< Maatewos 24 >
1 Utuu Yesuus mana qulqullummaatii baʼee deemaa jiruu barattoonni isaa gamoowwan mana qulqullummaa isatti argisiisuuf gara isaa dhufan.
As Jesus left the temple and was walking away, His disciples came up to Him to point out its buildings.
2 Innis, “Waan kana hunda argituu? Ani dhuguma isinittin hima; asitti dhagaan dhagaa irratti hafu tokko hin jiru; hundi isaa iyyuu ni diigama” jedhee deebiseef.
“Do you see all these things?” He replied. “Truly I tell you, not one stone here will be left on another; every one will be thrown down.”
3 Utuu Yesuus Tulluu Ejersaa irra taaʼee jiruu, barattoonni isaa kophaa isaanii gara isaa dhufanii, “Mee nutti himi; wanni kun yoom taʼa? Mallattoon dhufa keetii fi mallattoon dhuma barichaa maali?” jedhan. (aiōn )
While Jesus was sitting on the Mount of Olives, the disciples came to Him privately. “Tell us,” they said, “when will these things happen, and what will be the sign of Your coming and of the end of the age?” (aiōn )
4 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Akka namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsineef of eeggadhaa.
Jesus answered, “See to it that no one deceives you.
5 Namoonni hedduun, ‘Ani Kiristoos’ jedhanii maqaa kootiin ni dhufuutii; nama hedduus ni gowwoomsu.
For many will come in My name, claiming, ‘I am the Christ,’ and will deceive many.
6 Isin waaʼee waraanaatii fi oduu waraanaa ni dhageessu; garuu akka hin rifanne of eeggadhaa. Wanni akkanaa taʼuu qabaatii; dhumni garuu amma iyyuu hin geenye.
You will hear of wars and rumors of wars, but see to it that you are not alarmed. These things must happen, but the end is still to come.
7 Sabni sabatti, mootummaanis mootummaatti ni kaʼa. Beellii fi sochiin lafaa iddoo garaa garaatti ni taʼa.
Nation will rise against nation, and kingdom against kingdom. There will be famines and earthquakes in various places.
8 Garuu kun hundinuu jalqaba ciniinsuu daʼumsaa ti.
All these are the beginning of birth pains.
9 “Isaan dabarsanii dhiphinatti isin kennu; isin ajjeesus; sababii maqaa kootiifis saba hundaan ni jibbamtu.
Then they will deliver you over to be persecuted and killed, and you will be hated by all nations because of My name.
10 Yeroo sanatti namoonni baayʼeen ni gufatu; dabarsanii wal kennu; wal jibbus;
At that time many will fall away and will betray and hate one another,
11 raajonni sobaa hedduun ni dhufu; nama hedduus ni gowwoomsu.
and many false prophets will arise and mislead many.
12 Sababii baayʼina hamminaatiif jaalalli namoota baayʼee ni qabbanaaʼa;
Because of the multiplication of wickedness, the love of most will grow cold.
13 namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
But the one who perseveres to the end will be saved.
14 Wangeelli mootummaa kunis akka saba hundaaf dhuga baʼumsa taʼuuf addunyaa hunda keessatti ni lallabama; ergasiis dhumni sun ni dhufa.
And this gospel of the kingdom will be preached in all the world as a testimony to all nations, and then the end will come.
15 “Kanaafuu, ‘Isin yommuu wanni jibbisiisaan badiisa fidu’kan Daaniʼel raajichi waaʼee isaa dubbate sun iddoo qulqulluu dhaabatee argitanitti, namni dubbisu haa hubatu;
So when you see standing in the holy place ‘the abomination of desolation,’ described by the prophet Daniel (let the reader understand),
16 yommus warri Yihuudaa keessa jiran tulluuwwanitti haa baqatan.
then let those who are in Judea flee to the mountains.
17 Namni bantii manaa irra jiru tokko iyyuu waan tokko illee mana isaatii fudhachuuf gad hin buʼin.
Let no one on the housetop come down to retrieve anything from his house.
18 Namni lafa qotiisaa keessa jiru tokko iyyuu uffata isaa fudhachuuf duubatti hin deebiʼin.
And let no one in the field return for his cloak.
