< Maatewos 26 >
1 Yesuus erga waan kana hunda dubbatee raawwatee booddee barattoota isaatiin akkana jedhe;
耶稣说完了这一切的话,就对门徒说:
2 “Akkuma isin beektan Faasiikaaf guyyaa lamatu hafa; Ilmi Namaas fannifamuuf dabarfamee ni kennama.”
“你们知道,过两天是逾越节,人子将要被交给人,钉在十字架上。”
3 Ergasii luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni uummataa dallaa luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu keessatti walitti qabaman.
那时,祭司长和民间的长老聚集在大祭司称为该亚法的院里。
4 Isaanis haxxummaadhaan Yesuusin qabuu fi ajjeesuuf mariʼatan.
大家商议要用诡计拿住耶稣,杀他,
5 Isaanis, “Garuu akka namoota gidduutti gooliin hin kaaneef yeroo ayyaanaatti hin taʼin” jedhan.
只是说:“当节的日子不可,恐怕民间生乱。”
6 Utuu Yesuus Biitaaniyaa keessa mana Simoon isa lamxaaʼaa sanaa jiruu,
耶稣在伯大尼长大麻风的西门家里,
7 dubartiin tokko shittoo gatiin isaa akka malee guddaa taʼe bilqaaxxii albaasxiroositti qabattee gara isaa dhufte; akkuma inni maaddiitti dhiʼaateenis shittoo sana mataa isaatti dhangalaafte.
有一个女人拿着一玉瓶极贵的香膏来,趁耶稣坐席的时候,浇在他的头上。
8 Barattoonnis yommuu waan kana arganitti aaranii akkana jedhan; “Waan kana balleessuun maaliif?
门徒看见就很不喜悦,说:“何用这样的枉费呢!
9 Silaa shittoon kun gatii guddaatti gurguramee maallaqa isaa hiyyeeyyiif kennuun ni dandaʼama tureetii.”
这香膏可以卖许多钱,周济穷人。”
10 Yesuusis kana hubatee akkana isaaniin jedhe; “Isin maaliif dubartii kana rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti.
耶稣看出他们的意思,就说:“为什么难为这女人呢?她在我身上做的是一件美事。
11 Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.
因为常有穷人和你们同在;只是你们不常有我。
12 Dubartiin kun yommuu shittoo kana dhagna koo irrati dhangalaaftetti awwaalaaf na qopheessuudhaaf waan kana goote.
她将这香膏浇在我身上是为我安葬做的。
13 Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli kun itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama.”
我实在告诉你们,普天之下,无论在什么地方传这福音,也要述说这女人所行的,作个纪念。”
14 Ergasiis warra Kudha Lamaan keessaa namichi Yihuudaa Keeriyotii jedhamu tokko gara luboota hangafootaa dhaqee,
当下,十二门徒里有一个称为加略人犹大的,去见祭司长,
15 “Yoo ani isa dabarsee isinitti kenne isin maal naaf kennitu?” jedhee gaafate. Isaanis meetii soddomaan walii galan.
说:“我把他交给你们,你们愿意给我多少钱?”他们就给了他三十块钱。
16 Yihuudaanis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin dabarsee kennuuf haala mijaaʼaa eeggachaa ture.
从那时候,他就找机会要把耶稣交给他们。
17 Guyyaa jalqaba Ayyaana Maxinootti barattoonni gara Yesuus dhufanii, “Akka ati Faasiikaa nyaattuuf eessatti akka siif qopheessinu barbaadda?” jedhanii gaafatan.
除酵节的第一天,门徒来问耶稣说:“你吃逾越节的筵席,要我们在哪里给你预备?”
18 Innis deebisee akkana jedhe; “Magaalaa seenaatii nama wayiitiin, ‘Barsiisaan, yeroon koo gaʼeera; ani barattoota koo wajjin Ayyaana Faasiikaa mana keetti nan kabaja siin jedha’ jedhaa.”
