< Maatewos 20 >
1 “Mootummaan samiis abbaa lafaa kan iddoo dhaabaa wayinii isaatti hojjettoota qacarachuuf jedhee barii obboroo manaa baʼe tokko fakkaata.
國好比一個家主,清晨出去為自己的葡萄園僱工人。
2 Innis guyyaatti diinaariitokko tokko isaanii kaffaluuf hojjettoota sanaan walii galee gara iddoo dhaabaa wayinii isaatti isaan erge.
他與工人約定一天一個「德納」,就派他們到葡萄園去了。
3 “Namichi sunis gara saʼaatii sadiitti gad baʼee namoota hojii malee iddoo gabaa dhadhaabatan kanneen biraa arge.
約在第三時辰,又出去,看見另有些人在街上閒站著,
4 ‘Isinis dhaqaatii iddoo dhaabaa wayinii kootii keessa hojjedhaa; anis waan isiniif malu isiniifin kaffalaa’ jedheen.
就對他們說:你們也到我的葡萄園裏去吧!凡照公義該給的,我必給你們。
5 Isaanis ni dhaqan. “Ammas gara saʼaatii jaʼaa fi gara saʼaatii sagaliitti gad baʼee akkasuma godhe.
他們就去了。約在第六和在第九時辰,他又出去,也照樣做了。
6 Naannoo saʼaatii kudha tokkoottis gad baʼee namoota hojii malee dhadhaabatan biraa argee, ‘Isin maaliif guyyaa guutuu hojii malee as dhadhaabattu?’ jedhee isaan gaafate.
約在第十二時辰,他又出去,看見還有些人站在那裏,就對他們說:為什麼你們站在這裏整天閒著?
7 “Isaanis, ‘Sababii namni tokko illee nu hin qacaratiniif’ jedhanii deebisan. “Inni immoo, ‘Isinis dhaqaatii iddoo dhaabaa wayinii kootii keessa hojjedhaa’ jedheen.
他們對他說:因為沒有人僱我們。他給他們說:你們也到我的葡萄園裏去吧!
8 “Yommuu galgalaaʼetti abbaan iddoo dhaabaa wayinii sanaa hoogganaa hojii isaatiin, ‘Hojjettoota waami; warra gara dhumaatti qacaramanii jalqabii hamma warra dura qacaramaniitti mindaa isaanii kaffaliif’ jedheen.
到了晚上,葡萄園的主人對他的管事人說:你叫他們來,分給他們工資,由最後的開始,直到最先的。
9 “Warri gara saʼaatii kudha tokkootti qacaraman sunis dhufanii tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan.
那些約在第十一時辰來的人,每人領了一個「德納」。
10 Warri jalqabatti qacaraman yommuu dhufanitti waan warra kaan caalaa argatan seʼan. Garuu tokkoon tokkoon isaanii diinaarii tokko tokko fudhatan.
那些最先僱來的,心想自己必會多領,但他們也只領了一個「德納」。
11 Isaan yommuu diinaarii sana fudhatanitti abbaa lafaa sanatti guunguman.
他們一領了,就抱怨家主,
12 Isaanis, ‘Warri gara dhumaatti qacaraman kunneen saʼaatii tokko qofa hojjetan; ati garuu nu warra dadhabbii hojichaatii fi hoʼa guyyaa obsine isaaniin wal qixxeessite’ jedhaniin.
說:這些最後僱的人,不過工作了一個時辰,而你竟把他們與我們這整天受苦受熱的,同等看待。
13 “Inni garuu hojjettoota sana keessaa isa tokkoon, ‘Yaa michuu ko, ani waan tokkoon illee si hin miine. Ati diinaarii tokkoon naan walii hin gallee?
他答覆其中的一個說:朋友!我並沒有虧負你,你不是和我議定了一個「德納」嗎?
14 Qooda kee fudhadhuu deemi; ani namicha isa gara dhumaa kanaafis hammuma siif kenne sana kennuufii nan barbaada.
拿你的走吧!我願意給這最後來的和給你的一樣。
15 Ani qarshii kootiin waan barbaade gochuuf mirga hin qabuu? Yookaan sababii ani arjaa taʼeef hinaaftaa?’ jedhe.
難道不許我拿我所有的財物,行我所願意的嗎?或是因為我好,你就眼紅嗎?
16 “Akkasuma warri dhumaa warra jalqabaa ni taʼu; warri jalqabaa immoo warra dhumaa ni taʼu.”