19 Bara sana keessa dubartoota ulfaatii fi haadhota hoosisaniif wayyoo!
How miserable those days will be for pregnant and nursing mothers!
20 Garuu akka baqachuun keessan ganna keessa yookaan Guyyaa Sanbataatiin hin taaneef kadhadhaa.
Pray that your flight will not occur in the winter or on the Sabbath.
21 Yeroo sanatti dhiphinni guddaan isaa ni dhufaatii; dhiphinni akkasiis uumama addunyaatii jalqabee hamma ammaatti hin dhufne; siʼachis gonkumaa hin dhufu.
For at that time there will be great tribulation, unmatched from the beginning of the world until now, and never to be seen again.
22 “Utuu guyyoonni sun gabaabbachuu baatanii silaa namni tokko iyyuu hin hafu ture; garuu sababii filatamtootaatiif guyyoonni sun ni gabaabbatu.
If those days had not been cut short, nobody would be saved. But for the sake of the elect, those days will be cut short.
23 Yeroo sana yoo namni kam iyyuu, ‘Ilaa, Kiristoos as jira!’ yookaan ‘Achi jira!’ isiniin jedhe, hin amaninaa.
At that time, if anyone says to you, ‘Look, here is the Christ!’ or ‘There He is!’ do not believe it.
24 Kiristoosonni sobaatii fi raajonni sobaa ni kaʼuutii; isaanis yoo dandaʼameef filatamtoota illee gowwoomsuuf jedhanii mallattoo gurguddaa fi dinqii ni hojjetu.
For false Christs and false prophets will appear and perform great signs and wonders that would deceive even the elect, if that were possible.
25 Kunoo ani duraan dursee isinitti himeera.
See, I have told you in advance.
26 “Kanaafuu yoo isaan, ‘Kuunnoo, inni gammoojjii keessa jira’ isiniin jedhan achi hin dhaqinaa; yookaan yoo isaan, ‘Kunoo, mana keessa gola jira’ isiniin jedhan hin amaninaa.
So if they tell you, ‘There He is in the wilderness,’ do not go out; or, ‘Here He is in the inner rooms,’ do not believe it.
27 Akkuma bakakkaan baʼa biiftuutii buʼee hamma lixa biiftuutti mulʼatu sana dhufaatiin Ilma Namaas akkasuma taʼa.
For just as the lightning comes from the east and flashes as far as the west, so will be the coming of the Son of Man.
28 Iddoo raqni jiru kamitti iyyuu gogocorroowwan walitti qabamu.
Wherever there is a carcass, there the vultures will gather.
29 “Akkuma dhiphinni bara sanaa darbeen, “‘Aduun ni dukkanoofti; jiʼis ifa ishee hin kennitu; urjiiwwan samii irraa ni harcaʼu; humnoonni samiis ni raafamu.’
Immediately after the tribulation of those days: ‘The sun will be darkened, and the moon will not give its light; the stars will fall from the sky, and the powers of the heavens will be shaken.’
30 “Ergasii mallattoon Ilma Namaa samii irratti ni mulʼata; saboonni addunyaa hundinuus ni booʼu. Isaanis utuu Ilmi Namaa duumessa samiitiin humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu ni argu.
At that time the sign of the Son of Man will appear in heaven, and all the tribes of the earth will mourn. They will see the Son of Man coming on the clouds of heaven, with power and great glory.
31 Innis ergamoota isaa sagalee malakataa guddaa isaatiin erga; isaanis filatamtoota isaa kanneen handaara samiiwwanii tokko irraa hamma isa kaaniitti jiran bubbeewwan afran irraa walitti qabu.
And He will send out His angels with a loud trumpet call, and they will gather His elect from the four winds, from one end of the heavens to the other.
32 “Fakkeenya kana muka harbuu irraa baradhaa; yommuu dameen isaa latee baala baafatutti akka bonni dhiʼaate ni beektu.
Now learn this lesson from the fig tree: As soon as its branches become tender and sprout leaves, you know that summer is near.
33 Akkasuma isinis yommuu waan kana hunda argitanitti akka inni dhiʼaate, akka balbala irras gaʼe ni beektu.
So also, when you see all these things, you will know that He is near, right at the door.
