsaatti dhiʼeessitutti yoo akka obboleessi kee komii sirraa qabu yaadatte,
So if you are offering your gift at the altar and there remember that your brother has something against you,
24 kennaa kee achuma iddoo aarsaa duratti dhiisii dhaqiitii duraan dursii obboleessa keetti araarami; ergasii kottuutii kennaa kee dhiʼeessi.
leave your gift there before the altar. First go and be reconciled to your brother; then come and offer your gift.
25 “Amajaajii kee isa mana murtiitti si geessaa jiru wajjin dafii walii gali. Kanas utuma isa wajjin karaa jirtuu godhi; yoo kanaa achii amajaajiin kee dabarsee abbaa seeraatti si kenna; abbaan seeraa immoo poolisiitti si kenna; atis mana hidhaatti darbatamta.
Reconcile quickly with your adversary, while you are still on the way to court. Otherwise, he may hand you over to the judge, and the judge may hand you over to the officer, and you may be thrown into prison.
26 Ani dhuguman sitti hima; ati hamma saantima ishee dhumaa baaftutti achii hin baatu.
Truly I tell you, you will not get out until you have paid the last penny.
27 “Isin akka, ‘Hin ejjin’jedhame dhageessaniirtu.
You have heard that it was said, ‘Do not commit adultery.’
28 Ani garuu isinittin hima; namni hawwiidhaan dubartii ilaalu hundinuu yaada isaatti ishee wajjin ejjeera.
But I tell you that anyone who looks at a woman to lust after her has already committed adultery with her in his heart.
29 Yoo iji kee mirgaa si gufachiise, of keessaa baasii gati. Dhagni kee guutuun gahaannamitti darbatamuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayyaatii. (Geenna g1067)
If your right eye causes you to sin, gouge it out and throw it away. It is better for you to lose one part of your body than for your whole body to be thrown into hell. (Geenna g1067)
30 Yoo harki kee mirgaa si gufachiise of irraa murii gati. Dhagni kee guutuun gahaannamitti galuu irra, kutaa dhagna keetii keessaa tokko dhabuu siif wayya. (Geenna g1067)
And if your right hand causes you to sin, cut it off and throw it away. It is better for you to lose one part of your body than for your whole body to depart into hell. (Geenna g1067)
31 “Namni niitii isaa hiiku kam iyyuu, ‘Waraqaa ragaa hiikkaa haa kennuuf’jedhameera.
It has also been said, ‘Whoever divorces his wife must give her a certificate of divorce.’
32 Ani garuu isinittin hima; namni utuu isheen halalummaa hin hojjetin niitii isaa hiiku kam iyyuu akka isheen ejjitu ishee taasisa; namni dubartii hiikamte fuudhu kam iyyuus ni ejja.
But I tell you that anyone who divorces his wife, except for sexual immorality, brings adultery upon her. And he who marries a divorced woman commits adultery.
33 “Ammas akka warra duriitiin, ‘Waan kakatte Gooftaadhaaf guuti malee sobaan hin kakatin’jedhame dhageessaniirtu.
Again, you have heard that it was said to the ancients, ‘Do not break your oath, but fulfill your vows to the Lord.’
34 Ani garuu isinittin hima; gonkumaa hin kakatinaa: samiidhaan hin kakatinaa; inni teessoo Waaqaatii;
But I tell you not to swear at all: either by heaven, for it is God’s throne;
35 yookaan lafaan hin kakatinaa; isheen ejjeta miilla isaatii; yookaan Yerusaalemiin hin kakatinaa; isheen magaalaa Mooticha Guddaatii.
or by the earth, for it is His footstool; or by Jerusalem, for it is the city of the great King.
36 Mataa keetiinis hin kakatin; ati rifeensa tokko illee addeessuu yookaan gurraachesuu hin dandeessuutii.
Nor should you swear by your head, for you cannot make a single hair white or black.
37 Wanni isin jechuu qabdan, ‘Eeyyee’ yookaan ‘Waawuu’ haa taʼu; wanni kanaa achii kam iyyuu isa hamaa sana irraa dhufa.
Simply let your ‘Yes’ be ‘Yes,’ and your ‘No,’ ‘No.’ Anything more comes from the evil one.
38 “‘Qooda ijaa, ija; qooda ilkaanii immoo ilkaan’akka jedhame dhageessaniirtu.
You have heard that it was said, ‘Eye for eye and tooth for tooth.’
39 Ani garuu isinittin hima. Nama hamaadhaan hin morkatinaa. Yoo namni tokko maddii kee mirgaa si kabale, kaanis itti qabi.
But I tell you not to resist an evil person. If someone slaps you on your right cheek, turn to him the other also;
40 Yoo namni tokko si himatee kittaa kee sirraa fudhate, kootii kees kenniif.
if someone wants to sue you and take your tunic, let him have your cloak as well;
41 Yoo namni tokko akka ati gara kiiloo meetira tokkoo fi walakkaa isa wajjin deemtu si dirqisiise, ati immoo gara kiiloo meetira sadii isa wajjin deemi.
and if someone forces you to go one mile, go with him two miles.
42 Nama si kadhatuuf kenni; nama sirraa liqeeffachuu barbaaduttis dugda hin garagalchin.
Give to the one who asks you, and do not turn away from the one who wants to borrow from you.
43 “‘Ollaa kee jaalladhu; diina kee jibbi’ akka jedhame dhageessaniirtu.
You have heard that it was said, ‘Love your neighbor’ and ‘Hate your enemy.’
44 Ani garuu isinittin hima; diinota keessan jaalladhaa; warra isin ariʼataniifis kadhadhaa;
But I tell you, love your enemies and pray for those who persecute you,
45 kanaanis abbaa keessan kan samii irraatiif ijoollee ni taatu. Inni warra hamoo fi warra gaggaariidhaaf aduu isaa ni baasa; qajeeltotaa fi jalʼootaafis bokkaa ni roobsa.
that you may be sons of your Father in heaven. He causes His sun to rise on the evil and the good, and sends rain on the righteous and the unrighteous.
46 Isin warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan gatii maalii argattu? Kana immoo qaraxxoonni iyyuu ni godhu mitii?
If you love those who love you, what reward will you get? Do not even tax collectors do the same?
47 Isin yoo obboloota keessan qofa nagaa gaafattan warra kaan caalaa maal hojjechuutti jirtu? Kana immoo ormoonni iyyuu ni godhu mitii?
And if you greet only your brothers, what are you doing more than others? Do not even Gentiles do the same?
48 Akkuma abbaan keessan inni samii irraa mudaa hin qabne sana, isinis warra mudaa hin qabne taʼaa.
Be perfect, therefore, as your heavenly Father is perfect.

< Maatewos 5 >