< Maatewos 22 >
1 Yesuus ammas akkana jedhee fakkeenyaan deebii kenneef:
And Jesus answered, and spoke to them again by parables, and said,
2 “Mootummaan samii mootii ilma isaatiif cidha fuudhaa qopheesse tokko fakkaata.
The kingdom of heaven is like to a certain king, who made a marriage for his son,
3 Innis akka isaan warra cidha sanatti affeeraman waamaniif garboota isaa erge; warri waamaman sun garuu dhufuu hin barbaanne.
And sent his servants to call them that were invited to the wedding: and they would not come.
4 “Ammas akkana jedhee garboota biraa erge; ‘Kunoo ani irbaata koo qopheesseera: Sangoonni koo, horiin koo coccoomoonis qalamanii wanni hundinuu qopheeffameera. Gara cidha fuudhaa fi heerumaa kottaa jedhaatii warra affeeraman sanatti himaa.’
Again, he sent other servants, saying, Tell them who are invited, Behold, I have prepared my dinner: my oxen and [my] fatlings [are] killed, and all things [are] ready: come to the marriage.
5 “Isaan garuu tuffatanii, inni tokko gara lafa qotiisaa isaa, kaan immoo gara daldala isaa dhaqe.
But they made light of [it], and went, one to his farm, another to his merchandise.
6 Warri hafan immoo garboota isaa qabanii salphisan; ni ajjeesanis.
And the remnant took his servants, and treated [them] spitefully, and slew [them].
7 Mootichis ni aare. Loltoota isaas ergee warra garboota isaa ajjeesan sana balleesse; magaalaa isaaniis ni gube.
But when the king heard [of it], he was wroth: and he sent his armies, and destroyed those murderers, and burned up their city.
8 “Ergasii inni garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dhangaan cidha fuudhaa qopheeffameera; warri affeeraman garuu cidha kanaaf hin malle.
Then he saith to his servants, The wedding is ready, but they who were invited were not worthy.
9 Kanaafuu gara qaxxaamura karaatti baʼaatii nama argitan hunda gara cidhaatti affeeraa.’
Go ye therefore into the highways, and as many as ye shall find, invite to the marriage.
10 Garboonni sunis karaatti baʼanii nama argan hunda, hamaas gaariis walitti qaban; galmi cidhaa sunis keessummootaan guutame.
So those servants went out into the highways, and collected all as many as they found, both bad and good: and the wedding was furnished with guests.
11 “Mootichi yommuu keessummoota ilaaluuf ol seenetti, nama uffata cidhaa hin uffatin tokko achitti arge.
And when the king came in to see the guests, he saw there a man who had not a wedding-garment:
12 Innis, ‘Yaa michuu ko, ati akkamitti utuu uffata cidhaa hin uffatin as seente?’ jedhee isa gaafate. Namichi garuu waan dubbatu dhabe.
And he saith to him, Friend, how camest thou in hither, not having a wedding-garment? And he was speechless.
13 “Mootichis tajaajiltoota isaatiin, ‘Namicha kana harkaa fi miilla hidhaatii dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa’ jedhe.
Then said the king to the servants, Bind him hand and foot, and take him away, and cast [him] into utter darkness: there shall be weeping and gnashing of teeth.
14 “Warri affeeraman baayʼeedhaatii; warri filataman garuu muraasa.”
For many are called, but few [are] chosen.
15 Ergasiis Fariisonni waanuma inni dubbatuun isa qabuuf gad baʼanii Yesuusitti mariʼatan.
Then went the Pharisees, and took counsel how they might entangle him in [his] talk.
16 Isaanis barattoota isaanii garee Heroodis wajjin isatti ergan. Akkanas jedhan; “Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate, akka ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiiftu beekna. Ati nama wal hin caalchiftu; fuula namaas hin ilaaltu.
And they sent out to him their disciples, with the Herodians, saying, Master, we know that thou art true, and teachest the way of God in truth, neither carest thou for any [man]: for thou regardest not the person of men.
17 Egaa mee nutti himi; yaadni kee maali? Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?”
Tell us therefore, What thinkest thou? Is it lawful to give tribute to Cesar, or not?
18 Yesuus garuu hammina isaanii beekee akkana jedhe; “Yaa fakkeessitoota nana, isin maaliif na qortu?
But Jesus perceived their wickedness, and said, Why tempt ye me, [ye] hypocrites?
19 Mee maallaqa gibira kaffaltan natti argisiisaa.” Isaanis diinaarii tokko isatti fidan;
Show me the tribute-money. And they brought to him a penny.
20 inni immoo, “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate.
