< Maatewos 14 >
1 Bara sana Heroodis bulchaan oduu waaʼee Yesuus dhagaʼe;
At that time Herod the tetrarch heard what Jesus was doing
2 innis tajaajiltoota isaatiin, “Kun Yohannis Cuuphaa dha; inni warra duʼan keessaa kaafameera! Sababiin hojiin dinqii isaan hojjetamuufis kanuma” jedhe.
and he told his servants, “He must be John the Baptist resurrected from the dead, and that's why he has such powers!”
3 Heroodis sababii niitii obboleessa isaa Fiiliphoos, sababii Heroodiyaasiitiif jedhee Yohannisin qabee, hidhee mana hidhaatti galchee tureetii.
Herod had detained John, and had him put in chains and imprisoned on account of Herodias, the wife of Philip, his brother.
4 Kunis sababii Yohannis Heroodisiin, “Ati ishee fuudhuun kee seera miti” jechaa tureef.
For John had told him, “It's not legal for you to marry her.”
5 Inni immoo Yohannisin ajjeesuu barbaade; garuu sababii namoonni Yohannisin akka raajiitti ilaalaa turaniif isaan sodaate.
Herod wanted to kill John but he was afraid of the people's reaction for they considered John a prophet.
6 Intalli Heroodiyaas guyyaa dhaloota Heroodisitti keessummoota duratti sirbitee Heroodisin gammachiifte;
However, on Herod's birthday the daughter of Herodias danced for the party, and Herod was delighted with her.
7 kanaafuu inni waan isheen gaafatte kam iyyuu isheef kennuuf kakuudhaan waadaa gale.
So he promised with an oath to give her whatever she wanted.
8 Isheenis haadha isheetiin gorfamtee, “Mataa Yohannis Cuuphaa gabatee irra kaaʼii naa kenni” jette.
Prompted by her mother, she said, “Give me here on a plate the head of John the Baptist.”
9 Mootichis ni gadde; garuu sababii kakuu isaatii fi sababii warra isa wajjin maaddiitti dhiʼaataniitiif jedhee akka wanni isheen barbaadde sun isheef kennamu ajaje;
Then the king regretted the promise he had made, but because of the oaths he'd made in front of his dinner guests, he gave the order to do it.
10 innis nama ergee mana hidhaa keessatti mataa Yohannis isa irraa kute.
The order was passed on and John was beheaded in prison.
11 Mataan isaas gabatee irra kaaʼamee fidamee intalattiitti kenname; isheenis haadha isheetti geessite.
John's head was brought on a plate and given to the girl, who took it to her mother.
12 Barattoonni Yohannisis dhufanii reeffa isaa fuudhanii awwaalan. Isaanis dhaqanii Yesuusitti himan.
John's disciples came and took the body, and buried him. Then they went and told Jesus.
13 Yesuus yommuu waan kana dhagaʼetti achii kaʼee kophaa isaa bidiruudhaan iddoo namni hin jirre tokko dhaqe. Namoonnis yommuu waan kana dhagaʼanitti magaalaawwanii baʼanii miillaan isa duukaa buʼan.
When Jesus heard the news he went away by boat to a quiet place to be alone, but when the crowds learned where he was, they followed him on foot from the towns.
14 Yesuus yommuu bidiruu irraa buʼetti tuuta guddaa tokko arge; innis garaa laafeefii dhukkubsattoota isaanii fayyiseef.
When Jesus got out of the boat and saw the huge crowds, he was full of sympathy for them, and healed their sick.
15 Yommuu galgalaaʼetti barattoonni gara isaa dhufanii, “Iddoon kun gammoojjii dha; aduunis dhiiteerti. Namoonni kunneen gara gandootaa dhaqanii akka nyaata bitataniif isaan gad dhiisi” jedhaniin.
As evening came the disciples went up to him and said, “This place is miles from anywhere and it's getting late. Send the crowds away so they can go to the villages and buy food for themselves.”
16 Yesuus garuu, “Deemuun isaan hin barbaachisu. Isinuu waan isaan nyaatan kennaafii” jedhee deebise.
But Jesus told them, “They don't need to leave. You give them something to eat!”
17 Isaanis, “Nu buddeena shanii fi qurxummii lama qofa asii qabna” jedhanii deebisan.
“All we have here are five loaves and a couple of fish,” they replied.
18 Yesuusis, “Isuma natti fidaa” jedhe.
“Bring them to me,” said Jesus.
