< Maatewos 23 >

1 Yesuusis ergasii uummataa fi barattoota isaatiin akkana jedhe:
U Yesu a tre ni jbu ndji u ni mri koh Ma.
2 “Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni barcuma Musee irra taaʼaniiru.
A hla, “Bi nha ni ba Farisawa ba son ni ruron Musa.
3 Kanaafuu waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa; eegaas. Garuu waan isaan hojjetan hin hojjetinaa; isaan ni dubbatu malee waan dubbatan sana hin hojjetaniitii.
Nakima, ikpye wa bi yoyi tie'a, tie ba ndi hu nji ba. Na hu ndu mba na, nitu wa ba kpi wa ba hla, bana tie ba na.
4 Isaan baʼaa ulfaataa hidhanii gatiittii namaa irra kaaʼu; ofii isaaniitii garuu baʼaa sana sochoosuuf qubaan illee tuquu hin barbaadan.
E, ba vu kpyi bi ron ma wa ba tie di lu'a ka saa ni ndji ni ngban. U ba ba kimba bana nzu vren wo ri nda ban ba na.
5 “Isaan waan hojjetan hundumaa namootatti of argisiisuuf hojjetu: Kudhaama isaanii ni balʼifatuutii; handaara uffata isaaniis ni dheereffatu.
Ba tie ndu ba u ndu ndji toh. Ba wran kpo u embe mba bwu na bwu nyu wo ba nklon ba tie pli me.
6 Iddoo cidhaatti iddoo ulfinaa, manneen sagadaa keessatti immoo taaʼumsa ulfinaa jaallatu.
Ba son ta ki ni bubu bi ninkon ni wrji bi tie gan mba bubu ninkon ni mi Sinagog,
7 Gabaa keessattis akka namoonni nagaa isaan gaafatanii fi akka ‘Yaa barsiisaa’ jedhanii isaan waaman jaallatu.
ni bi chi kanmu, ni ndu ndji yo ba, 'Mala.'
8 “Isin garuu, ‘Barsiisaa’ jedhamtanii hin waamaminaa; Barsiisaa tokko qofa qabduutii. Isin hundis obboloota walii keessanii ti.
U bi na ndu ba yoyi ndi 'Mala' na, niwa bi he ni mala rirrii, u bi mri vayi wawu mbi wu.
9 Lafa irratti nama tokkoon illee ‘Abbaa’ hin jedhinaa; isin Abbaa tokko qofa qabduutii; innis isa samii irraa ti.
Ndi na yo ndrjo ni ngbungblua ndi Tie me na, niwa wu he ni Tie ririi u wa he ni shulu.
10 ‘Gooftota’ jedhamtanii hin waamaminaa; isin Gooftaa tokko qofa qabduutii; innis Kiristoos.
Ndu ba na yoyi ndi 'Mala' na, niwa bi he ni Mala ririi, wawu yi Kristi.
11 Isin keessaa namni hunda keessan caalu tajaajilaa keessan haa taʼu.
U wa ahi ninkon mbi a ni katie vren koh mbi.
12 Namni ol of qabu kam iyyuu gad qabamaatii; namni gad of qabu kam iyyuu garuu ol qabama.
Indji wa a nzu tuma, ba kau grji, u wa a katu ma grji, ba nzuu.
13 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin mootummaa samii namoota duraa cuftuutii. Ofii keessanii hin seentan; warra seenuu yaalanis akka isaan seenan hin gootan. [
Iya mbi bi nha ni Farisawa, bi brji! Bi hra ndji nkon u ri ni gbu u chu shulu. Biyi bina rina, ndi na nyme bi son ria ndu ba ri na.
14 Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Mana haadha hiyyeessaa saamtanii onsituutii; itti fakkeessuuf kadhannaa ni dheeressitu; kanaafuu murtii caalutu isinitti murama.]
Iya mbi, bi nha ni FArisawa, bi brji! Wa bi kpa mba bi kbo ni tie meme, ndi ni tsro ndi bi toh tie aduwa ngbondon ma. U nitu kima bi kpa ya gra zan.