這樣,最後的,將成為最先的,最先的將成為最後的。」
17 Yesuus utuu Yerusaalemitti ol baʼaa jiruu barattoota kudha lamaan kophaatti baasee akkana jedheen:
耶穌上耶路撒冷去,暗暗把十二個門徒帶到一邊,在路上對他們說:
18 “Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru;
「看,我們上耶路撒冷去,人子要被交於司祭和經師,他們要定的死罪;
19 akka isaan itti qoosaniif, isa garafanii fi isa fannisaniifis dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu. Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama!”
並且要把他給外邦人戲弄、鞭打、釘死;但第二天,他要復活。」
20 Ergasiis haati ilmaan Zabdewoos ilmaan ishee wajjin gara Yesuus dhuftee jilbeenfattee waa isa kadhatte.
那時,載伯德兒子的母親,同自己的兒子前來,叩拜耶穌,請求衪一件事。
21 Yesuusis, “Ati maal barbaadda?” jedheen. Isheenis, “Akka ilmaan koo kunneen lamaan mootummaa kee keessatti inni tokko mirga keetiin, inni kaan immoo bitaa keetiin taaʼu naa godhi” jetteen.
耶穌對她說:「妳要什麼? 」她回答說:「你叫我的這兩個兒子,在你王國內,一個坐在你的右邊,一個坐在你的左邊。」
22 Yesuus immoo, “Isin waan kadhattan hin beektan; xoofoo ani dhuguuf jiru dhuguu ni dandeessuu?” jedheen. Isaanis, “Ni dandeenya” jedhanii deebisan.
耶穌回答說:「你們不知道你們所求的是什麼,你們能飲我將要飲的爵嗎? 」他們說:「我們能」
23 Yesuusis, “Dhugumaan xoofoo koo irraa illee ni dhugdu; garuu mirga kootii fi bitaa kootiin taaʼuu kan kennu ana miti. Iddoon kun kan warra Abbaan koo isaaniif qopheesse sanaa ti” jedheen.
耶穌對他們說:「我的爵你們固然要飲,但坐在右邊或左邊,不是我可以給的,而是我父給誰預備了,就給誰。」
24 Warri kurnan yommuu waan kana dhagaʼanitti obboloota lamaanitti aaran.
那十個聽了,就惱怒他們兩兄弟。
25 Yesuusis walitti isaan waamee akkana jedhe; “Isin akka bulchitoonni Namoota Ormaa isaan irratti gooftummaa mulʼisan, gurguddoonni isaaniis akka isaan irratti taayitaa argisiisan ni beektu.
耶穌叫過他們來說:「你們知道:外邦人有首長主宰他們,有大臣管轄他們。
26 Isin biratti akkas miti. Qooda kanaa namni isin keessaa nama guddaa taʼuu barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan taʼuu qaba;
在你們中間卻不可這樣,誰若在你們中願意成為大的,就當作你們的僕役;
27 namni nama jalqabaa taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan taʼuu qaba;
誰若願意在你們中為首,就當作你們的奴僕。
28 Ilmi Namaa iyyuu tajaajiluu fi lubbuu isaa immoo namoota baayʼeedhaaf furii godhee kennuuf dhufe malee tajaajilamuuf hin dhufneetii.”
就如人子來不是受服,而是服事人,並交出自己的生命,為大眾作贖價。」
29 Utuu Yesuusii fi barattoonni isaa Yerikoodhaa baʼaa jiranuu, tuunni namootaa guddaan isa duukaa buʼe.
他們由耶里哥出來時,許多群眾跟隨耶穌。
30 Kunoo, jaamonni lama qarqara karaa tataaʼaa turan; isaanis yommuu akka Yesuus achiin darbaa jiru dhagaʼanitti iyyanii, “Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhan.
有兩個瞎子坐在路旁,聽說耶穌路過,就喊叫說:「主,達味之子,可憐我們吧!」民眾責斥他們,
31 Tuunni sunis akka isaan calʼisaniif isaan ifate; isaan garuu, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhanii ittuma caalchisanii iyyan.
他們不要作聲;他們反而更喊叫說:「主,達味之子,可憐我們吧!」
32 Yesuusis dhaabatee isaan waamee, “Akka ani maal isinii godhu barbaaddu?” jedhee isaan gaafate.
耶穌就站住,叫過他們來,說:「你們願意我給你們做什麼? 」
33 Isaan immoo, “Yaa Gooftaa, akka iji keenya nuuf banamu barbaanna” jedhanii deebisan.
他們回答說:「主,叫我們的眼睛開開吧!
34 Yesuusis garaa laafeefii ija isaanii qaqqabe. Isaanis yeruma sana arganii isa duukaa buʼan.
耶穌動了慈心,摸了他們的眼睛;他們就立刻看見了,也跟著衪去了。