< Maatewos 21 >

1 Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii Beetfaagee ishee Gaara Ejersaa irraa sana gaʼaniin Yesuus barattoota lama erge;
E, quando se approximaram de Jerusalem, e chegaram a Bethphage, ao monte das Oliveiras, enviou então Jesus dois discipulos, dizendo-lhes:
2 akkanas isaaniin jedhe; “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; yommusuma harree hidhamte tokko ilmoo ishee wajjin ni argattu. Lachan isaanii hiikaatii naa fidaa.
Ide á aldeia que está defronte de vós, e logo encontrareis uma jumenta presa, e um jumentinho com ella; desprendei-a, e trazei-m'os.
3 Yoo namni tokko iyyuu waan tokko isiniin jedhe, ‘Gooftaatu isaan barbaada’ jedhaa; innis yommusuma erga.”
E, se alguem vos disser alguma coisa, direis que o Senhor os ha de mister: e logo os enviará.
4 Kunis akka wanni karaa raajichaatiin dubbatame sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha:
Ora tudo isto aconteceu para que se cumprisse o que foi dito pelo propheta, que diz:
5 “Akkana jedhaa Intala Xiyoonitti himaa; ‘Kunoo, mootiin kee gad of qabee, harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis harree xinnoo yaabbatee, gara kee dhufa.’”
Dizei á filha de Sião: Eis que o teu Rei ahi te vem, manso, e assentado sobre uma jumenta, e sobre um jumentinho, filho de animal sujeito ao jugo.
6 Barattoonnis dhaqanii akkuma Yesuus isaan ajaje godhan.
E, indo os discipulos, e fazendo como Jesus lhes ordenára,
7 Isaanis harree fi ilmoo harree sana fidan; uffata isaaniis isaan irra buusan; Yesuusis isaan irra taaʼe.
Trouxeram a jumenta e o jumentinho, e sobre elles pozeram os seus vestidos, e fizeram-n'o assentar em cima.
8 Namoonni akka malee baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan mukaa kukkutanii karaa irra bubuusan.
E muitissima gente estendia os seus vestidos pelo caminho, e outros cortavam ramos d'arvores, e os espalhavam pelo caminho.
9 Namoonni isa dura deemaa turanii fi warri isa duukaa buʼaa turan iyyanii, “Hoosaaʼinaa Ilma Daawitiif!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!” jedhan.
E a multidão que ia adeante, e a que seguia, clamava, dizendo: Hosanna ao Filho de David; bemdito o que vem em nome do Senhor: Hosanna nas alturas.
10 Yommuu Yesuus Yerusaalem seenetti, magaalaan sun guutummaatti raafamtee, “Kun eenyu?” jette.
E, entrando elle em Jerusalem, toda a cidade se alvoroçou, dizendo: Quem é este?
11 Tuunni sun immoo, “Kun Yesuus, raajicha Naazreeti Galiilaati” jedhee deebise.
E a multidão dizia: Este é Jesus, o Propheta de Nazareth da Galilea.
12 Yesuus mana qulqullummaa seenee warra mana qulqullummaa keessatti bitatanii fi gurguratan hundumaa ariʼe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche.
E entrou Jesus no templo de Deus, e expulsou todos os que vendiam e compravam no templo, e derribou as mesas dos cambistas e as cadeiras dos que vendiam pombas:
13 Innis, “‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gootaniirtu” isaaniin jedhe.
E disse-lhes: Está escripto: A minha casa será chamada casa de oração: mas vós a tendes convertido em covil de ladrões.
14 Jaamonnii fi warri naafatan mana qulqullummaa keessatti gara isaa dhufan; innis isaan fayyise.
E foram ter com elle ao templo cegos e côxos, e curou-os.
15 Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa yommuu hojii dinqisiisaa inni hojjete arganii ijoollee mana qulqullummaa keessatti, “Hoosaaʼinaa ilma Daawitiif” jedhanii iyyan dhagaʼanitti ni aaran.
Vendo então os principaes dos sacerdotes e os escribas as maravilhas que fazia, e os meninos clamando no templo, Hosanna ao Filho de David; indignaram-se,
16 Isaanis, “Ati waan ijoolleen kunneen jedhan dhageessaa?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo, “Eeyyee;” isin waan, “‘Yaa Gooftaa, ati afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa, galata qopheessiteerta’ jedhu sana takkumaa hin dubbifnee?” jedhee deebise.
E disseram-lhe: Ouves o que estes dizem? E Jesus lhes disse: Sim; nunca lestes: Pela bocca dos meninos e das creancinhas de peito aperfeiçoaste o louvor?
17 Innis isaan biraa deemee magaalaa sanaa baʼe; Biitaaniyaa dhaqee achi bule.
E, deixando-os, saiu da cidade para Bethania, e ali passou a noite.
