< Maatewos 27 >

1 Ganama barii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni sabaa hundinuu Yesuusin ajjeesuuf walii wajjin mariʼatan.
Early in the morning all the chief priests and elders of the people consulted together and decided to have Jesus put to death.
2 Isaanis isa hidhanii geessanii Phiilaaxoos bulchaatti dabarsanii kennan.
They bound him, led him away, and handed him over to Pilate, the governor.
3 Yihuudaan inni Yesuusin dabarsee kenne sun yommuu akka Yesuusitti murame argetti ni gaabbe; meetii soddoma sanas luboota hangafootattii fi maanguddootatti deebise.
When Judas, the one who'd betrayed Jesus, saw that Jesus had been condemned to death, he regretted what he'd done and returned the thirty silver coins to the chief priests and the elders.
4 Innis, “Ani dhiiga qulqulluu dabarsee kennuudhaan cubbuu hojjedheera” jedhe. Isaanis deebisanii, “Maaltu nu dhibe ree? Situ itti gaafatama!” jedhaniin.
“I've sinned! I've betrayed innocent blood!” he told them. “What's that got to do with us?” they replied. “That's your problem!”
5 Yihuudaanis meetii sana mana qulqullummaa keessatti gatee gad baʼe; dhaqees of fannise.
Judas threw the silver coins into the sanctuary and left. He went away and hanged himself.
6 Luboonni hangafoonnis meetii sana fuudhanii, “Meetiin kun waan gatii dhiigaa taʼeef meetii mana qulqullummaatti dabaluun seera miti” jedhan.
The chief priests took the silver coins and said, “This is blood money, so it's not lawful to put this in the Temple treasury.”
7 Isaanis walii wajjin mariʼatanii akka namoota biyya ormaatiif iddoo awwaalaa taʼuuf meetii sanaan lafa namicha suphee dhaʼu tokkoo bitan.
So they agreed to buy the potter's field as a place to bury foreigners.
8 Kanaaf lafti sun hamma harʼaatti, “Lafa Dhiigaa” jedhamee waamama.
That's why the field is still called today the “Field of Blood.”
9 Kanaanis wanni Ermiyaas raajichi dubbate sun ni raawwatame: Innis akkana jedha; “Isaan meetii soddomman, gatii isaa kan ijoolleen Israaʼel isatti shallagan sana fuudhanii,
This fulfilled the prophecy spoken through the prophet Jeremiah: “They took thirty silver coins—the ‘value’ of the one who was bought at the price set by some of the children of Israel—
10 akkuma Gooftaan na ajajetti lafa namicha suphee dhaʼu sanaa ittiin bitan.”
and used them to pay for the potter's field, just as the Lord instructed me to do.”
11 Yeroo sanatti Yesuus fuula bulchaa dura dhaabate; bulchaan sunis, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate. Yesuus immoo, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.
Jesus was brought before Pilate the governor who asked him, “Are you the King of the Jews?” “You said it,” Jesus replied.
12 Inni yeroo luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni isa himatanittis deebii tokko illee hin kennine.
But when the chief priests and elders brought charges against him, Jesus did not answer.
13 Phiilaaxoosis, “Ati akka isaan waan meeqa sirratti dhugaa baʼan hin dhageessuu?” jedhee isa gaafate.
“Don't you hear how many charges they're bringing against you?” Pilate asked him.
14 Yesuus garuu himata tokkoof illee deebii tokko iyyuu hin kennine; bulchaan sunis akka malee waan kana dinqisiifate.
But Jesus didn't say anything, not a single word. This greatly surprised the governor.
15 Bulchaan sun nama hidhame tokko ayyaanaan akkuma fedhii sabaatti gad dhiisuu bartee godhatee ture.
Now it was the custom of the governor to release to the crowd during the festival whichever prisoner they wanted.
16 Yeroo sana namichi Barabbaas jedhamu beekamaan tokko hidhamee ture.
At that time a notorious prisoner was being held, a man named Barabbas.
17 Kanaafuu yommuu isaan walitti qabamanitti Phiilaaxoos, “Akka ani isa kam gad isinii dhiisu barbaaddu? Barabbaas moo Yesuus isa Kiristoos jedhamu sana?” jedhee isaan gaafate.
