< Maatewos 25 >

1 “Yeroo sanatti mootummaan samii dubarran kudhan kanneen ibsaa isaanii fudhatanii misirricha simachuudhaaf gad baʼan fakkaata.
天国如十名少女,提着灯出去迎接新郎。
2 Isaan keessaas shan gowwoota, shan immoo ogeeyyii turan.
她们中间有五人蠢笨,五人聪明。
3 Warri gowwoonni ibsaa isaanii fudhatan malee zayitii hin fudhanne.
愚蠢之人拿着灯,却没有带油,
4 Warri ogeeyyiin garuu ibsaa isaanii wajjin zayitii qodaatti qabatanii turan.
聪明之人拿着灯,也把油装在罐里带来。
5 Misirrichi sun turraan hundumti isaanii mugan; ni rafanis.
新郎很晚都没有到,她们打起了瞌睡,睡着了。
6 “Halkan walakkaattis sagaleen guddaan, ‘Kunoo, misirrichi dhufeera! Baʼaatii isa simadhaa!’ jedhu tokko dhagaʼame.
半夜时有人喊叫:‘新郎来了,快出来迎接。’
7 “Dubarri sun hundinuus kaʼanii ibsaa isaanii qopheeffatan.
少女纷纷醒过来,整理她们的灯。
8 Warri gowwoonni sun warra ogeeyyiidhaan, ‘Ibsaan keenya nu duraa dhaamuutti jiraatii zayitii keessan irraa xinnoo nuu kennaa’ jedhan.
愚蠢之人对聪明之人说:‘请把你们的油分一点给我们,我们的灯快要熄灭了。’聪明之人回答:
9 “Warri ogeeyyiinis deebisanii, ‘Hin kenninu; tarii wanni nuu fi isin gaʼu hin jiru taʼaatii. Qooda kanaa warra gurguran bira dhaqaatii ofii keessaniif bitadhaa’ jedhaniin.
‘这些恐怕不够我们大家使用,不如你们自己到卖油之地去买吧!’
10 “Garuu utuma isaan zayitii bitachuu dhaquutti jiranuu misirrichi dhufe. Dubarri qophaaʼanis isa wajjin galma cidha fuudhaatti ol galan. Balballis ni cufame.
她们去买油的时候,新郎来了,准备好了的少女便和他们进去参加婚筵,门关上了。
11 “Ergasii dubarran kaanis dhufanii, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa, balbala nuuf bani!’ jedhaniin.
随后其余的少女也来到,说:‘主啊,主啊,给我们开门吧!’
12 “Inni garuu deebisee, ‘Dhuguman isinitti hima; ani isin hin beeku’ jedheen.
主却回答:‘告诉你们实话,我不认识你们。’
13 “Kanaafuu isin sababii guyyaa sana yookaan saʼaatii sana hin beekneef dammaqaa.
所以要警惕,因为你不知道具体的日期和时间。
14 “Ammas mootummaan samii nama biyya fagoo dhaqu tokko fakkaata; namichis garboota isaa waamee qabeenya isaa imaanaa itti kennate.
天国又像一个人要外出远行,唤自己的仆人来,把自己的家业交给他们。
15 Tokkoo tokkoo isaaniittis akkuma dandeettii isaaniitti, isa tokkotti taalaantii shan, isa kaanitti taalaantii lama, isa kaanitti immoo taalaantii tokko kennee kaʼee deeme.
他按照各人的能力分发钱币:一人给了五袋银币,一人给两袋银币,一人给了一袋银币。然后主人便远行去了。
16 Namichi taalaantii shan fudhate sun, yeroodhuma sana dhaqee ittiin daldalee taalaantii biraa shan irraa buufate.
领了五袋银币之人马上去做生意,又赚了五袋银币。
17 Inni taalaantii lama fudhates akkasuma taalaantii biraa lama irraa buufate.
领了两袋银币之人也是如此,赚了两袋银币。
18 Namichi taalaantii tokko fudhate garuu dhaqee lafa qotee maallaqa gooftaa isaa dhokse.
但那领了一袋银币之人却在地上挖了个洞,把主人的钱币藏起来。
19 “Yeroo dheeraa booddee gooftaan garboota sanaa deebiʼee herrega isaan bira jiru herregate.
