< Maatewos 21 >

1 Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii Beetfaagee ishee Gaara Ejersaa irraa sana gaʼaniin Yesuus barattoota lama erge;
Yayinda Yesu da almajiransa suka kusato Urushalima sai suka zo Betafaji wajen dutsen zaitun, sai Yesu ya aiki almajiransa guda biyu,
2 akkanas isaaniin jedhe; “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; yommusuma harree hidhamte tokko ilmoo ishee wajjin ni argattu. Lachan isaanii hiikaatii naa fidaa.
yace masu, “Ku shiga kauyen da yake gaban ku zaku iske wata jaka da aholaki tara da ita. Ku kwance su ku kawo mani su.
3 Yoo namni tokko iyyuu waan tokko isiniin jedhe, ‘Gooftaatu isaan barbaada’ jedhaa; innis yommusuma erga.”
Idan wani ya gaya maku wani abu game da haka, sai ku ce, 'Ubangiji ne yake bukatarsu,' mutumin kuwa zai aiko ku da su nan da nan.”
4 Kunis akka wanni karaa raajichaatiin dubbatame sun raawwatamuuf taʼe; innis akkana jedha:
Anyi wannan kuwa domin a cika annabcin anabin. Yace,
5 “Akkana jedhaa Intala Xiyoonitti himaa; ‘Kunoo, mootiin kee gad of qabee, harree yaabbatee, ilmoo harree jechuunis harree xinnoo yaabbatee, gara kee dhufa.’”
“Ku cewa diyar Sihiyona, duba, ga sarkinki na zuwa wurin ki, mai tawali'u ne, kuma akan jaki wanda aholaki ne.”
6 Barattoonnis dhaqanii akkuma Yesuus isaan ajaje godhan.
Sai almajiran suka tafi suka yi kamar yadda Yesu ya umarce su.
7 Isaanis harree fi ilmoo harree sana fidan; uffata isaaniis isaan irra buusan; Yesuusis isaan irra taaʼe.
Suka kawo jakar da dan aholakin, suka sa tufafinsu akai, Yesu kuwa ya zauna akan tufafin.
8 Namoonni akka malee baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan mukaa kukkutanii karaa irra bubuusan.
Yawancin jama'a kuwa suka baza tufafinsu akan hanya, wasu kuma suka yanko ganye daga bishiyoyi suka shimfida su a hanya.
9 Namoonni isa dura deemaa turanii fi warri isa duukaa buʼaa turan iyyanii, “Hoosaaʼinaa Ilma Daawitiif!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!” jedhan.
Taron jama'a da suke gabansa da wadanda suke bayansa, suka ta da murya suna cewa, “Hossana ga dan Dauda! mai albarka ne shi wanda ke zuwa cikin sunan Ubangiji. Hossana ga Ubangiji!”
10 Yommuu Yesuus Yerusaalem seenetti, magaalaan sun guutummaatti raafamtee, “Kun eenyu?” jette.
Sa'adda Yesu ya shiga Urushalima sai doki ya cika birnin ana cewa, “Wanene wannan?”
11 Tuunni sun immoo, “Kun Yesuus, raajicha Naazreeti Galiilaati” jedhee deebise.
Sai jama'a suka amsa, “Wannan shine Yesu annabi, daga Nazaret ta Galili.”
12 Yesuus mana qulqullummaa seenee warra mana qulqullummaa keessatti bitatanii fi gurguratan hundumaa ariʼe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche.
Sai Yesu ya shiga haikalin. Ya kori duk wadanda ke saye da sayarwa a cikin ikiilisiya. Ya birkice teburan masu canjin kudi da kujerun masu sayar da tantabaru.
13 Innis, “‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gootaniirtu” isaaniin jedhe.
Ya ce masu, “A rubuce yake, 'Za a kira gidana gidan addu'a,' amma kun mayar dashi kogon 'yan fashi.”
14 Jaamonnii fi warri naafatan mana qulqullummaa keessatti gara isaa dhufan; innis isaan fayyise.
Sai makafi da guragu suka zo wurin sa a haikalin, ya warkar da su.