15 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Nama tokko amantii keessanitti galfachuuf jettanii lafaa fi galaana irra joortu; yommuu inni amanuttis akka inni isin caalaa dachaa lama ilma gahaannam taʼu isa gootu. (Geenna g1067)
Iya mbi bi nha ni Farisawa, bi brji! Bi ru gran ba nne ndi hi ba gbu ni hi wa indji ririi u to a huyi, bi kau tie meme nna vren u koh lu mla kpu hato biyi. (Geenna g1067)
16 “Qajeelchitoota jaamota nana, isiniif wayyoo! Isin, ‘Namni kam iyyuu yoo mana qulqullummaatiin kakate, kun homaa miti; namni kam iyyuu yoo warqee mana qulqullummaatiin kakate garuu kakuun sun isa qaba’ jettu.
Iya mbi, bi tsro nkon ni fyifyen, biyi wa bi trea, 'Indji wa a shi rji ni hekali, ana kpye ri na. U ndi ndji wa a shirji ni dran u mi hekalia, shirji ma ni vuu.'
17 Isin gowwootaa fi jaamota nana, warqee moo mana qulqullummaa kan warqee sana qulqulleessutu caala?
Biyi ruru bi nfyen! Ahi rime bran zan, idran ka hekali wa a kpa dran tie tsratsra?
18 Akkasumas isin, ‘Namni kam iyyuu yoo iddoo aarsaatiin kakate, kun homaa miti; yoo kennaa iddoo aarsaa irra jiru sanaan kakate garuu kakuun sun isa qaba’ jettu.
U, 'Iwa a shirji ni tu'u hekali a, ana kpye ri na. U wa a shirji ni kpyi wa ba tsi mba ni kima, shirji ma ni vu.
19 Isin jaamota nana, kennaa sana moo iddoo aarsaa isa kennaa sana qulqulleessutu caala?
Biyi bi nfyen! A riame bran zan, ikpi mba ka tu hekali a waa ka kpyi ba tie tsratsra?
20 Kanaafuu namni iddoo aarsaatiin kakatu, iddoo aarsaatii fi waan isa irra jiru hundumaan ni kakata.
Nakima yi, i wa a shirji ni tu hekali a, a shirji niwu mba ni ba kpi u mima.
21 Namni mana qulqullummaatiin kakatu, mana qulqullummaatii fi isa mana qulqullummaa keessa jiraatuun kakata.
Wa a shirji ni hekali a, a shirji niwu uni ndji wa ani son ni mi ma.
22 Namni samiidhaan kakatu, teessoo Waaqaatii fi isa teessoo sana irra taaʼuun kakata.
U iwa a shirji ni shulu a, a shirji ni kpanci Rji mba ni ndji wa a son tuma.
23 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin abasuuda, insilaalaa fi kamuunii kudhan keessaa tokko ni kennitu. Garuu seera keessaa waan caalaatti barbaachisaa taʼe jechuunis murtii qajeelaa, araaraa fi amanamummaa dhiiftaniirtu. Silaa utuu isa duraa hin dhiisin isa duubaa hojii irra oolchuu qabdu ture.
Iya mbi, bi nha ni Farisawa, bi brji! Bi nno iri nimi wlon u yan, ni nji ni ndi ka kpi bi duu birigra ba don ni zizi, ni kponji. A biyi yi ba mla ndu yi tie a, ana wa bina ka ba don na.
24 Isin qajeelchitoota jaamota nana! Bookee ni calaltu; gaala immoo ni liqimsitu.
Biyi bi tsro nkon ni fyifyen, biyi wa bi sh'bi ngblungbu rju ndi myriyen laklumi!
25 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Duuba xoofootii fi caabii ni qulqulleessitu; keessi isaanii garuu saamichaa fi ofittummaadhaan guutameera.
Iya mbi, bi nha ni Farisawa, bi brji! Bi ngla kogon gbanju u gbakli kongo, u ni mi ba shu ni tie shishi ni myriyen ndji.
26 Yaa Fariisicha jaamaa nana! Jalqabatti keessa xoofootii fi caabii qulqulleessi; ergasii duubni isaas ni qulqullaaʼaa.
Ahi indji Farisi u nfyen! Guchi ngla mi gbanju a mba gbakli (kongo) a ni ndu ko ra'a tie tsratsra.
27 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin akkuma awwaala nooraa dibame kan duubni isaa bareedaa fakkaatee keessi isaa immoo lafee namoota duʼaniitiin, xuraaʼummaa hundaanis guutamee ti.