过了很久主人回来了,要和他们算算账目。
20 Namichi taalaantii shan fudhatee ture sun taalaantii biraa shan fidee, ‘Yaa gooftaa, ati taalaantii shan imaanaa natti kennitee turte. Ani immoo kunoo, taalaantii shan irraa buufadheera’ jedheen.
领了五个袋银币的仆人带着赚来的五袋钱币前来,说:‘主人,你给了五袋银币,你看,我又赚了五袋。’
21 “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan akka malee xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen.
主人对他说:‘良善又忠心的仆人,你做得好!你在小事上证明了自己的忠心,我要派你管理更多事。欢喜吧,因为我真的对你很满意!’
22 “Namichi taalaantii lama fudhatee tures dhufee, ‘Yaa gooftaa, ati taalaantii lama imaanaa natti kennitee turte; ani immoo kunoo, taalaantii biraa lama irraa buufadheera’ jedheen.
领了两袋银币也前来,说:‘主人,你给了两袋银币,你看,我又赚了两袋。’
23 “Gooftaan isaas deebisee, ‘Yaa garbicha gaarii fi amanamaa, waan gaarii hojjette! Ati waan xinnoo irratti amanamaa taateerta; ani immoo waan baayʼee irratti sin muuda. Kottuutii gammachuu gooftaa keetiitti gali!’ jedheen.
主人对他说:‘良善又忠心的仆人,你做得好!你在小事上证明了自己的忠心,我要派你管理更多事。欢喜吧,因为我真的对你很满意!’
24 “Namichi taalaantii tokkicha fudhatee tures dhufee akkana jedhe; ‘Yaa gooftaa, ati nama gara jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin bittinneessiniis walitti qabattu akka taate nan beeka.
领了一袋银币的也前来,说:‘主人,我知道你是个严厉之人,即使没有撒种的地方也要收割,即使没有播种的地方也要收获。
25 Kanaafuu ani sodaadhee dhaqeen taalaantii kee lafa keessa dhokse. Taalaantiin kee kunoo ti.’
因为我害怕你,于是把你的钱藏在地里。你看,你的钱还在这里。’
26 “Gooftaan isaas deebisee akkana jedhe; ‘Yaa garbicha hamaa dhibaaʼaa! Ati akka ani iddoon itti hin facaasinii galfadhu, iddoon itti hin bittinneessiniis walitti qabadhu beektaa?
可是主人对他说:‘你这可恶又懒惰的仆人,你既然知道我会在没有撒种的地方也要收割,在没有播种的地方也要收获,
27 Yoos akka ani yommuun deebiʼutti dhala isaa wajjin fudhadhuuf silaa maallaqa koo warra baankii bira naa kaaʼuu qabda ture.
那你就应该把我的钱存入银行,待我回来的时候,可以连本带利收回。
28 “‘Kanaaf taalaanticha isa harkaa fuudhaatii namicha taalaantii kudhan qabuuf kennaa.
你们把他银币拿去,交给那拥有十袋银币之人。
29 Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; irraa hafaas ni qabaataatii. Kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama.
因为凡是拥有者,他就会得到更多;凡是一无所有,就算有也会被夺走。
30 Garbicha faayidaa hin qabne kana dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa.’
他将没有用的仆人丢在外面的黑暗里,在那里哀哭切齿。’
31 “Ilmi Namaa yommuu ulfina isaatiin ergamoota Waaqaa hunda wajjin dhufutti, teessoo isaa kan ulfinaa irra ni taaʼa.
当人子携荣耀而来,带着所有的天使降临人间,他会坐在荣耀的宝座上。
32 Saboonni hundinuu fuula isaa duratti walitti qabamu; innis akkuma tikseen tokko hoolotaa fi reʼoota gargar footu sana namoota gargar ni foʼa.