15 Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa yommuu hojii dinqisiisaa inni hojjete arganii ijoollee mana qulqullummaa keessatti, “Hoosaaʼinaa ilma Daawitiif” jedhanii iyyan dhagaʼanitti ni aaran.
Amma da manyan firistoci da malaman attaura suka ga abubuwan banmamaki da yayi, kuma sa'adda suka ji yara suna tada murya a cikin haikalin suna cewa, “Hossana ga dan Dauda,” sai suka ji haushi.
16 Isaanis, “Ati waan ijoolleen kunneen jedhan dhageessaa?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo, “Eeyyee;” isin waan, “‘Yaa Gooftaa, ati afaan daaʼimmaniitii fi mucoolii harma hodhanii irraa, galata qopheessiteerta’ jedhu sana takkumaa hin dubbifnee?” jedhee deebise.
Suka ce masa, kana jin abinda wadannan mutanen ke fadi?'' Yesu ya ce masu, “I! Amma ba ku taba karantawa ba, 'daga bakin jarirai da masu shan mama ka sa yabo'?”
17 Innis isaan biraa deemee magaalaa sanaa baʼe; Biitaaniyaa dhaqee achi bule.
Sai Yesu ya bar su, ya fice daga birnin zuwa Betaniya ya kwana a wurin.
18 Yesuus ganama barii utuu gara magaalattiitti deebiʼuu beelaʼe.
Washegari da safe yayin da yake komawa birnin, sai yaji yunwa.
19 Muka harbuu tokkos karaa biratti argee itti gore; garuu baala malee waa tokko illee hin arganne. Innis, “Iji bara baraan sirratti hin argamin!” jedheen. Mukni sunis yeruma sana goge. (aiōn g165)
Da ya ga bishiyar baure a bakin hanya, sai yaje wurin amma bai sami kome ba sai dai ganye. Sai ya ce mata, “Kada ki kara yin 'ya'ya har abada.” Sai nan take bishiyar bauren ta bushe. (aiōn g165)
20 Barattoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqisiifatan. Isaanis, “Harbuun sun akkamitti yommusuma goge?” jedhanii gaafatan.
Da almajiran suka ga haka, sai suka yi mamaki suka ce, “Kaka bishiyar bauren ta bushe nan da nan?”
21 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman isinitti hima; yoo amantii qabaattan, yoo mamuu baattanis, waan muka harbuu sana irratti taʼe qofa utuu hin taʼin, tulluu kanaan illee, ‘Kaʼi! Galaanatti darbatami!’ yoo jettan ni taʼa.
Yesu ya amsa yace masu, “Hakika ina ce maku, in dai kuna da bangaskiya ba ku yi shakka ba, ba abinda aka yi wa bauren nan kadai za kuyi ba har ma za ku cewa tsaunin nan, “Ka ciru ka fada teku,' sai kuwa haka ta kasance.
22 Isin yoo amantii qabaattan waan kadhannaadhaan gaafattan hunda ni argattu.”
Kome kuka roka cikin addu'a, in dai kun gaskanta, za ku samu.”
23 Utuu Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisaa jiruu luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni sabaa gara isaa dhufanii, “Ati taayitaa maaliitiin wantoota kanneen hojjetta? Eenyutu taayitaa kana siif kenne?” jedhanii gaafatan.
Sa'adda Yesu ya shiga haikalin, sai manyan fristocin da shugabannin jama'a suka zo suka same shi yayin da yake koyarwa, suka ce, “Da wane iko kake yin wadannan abubuwa?”
24 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha; yoo isin naaf deebiftan, anis taayitaa maaliitiin wantoota kanneen akkan hojjedhu isinittin hima.
Yesu ya amsa yace masu, “Ni ma zan yi maku tambaya daya. In kun fada mani, ni ma zan fada maku ko da wane iko nake yin wadannan abubuwa.