18 Yesuus ganama barii utuu gara magaalattiitti deebiʼuu beelaʼe.
E, de manhã, voltando para a cidade, teve fome;
19 Muka harbuu tokkos karaa biratti argee itti gore; garuu baala malee waa tokko illee hin arganne. Innis, “Iji bara baraan sirratti hin argamin!” jedheen. Mukni sunis yeruma sana goge. (aiōn g165)
E, avistando uma figueira perto do caminho, dirigiu-se a ella, e não achou n'ella senão folhas. E disse-lhe: Nunca mais nasça fructo de ti. E a figueira seccou immediatamente. (aiōn g165)
20 Barattoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqisiifatan. Isaanis, “Harbuun sun akkamitti yommusuma goge?” jedhanii gaafatan.
E os discipulos, vendo isto, maravilharam-se, dizendo: Como seccou immediatamente a figueira?
21 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman isinitti hima; yoo amantii qabaattan, yoo mamuu baattanis, waan muka harbuu sana irratti taʼe qofa utuu hin taʼin, tulluu kanaan illee, ‘Kaʼi! Galaanatti darbatami!’ yoo jettan ni taʼa.
Jesus, porém, respondendo, disse-lhes: Em verdade vos digo que, se tiverdes fé e não duvidardes, não só fareis isto á figueira, mas até, se a este monte disserdes: Ergue-te e precipita-te no mar, assim será feito;
22 Isin yoo amantii qabaattan waan kadhannaadhaan gaafattan hunda ni argattu.”
E tudo o que pedirdes na oração, crendo, o recebereis.
23 Utuu Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisaa jiruu luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni sabaa gara isaa dhufanii, “Ati taayitaa maaliitiin wantoota kanneen hojjetta? Eenyutu taayitaa kana siif kenne?” jedhanii gaafatan.
E, chegando ao templo, acercaram-se d'elle, estando já ensinando, os principes dos sacerdotes e os anciãos do povo, dizendo: Com que auctoridade fazes isto? e quem te deu essa auctoridade?
24 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha; yoo isin naaf deebiftan, anis taayitaa maaliitiin wantoota kanneen akkan hojjedhu isinittin hima.
E Jesus, respondendo, disse-lhes: Eu tambem vos perguntarei uma coisa; se m'a disserdes, tambem eu vos direi com que auctoridade faço isto.
25 Cuuphaan Yohannis eessaa dhufe? Samii irraa moo nama biraa dhufe?” Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne, inni immoo, ‘Yoos isin maaliif isa hin amanin ree?’ nuun jedha.
O baptismo de João d'onde era? Do céu, ou dos homens? E pensavam entre si, dizendo: Se dissermos: Do céu, elle nos dirá: Então porque não o crestes?
26 Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoota sodaanna; isaan hundinuu Yohannisin akka raajiitti ilaaluutii.”
E, se dissermos: Dos homens, tememos o povo, porque todos consideram João como propheta.
27 Kanaaf isaan, “Hin beeknu!” jedhanii Yesuusiif deebisan. Inni immoo akkana jedhe; “Anis taayitaa maaliitiin akkan wantoota kanneen hojjedhu isinitti hin himu.”
E, respondendo a Jesus, disseram: Não sabemos. Elle disse-lhes: Nem eu vos digo com que auctoridade faço isto.
28 “Maal seetu? Nama ilmaan lama qabu tokkotu ture; innis gara ilma isaa hangafaa dhaqee, ‘Yaa ilma ko, harʼa dhaqiitii iddoo dhaabaa wayinii keessa hojjedhu’ jedheen.
Mas que vos parece? Um homem tinha dois filhos, e, dirigindo-se ao primeiro, disse: Filho, vae trabalhar hoje na minha vinha.
29 “Ilmi sunis deebisee, ‘Ani hin dhaqu’ jedhe; ergasii garuu gaabbee dhaqe.
Elle, porém, respondendo, disse: Não quero. Mas depois, arrependendo-se, foi.
30 “Namichis gara ilma isaa isa kaanii dhaqee akkasuma jedheen. Ilmi isaa sunis, ‘Yaa gooftaa nan dhaqa’ jedhee deebiseef; garuu hin dhaqne.
E, dirigindo-se ao segundo, fallou-lhe de egual modo; e, respondendo elle, disse: Eu vou, senhor; e não foi.
31 “Ilmaan lamaan keessaa isa kamtu fedhii abbaa isaa guute?” Isaanis, “Isa jalqabaa ti” jedhan. Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; qaraxxoonnii fi sagaagaltoonni isin dura mootummaa Waaqaatti ni galu.