So Pilate asked the crowds that had gathered, “Who do you want me to release to you? Barabbas, or Jesus, called the Messiah?”
18 Akka isaan hinaaffaadhaan Yesuusin dabarsanii isatti kennan ni beeka tureetii.
(He had realized it was because of jealousy that they had handed Jesus over to him to be tried.)
19 Utuu Phiilaaxoos barcuma murtii irra taaʼuu niitiin isaa, “Namicha qajeelaa sana hin tuqin; ani eda sababii isaatiif abjuudhaan akka malee dhiphadheeraatii” jettee itti dhaamte.
While he was sitting on the judge's seat, his wife sent a message to him that said, “Don't do anything to this innocent man, for I've suffered terribly today as a result of a dream about him.”
20 Luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni garuu akka Barabbaas gad dhiifamee, Yesuus immoo ajjeefamu akka isa kadhataniif namoota sossoban.
But the chief priests and the elders convinced the crowds to ask for Barabbas, and to have Jesus put to death.
21 Bulchaan sun, “Isaan lamaan kanneen keessaa akka ani isa kam gad isinii dhiisu barbaaddu?” jedhee ammas gaafate. Isaanis, “Barabbaasin” jedhanii deebisan.
When the governor asked them, “So which of the two do you want me to release to you?” they answered, “Barabbas.”
22 Phiilaaxoosis, “Yesuus isa Kiristoos jedhamu immoo ani maal godhu ree?” jedhee gaafate. Hundi isaaniis, “Isa fannisi!” jedhanii deebisan.
“Then what shall I do with Jesus, the Messiah?” he asked them. They all shouted out, “Have him crucified!”
23 Phiilaaxoos immoo, “Maaliif? Inni yakka maalii hojjete?” jedhee gaafate. Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Isa fannisi!” jedhanii iyyan.
“Why? What crime has he committed?” Pilate asked. But they shouted even louder, “Crucify him!”
24 Phiilaaxoos yommuu akka wanni kun goolii kaasuu malee faayidaa tokko illee hin qabne argetti, “Ani dhiiga nama kanaa irraa qulqulluu dha; isintu itti gaafatama!” jedhee bishaan fudhatee fuula namootaa duratti harka isaa dhiqate.
When Pilate saw it was a lost cause, and that a riot was developing, he took some water and washed his hands in front of the crowd. “I'm innocent of this man's blood. It's on your heads!” he told them.
25 Namoonni hundinuus, “Dhiigni isaa nuu fi ijoollee keenya irra haa gaʼu!” jedhanii deebisan.
All the people answered, “May his blood be on us, and on our children!”
26 Ergasii inni Barabbaasin gad isaaniif dhiise. Yesuusin garuu garafsiisee akka inni fannifamuuf dabarsee kenne.
Then he released Barabbas to them, but he had Jesus whipped and sent to be crucified.
27 Ergasii loltoonni bulchaa sanaa Yesuusin mana bulchaatti ol galchan; raayyaa loltootaa hundas naannoo Yesuusitti walitti qaban.
The governor's soldiers took Jesus into the Praetorium and the whole troop surrounded him.
28 Isaanis uffata isaa irraa baasanii uffata bildiimaa itti uffisan;
They stripped him and put a scarlet cloak on him.
29 gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Harka isaa mirgaa keessas ulee kaaʼan. Fuula isaa durattis jilbeenfatanii, “Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!” jedhanii isatti qoosan.
They made a crown of thorns and placed it on his head, and put a stick in his right hand. They kneeled down in front of him and mocked him, saying, “We salute you, King of the Jews!”
30 Isaanis isatti tufan; ulee sanas fuudhanii mataa isaa rukutan.
They spat on him, and took the stick and beat him over the head with it.
31 Erga itti qoosanii booddee uffata sana irraa baasanii wayyaa isaa deebisanii isatti uffisan. Fannisuufis isa fuudhanii deeman.
When they'd finished mocking him, they took off the robe and put his own clothes back on him. Then they led him away to crucify him.
32 Utuu gad baʼanuus namicha Qareenaa kan Simoon jedhamu tokko arganii akka inni fannoo sana baatuuf isa dirqisiisan.
On the way they found a man called Simon, from Cyrene, and they forced him to carry Jesus' cross.