耶稣说:“你们进城去,到某人那里,对他说:‘夫子说:我的时候快到了,我与门徒要在你家里守逾越节。’”
19 Barattoonnis akkuma Yesuus isaan ajaje sana godhan; Faasiikaas ni qopheessan.
门徒遵着耶稣所吩咐的就去预备了逾越节的筵席。
20 Yesuusis yommuu galgalaaʼetti warra Kudha Lamaan wajjin maaddiitti dhiʼaate.
到了晚上,耶稣和十二个门徒坐席。
21 Innis utuma nyaachaa jiranuu, “Ani dhuguma isinitti nan hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna” jedhe.
正吃的时候,耶稣说:“我实在告诉你们,你们中间有一个人要卖我了。”
22 Isaanis akka malee gaddanii tokko tokkoon, “Yaa Gooftaa, na taʼinnaa laata?” jedhanii gaafachuu jalqaban.
他们就甚忧愁,一个一个地问他说:“主,是我吗?”
23 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Namichi na wajjin gabatee keessa harka kaaʼee cuuphate dabarsee na kenna.
耶稣回答说:“同我蘸手在盘子里的,就是他要卖我。
24 Ilmi Namaa akkuma waaʼeen isaa barreeffame sanatti ni deema. Garuu namicha dabarsee Ilma Namaa kennu sanaaf wayyoo! Inni utuu dhalachuu baatee isaaf wayya ture.”
人子必要去世,正如经上指着他所写的;但卖人子的人有祸了!那人不生在世上倒好。”
25 Yihuudaan inni dabarsee isa kennuuf jiru sunis, “Yaa Barsiisaa, na taʼinnaa laata?” jedhe. Yesuusis, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.
卖耶稣的犹大问他说:“拉比,是我吗?”耶稣说:“你说的是。”
26 Utuu nyaachaa jiranuus Yesuus buddeena fuudhee eebbise; caccabsees, “Fudhadhaa nyaadhaa; kun foon koo ti” jedhee barattoota isaatiif kenne.
他们吃的时候,耶稣拿起饼来,祝福,就擘开,递给门徒,说:“你们拿着吃,这是我的身体”;
27 Xoofoos fuudhee galata galchee isaaniif kenne; akkanas jedhe; “Hundi keessan kana irraa dhugaa.
又拿起杯来,祝谢了,递给他们,说:“你们都喝这个;
28 Kun dhiiga koo, dhiiga kakuu haaraa kan dhiifama cubbuu namoota baayʼeetiif dhangalaafamuu dha.
因为这是我立约的血,为多人流出来,使罪得赦。
29 Ani isinitti nan hima; ani hamman guyyaa isin wajjin mootummaa Abbaa koo keessatti deebiʼee dhugutti ammaa jalqabee ija wayinii kana irraa hin dhugu.”
但我告诉你们,从今以后,我不再喝这葡萄汁,直到我在我父的国里同你们喝新的那日子。”
30 Isaanis erga faarfannaa faarfatanii booddee Tulluu Ejersaatti qajeelan.
他们唱了诗,就出来往橄榄山去。
31 Ergasii Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Hundi keessan edana sababii kootiif ni gufattu; akkana jedhamee barreeffameeraatii: “‘Ani tiksee nan rukuta; hoolonni karra sanaas ni bittinneeffamu.’
那时,耶稣对他们说:“今夜,你们为我的缘故都要跌倒。因为经上记着说: 我要击打牧人, 羊就分散了。
32 Ani garuu ergan duʼaa kaʼee booddee isin dura Galiilaa nan dhaqa.”
但我复活以后,要在你们以先往加利利去。”
33 Phexros immoo deebisee, “Yoo namni hundinuu sababii keetiif gufate iyyuu ani gonkumaa hin gufadhu” jedheen.
彼得说:“众人虽然为你的缘故跌倒,我却永不跌倒。”
34 Yesuus immoo deebisee, “Ani dhuguma sitti nan hima; ati edana utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedheen.