25 Cuuphaan Yohannis eessaa dhufe? Samii irraa moo nama biraa dhufe?” Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne, inni immoo, ‘Yoos isin maaliif isa hin amanin ree?’ nuun jedha.
Daga ina baftismar Yahaya ta fito, daga sama ko kuma daga mutune?” Sai suka yi shawara a tsakanin su, suka ce, “In munce, 'daga sama,' zai ce mana, 'don me bamu gaskanta dashi ba?'
26 Yoo nu, ‘Nama biraa dhufe’ jenne garuu namoota sodaanna; isaan hundinuu Yohannisin akka raajiitti ilaaluutii.”
Amma in munce, ' daga mutune,' muna tsoron jama'a, saboda sun san Yahaya annabi ne.”
27 Kanaaf isaan, “Hin beeknu!” jedhanii Yesuusiif deebisan. Inni immoo akkana jedhe; “Anis taayitaa maaliitiin akkan wantoota kanneen hojjedhu isinitti hin himu.”
Sai suka amsa ma Yesu suka ce, ''Bamu sani ba.” Shi ma yace masu, “Nima bazan gaya maku ko da wane iko nake yin abubuwan nan ba.
28 “Maal seetu? Nama ilmaan lama qabu tokkotu ture; innis gara ilma isaa hangafaa dhaqee, ‘Yaa ilma ko, harʼa dhaqiitii iddoo dhaabaa wayinii keessa hojjedhu’ jedheen.
Amma me kuke tunani? Wani mutum yana da 'ya'ya biyu. Ya je wurin na farkon yace, 'Da, je ka kayi aiki yau a cikin gona.'
29 “Ilmi sunis deebisee, ‘Ani hin dhaqu’ jedhe; ergasii garuu gaabbee dhaqe.
Yaron ya amsa yace, 'bazan yi ba,' amma daga baya ya canza tunaninsa ya tafi.
30 “Namichis gara ilma isaa isa kaanii dhaqee akkasuma jedheen. Ilmi isaa sunis, ‘Yaa gooftaa nan dhaqa’ jedhee deebiseef; garuu hin dhaqne.
Sai mutumin ya je wurin da na biyun ya fada masa abu guda. Wannan dan ya amsa ya ce, 'zanje, baba,' amma bai je ba.
31 “Ilmaan lamaan keessaa isa kamtu fedhii abbaa isaa guute?” Isaanis, “Isa jalqabaa ti” jedhan. Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Ani dhuguman isinitti hima; qaraxxoonnii fi sagaagaltoonni isin dura mootummaa Waaqaatti ni galu.
Wanene a cikin 'ya'ya biyun nan yayi nufin ubansa?” Suka ce, “na farkon.” Yesu ya ce masu, “Hakika ina gaya maku, masu karbar haraji da karuwai za su shiga mulkin Allah kafin ku.
32 Yohannis karaa qajeelummaa isinitti argisiisuu dhufeetii; isin immoo isa hin amanne. Qaraxxoonnii fi sagaagaltoonni garuu isa amanan; isin erguma waan kana argitan illee qalbii jijjiirrattanii isatti hin amanne.
Gama Yahaya ya zo maku a hanyar adalci, amma ba ku gaskata da shi ba, a yayinda masu karbar haraji da karuwai suka gaskata da shi. Ku kuwa, bayan kun ga abin da ya faru, baku ma tuba daga baya ba don ku gaskata da shi.
33 “Fakkeenya biraa tokko dhagaʼaa; abbaa lafaa kan iddoo dhaabaa wayinii irra wayinii dhaabbate tokkotu ture. Innis naannoo isaatti dallaa ijaaree, achi keessatti boolla itti wayinii cuunfan qotee qooxii eegumsaa ijaare. Ergasiis lafa wayinii sana qonnaan bultootatti kiraa kennatee biyya fagoo dhaqe.
Ku saurari wani misalin. Anyi wani mutum, mai gona. Yayi shuka a gonar, ya shinge ta, ya gina ramin matse inabi a cikin gonar, ya kuma gina wata hasumiyar tsaro, sai ya bada hayar gonar ga wadansu manoma. Sai ya tafi wata kasa.
