< Maatewos 17 >
1 Yesuus guyyaa jaʼa booddee Phexrosin, Yaaqoobii fi Yohannis obboleessa Yaaqoob fudhatee kophaa isaanii tulluu dheeraa tokkotti ol baase.
After six days Jesus took with Him Peter, James, and John the brother of James, and led them up a high mountain by themselves.
2 Innis achitti fuula isaanii duratti geeddarame. Fuulli isaa akka aduu ife; uffanni isaas akkuma ifaa addaate.
There He was transfigured before them. His face shone like the sun, and His clothes became as white as the light.
3 Kunoo Musee fi Eeliyaas utuu Yesuus wajjin haasaʼanuu isaanitti mulʼatan.
Suddenly Moses and Elijah appeared before them, talking with Jesus.
4 Phexrosis Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, as jiraachuun nuuf gaarii dha. Yoo fedhii kee taʼe, ani daasii sadii jechuunis tokko siif, tokko Museef, tokko immoo Eeliyaasiif asitti nan ijaara” jedhe.
Peter said to Jesus, “Lord, it is good for us to be here. If You wish, I will put up three shelters —one for You, one for Moses, and one for Elijah.”
5 Utuma inni dubbachaa jiruu kunoo, duumessi ifaan tokko isaan haguuge; duumessicha keessaas sagaleen tokko, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani isatti baayʼee nan gammada. Isinis isa dhagaʼaa!” jedhe.
While Peter was still speaking, a bright cloud enveloped them, and a voice from the cloud said, “This is My beloved Son, in whom I am well pleased. Listen to Him!”
6 Barattoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee sodaatanii adda isaaniitiin lafatti gombifaman.
When the disciples heard this, they fell facedown in terror.
7 Yesuus garuu itti dhiʼaatee isaan tuqee, “Kaʼaa! Hin sodaatinaa” jedheen.
Then Jesus came over and touched them. “Get up,” He said. “Do not be afraid.”
8 Isaanis yommuu ol jedhanii ilaalanitti Yesuusin malee nama tokko illee hin argine.
And when they looked up, they saw no one except Jesus.
9 Utuu tulluu sana irraa buʼuutti jiranuus Yesuus, “Hamma Ilmi Namaa warra duʼan keessaa kaafamutti waan argitan sana nama tokkotti illee hin himinaa” jedhee isaan seerrate.
As they were coming down the mountain, Jesus commanded them, “Do not tell anyone about this vision until the Son of Man has been raised from the dead.”
10 Barattoonnis, “Yoos barsiistonni seeraa maaliif Eeliyaas akka duraan dursee dhufuu qabu dubbatu ree?” jedhanii isa gaafatan.
The disciples asked Him, “Why then do the scribes say that Elijah must come first?”
11 Yesuus akkana jedhee deebise; “Dhugumaan, Eeliyaas waan hunda iddootti deebisuuf jedhee duraan dursee ni dhufa.
Jesus replied, “Elijah does indeed come, and he will restore all things.
12 Ani garuu isinittin hima; Eeliyaas amma iyyuu dhufeera; isaanis isa hin hubanne; garuu waanuma fedhan hunda isatti hojjetan. Ilmi Namaas akkasuma harka isaaniitti dhiphachuuf jira.”
But I tell you that Elijah has already come, and they did not recognize him, but have done to him whatever they wished. In the same way, the Son of Man will suffer at their hands.”
13 Barattoonnis ergasii akka wanni inni isaanitti dubbachaa ture sun waaʼee Yohannis Cuuphaa taʼe hubatan.
Then the disciples understood that He was speaking to them about John the Baptist.
14 Yommuu isaan gara tuuta sanaa dhufanittis namichi tokko Yesuusitti dhiʼaatee fuula isaa duratti jilbeenfate;
When they came to the crowd, a man came up to Jesus and knelt before Him.
15 akkanas jedhe; “Yaa Gooftaa, ilmi koo gaggabdoodhaan qabamee akka malee rakkachaa jiraatii naaf maari. Yeroo hedduu ibidda keessatti yookaan bishaan keessatti kufa.