Iya mbi, bi nha ni Farisawa, bi brji! Bi he too babe wa ba gban meme kinklan ni bawu'a, u ko ra mba ni bi ya, uni mii kwukwu kmo ni ba kpi bi rji ba shu ni wu.
28 Isinis akkasuma duubaan qajeeltota fakkaattanii namootatti mulʼattu; keessi keessan garuu fakkeessuu fi hamminaan guutameera.
Ahi tokima bi he ni shishi ndji wa ba toh yi tsratsra me ni kora u mi mbi shuni tie brji ni meme tie.
29 “Yaa barsiistota seeraatii fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin raajotaaf awwaala ijaartuutii; soodduu qajeeltotaas ni bareechitu.
Iya mbi, bi nha ni Farisawa, Bi me ba be u ba anabi ndi mla be u bi ndji tsratsra tie.
30 Isin, ‘Nu utuu bara abbootii keenyaa sana jiraannee silaa dhiiga raajotaa dhangalaasuu keessatti isaan wajjin hin hirmaannu ture’ jettu.
Bi tre ndi, 'Ki na he ni nzan u ba tie mbu, ki ndi na yowo ni ba ndi ka yi hle ba anabi ba hle na.'
31 Kanaafuu isin akka sanyii warra raajota ajjeesan sanaa taatan ofuma keessanitti dhugaa baatu.
Nakima, biyi kimbi bi tron ndi bi mri u bi wa ba wuu ba anabi ba.
32 Egaa safartuu cubbuu abbootii keessanii guutaa!
U biyi me bi ye shu kongo u tsra u ba tie mbi'a.
33 “Bofoota nana! Ijoollee buutii nana! Isin akkamitti murtii gahaannam jalaa baʼuu dandeessu? (Geenna g1067)
Biyi wan, imri grache, bi tie ni he ba ndi nawo ni tron u gbarji lu u kasese? (Geenna g1067)
34 Kanaafuu, kunoo ani raajotaa fi ogeeyyii, barsiistotas gara keessanitti nan erga. Isinis isaan keessaa gartokko ni ajjeeftu; ni fanniftu; warra kaan immoo manneen sagadaa keessan keessatti garaftu; magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraattis isaan ariitu.
Tokima, to yi, misi ton ba anabi ni bi he toh ni bi nha ye ni yi. Bari mba bi wuu ba ndi kpan ba ni nh'ma kunkron, u bari bi tsi ba ni sinagog mbi ndi zu mba hu ba gbu ba.
35 Kanaaf dhiiga Abeel nama qajeelaa sanaatii jalqabee hamma dhiiga Zakkaariyaas ilma Baraakiyuu isa isin mana qulqullummaatii fi iddoo aarsaa gidduutti ajjeeftaniitti, dhiiga qulqulluu lafatti dhangalaafame hundumatti ni gaafatamtu.
Ikle mani he wa ni tu mbi mba iyi u bi tsratsra hle ni ngbungblua, rji ni yi Habila tsratsra hi ni yi zakariya ivren Barakiya, bi wuu gan ni hekalia nitu hekalia.
36 Ani dhuguma isinittin hima; kun hundinuu dhaloota kanatti ni dhufa.
Njanjimu mi hla, ikpyi biyi baye ni tu mbi ni nzan yi.
37 “Yaa Yerusaalem, yaa Yerusaalem, ati kan raajota ajjeeftu, warra gara keetti ergamanis kan dhagaadhaan tumtu, akkuma indaanqoon cuucii ishee qoochoo ishee jalatti walitti qabattu sana anis ijoollee kee walitti qabuuf yeroo meeqan hawwe! Isin garuu hin barbaanne.
Urushalima, Urushalima, uwu wa u wuu anabi ba ndi ta wa ba ton ba yeni wua ni tita! Inkpu bren mba mi son mi vruyi shutie towa kuko ni vu mri ma shu ka ni ngban ma, a bi kambi!
38 Kunoo, manni keessan onee isinii hafa.
To, ba ka koh me don na k'bo.
39 Ani isinittin himaatii; isin hamma, ‘Inni maqaa Gooftaatiin dhufu sun eebbifamaa dha’ jettanitti lammata na hin argitan.”
U mi hla yiwu, bi na la toh me rji zizan yi se bi tre, 'Lulu he nitu ndji wa a ye ni ndi Bachi'a.'”

< Maatewos 23 >