34 Ani dhuguma isinittin hima; hamma wanni kun hundi taʼutti dhaloonni kun hin darbu.
Truly I tell you, this generation will not pass away until all these things have happened.
35 Samii fi lafti ni darbu; dubbiin koo garuu gonkumaa hin darbu.
Heaven and earth will pass away, but My words will never pass away.
36 “Waaʼee guyyaa sanaa yookaan waaʼee saʼaatii sanaa garuu Abbaa qofatu beeka malee namni tokko iyyuu hin beeku; ergamoonni samii irraa iyyuu hin beekan; yookaan Ilmi iyyuu hin beeku.
No one knows about that day or hour, not even the angels in heaven, nor the Son, but only the Father.
37 Akkuma bara Nohi taʼe sana yeroo dhufaatii Ilma Namaattis akkasuma ni taʼa.
As it was in the days of Noah, so will it be at the coming of the Son of Man.
38 Bara bishaan badiisaatiin dura ture sana, hamma gaafa Nohi doonii seeneetti namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turaniitii.
For in the days before the flood, people were eating and drinking, marrying and giving in marriage, up to the day Noah entered the ark.
39 Isaanis hamma bishaan badiisaa dhufee hunda isaanii fudhatetti waan dhufuuf jiru hin beekne. Yeroo Ilmi Namaa dhufuttis akkasuma taʼa.
And they were oblivious, until the flood came and swept them all away. So will it be at the coming of the Son of Man.
40 Gaafas namoonni lama lafa qotiisaa keessa hojjetu; inni tokko ni fudhatama; kaan immoo ni hafa.
Two men will be in the field: one will be taken and the other left.
41 Dubartoonni lama dhagaa daakuutiin daaku; tokko ni fudhatamti; kaan immoo ni hafti.
Two women will be grinding at the mill: one will be taken and the other left.
42 “Kanaafuu isin dammaqaa; Gooftaan keessan guyyaa kam akka dhufu hin beektaniitii.
Therefore keep watch, because you do not know the day on which your Lord will come.
43 Garuu waan kana hubadhaa: Abbichi manaa utuu yeroo kamitti akka hattuun dhuftu beekee silaa dammaqee eeggata malee akka manni isaa cabsamee seenamu itti hin dhiisu ture.
But understand this: If the homeowner had known in which watch of the night the thief was coming, he would have kept watch and would not have let his house be broken into.
44 Kanaafuu isinis akkasuma qophaaʼuu qabdu; Ilmi Namaa saʼaatii isin hin eegnetti dhufaatii.
For this reason, you also must be ready, because the Son of Man will come at an hour you do not expect.
45 “Egaa garbichi amanamaa fi ogeessi kan gooftaan isaa akka inni nyaata isaanii yeroo malutti isaanii kennuuf jedhee garboota mana isaa jiraatan irratti isa muudu eenyu?
Who then is the faithful and wise servant, whom the master has put in charge of his household, to give the others their food at the proper time?
46 Garbichi gooftaan isaa yommuu deebiʼutti utuu inni akkasuma hojjetuu isa argu sun eebbifamaa dha.
Blessed is that servant whose master finds him doing so when he returns.
47 Ani dhuguma isinitti nan hima; inni qabeenya isaa hunda irratti isa muuda.
Truly I tell you, he will put him in charge of all his possessions.
48 Garbichi sun garuu yoo hamaa taʼe, ‘Gooftaan koo yeroo dheeraa tura’ ofiin jedhee
But suppose that servant is wicked and says in his heart, ‘My master will be away a long time.’
49 garboota isa wajjin tajaajilan tumuu, machooftota wajjin immoo nyaachuu fi dhuguu jalqaba.
And he begins to beat his fellow servants and to eat and drink with drunkards.
50 Gooftaan garbicha sanaa guyyaa inni isa hin eegnee fi saʼaatii inni hin beeknetti ni dhufa.
The master of that servant will come on a day he does not expect and at an hour he does not anticipate.
51 Innis isa kukkuta; fakkeessitoota keessattis isa ramada; achittis booʼichaa fi ilkaan qaruutu taʼa.
Then he will cut him to pieces and assign him a place with the hypocrites, where there will be weeping and gnashing of teeth.