“Lord, have mercy on my son,” he said. “He has seizures and is suffering terribly. He often falls into the fire or into the water.
16 Ani barattoota keetti isa nan fide; isaan garuu isa fayyisuu hin dandeenye.”
I brought him to Your disciples, but they could not heal him.”
17 Yesuusis deebisee, “Isin dhaloota hin amannee fi jalʼaa nana; ani hamma yoomiittin isin wajjin jiraadha? Hamma yoomiittis ani isinii obsa? Mee gurbicha as natti fidaa!” jedhe.
“O unbelieving and perverse generation!” Jesus replied. “How long must I remain with you? How long must I put up with you? Bring the boy here to Me.”
18 Yesuusis hafuura hamaa sana ifate; hafuurri hamaan sunis gurbaa sana keessaa baʼe; gurbichis yommusuma fayye.
Then Jesus rebuked the demon, and it came out of the boy, and he was healed from that moment.
19 Ergasiis barattoonni kophaa isaanii gara Yesuus dhufanii, “Nu maaliif hafuura hamaa sana baasuu dadhabne?” jedhanii isa gaafatan.
Afterward the disciples came to Jesus privately and asked, “Why couldn’t we drive it out?”
20 Innis akkana jedhee deebise; “Sababii amantiin keessan xinnaateefii dha. Ani dhuguman isinitti hima; isin utuu amantii xinnoo hamma sanyii sanaaficaa qabaattanii silaa tulluu kanaan, ‘Asii kaʼii achi darbi’ jechuu ni dandeessu; innis ni darba. Wanni isiniif hin dandaʼamne tokko iyyuu hin jiru. [
“Because you have so little faith,” He answered. “For truly I tell you, if you have faith the size of a mustard seed, you can say to this mountain, ‘Move from here to there,’ and it will move. Nothing will be impossible for you.”
21 Hafuurri hamaan akkanaa garuu soomaa fi kadhannaadhaan malee hin baʼu.”]
22 Yeroo isaan Galiilaatti walitti qabamanitti inni akkana isaaniin jedhe; “Ilmi Namaa dabarfamee harka namootaatti ni kennama.
When they gathered together in Galilee, Jesus told them, “The Son of Man is about to be delivered into the hands of men.
23 Isaanis isa ni ajjeesu; inni immoo guyyaa sadaffaatti ni kaafama.” Barattoonnis akka malee gaddan.
They will kill Him, and on the third day He will be raised to life.” And the disciples were deeply grieved.
24 Yommuu Yesuusii fi barattoonni isaa Qifirnaahom gaʼanitti qaraxxoonni gara Phexros dhufanii, “Barsiisaan keessan gibira hin kaffaluu?” jedhanii gaafatan.
After they had arrived in Capernaum, the collectors of the two-drachma tax came to Peter and asked, “Does your Teacher pay the two drachmas?”
25 Innis deebisee, “Ni kaffala” jedheen. Yesuus yommuu Phexros mana seenetti duraan dursee, “Yaa Simoon ati maal yaadda? Mootonni lafaa eenyu irraa qaraxaa fi gibira walitti qabu? Ijoollee isaanii irraa moo keessummoota irraa walitti qabu?” jedhee gaafate.
“Yes,” he answered. When Peter entered the house, Jesus preempted him. “What do you think, Simon?” He asked. “From whom do the kings of the earth collect customs and taxes: from their own sons, or from others?”
26 Phexrosis deebisee, “Keessummoota irraa walitti qabu” jedhe. Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Yoos ijoolleen isaanii bilisa.
“From others,” Peter answered. “Then the sons are exempt,” Jesus declared.
27 Garuu nu akka isaan hin mufachiifneef dhaqiitii okkoo galaanatti darbadhu. Qurxummii jalqabatti qabdus fuudhi; yommuu afaan isaa bantuttis maallaqa argatta. Maallaqa sanas geessiitii anaa fi ofii keetiif isaanitti kenni.”
“But so that we may not offend them, go to the sea, cast a hook, and take the first fish you catch. When you open its mouth, you will find a four-drachma coin. Take it and give it to them for My tax and yours.”