耶稣说:“我实在告诉你,今夜鸡叫以先,你要三次不认我。”
35 Phexros garuu, “Ani yoon si wajjin duʼuu qabaadhe illee gonkumaa si hin ganu” jedheen. Barattoonni hundinuus akkasuma jedhan.
彼得说:“我就是必须和你同死,也总不能不认你。”众门徒都是这样说。
36 Ergasiis Yesuus barattoota isaa wajjin iddoo Geetesemaanee jedhamu tokko dhaqe; innis, “Hamma ani achi dhaqee kadhadhutti isin as taaʼaa” jedheen.
耶稣同门徒来到一个地方,名叫客西马尼,就对他们说:“你们坐在这里,等我到那边去祷告。”
37 Innis Phexrosii fi ilmaan Zabdewoos lamaan of faana fudhatee deeme; gadduu fi yaaddaʼuus jalqabe.
于是带着彼得和西庇太的两个儿子同去,就忧愁起来,极其难过,
38 Ergasiis inni, “Lubbuun koo akka malee gadditee duʼuu geesseerti. Isin asuma turaatii na wajjin dammaqaa” jedheen.
便对他们说:“我心里甚是忧伤,几乎要死;你们在这里等候,和我一同警醒。”
39 Innis xinnoo achi hiiqee adda isaatiin lafatti gombifamee, “Yaa Abbaa ko, yoo dandaʼame xoofoon kun narra haa darbu. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin” jedhee kadhate.
他就稍往前走,俯伏在地,祷告说:“我父啊,倘若可行,求你叫这杯离开我。然而,不要照我的意思,只要照你的意思。”
40 Innis gara barattoota isaatti deebiʼee utuu rafanuu isaan arge. Phexrosiinis akkana jedhe; “Jarana, isin saʼaatii tokkitti illee dammaqxanii na wajjin turuu hin dandeenyee?
来到门徒那里,见他们睡着了,就对彼得说:“怎么样?你们不能同我警醒片时吗?
41 Isin akka qorumsatti hin galleef dammaqaa kadhadhaa. Hafuurri qophaaʼaa dha; foon garuu dadhabaa dha.”
总要警醒祷告,免得入了迷惑。你们心灵固然愿意,肉体却软弱了。”
42 Ammas yeroo lammaffaa achi hiiqee, “Yaa Abbaa ko, xoofoon kun utuu ani hin dhugin yoo narra darbuu hin dandeenye akkuma fedhii keetii haa taʼu” jedhee kadhate.
第二次又去祷告说:“我父啊,这杯若不能离开我,必要我喝,就愿你的意旨成全。”
43 Inni yommuu deebiʼee dhufetti, ammas utuu rafanuu isaan arge; iji isaanii itti ulfaatee tureetii.
又来,见他们睡着了,因为他们的眼睛困倦。
44 Ammas isaan dhiisee achi hiiqee waanuma kanaan dura kadhate sana irra deebiʼee yeroo sadaffaa kadhate.
耶稣又离开他们去了。第三次祷告,说的话还是与先前一样。
45 Innis gara barattootaatti deebiʼee akkana jedheen; “Isin amma iyyuu raftanii boqochaa jirtuu? Kunoo, saʼaatiin sun gaʼeera; Ilmi Namaas dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama.
于是来到门徒那里,对他们说:“现在你们仍然睡觉安歇吧!时候到了,人子被卖在罪人手里了。
46 Kaʼaa ni deemnaa! Kunoo, namichi dabarsee na kennu sun dhufaa jira.”
起来!我们走吧。看哪,卖我的人近了!”
47 Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruu, Yihuudaan namichi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sun dhufe. Tuunni luboota hangafootaa fi maanguddoota uummataa biraa ergame guddaanis goraadee fi bokkuu qabatee isa wajjin dhufe.