33 Isaanis iddoo Golgootaa jedhamu gaʼan; Golgootaa jechuun “Iddoo buqqee mataa” jechuu dha.
When they arrived at Golgotha, meaning “Place of the Skull,”
34 Achittis akka inni dhuguuf daadhii wayinii kan hadhooftuun itti makame kennaniif; inni garuu afaaniin qabee dhuguu dide.
they gave him wine mixed with gall. But having tasted it, he refused to drink it.
35 Isaanis erga isa fannisanii booddee ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.
After they had crucified him, they rolled dice to divide his clothes between them.
36 Isaanis achi taaʼanii isa eegaa turan.
Then they sat down and kept watch over him there.
37 Katabbiin waan inni ittiin himatamees mataa isaatii ol kaaʼamee ture; katabbiin sunis, Kun Yesuus Mooticha Yihuudootaa ti, jedha.
They placed a sign over his head with the charge against him. It read, “This is Jesus, the King of the Jews.”
38 Hattoonni lamas, inni tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin isa wajjin fannifaman.
They crucified two criminals with him, one on the right, and one on the left.
39 Warri achiin darbanis isa arrabsan; mataa isaaniis raasanii,
Those who passed by shouted insults at him, shaking their heads,
40 “Ati kan mana qulqullummaa diigdee guyyaa sadiitti ijaartu, mee of oolchi! Ati yoo Ilma Waaqaa taate fannoo irraa gad buʼi!” jedhan.
saying, “You who promised to destroy the Temple and rebuild it in three days, why don't you save yourself! If you really are the Son of God, then come down from the cross.”
41 Akkasumas luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni isatti qoosan. Akkanas jedhan;
The chief priests mocked him in the same way, along with the religious teachers and elders.
42 “Inni warra kaan oolcheera; ofii isaa garuu oolchuu hin dandaʼu! Inni yoo mootii Israaʼel taʼe amma fannoo irraa gad haa buʼu; nuus isatti ni amannaatii.
“He saved other people, but he can't save himself!” they said. “If he really is the king of Israel, let him come down from the cross, and then we'll believe him!
43 Inni Waaqa amanata; Waaqni yoo isa jaallate, mee amma isa haa oolchu; inni, ‘Ani Ilma Waaqaa ti’ jedheeraatii.”
He trusts God so confidently—well let God rescue him now if he wants him, because he claimed ‘I am the Son of God.’”
44 Akkasuma hattoonni isa wajjin fannifamanis isa arrabsan.
The criminals who were crucified with him also insulted him in the same way.
45 Saʼaatii jaʼaa jalqabee hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe.
From noon until three o'clock darkness covered the whole country.
46 Gara Saʼaatii sagaliitti Yesuus sagalee guddaadhaan, “Eloohee, Eloohee, laamaa sabaqtaanii?” jedhee iyye; hiikkaan isaas, “Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko, ati maaliif na dhiifte?” jechuu dha.
At about three o'clock Jesus shouted out loud, “Eli, Eli, lama sabachthani?” which means, “My God, my God, why have you abandoned me?”
47 Warra achi dhadhaabatan keessaa tokko tokko yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Namichi kun Eeliyaasin waama” jedhan.
When some of those standing there heard it, they said, “He's calling for Elijah!”
48 Yommusuma isaan keessaa namichi tokko fiigee dhaqee ispoonjii daadhii wayinii dhangaggaaʼaadhaan guutee, uleetti kaaʼe; akka inni dhuguufis Yesuusiif kenne.
Immediately one of them ran and grabbed a sponge, soaked it in vinegar, put it on a stick, and gave it to Jesus to drink.
49 Warri kaan garuu, “Mee isa dhiisaa. Akka Eeliyaas dhufee isa oolchu arginaatii” jedhan.
But the others said, “Leave him alone. Let's see if Elijah will come and save him.”
50 Yesuus ammas sagalee guddaadhaan iyyee hafuura isaa kenne.
Jesus cried out again with a loud voice, and breathed his last.
51 Yeruma sana golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe. Lafti ni sochoote; kattaawwanis ni babbaqaqan.
Right then the veil of the Temple was torn apart from top to bottom. The ground shook, the rocks split apart,
52 Awwaalonnis banamanii dhagnawwan qulqullootaa kanneen duʼanii turan hedduun duʼaa kaafaman.
and the graves were opened. Many of those who had lived good lives and had fallen asleep in death were raised to life.
