< Maatewos 2 >
1 Bara Heroodis Mootichaa keessa, erga Yesuus magaalaa Beetlihem Yihuudaatti argamtu keessatti dhalatee booddee, beektonni baʼa biiftuutii gara Yerusaalem dhufan;
헤롯왕 때에 예수께서 유대 베들레헴에서 나시매 동방으로부터 박사들이 예루살렘에 이르러 말하되
2 isaanis, “Mootiin Yihuudootaa inni dhalate sun eessa jira? Nu urjii isaa baʼa biiftuutti arginee isaaf sagaduu dhufneerra” jedhanii gaafatan.
`유대인의 왕으로 나신 이가 어디계시뇨? 우리가 동방에서 그의 별을 보고 그에게 경배하러 왔노라' 하니
3 Heroodis Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti ni jeeqame; Yerusaalemis guutummaatti isa wajjin jeeqamte.
헤롯 왕과 온 예루살렘이 듣고 소동한지라
4 Innis luboota hangafootaa fi barsiistota seeraa hunda saba keessaa walitti qabee, Kiristoos eessatti akka dhalatu isaan gaafate.
왕이 모든 대제사장과 백성의 서기관들을 모아 `그리스도가 어디서 나겠느뇨?' 물으니
5 Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Beetlihem Yihuudaatti dhalata; kunis dubbii raajichi, “‘Yaa Beetlihem ishee biyya Yihuudaa, ati gonkumaa bulchitoota Yihuudaatii gad miti; bulchaan saba koo Israaʼelin tiksu si keessaa ni baʼaatii’ jedhee barreesse sanaa dha.”
가로되 `유대 베들레헴이오니 이는 선지자로 이렇게 기록된 바
또 유대땅 베들레헴아 너는 유대 고을 중에 가장 작지 아니하도다 네게서 한 다스리는 자가 나와서 내 백성 이스라엘의 목자가 되리라 하였음이니이다'
7 Ergasii Heroodis beektota sana dhoksaatti waamee yeroo itti urjiin sun mulʼate isaan irraa hubate.
이에 헤롯이 가만히 박사들을 불러 별이 나타난 때를 자세히 묻고
8 Innis, “Dhaqaatii jabeessaa mucicha barbaadaa. Yeroo argitanitti immoo akka anis dhufee isaaf sagaduuf natti himaa” jedhee Beetlihemitti isaan erge.
베들레헴으로 보내며 이르되 `가서 아기에 대하여 자세히 알아보고 찾거든 내게 고하여 나도 가서 그에게 경배하게 하라'
9 Isaanis erga waan mootichi jedhe sana dhagaʼanii booddee karaa isaanii itti fufan; urjiin isaan baʼa biiftuutti argan sunis hamma iddoo mucichi ture gaʼee dhaabatutti isaan dura deeme.
박사들이 왕의 말을 듣고 갈새 동방에서 보던 그 별이 문득 앞서 인도하여 가다가 아기 있는 곳 위에 머물러 섰는지라
10 Isaanis yeroo urjii sana arganitti akka malee gammadan.
저희가 별을 보고 가장 크게 기뻐하고 기뻐하더라
11 Akkuma mana ol seenaniinis mucicha, haadha isaa Maariyaam wajjin argan; kufaniis sagadaniif. Qorxii isaaniis bananii kennaa warqee, ixaanaa fi qumbii dhiʼeessaniif.
집에 들어가 아기와 그 모친 마리아의 함께 있는 것을 보고 엎드려 아기께 경배하고 보배합을 열어 황금과 유향과 몰약을 예물로 드리니라
12 Beektonnis akka gara Heroodisitti hin deebineef waan abjuudhaan of eeggachiisni isaaniif kennameef karaa biraatiin biyya isaaniitti deebiʼan.
꿈에 헤롯에게로 돌아가지 말라 지시하심을 받아 다른 길로 고국에 돌아가니라
13 Yommuu beektonni sun deemanitti, kunoo ergamaan Gooftaa abjuudhaan Yoosefitti mulʼatee, “Sababii Heroodis mucicha ajjeesuu barbaaduuf kaʼiitii mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii Gibxitti baqadhu. Hamma ani yeroo ati itti deebitu sitti himutti achuma turi” jedheen.