Qual dos dois fez a vontade do pae? Disseram-lhe elles: O primeiro. Disse-lhes Jesus: Em verdade vos digo que os publicanos e as meretrizes vos precedem no reino de Deus.
32 Yohannis karaa qajeelummaa isinitti argisiisuu dhufeetii; isin immoo isa hin amanne. Qaraxxoonnii fi sagaagaltoonni garuu isa amanan; isin erguma waan kana argitan illee qalbii jijjiirrattanii isatti hin amanne.
Porque João veiu a vós no caminho de justiça, e não o crestes, mas os publicanos e as meretrizes o creram: vós, porém, vendo isto, nem depois vos arrependestes para o crer.
33 “Fakkeenya biraa tokko dhagaʼaa; abbaa lafaa kan iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbate tokkotu ture. Innis naannoo isaatti dallaa ijaaree, achi keessatti boolla itti wayinii cuunfan qotee qooxii eegumsaa ijaare. Ergasiis lafa wayinii sana qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqe.
Ouvi ainda outra parabola: Houve um homem, pae de familia, que plantou uma vinha, e circumdou-a de um vallado, e construiu n'ella um lagar, e edificou uma torre, e arrendou-a a uns lavradores, e ausentou-se para longe:
34 Innis yeroon itti midhaan walitti qaban geenyaan akka isaan ija isaa fidaniifiif garboota isaa qottuuwwan sanatti ergate.
E, chegando o tempo dos fructos, enviou os seus servos aos lavradores, para receberem os seus fructos.
35 “Qottuuwwan sunis garboota namichaa qabanii, isa tokko ni dhaanan; isa kaan ni ajjeesan; isa sadaffaa immoo dhagaan tuman.
E os lavradores, apoderando-se dos servos, feriram um, mataram outro, e apedrejaram outro.
36 Ammas garboota warra duraa caalaa baayʼatan biraa ergate; qonnaan bultoonni sunis akkuma sana isaan godhan.
Depois enviou outros servos, em maior numero do que os primeiros; e fizeram-lhes o mesmo;
37 Dhuma irrattis inni, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee ilma isaa isaanitti ergate.
E por ultimo enviou-lhes seu filho, dizendo: Terão respeito a meu filho.
38 “Qottoonni sun garuu yommuu ilma sana arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnee dhaala isaa fudhannaa!’ waliin jedhan.
Mas os lavradores, vendo o filho, disseram entre si: Este é o herdeiro; vinde, matemol-o, e apoderemo-nos da sua herança.
39 Kanaafuu isaan fuudhanii iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan.
E, lançando mão d'elle, o arrastaram para fóra da vinha, e o mataram.
40 “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa yommuu dhufutti qottuuwwan sana maal godhinna laata?”
Quando pois vier o senhor da vinha, que fará áquelles lavradores?
41 Isaanis, “Inni namoota hamoo sana haala hamaadhaan ni balleessa; iddoo dhaabaa wayinii sanas qottuuwwan yeroo midhaan walitti qabamutti qooda midhaan isaa kennaniif kanneen biraatti dabarsee ni kenna” jedhanii deebisan.
Dizem-lhe elles: Dará affrontosa morte aos maus, e arrendará a vinha a outros lavradores, que a seus tempos lhe dêem os fructos.
42 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin dubbii Katabbiiwwan Qulqulluu keessatti, “‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera; kanas Gooftaatu godhe; kun immoo ija keenyatti dinqii dha’jedhu sana gonkumaa hin dubbifnee?
Diz-lhes Jesus: Nunca lestes nas Escripturas: A pedra, que os edificadores rejeitaram, essa foi posta por cabeça do angulo: pelo Senhor foi feito isto, e é maravilhoso aos nossos olhos?
43 “Kanaafuu ani isinittin hima; mootummaan Waaqaa isin irraa fudhatamee saba ija isaa godhatutti ni kennama.
Portanto eu vos digo que o reino de Deus vos será tirado, e será dado a gente que dê os seus fructos.
44 Namni dhagaa kana irratti kufu kam iyyuu caccabee bututa; namni dhagichi irratti kufu kam iyyuu ni daakama.”
E quem cair sobre esta pedra despedaçar-se-ha; e sobre quem ella cair esmagal-o-ha.
45 Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni yommuu fakkeenyawwan Yesuus dhagaʼanitti akka inni waaʼee isaanii dubbate beekan.
E os principes dos sacerdotes e os phariseos, ouvindo estas palavras, entenderam que fallava d'elles;
46 Isaanis isa qabuu barbaadan; garuu sababii namoonni Yesuusin akka raajiitti ilaalaa turaniif namoota sana sodaatan.
E, pretendendo prendel-o, receiaram o povo, porquanto o tinham por propheta.

< Maatewos 21 >