< Maatewos 15 >
1 Ergasii Fariisonnii fi barsiistonni seeraa tokko tokko Yerusaalemii gara Yesuus dhufanii,
Then there come to Jesus from Jerusalem Pharisees and scribes, saying,
2 “Barattoonni kee maaliif duudhaa maanguddootaa cabsu? Isaan yommuu buddeena nyaatanitti harka hin dhiqataniitii!” jedhan.
Why do thy disciples transgress the tradition of the elders? for they wash not their hands when they eat bread.
3 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Isinis maaliif duudhaa keessaniif jettanii ajaja Waaqaa cabsitu?
And he answered and said unto them, Why do ye also transgress the commandment of God because of your tradition?
4 Waaqni, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni; namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu’jedheeraatii.
For God said, Honour thy father and thy mother: and, He that speaketh evil of father or mother, let him die the death.
5 Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif kennamuu malu ‘Waaqaaf kennameera’ jedhee dubbate,
But ye say, Whosoever shall say to his father or his mother, That wherewith thou mightest have been profited by me is given [to God];
6 inni waan sanaan abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif ulfina kennuu hin qabu jettu. Akkanaanis isin duudhaa keessaniif jettanii dubbii Waaqaa busheessitu.
he shall not honour his father. And ye have made void the word of God because of your tradition.
7 Yaa fakkeessitoota! Isaayyaas yommuu waaʼee keessan raajii dubbatetti sirrii ture; innis akkana jedhe:
Ye hypocrites, well did Isaiah prophesy of you, saying,
8 “‘Uumanni kun hidhii isaatiin na kabaja; garaan isaa garuu narraa fagoo jira.
This people honoureth me with their lips; But their heart is far from me.
9 Isaan akkanumaan na waaqeffatu; barsiisni isaaniis sirnuma namaa ti.’”
But in vain do they worship me, Teaching [as their] doctrines the precepts of men.
10 Yesuusis tuuta sana ofitti waamee akkana jedheen; “Dhagaʼaa; hubadhaas.
And he called to him the multitude, and said unto them, Hear, and understand:
11 Waan afaan namaa keessaa baʼutu nama xureessa malee wanni afaan namaa seenu nama hin xureessu.”
Not that which entereth into the mouth defileth the man; but that which proceedeth out of the mouth, this defileth the man.
12 Ergasii barattoonni gara isaa dhufanii, “Ati akka Fariisonni dubbii kana dhagaʼanii mufatan beektaa?” jedhanii gaafatan.
Then came the disciples, and said unto him, Knowest thou that the Pharisees were offended, when they heard this saying?
13 Innis deebisee akkana jedhe; “Biqiltuun abbaan koo inni samii irraa hin dhaabin hundinuu ni buqqifama.
But he answered and said, Every plant which my heavenly Father planted not, shall be rooted up.
14 Isaan dhiisaa; isaan qajeelchitoota jaamota. Jaamaan yoo jaamaa qajeelche, isaan lachuu boolla keessa buʼu.”
Let them alone: they are blind guides. And if the blind guide the blind, both shall fall into a pit.
15 Phexrosis, “Mee hiikkaa fakkeenya kanaa nuu ibsi” jedheen.
And Peter answered and said unto him, Declare unto us the parable.
16 Yesuus immoo akkana jedhee isaan gaafate; “Isinis hamma ammaatti hin hubattanii?
And he said, Are ye also even yet without understanding?
17 Akka wanni afaan seenu kam iyyuu garaa seenee achumaan darbee dhagna keessaa baʼu hin argitanii?
Perceive ye not, that whatsoever goeth into the mouth passeth into the belly, and is cast out into the draught?
18 Wanni afaan namaatii baʼu garuu nama keessaa baʼa; namichas ni xureessa.
But the things which proceed out of the mouth come forth out of the heart; and they defile the man.
19 Sababiin isaas yaadni hamaan jechuunis ajjeesuun, ejjummaan, halalummaan, hanni, sobaan dhugaa baʼuun, maqaa nama balleessuun garaa namaa keessaa baʼaatii.
For out of the heart come forth evil thoughts, murders, adulteries, fornications, thefts, false witness, railings:
20 Wantoota kanneentu nama ‘xureessa’ malee utuu harka hin dhiqatin nyaachuun nama hin xureessu.”
these are the things which defile the man: but to eat with unwashen hands defileth not the man.
21 Yesuusis iddoo sanaa kaʼee gara biyya Xiiroosii fi Siidoonaatti qajeele.
And Jesus went out thence, and withdrew into the parts of Tyre and Sidon.
22 Kunoo, dubartiin Kanaʼaan tokko naannoo sanaa gara isaa dhuftee iyyaa, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, intalli koo hafuura hamaadhaan qabamtee akka malee dhiphachaa jirti; na maari!” jette.