저희가 떠난 후에 주의 사자가 요셉에게 현몽하여 가로되 `헤롯이 아기를 찾아 죽이려 하니 일어나 아기와 그의 모친을 데리고 애굽으로 피하여 내가 네게 이르기까지 거기 있으라' 하시니
14 Kanaafuu Yoosef kaʼee mucichaa fi haadha isaa halkaniin fudhatee Gibxitti qajeele;
요셉이 일어나서 밤에 아기와 그의 모친을 데리고 애굽으로 떠나가
15 hamma Heroodis duʼuttis achi jiraate. Kunis akka wanni Gooftaan karaa raajichaatiin, “Ani Gibxii ilma koo waameera” jedhe sun raawwatamuuf taʼe.
헤롯이 죽기까지 거기 있었으니 이는 주께서 선지자로 말씀하신바 애굽에서 내 아들을 불렀다 함을 이루려 하심이니라
16 Heroodis yommuu akka beektonni sun isa gowwoomsan hubatetti akka malee aare; innis akka yeroo beektota sana irraa bareetti, ijoollee dhiiraa warra umuriin isaanii waggaa lamaa fi hammasii gad taʼe kanneen Beetlihemii fi naannoo ishee keessa jiraatan hunda nama itti ergee ficcisiise.
이에 헤롯이 박사들에게 속은 줄을 알고 심히 노하여 사람을 보내어 베들레헴과 그 모든 지경 안에 있는 사내아이를 박사들에게 자세히 알아 본 그 때를 표준하여 두살부터 그 아래로 다 죽이니
17 Kanaanis wanni Ermiyaas raajichi dubbate ni raawwatame. Innis akkana jedha:
이에 선지자 예레미야로 말씀하신 바
18 “Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko Raamaa keessaa dhagaʼame; sababii isaan hin jirreef, Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti; jajjabaachuus ni didde.”
라마에서 슬퍼하며 크게 통곡하는 소리가 들리니 라헬이 그 자식을 위하여 애곡하는 것이라 그가 자식이 없으므로 위로 받기를 거절하였도다 함이 이루어졌느니라
19 Erga Heroodis duʼee booddee, ergamaan Gooftaa tokko Gibxitti abjuudhaan Yoosefitti mulʼatee,
헤롯이 죽은 후에 주의 사자가 애굽에서 요셉에게 현몽하여 가로되
20 “Warri lubbuu mucichaa barbaadan waan duʼaniif kaʼiitii mucicha haadha isaa wajjin fudhadhuutii biyya Israaʼel dhaqi” jedheen.
`일어나 아기와 그 모친을 데리고 이스라엘 땅으로 가라 아기의 목숨을 찾던 자들이 죽었느니라' 하시니
21 Kanaafuu Yoosef kaʼee mucichaa fi haadha isaa fudhatee biyya Israaʼel dhaqe.
요셉이 일어나 아기와 그 모친을 데리고 이스라엘 땅으로 들어오니라
22 Garuu yommuu akka Arkelaawoos iddoo abbaa isaa, iddoo Heroodis Yihuudaa irratti moʼe dhagaʼetti achi dhaquu sodaate; abjuudhaanis waan of eeggachiisni isaaf kennameef gara aanaa Galiilaa deeme;
그러나 아켈라오가 그 부친 헤롯을 이어 유대의 임금 됨을 듣고 거기로 가기를 무서워하더니 꿈에 지시하심을 받아 갈릴리 지방으로 떠나가
23 achis dhaqee magaalaa Naazreeti jedhamtu keessa jiraate. Kunis dubbiin, “Inni Naaziricha jedhamee ni waamama” jedhamee karaa raajotaatiin dubbatame sun akka raawwatamuuf taʼe.
나사렛이란 동네에 와서 사니 이는 선지자로 하신 말씀에 나사렛 사람이라 칭하리라 하심을 이루려 함이러라