34 Innis yeroon itti midhaan walitti qaban geenyaan akka isaan ija isaa fidaniifiif garboota isaa qottuuwwan sanatti ergate.
Da kakar inabi ta yi, sai ya aiki wadansu bayi su karbo masa amfanin gonar.
35 “Qottuuwwan sunis garboota namichaa qabanii, isa tokko ni dhaanan; isa kaan ni ajjeesan; isa sadaffaa immoo dhagaan tuman.
Amma manoman suka kama bayin, suka doddoki dayan, suka kashe dayan, suka jejjefe dayan da duwatsu.
36 Ammas garboota warra duraa caalaa baayʼatan biraa ergate; qonnaan bultoonni sunis akkuma sana isaan godhan.
Sai mai gonar ya sake aika wadansu bayinsa da suka fi na farko, amma manoman suka yi masu kamar yadda suka yi wa sauran.
37 Dhuma irrattis inni, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee ilma isaa isaanitti ergate.
Bayan wannnan, sai mai gonar ya aika da dansa wurin su yana cewa, 'za su yi wa dana biyayya.'
38 “Qottoonni sun garuu yommuu ilma sana arganitti, ‘Dhaaltuun isa kana. Kottaa isa ajjeefnee dhaala isaa fudhannaa!’ waliin jedhan.
Amma da manoman suka ga dan, sai suka ce a tsakanin su, 'wannan shine magajin. Kuzo, mu kashe shi mu gaji gonar.'
39 Kanaafuu isaan fuudhanii iddoo dhaabaa wayinii keessaa gad baasanii isa ajjeesan.
Sai suka dauke shi, suka jefar da shi daga cikin gonar, suka kashe shi.
40 “Egaa abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa yommuu dhufutti qottuuwwan sana maal godhinna laata?”
To idan me gonar ya zo, me zai yiwa manoman?
41 Isaanis, “Inni namoota hamoo sana haala hamaadhaan ni balleessa; iddoo dhaabaa wayinii sanas qottuuwwan yeroo midhaan walitti qabamutti qooda midhaan isaa kennaniif kanneen biraatti dabarsee ni kenna” jedhanii deebisan.
Suka ce masa, “Zai hallaka mugayen manoman nan ta hanya mai tsanani, zai kuma bada gonar haya ga wadansu manoman, mutanen da za su biya, lokacin da inabin ya nuna.”
42 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin dubbii Katabbiiwwan Qulqulluu keessatti, “‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee taʼeera; kanas Gooftaatu godhe; kun immoo ija keenyatti dinqii dha’jedhu sana gonkumaa hin dubbifnee?
Yesu yace masu, “Baku taba karantawa a nassi ba,'' 'Dutsen da magina suka ki ya zama dutse mafi amfani. Wannan daga Ubangijine, kuma abin mamaki ne a idanunmu?'
43 “Kanaafuu ani isinittin hima; mootummaan Waaqaa isin irraa fudhatamee saba ija isaa godhatutti ni kennama.
Saboda haka ina gaya maku, za a karbe mulkin Allah daga wurin ku a ba wata al'umma da zata bada amfaninsa.
44 Namni dhagaa kana irratti kufu kam iyyuu caccabee bututa; namni dhagichi irratti kufu kam iyyuu ni daakama.”
Duk wanda ya fadi akan dutsen nan zai ragargaje. Amma duk wanda dutsen ya fadawa, zai nike.”
45 Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni yommuu fakkeenyawwan Yesuus dhagaʼanitti akka inni waaʼee isaanii dubbate beekan.
Da manyan firistocin da farisawan suka ji wannan misalin, sai suka gane da su yake.
46 Isaanis isa qabuu barbaadan; garuu sababii namoonni Yesuusin akka raajiitti ilaalaa turaniif namoota sana sodaatan.
Da suka nemi kama shi, sai suka ji tsoron taron, saboda mutanen sun dauke shi annabi.

< Maatewos 21 >