< Maatewos 28 >

1 Sanbata booddee, guyyaa jalqaba torban sanaa Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam isheen kaan barii barraaqaan awwaala ilaaluu dhaqan.
Baadaye jioni siku ya Sabato, jua lilipokuwa likichwa kuelekea siku ya kwanza ya juma, Mariamu magadalena, na yule Mariam mwingine walikuja kuliona kaburi.
2 Kunoo, sababii ergamaan Gooftaa samii irraa gad buʼee gara awwaalaa dhaqee balbala awwaalaa irraa dhagaa sana garagalchee irra taaʼeef, sochiin lafaa guddaan taʼe.
Tazama kulikuwa na tetemeko kubwa, kwa sababu malaika wa Bwana alishuka na kulivingirisha lile jiwe, kisha akalikalia.
3 Bifti isaa ifaa akka bakakkaa, uffanni isaa immoo adii akka cabbii ture.
Sura yake ilikuwa kama ya umeme, na mavazi yake yalikuwa meupe kama theluji.
4 Waardiyyoonni sunis sababii isa sodaataniif hollatanii akkuma nama duʼee taʼan.
Wale walinzi walijawa na hofu na kuwa kama wafu.
5 Ergamaan sunis dubartoota sanaan akkana jedhe; “Hin sodaatinaa! Akka isin Yesuus isa fannifamee ture sana barbaaddan anuu beeka.
Yule malaika akawafafanulia wale wananawake akisema, “msiogope kwa maana najua kuwa mnamtafuta Yesu, aliyesulibiwa.
6 Inni as hin jiru; akkuma jedhe sana duʼaa kaʼeeraatii. Kottaatii iddoo inni ciisaa ture ilaalaa.
Hayupo hapa, lakini amefufuka kama alivyowaambia. Njooni muone mahali ambapo Bwana alilala.
7 Egaa dafaa dhaqaatii akkana jedhaa barattoota isaatti himaa; ‘Inni warra duʼan keessaa kaʼeera; kunoo, inni isin dursee Galiilaa ni dhaqa. Achittis isa ni argitu.’ Kunoo ani isinitti himeera.”
Nendeni haraka mkawaambie wanafunzi wake, 'Amefufuka toka wafu, tazama amewatangulia Galilaya. Huko ndiko mtamwona.' Tazama mimi nimewaambia.”
8 Dubartoonni sunis sodaatanii, taʼus gammachuu guddaan guutamanii ariitiidhaan awwaala sana biraa deeman; barattoota isaatti himuufis fiigan.
Wale wanawake waliondoka pale kaburini haraka wakiwa na hofu na furaha kubwa, na wakakimbia kuwaambia wanafunzi wake.
9 Yeruma sana kunoo Yesuus isaanitti dhufee, nagaa isaan gaafate. Isaanis isatti dhiʼaatanii miilla isaa qabatanii sagadaniif.
Tazama Yesu akakutana nao na kusema, “Salamu.”wale wanawake walikuja na kushika miguu yake, na kisha wakamwabudu.
10 Yesuusis, “Hin sodaatinaa! Dhaqaatii akka isaan gara Galiilaa deemaniif obboloota kootti himaa; isaanis achitti na argu” jedheen.
Kisha Yesu akawaambia, “msiogope, nendeni mkawaambie ndugu zangu watangulie Galilaya. Huko wataniona.
11 Utuu dubartoonni sun karaa jiranuu waardiyyoota sana keessaa tokko tokko magaalaa seenanii waan taʼe hunda luboota hangafootatti himan.
Wakati wale wanawake walipokuwa wakienda, tazama baadhi ya walinzi walienda mjini na kuwaambia wakuu wa makuhani mambo yote yaliyokuwa yametokea.
12 Luboonni hangafoonnis erga maanguddoota wajjin walitti qabamanii mariʼatanii booddee loltootaaf maallaqa hedduu kennan.
Nao makuhani walipokuwa wamekutana na wazee na kulijadili jambo hilo pamoja nao, walitoa kiasi kikubwa cha pesa kwa wale askari
13 Akkanas jedhaniin; “‘Utuu nu rafnuu barattoonni isaa halkaniin dhufanii isa hatan’ jedhaatii namootatti himaa.
na kuwaambia, “Waambieni wengine kuwa, 'wanafunzi wa Yesu walikuja usiku wakauiba mwili wa Yesu wakati sisi tulipokuwa tumelala.'
14 Yoo wanni kun gurra bulchaa seene nu isa amansiifnee rakkina jalaa isin baafnaa.”
Kama taarifa hii itamfikia liwali, sisi tutamshawishi na kuwaondoleeni ninyi mashaka yote.”
15 Loltoonnis maallaqa sana fudhatanii akkuma ajajaman godhan. Oduun kunis hamma harʼaatti Yihuudoota biratti odeeffamaa jira.
Kwa hiyo wale askari wakazichukua zile pesa na kufanya kama walivyokuwa wameelekezwa. Habari hii ikaenea sana kwa Wayahudi na imekuwa hivyo hadi leo.
16 Barattoonni kudha tokkoon sun gara biyya Galiilaa, gara tulluu Yesuus dhaqaa isaaniin jedhee ture sanaa dhaqan.
Lakini wale mitume kumi na mmoja walienda Galilaya, kwenye ule mlima aliokuwa amewaelekeza.
17 Isaanis yommuu isa arganitti ni sagadaniif; isaan keessaa tokko tokko garuu ni maman.
Nao walipomwona, walimwabudu. lakini baadhi yao waliona shaka.
18 Yesuus immoo isaanitti dhiʼaatee akkana jedhe; “Taayitaan hundinuu samii fi lafa irratti naa kennameera.
Yesu akaja kwao akawambia akisema, “Nimepewa mamlaka yote duniani na mbinguni.
19 Kanaaf dhaqaatii saba hundumaa maqaa Abbaatti, maqaa Ilmaatti, maqaa Hafuura Qulqulluuttis cuuphaatii barattoota taasisaa;
Kwa hiyo enendeni mkawafanye mataifa yote kuwa wanafunzi. Wabatizeni katika jina la Baba, na la Mwana, na la Roho Mtatkatifu.
20 akka waan ani isin ajaje hunda eeganiifis isaan barsiisaa. Kunoo, ani hamma dhuma addunyaatti guyyaa hunda isin wajjinan jira.” (aiōn g165)
Wafundisheni kuyatii mambo yote niliyowaamuru, Na tazama, mimi niko pamoja nanyi daima, hata mpaka mwisho wa dunia. (aiōn g165)

< Maatewos 28 >