所有人都聚集在他面前,他要把他们彼此分开,好像牧羊人把绵羊和山羊分开一样:
33 Inni hoolota karaa mirga isaa, reʼoota immoo karaa bitaa isaa ni dhaabachiisa.
把绵羊放在右边,山羊放在左边。
34 “Yeroo sana Mootichi warra mirga isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin warri Abbaan koo eebbise kottaa mootumicha uumamuu addunyaatii jalqabee isinii qopheeffame sana dhaalaa.
然后,王对右边的人说:‘蒙我父赐福的人,来承受创世以来为你们预备好的王国吧。
35 Sababiin isaas ani beelofnaan isin nyaata naaf kennitan; dheebonnaan waan ani dhugu naaf kennitan; ani keessummaan ture; isin immoo na simattan;
因为我饿了,你们给我食物;我渴了,你们给我解渴;我是陌生人,你们接待我;
36 ani daarraan daara na baaftan; dhukkubsannaan na gaafattan; hidhamnaan dhuftanii na ilaaltan.’
我赤身露体,你们给我衣服穿;我病了,你们照顾我;我被投入监牢,你们来看我。’
37 “Qajeeltonni sunis deebisanii akkana jedhaniin; ‘Yaa Gooftaa, yoom beeloftee si arginee waan ati nyaattu siif kennine? Yookaan yoom dheebottee si arginee waan ati dhugdu siif kennine?
那些正确行事之人回答:‘主啊,我们什么时候见你饿了给你吃食,见你渴了给你解渴?
38 Yoom keessummaa taʼuu kee arginee si simanne? Yookaan yoom daartee si arginee daara si baafne?
什么时候见你陌生就接待你,赤身露体就给你衣服穿呢?
39 Yoom dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee dhufnee si ilaalle?’
什么时候见你病了,或到监牢里看你呢?’
40 “Mootiin sunis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundumaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof gootan kam iyyuu naaf gootan’ jedhaan.
王回答他们说:‘我告诉你们实话,你们这样对待我最微不足道的兄弟,也就是这样对待我。’
41 “Ergasiis warra bitaa isaa jiraniin akkana jedha; ‘Isin yaa abaaramoo, na duraa badaatii ibidda bara baraa isa diiyaabiloosii fi ergamoota isaatiif qopheeffametti galaa. (aiōnios g166)
王对左边之人说:‘你们是被诅咒的,离开吧,到魔鬼和其使者准备的永恒之火中去吧! (aiōnios g166)
42 Ani beelofnaan isin waan ani nyaadhu naaf hin kennineetii; ani dheebonnaan waan ani dhugu naaf hin kennineetii;
因为我饿了,你们没有给我吃;我渴了,你们没有给我解渴;
43 ani keessummaan ture; isin na hin simanne; ani daarraan isin daara na hin baafne; dhukkubsannaan yookaan hidhamnaan dhuftanii na hin ilaalle.’
我陌生,你们没有接待我;我赤身露体,你们没有给我衣服穿;我病了或者身处监牢,你们没有来看我。’
44 “Isaanis, ‘Yaa Gooftaa, ati yoom beeloftee yookaan dheebottee yookaan keessummaa taatee yookaan daartee yookaan dhukkubsattee yookaan hidhamtee si arginee si gargaaruu didne?’ jedhanii deebisu.
他们回答:‘主啊,我们什么时候见你饿了、渴了、陌生、赤身露体、病了或身处监牢,却没有服侍你呢?’
45 “Innis deebisee, ‘Ani dhuguman isinitti hima; waan obboloota koo warra nama hundaa gad taʼan kanneen keessaa isa tokkoof hin godhin naafis hin goone’ jedha.
王回答他们:‘我告诉你们实话,你们这样对待我最微不足道的兄弟,也就是这样对待我’
46 “Isaan kunneen adabbii bara baraatti, qajeeltonni immoo jireenya bara baraatti galu.” (aiōnios g166)
你们要进入永恒的谴责,良善之人却要进入永生。” (aiōnios g166)

< Maatewos 25 >