And behold, a Canaanitish woman came out from those borders, and cried, saying, Have mercy on me, O Lord, thou son of David; my daughter is grievously vexed with a devil.
23 Yesuus garuu deebii tokko illee hin kennineef. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, “Kunoo isheen iyyaa nu faana deemtiitii achi deebisi” jedhanii isa kadhatan.
But he answered her not a word. And his disciples came and besought him, saying, Send her away; for she crieth after us.
24 Inni immoo, “Ani hoolota mana Israaʼel kanneen badan sana qofaafan ergame” jedhee deebise.
But he answered and said, I was not sent but unto the lost sheep of the house of Israel.
25 Dubartiin sunis dhuftee sagaddeefii, “Yaa Gooftaa na gargaari!” jette.
But she came and worshipped him, saying, Lord, help me.
26 Innis, “Buddeena ijoollee fuudhanii saroota dura buusuun sirrii miti” jedhee deebise.
And he answered and said, It is not meet to take the children’s bread and cast it to the dogs.
27 Isheenis, “Eeyyee yaa Gooftaa, saroonni iyyuu hambaa maaddii gooftota isaanii irraa harcaʼu nyaatu” jettee deebifteef.
But she said, Yea, Lord: for even the dogs eat of the crumbs which fall from their masters’ table.
28 Yesuusis, “Dubartii nana, amantiin kee guddaa dha! Akkuma fedhii keetii siif haa taʼu” jedhee deebise. Intalli ishees saʼaatiidhuma sana fayyite.
Then Jesus answered and said unto her, O woman, great is thy faith: be it done unto thee even as thou wilt. And her daughter was healed from that hour.
29 Yesuus achii kaʼee gara Galaana Galiilaa dhaqe. Gaarattis ol baʼee taaʼe.
And Jesus departed thence, and came nigh unto the sea of Galilee; and he went up into the mountain, and sat there.
30 Namoonni hedduunis warra okkolan, warra jaaman, warra naafatan, warra arrabni isaanii dubbachuu didee fi kanneen biraa hedduu fidanii miilla Yesuus jala kaaʼan; innis isaan fayyise.
And there came unto him great multitudes, having with them the lame, blind, dumb, maimed, and many others, and they cast them down at his feet; and he healed them:
31 Namoonni sunis yommuu akka warri arrabni hin dubbanne dubbatan, warri naafatan fayyan, warri okkolan deeman, warra jaamaniif immoo akka iji isaanii baname arganitti ni dinqifatan. Waaqa Israaʼeliifis ulfina kennan.
insomuch that the multitude wondered, when they saw the dumb speaking, the maimed whole, and the lame walking, and the blind seeing: and they glorified the God of Israel.
32 Yesuus barattoota isaa ofitti waamee, “Ani namoota kanneeniif garaa nan laafa; isaan guyyaa sadii na bira turan; waan nyaatan tokko illee hin qaban. Akka isaan karaa irratti hin gaggabneefis ani agabuu isaanii gad isaan dhiisuu hin barbaadu” jedhe.
And Jesus called unto him his disciples, and said, I have compassion on the multitude, because they continue with me now three days and have nothing to eat: and I would not send them away fasting, lest haply they faint in the way.
33 Barattoonni isaas deebisanii, “Buddeena tuuta guddaa akkanaa gaʼu gammoojjii kana keessatti eessaa argachuu dandeenya?” jedhan.
And the disciples say unto him, Whence should we have so many loaves in a desert place, as to fill so great a multitude?
34 Yesuus immoo, “Isin buddeena meeqa qabdu?” jedhee gaafate. Isaanis deebisanii, “Buddeena torbaa fi qurxummii xixinnoo muraasa qabna” jedhan.
And Jesus saith unto them, How many loaves have ye? And they said, Seven, and a few small fishes.
35 Innis akka namoonni sun lafa tataaʼan itti hime.
And he commanded the multitude to sit down on the ground;
36 Ergasii buddeena torbanii fi qurxummii sana fuudhee erga galateeffatee booddee kukkutee barattootatti kenne; isaanis namootaaf kennan.
and he took the seven loaves and the fishes; and he gave thanks and brake, and gave to the disciples, and the disciples to the multitudes.
37 Isaan hundi nyaatanii quufan. Ergasiis barattoonni hambaa gundoo torba guutuu walitti qaban.
And they did all eat, and were filled: and they took up that which remained over of the broken pieces, seven baskets full.
38 Baayʼinni warra nyaataniis ijoollee fi dubartoota malee dhiira kuma afur ture.
And they that did eat were four thousand men, beside women and children.
39 Yesuus erga tuuta sana of irraa geggeessee booddee bidiruu yaabbatee naannoo Magadaan dhaqe.
And he sent away the multitudes, and entered into the boat, and came into the borders of Magadan.