53 Isaanis duʼaa kaʼuu Yesuus booddee awwaala keessaa baʼanii magaalattii qulqulluu seenan. Namoota hedduuttis mulʼatan.
After the resurrection of Jesus they went out from the graveyards into the holy city where many people saw them.
54 Ajajaan dhibbaa sunii fi warri isa wajjin Yesuusin eegaa turan yommuu sochii lafaatii fi waan achitti taʼe hunda arganitti akka malee sodaatanii, “Dhugumaanuu inni Ilma Waaqaa ture!” jedhan.
When the centurion and those with him who were guarding Jesus saw the earthquake and what happened, they were terrified, and said, “This really was the Son of God!”
55 Dubartoonni Yesuusin tajaajiluuf jedhanii Galiilaadhaa isa duukaa buʼan baayʼeenis fagoo dhaabatanii ilaalaa turan.
Many women were also watching from a distance, those who had followed Jesus from Galilee and had supported him.
56 Isaan keessaas Maariyaam ishee Magdalaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi Yoosef, akkasumas haadha ilmaan Zabdewoos turan.
These included Mary Magdalene, Mary the mother of James and Joseph, and the mother of the sons of Zebedee.
57 Yommuu galgalaaʼettis namichi sooressi Yoosef jedhamu tokko Armaatiyaa dhufe; inni mataan isaas barataa Yesuus ture.
When evening came, a rich man named Joseph, from Arimathea, (who was also a disciple of Jesus),
58 Innis gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate; Phiilaaxoosis akka reeffi sun isaaf kennamu ajaje.
went to Pilate and asked for the body of Jesus. Pilate ordered it to be handed over to him.
59 Yoosefis reeffa sana fudhatee huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qulqulluudhaan kafane;
Joseph took the body and wrapped it up in a fresh linen cloth,
60 innis awwaala ofii isaa kan garaa kattaa keessatti qotate haaraa tokko keessa kaaʼe. Dhagaa guddaa tokkos balbala awwaala sanaatti gangalchee biraa deeme.
and placed it in his own new tomb, cut out of solid rock. He rolled a large stone across the entrance to the tomb, and left.
61 Maariyaam isheen Magdalaatii fi Maariyaam isheen kaan fuullee awwaala sanaa tataaʼaa turan.
Mary Magdalene and the other Mary were there, sitting opposite the tomb.
62 Guyyaa itti aanutti jechuunis guyyaa qophii booddee luboonni hangafoonnii fi Fariisonni fuula Phiilaaxoos duratti walitti qabaman.
The next day, after the Preparation day, the chief priests and the Pharisees went together to see Pilate.
63 Isaanis akkana jedhan; “Gooftaa! Akka namichi gowwoomsaan sun utuu lubbuudhaan jiruu, ‘Ani guyyaa sadii booddee duʼaa nan kaʼa’ jedhe nu ni yaadanna.
They said to him, “Sir, we recall that the imposter said while he was still alive, ‘After three days, I'll rise again.’
64 Kanaafuu akka awwaalli sun hamma guyyaa sadaffaatti eegamu ajaji. Yoo kun taʼuu baate barattoonni isaa dhaqanii reeffa isaa hatanii, ‘Inni warra duʼan keessaa kaʼeera’ jedhanii namatti odeessu. Gowwoomsaan dhumaa kun immoo isa duraa caalaa ni hammaata.”
Give orders to secure the tomb until the third day. That way his disciples can't come and steal his body and tell people that he was raised from the dead, and the deception in the end will become worse than it was at first.”
65 Phiilaaxoosis deebisee, “Waardiyyaa fudhadhaa dhaqaatii akkuma beektanitti awwaalicha eegsifadhaa” jedheen.
“I'll give you a guard of soldiers,” Pilate told them. “Now go, and make it as secure as you possibly can.”
66 Kanaaf isaan dhaqanii dhagicha irratti mallattoo godhan; waardiyyaas ramadanii awwaala sana eegsisan.
So they went and made the tomb secure, sealing the entrance stone and posting soldiers as guards.

< Maatewos 27 >