< Maatewos 2 >

1 Bara Heroodis Mootichaa keessa, erga Yesuus magaalaa Beetlihem Yihuudaatti argamtu keessatti dhalatee booddee, beektonni baʼa biiftuutii gara Yerusaalem dhufan;
Baada ya Yesu kuzaliwa katika Bethelehem ya Uyahudi katika siku za mfalme Herode, watu wasomi kutoka mashariki ya mbali walifika Yerusalemu wakisema,
2 isaanis, “Mootiin Yihuudootaa inni dhalate sun eessa jira? Nu urjii isaa baʼa biiftuutti arginee isaaf sagaduu dhufneerra” jedhanii gaafatan.
“Yuko wapi yeye ambaye aliyezaliwa Mfalme wa Wayahudi? Tuliiona nyota yake mashariki nasi tumekuja kumwabudu.”
3 Heroodis Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti ni jeeqame; Yerusaalemis guutummaatti isa wajjin jeeqamte.
Pindi Mfalme herode aliposikia haya alifadhaika, na Yerusalemu yote pamoja naye.
4 Innis luboota hangafootaa fi barsiistota seeraa hunda saba keessaa walitti qabee, Kiristoos eessatti akka dhalatu isaan gaafate.
Herode akawakusanya wakuu wa makuhani wote na waandishi wa watu, naye akawauliza, “Kristo atazaliwa wapi?”
5 Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Beetlihem Yihuudaatti dhalata; kunis dubbii raajichi, “‘Yaa Beetlihem ishee biyya Yihuudaa, ati gonkumaa bulchitoota Yihuudaatii gad miti; bulchaan saba koo Israaʼelin tiksu si keessaa ni baʼaatii’ jedhee barreesse sanaa dha.”
Wakamwabia, “Katika Bethelehemu ya Uyahudi, kwa kuwa hivi ndivyo ilivyoandikwa na nabii,
6
Nawe Bethelehemu, katika nchi ya Yuda, si mdogo miongoni mwa viongozi wa Yuda, kwa kuwa kutoka kwako atakuja mtawala atakayewachunga watu wangu Israeli.”
7 Ergasii Heroodis beektota sana dhoksaatti waamee yeroo itti urjiin sun mulʼate isaan irraa hubate.
Hivyo Herode aliwaita wale wasomi kwa siri na kuwauliza ni wakati gani hasa nyota ilikuwa imeonekana.
8 Innis, “Dhaqaatii jabeessaa mucicha barbaadaa. Yeroo argitanitti immoo akka anis dhufee isaaf sagaduuf natti himaa” jedhee Beetlihemitti isaan erge.
Akawatuma Bethelehem, akisema, “Nendeni kwa uangalifu mkamtafute mtoto aliyezaliwa. Wakati mtakapomwona, nileteeni habari ili kwamba mimi pia niweze kuja na kumwabudu.”
9 Isaanis erga waan mootichi jedhe sana dhagaʼanii booddee karaa isaanii itti fufan; urjiin isaan baʼa biiftuutti argan sunis hamma iddoo mucichi ture gaʼee dhaabatutti isaan dura deeme.
Baada ya kuwa wamemsikia mfalme, waliendelea na safari yao, na nyota ile waliyokuwa wameiona mashariki iliwatangulia hadi iliposimama juu ya mahali mtoto aliyezaliwa alipokuwa.
10 Isaanis yeroo urjii sana arganitti akka malee gammadan.
Wakati walipoiona nyota, walifurahi kwa furaha kuu mno.
11 Akkuma mana ol seenaniinis mucicha, haadha isaa Maariyaam wajjin argan; kufaniis sagadaniif. Qorxii isaaniis bananii kennaa warqee, ixaanaa fi qumbii dhiʼeessaniif.
Waliingia nyumbani na kumuona mtoto aliyezaliwa na Mariamu mama yake. Walimsujudia na kumwabudu. Walifungua hazina zao na kumtolea zawadi za dhahabu, uvumba, na manemane.
12 Beektonnis akka gara Heroodisitti hin deebineef waan abjuudhaan of eeggachiisni isaaniif kennameef karaa biraatiin biyya isaaniitti deebiʼan.
Mungu aliwaonya katika ndoto wasirudi kwa Herode, hivyo, waliondoka kurudi katika nchi yao kwa njia nyingine.