说话之间,那十二个门徒里的犹大来了,并有许多人带着刀棒,从祭司长和民间的长老那里与他同来。
48 Inni dabarsee Yesuusin kennu sunis, “Namichi ani dhungadhu isa; isinis isa qabaa” jedhee mallattoo kenneefii ture.
那卖耶稣的给了他们一个暗号,说:“我与谁亲嘴,谁就是他。你们可以拿住他。”
49 Yihuudaanis yommusuma Yesuusitti dhiʼaatee, “Nagumaa yaa barsiisaa!” jedhee isa dhungate.
犹大随即到耶稣跟前,说:“请拉比安”,就与他亲嘴。
50 Yesuusis deebisee, “Yaa michuu ko, waan dhufteef sana raawwadhu kaa!” jedhe. Namoonni sun itti dhiʼaatanii Yesuusin qabanii hidhan.
耶稣对他说:“朋友,你来要做的事,就做吧。”于是那些人上前,下手拿住耶稣。
51 Kunoo, warra Yesuus wajjin turan keessaa inni tokko goraadee isaa luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa irraa kute.
有跟随耶稣的一个人伸手拔出刀来,将大祭司的仆人砍了一刀,削掉了他一个耳朵。
52 Yesuus immoo akkana jedheen; “Goraadee kee iddoo isaatti deebisi; warri goraadee luqqifatan hundinuu goraadeedhaan balleeffamuutii.
耶稣对他说:“收刀入鞘吧!凡动刀的,必死在刀下。
53 Ati waan ani Abbaa kootti iyyachuu hin dandeenye, waan innis yeruma sana ergamoota Waaqaa LeegewooniiKudha Lamaa olii naa hin ergine seetaa?
你想,我不能求我父现在为我差遣十二营多天使来吗?
54 Utuu akkas taʼee immoo wanni Katabbiiwwan Qulqulluun karaa kanaan taʼuu qaba jedhan sun silaa akkamitti raawwatama ree?”
若是这样,经上所说,事情必须如此的话怎么应验呢?”
55 Saʼaatii sanatti Yesuus tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin goraadee fi bokkuu qabattanii akka nama hattuu qabuutti na qabuu dhuftanii? Ani guyyuma guyyaan mana qulqullummaa keessa taaʼee barsiisaan ture; isinis na hin qabne.
当时,耶稣对众人说:“你们带着刀棒出来拿我,如同拿强盗吗?我天天坐在殿里教训人,你们并没有拿我。
56 Kun hundinuu garuu akka Katabbiiwwan raajotaa Qulqulluun raawwatamaniif taʼe.” Barattoonni hundinuus isa dhiisanii baqatan.
但这一切的事成就了,为要应验先知书上的话。”当下,门徒都离开他,逃走了。
57 Warri Yesuusin qaban sunis gara mana luba ol aanaa isa Qayyaaffaa jedhamuu iddoo barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni itti walitti qabamaniitti isa geessan.
拿耶稣的人把他带到大祭司该亚法那里去;文士和长老已经在那里聚会。
58 Phexros garuu hamma dallaa mana lubicha ol aanaatti fagootti isa duukaa buʼe. Innis waan taʼuuf jiru arguuf jedhee ol lixee waardiyyoota wajjin taaʼe.
彼得远远地跟着耶稣,直到大祭司的院子,进到里面,就和差役同坐,要看这事到底怎样。
59 Luboonni hangafoonnii fi yaaʼiin Yihuudootaa guutuun Yesuusin ajjeesuuf jedhanii ragaa sobaa isatti barbaadaa turan.
祭司长和全公会寻找假见证控告耶稣,要治死他。
60 Isaan garuu yoo dhuga baatonni sobaa hedduun dhiʼaatan illee homaa hin arganne. Dhuma irratti dhuga baatonni lama dhufanii,
虽有好些人来作假见证,总得不着实据。末后有两个人前来,说:
61 “Namichi kun, ‘Ani mana qulqullummaa Waaqaa diiguu, guyyaa sadii keessatti deebisee ijaaruu nan dandaʼa’ jedheera” jedhan.