And he saith to them, Whose [is] this image, and superscription?
21 Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan. Kana irratti inni, “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.
They say to him, Cesar's. Then saith he to them, Render therefore to Cesar, the things which are Cesar's; and to God, the things that are God's.
22 Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti ni dinqifatan. Kanaaf isa dhiisanii qajeelan.
When they had heard [these words], they marveled, and left him, and departed.
23 Guyyuma sana Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan tokko tokko gara isaa dhufanii gaaffii isa gaafatan.
The same day came to him the Sadducees, who say that there is no resurrection, and asked him,
24 Akkanas jedhan; “Yaa barsiisaa, Museen, ‘Namni tokko niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin yoo duʼe obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabu’ jedhee nutti himeera.
Saying, Master, Moses said, If a man shall die, having no children, his brother shall marry his wife, and raise up seed to his brother.
25 Kunoo obboloota torbatu nu bira ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin qabaatin niitii isaa obboleessa isaatti dhiisee duʼe.
Now there were with us seven brothers: and the first, when he had married a wife, deceased; and having no issue, left his wife to his brother.
26 Obboleessa lammaffaa fi sadaffaa irratti, hamma isa torbaffaattis waanuma sanatu taʼe.
Likewise the second also, and the third, to the seventh.
27 Dhuma irratti dubartittiinis ni duute.
And last of all the woman died also.
28 Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti, torban isaanii keessaa isheen niitii isa kamii taati? Hundi isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”
Therefore in the resurrection, whose wife shall she be of the seven? for they all had her.
29 Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu.
Jesus answered and said to them, Ye do err, not knowing the scriptures, nor the power of God.
30 Guyyaa duʼaa kaʼuutti namoonni akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis.
For in the resurrection they neither marry, nor are given in marriage, but are as the angels of God in heaven.
31 Garuu isin waan Waaqni waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii isiniin jedhe hin dubbifnee? Innis akkana jedha;
But as concerning the resurrection of the dead, have ye not read that which was spoken to you by God, saying,
32 ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob.’Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti.”
I am the God of Abraham, and the God of Isaac, and the God of Jacob? God is not the God of the dead, but of the living.
33 Namoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti, barsiisa isaa dinqifatan.
And when the multitude heard [this], they were astonished at his doctrine.
34 Fariisonni yommuu akka Yesuus Saduuqota afaan qabachiise dhagaʼanitti walitti qabaman.
But when the Pharisees had heard that he had put the Sadducees to silence, they were assembled about him.
35 Isaan keessaas hayyuun seeraa tokko akkana jedhee gaaffii kanaan isa qore:
Then one of them [who was] a lawyer, asked [him a question], tempting him, and saying,
36 “Yaa barsiisaa, seera keessaa ajajni guddaan isa kami?”
Master, which [is] the great commandment in the law?
37 Yesuusis akkana jedheen; “Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu.
Jesus said to him, Thou shalt love the Lord thy God with all thy heart, and with all thy soul, and with all thy mind.
38 Kunis ajaja jalqabaatii fi guddicha.
This is the first and great commandment.
39 Ajajni lammaffaanis isuma fakkaata: ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu’jedha.
And the second [is] like it, Thou shalt love thy neighbor as thyself.
40 Seerrii fi Raajonni hundinuu ajajawwan kanneen lamaan irratti hundeeffamu.”
On these two commandments hang all the law and the prophets.
41 Utuu Fariisonni walitti qabamanii jiranuu Yesuus gaaffii tokko isaan gaafate;
While the Pharisees were assembled, Jesus asked them,
42 innis, “Isin waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” jedhe. Isaanis, “Inni Ilma Daawit” jedhanii deebisan.
Saying, What think ye of Christ? whose son is he? They say to him, [The son] of David.
43 Innis akkana isaaniin jedhe; “Yoos Daawit akkamitti Hafuuraan geggeeffamee, ‘Gooftaa’ isaan jedha ree? Inni akkana jedhaatii:
He saith to them, How then doth David in spirit call him Lord, saying,
44 “‘Gooftaan Gooftaa kootiin: “Hamma ani diinota kee miilla kee jala siif galchutti gara mirga koo taaʼi”jedhe.’
The LORD said to my Lord, Sit thou on my right hand, till I make thy enemies thy footstool?
45 Erga Daawit, ‘Gooftaa’ jedhee isa waame, yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”
If David then calleth him Lord, how is he his son?
46 Namni tokko iyyuu waan tokko isaaf deebisuu hin dandeenye; gaafasii jalqabee namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.
And no man was able to answer him a word, neither durst any [man], from that day forth, ask him any more questions.