19 Innis akka namoonni marga irra tataaʼan ajajee buddeena shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee, gara samii ol ilaalee galata galchee buddeena sana caccabsees barattootatti kenne; barattoonni immoo namootaaf kennan.
He told the crowds to sit down on the grass. Then he took the five loaves and the two fish, looked up to heaven and blessed them. After that he broke the loaves into pieces and gave the bread to the disciples, and the disciples gave it to the crowds.
20 Isaan hundi nyaatanii quufan; barattoonnis hurraaʼaa hambifame gundoo kudha lama guutuu walitti qaban.
Everybody ate until they were full. Then they collected up the leftovers which filled twelve baskets.
21 Warri nyaatanis dubartootaa fi ijoollee malee gara dhiira kuma shanii turan.
Some five thousand men ate the food, not counting women and children.
22 Yesuus yommusuma akka barattoonni bidiruu yaabbatanii hamma inni tuuta sana of irraa geggeessutti isa dura gamatti darbaniif isaan dirqisiise.
Right after this he made the disciples get into the boat and go back to the other side of the lake while he sent the crowds on their way.
23 Innis erga namoota of irraa geggeessee booddee kadhachuuf kophaa isaa gaaratti ol baʼe. Yommuu galgalaaʼettis kophaa isaa achi ture;
After he'd sent the crowds away, he went up into the mountains to pray. Evening came and he was there all alone.
24 yeroo kanatti immoo bidiruun sun lafa irraa xinnoo achi hiiqxee turte; sababii bubbeen fuula duraan itti bubbiseef bidiruun sun dambaliidhaan asii fi achi raafamaa turte.
By now the boat was a long way out from land, being pounded by the waves because the wind was blowing against it.
25 Yesuusis halkan keessaa kutaa afuraffaatti galaana irra deemaa gara isaanii dhufe.
About 3 a.m. Jesus caught up with them, walking on the sea.
26 Barattoonnis yommuu galaana irra deemuu isaa arganitti akka malee rifatan. Sodaataniis, “Kun ekeraa dha” jedhanii iyyan.
When the disciples saw him walking on the sea, they were terrified. They screamed out in fear, “It's a ghost!”
27 Yesuus garuu yommusuma, “Jabaadhaa! Anumaatii hin sodaatinaa” jedhee isaanitti dubbate.
But immediately Jesus said to them, “Don't worry, it's me! Don't be afraid!”
28 Phexros immoo, “Yaa Gooftaa! Egaa si taanaan, akka ani bishaan irra deemee gara kee dhufu na ajaji” jedhee deebiseef.
“Lord, if it's really you, tell me to come over to you, walking on the water,” Peter replied.
29 Yesuusis, “Kottu” jedheen. Phexros immoo bidiruu sana irraa buʼee bishaan irra deemaa gara Yesuus dhufe.
“Come on then,” said Jesus. Peter got out of the boat and walked on the water towards Jesus.
30 Yommuu bubbee jabaa sana argetti garuu ni sodaate; liqimfamuu jalqabnaanis, “Yaa Gooftaa na oolchi!” jedhee iyye.
But when he saw how strong the wind was, he became scared, and started to sink. “Lord! Save me!” he cried out.
31 Yesuus yommusuma harka isaa hiixatee isa qabee, “Yaa namicha amantii xinnoo nana, ati maaliif mamte?” jedheen.
Immediately Jesus reached out and grabbed hold of him, and said, “You have such little trust in me. Why did you doubt?”
32 Yommuu isaan bidiruu yaabbatanittis bubbeen sun gab jedhe.
When they got into the boat, the wind died down,
33 Warri bidiruu sana keessa turanis, “Ati dhuguma Ilma Waaqaa ti!” jedhanii isaaf sagadan.
and those in the boat worshiped him, saying, “You really are the Son of God!”
34 Isaanis yommuu gama ceʼanitti Geensereexitti bidiruu irraa buʼan.
After crossing the lake they arrived at Gennesaret.
35 Namoonni iddoo sanaas yommuu Yesuusin beekanitti biyya naannoo sanaa hundatti dhaamsa ergan. Namoonnis dhukkubsattoota isaanii hunda isatti fidan;
When the people there realized Jesus was there, they let everyone in the whole area know. They brought all who were sick to him,
36 akka dhukkubsattoonni sun handaara wayyaa isaa illee tuqaniif isa kadhatan; warri handaara wayyaa isaa tuqan hundinuus ni fayyan.
and pleaded with him to let the sick just touch the edge of his cloak. Everyone that touched him was healed.