13 Yommuu beektonni sun deemanitti, kunoo ergamaan Gooftaa abjuudhaan Yoosefitti mulʼatee, “Sababii Heroodis mucicha ajjeesuu barbaaduuf kaʼiitii mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii Gibxitti baqadhu. Hamma ani yeroo ati itti deebitu sitti himutti achuma turi” jedheen.
Baada ya kuwa wameondoka, malaika wa Bwana alimtokea Yusufu katika ndoto na kusema, “Inuka, mchukue mtoto na mama yake na mkimbilie Misri. Bakini huko mpaka nitakapowaambia, kwa kuwa Herode atamtafuta mtoto ili amwangamize.
14 Kanaafuu Yoosef kaʼee mucichaa fi haadha isaa halkaniin fudhatee Gibxitti qajeele;
Usiku huo Yusufu aliamka na kumchukua mtoto na mama yake na kukimbilia Misri.
15 hamma Heroodis duʼuttis achi jiraate. Kunis akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin, “Ani Gibxii ilma koo waameera” jedhe sun raawwatamuuf taʼe.
Aliishi huko hadi Herode alipo kufa. Hii ilitimiza kile Bwana alichokuwa amenena kupitia nabii, “Kutoka Misri nimemwita mwanangu.”
16 Heroodis yommuu akka beektonni sun isa gowwoomsan hubatetti akka malee aare; innis akka yeroo beektota sana irraa bareetti, ijoollee dhiiraa warra umuriin isaanii waggaa lamaa fi hammasii gad taʼe kanneen Beetlihemii fi naannoo ishee keessa jiraatan hunda nama itti ergee ficcisiise.
Kisha Herode, alipoona kuwa amedhihakiwa na watu wasomi, alikasirika sana. Aliagiza kuuawa kwa watoto wote wa kiume waliokuwa Bethelehemu na wote katika eneo lile ambao walikuwa na umri wa miaka miwili na chini yake kulingana na wakati aliokuwa amekwisha thibitisha kabisa kutoka kwa wale watu wasomi.
17 Kanaanis wanni Ermiyaas raajichi dubbate ni raawwatame. Innis akkana jedha:
Ndipo lilipotimizwa lile neno lililonenwa kwa kinywa cha nabii Yeremia,
18 “Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko Raamaa keessaa dhagaʼame; sababii isaan hin jirreef, Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti; jajjabaachuus ni didde.”
“Sauti ilisikika Ramah, kilio na maombolezo makubwa, Raheli akiwalilia watoto wake, na alikataa kufarijiwa, kwa sababu hawapo tena.”
19 Erga Heroodis duʼee booddee, ergamaan Gooftaa tokko Gibxitti abjuudhaan Yoosefitti mulʼatee,
Herode alipo kufa, tazama malaika wa Bwana alimtokea Yusufu katika ndoto huko Misri na kusema,
20 “Warri lubbuu mucichaa barbaadan waan duʼaniif kaʼiitii mucicha haadha isaa wajjin fudhadhuutii biyya Israaʼel dhaqi” jedheen.
“Inuka mchukue mtoto na mama yake, na mwende katika nchi ya Israeli kwa maana waliokuwa wakitafuta uhai wa mtoto wamekufa.”
21 Kanaafuu Yoosef kaʼee mucichaa fi haadha isaa fudhatee biyya Israaʼel dhaqe.
Yusufu aliinuka, akamchukua mtoto pamoja na mama yake, na wakaja katika nchi ya Israeli.
22 Garuu yommuu akka Arkelaawoos iddoo abbaa isaa, iddoo Heroodis Yihuudaa irratti moʼe dhagaʼetti achi dhaquu sodaate; abjuudhaanis waan of eeggachiisni isaaf kennameef gara aanaa Galiilaa deeme;
Lakini aliposikia kuwa Arikelau alikuwa anatawala Yuda mahali pa baba yake Herode, aliogopa kwenda huko. Baada ya Mungu kumuonya katika ndoto, aliondoka kwenda mkoa wa Galilaya
23 achis dhaqee magaalaa Naazreeti jedhamtu keessa jiraate. Kunis dubbiin, “Inni Naaziricha jedhamee ni waamama” jedhamee karaa raajotaatiin dubbatame sun akka raawwatamuuf taʼe.
na alienda kuishi katika mji uitwao Nazareti. Hili lilitimiza kile kilichokuwa kimekwisha kunenwa kwa njia ya manabii, kwamba ataitwa Mnazareti.

< Maatewos 2 >