“这个人曾说:‘我能拆毁 神的殿,三日内又建造起来。’”
62 Lubichi ol aanaanis kaʼee dhaabatee, “Ati deebii tokko illee hin kennituu? Wanni namoonni kunneen dhugaa sitti baʼan kun maali?” jedhee Yesuusin gaafate.
大祭司就站起来,对耶稣说:“你什么都不回答吗?这些人作见证告你的是什么呢?”
63 Yesuus garuu inuma calʼise. Lubichi ol aanaan, “Ani Waaqa jiraataadhaan sin kakachiisa: Ati yoo Kiristoos Ilma Waaqaa taate mee nutti himi” jedheen.
耶稣却不言语。大祭司对他说:“我指着永生 神叫你起誓告诉我们,你是 神的儿子基督不是?”
64 Yesuusis deebisee, “Atuu jetteerta. Ani garuu isinitti nan hima; isin siʼachi utuu Ilmi Namaa mirga isa Humna qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu” jedhe.
耶稣对他说:“你说的是。然而,我告诉你们,后来你们要看见人子坐在那权能者的右边,驾着天上的云降临。”
65 Kana irratti lubichi ol aanaan uffata isaa tarsaasee akkana jedhe; “Inni Waaqa arrabseera! Kana caalaa dhuga baatota maalii nu barbaachisa? Kunoo, Waaqa arrabsuu isaa isin iyyuu amma dhageessaniirtu.
大祭司就撕开衣服,说:“他说了僭妄的话,我们何必再用见证人呢?这僭妄的话,现在你们都听见了。
66 Maal isinitti fakkaata?” Isaanis, “Duʼatu isaaf mala” jedhanii deebisan.
你们的意见如何?”他们回答说:“他是该死的。”
67 Ergasii isaan fuula isaatti tufan; abootteenis isa rukutan. Warri kaan immoo isa kabalanii,
他们就吐唾沫在他脸上,用拳头打他,也有用手掌打他的,说:
68 “Yaa Kiristoos! Eenyutu si rukute? Mee raajii nutti dubbadhu” jedhaniin.
“基督啊!你是先知,告诉我们打你的是谁?”
69 Phexrosis dallaa keessa ala taaʼaa ture; xomboreen tokko isatti dhiʼaattee, “Atis Yesuus namicha Galiilaa sana wajjin turte!” jetteen.
彼得在外面院子里坐着,有一个使女前来,说:“你素来也是同那加利利人耶稣一伙的。”
70 Inni garuu, “Ani waan ati dubbachuutti jirtu hin beeku” jedhee hunduma isaanii duratti gane.
彼得在众人面前却不承认,说:“我不知道你说的是什么!”
71 Utuu inni gara karra dallaa sanaatti deemaa jiruus xomboreen biraa tokko isa argitee, “Namichi kun Yesuus nama Naazreeti wajjin ture” jettee warra achi turanitti himte.
既出去,到了门口,又有一个使女看见他,就对那里的人说:“这个人也是同拿撒勒人耶稣一伙的。”
72 Innis kakatee, “Ani namicha kana hin beeku!” jedhee ammas gane.
彼得又不承认,并且起誓说:“我不认得那个人。”
73 Yeroo xinnoo booddee warri achi dhadhaabachaa turan Phexrositti dhiʼaatanii, “Atis dhuguma iyyuu jara keessaa tokkoo dha; loqodni kee si saaxilaatii” jedhan.
过了不多的时候,旁边站着的人前来,对彼得说:“你真是他们一党的,你的口音把你露出来了。”
74 Yommus inni, “Ani namicha kana hin beeku” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe. Yommusuma indaanqoon iyye.
彼得就发咒起誓地说:“我不认得那个人。”立时,鸡就叫了。
75 Phexrosis dubbii Yesuus, “Ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedhee ture sana yaadate. Gad baʼees hiqqifatee booʼe.
彼得想起耶稣所说的话:“鸡叫以先,你要三次不认我。”他就出去痛哭。